ABDII SABAA


Channel's geo and language: Ethiopia, Oriya


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Oriya
Statistics
Posts filter


Oduu Ammee

Bara dhufu irraa eegalee Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa filannoo yunivarsiitii dhaabbilee barnoota olaanoo barattootaaf taasifamu keessatti kan haammatamu ta’a.

Qondaaltonni olaanoo Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa daawwannaa hojii taasisaniiru.

Qondaaltonni olaanoo Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa tumsaaf daawwataniiru.

Daawwannaa kana keessatti Ajajaan Yuunivarsiitii Ittisa Ityoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Kebbedee Raggaasaa imaammatni barnootaa fi leenjii haala amala addaa Yuunivarsiitii Ittisa Itoophiyaa irratti xiyyeeffateen akka bocamu gaafataniiru.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan dhaabbileen ittisaa fi barnootaa ijaarsa biyyaa irratti bu’uura jabaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaanis, haala amaloota addaa Yuunivarsiitii Ittisa Itiyoophiyaa tilmaama keessa galchuun fooyya’iinsa imaammataa fi qajeelfama gara fuula duraatti taasifamu hojiirra oolchuuf gumaacha akka taasisan ibsaniiru.

Ministirri kun akka ibsanitti, sababa lakkoofsi barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo biyyatti seenan hir’achaa dhufeef hanqinni galmee barattootaa akka hin uumamneef, bara dhufu irraa eegalee Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarree yunivarsiitiiwwan Ministeera Barnootaa keessatti akka hammatamuu ni hojjenna jedhaniiru.

Daawwannaa kanarratti miseensonni boordii yunivarsiitichaa fi qondaaltonni olaanoos argamaniiru.
Ministeerri Barnootaa qulqullina barnootaa yunivarsiitichaa fooyyessuu fi deeggarsa taasisuu irratti tumsaan hojjechuu akka itti fufu akeemeera.

Haaluma kanaanis bara dhufu irraa eegaluun barattoonni yommuu kutaa 12ffaa xumuruun Yuunivarsitii guutan Filannoo isaanii Yuunivarsitii Raayyaa ittisa biyyaa akka taasisan filannoon akka dhihaatuuf ni eegama!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

7.3k 0 13 13 144

Komii Barattoota koollejjii Barnootaa fi Barsiisotaa Harar.

Barattoonni koollejjii Barnootaa fi Barsiisotaa Harar dhimmoota kanneen akka
harkifannaa,qisaasama yeroo fi kanneen biroo irratti komii qaban heeran.

Koollejjiichi rakkoo harkifannaa fi qisaasama yeroo akka qabu Kan himan barattoonni kunneen bara 2014 irraa eegaluudhaan erga koollejjiichatti barachuu eegalanii hanga hammaa Kan hin xumurre ta'u himan.

"Kun ammoo koollejjiichi eeyyama barsiisummaa sadarkaa digiriittii qabaachuu isaa nu shakkasiisee jiras " jedhan.

Kana malees kaffaltii duraan kaffalanii barachaa jiran irratti hamma malee dabaluudhaan Rakkoof saaxilamaa jiraachuu isaanii dubbatu.

Dhimma kana ilaalchisee yeroo hedduu Qaama dhimmichi ilaallatutti iyyattanii Kan turan yoo ta'u doorsisaan ala furmaata akka hin argannes himan.

"Kanaafuu rakkoo hamaaf saaxilamaa jirraa dhimmi keenya furmaata akka argatu barbaanna” jechuun barattoonni kunniin komii isaanii miidiyaa @Abdii_Sabaa tti dhiheeffataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

38.9k 1 29 47 397

Daarekteroonni hijaaba dhorkan afur hidhamuuf.

Manni Murtii Aanaa Aksum daarektarota manneen barnoota magaalattii afur barattoota muslimaa irratti dhorkaa uffannaa hijaaba dabarsuun himataman akkaataa ajaja mana murtiitti dhaddacha hin dhiyaanne jechuun hidhamanii akka dhiyaatan ajaja dabarse.

Manni Murtichi dhaddacha Amajjii 06, 2017 ALI ooleen dhorkaa hijaaba manneen barnootaa dabarsan ugguramee akka turuu fi manneen barnootaa kunneen mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarse ture. 

Haa ta’u malee Biiroo Barnoota Magaalaa Aksum himatamaa tokkoffaan ala himatamtoota 2ffaa hanga 5ffaarra kan jiran manneen barnootaa afur “ajaja mana murtichaa kabajuu diduun” guyyaa beellamaatti dhaddacha akka hin dhiyaanne manni murtichaaf ibsee jira. 

Kun ammoo “gocha walabummaa dhaabbattummaa fi hojimaata mana murtichaa cabsu” waan ta’eef, poolisiin magaalaa Aksum daarektaroota manneen barnootaa afur hidhee Guraandhala 07, 2017 ALI mana murtiitti akka dhiyeessu xalayaa ajajaan ibseera. 

Barattoonni muslimaa 160 sababa uffannaa isaaniin barnoota ala ta’an, uggura hijaabaa kun “mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turaniiru.

Barattoonni kutaa 12ffaa magaalittii keessatti argaman bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa Amajjii 02, 2017 ALI jalaa darbuu himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

65.3k 1 48 169 1k

#Exit_Exam

Qormaanni bahiinsaa Amajjii 26 hanga Amajjii 30tti kan kennamu ta'a.

Qormaanni bahiinsaa sagantaalee digirii jalqabaa Amajjii 26-30, 2017 akka gaggeeffamu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Qormaanni bahiinsaa kun qoramtoota haaraa fi kanneen irra deebiin qoraman hundaaf akka kennamu ministeerichi ibseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

80.7k 1 283 126 1.4k

Kirkirri lafaa isin biraa mudatee? Biyya jirtaniifi magaalaa jirtan waliin bakka yaadaatti katabaa.

75.3k 1 7 249 401



Kara Deemaa jedhamuun kan beekkamu Inj. Daani'eel Gammadaa haleellaan qaamota hin beekkamneen irratti rawwatameen lubbuun hafuu hime.

Akka Kara Deemaan jedhutti, Namoonni Motoraan deeman duraa fi duubaan marsuun haleellaa irratti raawwatan.

Yaalii Ajjeechaa olaanatu narratti raawwatamee waaqni lubbuu na oolchee jedha.

Suuraan OMN

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

92.4k 0 63 511 3k

Barattoonni Ameerikaa kuma 730 ol biyyaa ari’amuu akka danda’an gaazexaan Waashingitan Poostiin gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Muummichi ministeera Dr Abiy Ahmed daawwannaaf Aggaaroo seenan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Mariin Paanaalii sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa Boodaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

96.9k 1 21 18 696

Dhimmi Hijaabaa maalirra ga’e?

Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa xumuraa Ministeera Barnootaatiif barreesseera.

Manni Marichaa; Xalayaa dhumaa Ministeera Barnootaaf barreesseen dhiittaa mirga namoomaa sadarkaa barnootaa hundatti Muslimoonni uffata Islaamaa waan uffataniif qofa irratti raawwatamaa jiruuf furmaata biyyoolessaa, waaraa akka argatu gaafateera.

Dhiibbaa ol’aanaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti uffannaa Islaamaa wajjin walqabachuun taasifamaa jiru Manni Maree dhimmoota Islaamummaa furmaata waaraa argachuuf marii gaggeessaa akka ture eeruun, ji’a kana qofa xalayaa sadii Ministeera Barnootaaf barreessuu ibseera.

Haa ta’u malee, amma yoonaa rakkoon kun kan hin furamne yoo ta’u, Barattoota Musliimaa Yunivarsiitii Dillaa irratti miidhaan kun itti fufuu akeekeera.

Manni Murtii Olaanaa xalayaa isaa isa dhumaa irratti Ministeerri Barnootaa hatattamaan rakkoo barattoota dubaraa Musliimaa kanneen mirga barnootaa heera mootummaatiin kennameef dhorkamanii fi dhorkamaa jiraniif furmaata bulchiinsaa dhaabbataa akka kennu gaafateera.

Manni marichaa xalayaa isaa kana keessattis barattoota Yuunivarsitii Diillaa irra miidhaawwan ga’aa jiran adda durummaan kan ibse yoo ta’u xalayaan ammaa kun xalayaa isa dhumaa akka ta’es akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

80.7k 1 27 161 690

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis Ameerikaatti barsiifamuu eegale.

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti har'a Amajjii 23, 2025 barsiifamuu eegaleera.

Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qaxaramuu himani jiru.

Koolejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira. 

Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.

Gabaasi kan OMNti

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

101.7k 2 93 194 2.5k

Barattoota shamarranii halkaniin mooraa alatti dhorkaman.

Yuunivarsitii Diillaatti barattoota shamarran muslimaarra dararaan ga’aa jiraachuu odeeffanneerra.

Odeeffannoo mooricha irraa nu qaqqabeen barattoonni shamarran muslimaa , Jilbaaba, Niqaabaafi Maaskii uffachuu isaaniitiif halkaniin mooraa gadi baasuun ala jiru.

Barattoonni kunniin Jilbaaba baastan malee kaaffee hin nyaattan mooraas hin seentan jechuun dararamaa jiraachuu odeessi keenya moorichaa irraa nuun ga’eera!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

99.3k 1 52 309 1.2k

Turkiin guyyaa gaddaa biyyaalessaa labsite.

lammiilee 76 balaa ibiddaan erga dhabdee booda Turkiin guyyaa gaddaa biyyaalessaa labsite

IbiddaTurkii Hoteela Grand Kaartel keessatti ka’een walqabatee namoonni 9 to’annoo jala oolaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

103.5k 1 26 25 633

Balaa Ibiddaa Turkitti mudateen lubbuu namootaa hedduu darbe!

Turki bulchiinsa Booluutti Balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 66 yoo darbu, namoota 51 oliirra miidhaan qaamaa qaqqabeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

104.9k 0 24 174 768
15 last posts shown.