Kaansariin Harmaa fi Fiixee Gadameessaa Yeroon yaalamnaan dhibee salphaatti fayyuun danda'amuudha.
Onkoloolessa bara 2017
====≈============================
Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata OBN waliin ta'uun duula hubannoo uumuu dhibee kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa ji'a tokkoof guutuu Oromiyaatti gaggeeffamu sababeeffachuun ardaa mariin gaggeessee jira.
Kaayyoon marii kanaa kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa irratti hubannoo hawaasaf uumuuf.
Akka biyya keenyatti kaansarii lubbuu namaa gaga'an keessaa kansariin sadarkaa tokkoffan yoo ta'uu sadarkaa lammaffaan immoo kansarii fiixee gadameessati. Haaluma kanaan waggaatti kansarii harmaatin dubartoonni 16, 133 dhibee kannan qabaman keessaa 9, 061 lubbuun isaanii ni darba. Kaansarii fixee gadameessatiin immoo dubartoonni 7, 445 ta'a waggaa waggatti kan qabaman yoo ta'uu, kanneen keessaa 5, 338 lubbuun ni darba.
Kansariin sadarkaa adda addaa qaba. Namoonni kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa sakata'amanii yeroo inni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irra jiru yoo yaalaman guutumaan guututti fayyuu kan danda'an yoo ta'uu hanguma sadarkaan isaa dabalaa deemu carraan fayyuu immoo xiqqaachaa deema waan ta'eef yeroon yeroon kaansarii kanneen qoratamuun haala fayyaa ofii beekuun murteessadha.
Akka Oromiyaatti buufataalee fayyaa 424 fi hospitaalota 104 keessatti tajaajilli calaallii fi yaalii kaansarii fiixee gadameessaa kennamaa jira.
Kana malees, Hospitaala Naqamtee, Jimmaa, Adaamaa, Asallaa fi Haramayaa keessatti tajaajilli yaala kaansarii hundaa kennamaa jira.
Kanaafuu dubartoonni umuriin isaanii 30 - 49 keessa jiran calallii kaansarii fiixee gadameessaa gara dhaabbilee fayyaa calalliin kaansariin fiixee gadameessaa itti kennamuu dhaqanii qoratamuu akka qabanii fi kan kaansarii harmaa immoo jijjiirama harma irratti mul'atu dhiitoo harma keessatti mul'atu, bifti isaa jijjiiramuu fi fiixen harmaa keessa gadi seenuu fi dhiisuu yeroo yeroon sakatta'aa deemuun yoo mallatoon kun irratti mul'ate dafanii gara dhaabbata fayyaa deemun qoratamuu qabu.
#share
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa t.me/BiirooFayyaaOromiyaa t.me/BiirooFayyaaOromiyaa