π π π π π
Gurbaa tokkotu barsiisaa isaa durii karaa irratti argee: "Akkam jirtu kabajamoo barsiisaakoo durii?" jedhee nagaa gaafata?
Barsiisaa: "Nagaa kooti. Akkam ati? Amma maalirra jirta hojii qabattee?
Gurbicha: "Eeyyee gorsa keessan yerichaa dhaga'een anis Barsiisaa ta'een hojjachaa jira"
Barsiisaa: "Maal jedheen si gorse ture ?"
Deebiin GurbaaΒ kunooti.π
"Guyyaa tokko hiriyyaa koo kan waliin barachaa turre sa'aatii harkaa bareedaa qabatee kutaa barumsaa dhufe. Sa'aatichi gar-malee waan natti bareedeef jalaan hate. Yeroo muraasa booda hiriyyaan koo sa'aatiin isaa jalaa akka bade isinitti himate. Achiis akkas jettanii kutaatti dubbattan" Namni jalaa fuutan deebisaaf!" Jettan.
Anis deebisuu waanan hin barbaanneef nan callise. Isinis balbala cuftanii ol nu kaaftanii, Hamma sa'aatichii argamutti borsaa keenya sakatta'uuf murteessitan. Sakatta'uun dura ija keenya akka dunuunfannu nu ajajjan.
Borsaa nama hundaa sakatta'aa gaafa borsaa koo sakattaatan sa'aaticha argatin!
Haa ta'u malee Ammas sakatta'uu ittuma fuftan. Eega waliin geessanii booda amma ija banadhaa sa'aatiin argameera jettan. Maqaa koo na hin dhoofne, nama na hin hamachiifne, nattillee hin dubbanne. Eenyu akka hatellee hin kaasne. Guyyaa san kabaja koo naaf eegdan. Bara jireenya kootti guyyaan gar-malee salphadhee ture guyyaan sun. Isin waan tokko naan hin jenne, qofaattis na baaftanii akka ani lammata itti hin deebineef gorsa naaf hin laanne. Anaaf gorsi fi barumsi kana caale hin jiru. Galatoomaa. Barsiisaan dhugaa maal akka gochuu qabu sinirraan bare.Β Ni yaadattuu? "professor" waan kana jedheen.
Profesoriin buleessii kun" eyyeen, saa'atiin hatamuu fi sakatta'uu koo nan yaadadha. Garuu si tahuu hin yaadadhu. Anis ija koo cufadheen/dunuunfadheen isin sakatta'aa ture jedheen.
Argitee mitii akka Namni ittiΒ barsiisuu fi baratu! Warra dogongora nama tokkoo gabaatti baasuutti Wal dorgomuuf maxxansi kun barumsa ta'uu hin ooltu. Isin warrii dubbifta Galatoomaa, irraas baradhaa isaniin jedha π
@Barruu_Beektotaa π