🗣️ Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an. Muraasni immoo gaafa du'an dhalatu. Ati hoo? Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru.
- Mihiratuu Shaanqoo
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu. Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ibsa.
🗣️ Gad-aantummaa × Hirkattummaa × of awwaaluu = Of wallaaluu.
Of wallaaluun of Awwaaluudha. Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha. Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati.
🗣️ Of beekuun foormulaa hin qabu!
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee. Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si ceesisa? Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa? Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattudha. Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti. Ilaamee! Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti. Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata. Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofaadha. Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa. Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuukee caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee awwaalamuu siif wayya. Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni. Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru akkasumas tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru. Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha. Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikamaa keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuu wayya. Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'a iyyu namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta. Of booda hin ilaalin! Borii kee namni siif ilaalu hin jiru.
@Barruu_Beektotaa 📔