🗣️ Barataa fi Barsiisaa
Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.
Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu.
Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.
📌 Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe.
✉️ Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti!
@Barruu_Beektotaa 📔