Forward from: Seenaa Jaalalaa ❤️
Eelaa Simboo
Kutaa 9ffaa
---------------
---------------
Doktarri umriin dargaggeessa fakkaatu tokko 'Obbo Kariim daqiiqaa muraasaaf ala naaf turaa' jedhee barcuma siree Simboon irra ciistee jirtu bira jirurra taa'e. Itti fufees "Simbo! qorannaan siif godhame atis mucaan garaakee keessa jiru fayyaa ta'uu agarsiisa. Garuu gaaffii tokko si gaafadhu?" jedhee garashee ilaale.
'Tole Doktar' jette Simboon sagalee baay'ee hin dhagaa'amne dhageessistee.
'Simbo wanti baay'ee si dhiphisu maali?' jedhee Doktarichi gaaffiisaa itti fufe.
Simboonis ija imimmaanni guuteen garasaa ilaalaa "an fayyaakooti,garuu icciitiin abbaakootti hin himnetu jira. Baay'ee akkan dhiphadhu kan na godhe isa qofadha. Maatiinkoos baay'ee waan sodaataniif abbaakootti himuurraa of-qusataniiru. Abbaankoo sababakootiin nama kanbiraa akka hin miineef, akkan ulfa ta'ellee itti himuun nutti ulfaateera. Kanaan duras sababakootiin namaa wajjin wal-lolee mana hidhaa ture "jettee waan garaashee keessa jiru isatti himte.
Doktarichis hammam akkasheen dhiphatte hubachaa, suuta jedhee 'Namni kanbiraan abbaankee miidhuu danda'u eenyudha? Sababa maaliitiif? jedhee gaafate.
Isheenis 'Namni an irraa ulfaa'e abbaakoo waliin ijaa fi mimmixadha, jechuunkoo warra gumaa ta'aniiru. Sunis sababakootiinidha. Abbaankoo an manaa badnaan na barbaacha bahee abbaa jaalalleekootii waliin wal-dhabe. Achumaanis Osoo itti hin yaadamin abbaansaa rasaasaan rukutamee du'e. Namoonni hedduun bakkicha waan turaniif kallattiidhaan itti dhukaasee namni ajjeese ammaaf hin baramne. Garuu Abbaankoo shakkiidhaan to'annaa seeraa jala oolee ji'a 3 oliif hidhameera. Kun hundumtuu sababakootiinidha Doktar...sababakootiin qofadha " jechaa imimmaan gaabbii cophsite.
Doktarichis hamma danda'e gorsee akka isheen hin dhiphanne itti hime. Akka abbaashee amansiisus waadaa galeefii balbala cufee gad-bahe. Obbo Kariimiin kophaatti waamee; "mucaan keessan dhibee kanbiraa hin qabdu garuu baay'ee dhiphatti. Sababni dhiphina isheetii immoo isinidha obbo Kariim. Akkasheen nagaadhaan jiraattuuf nagaashee deebisuufii qabdu. Isheen mucaa garaatti baatti, ulfa ji'a sadiiti. Garuu isinitti himuu sodaattee baay'ee dhiphachaa jirti. Sunumtuu dhibee mataasaa danda'e isheetti ta'eera. Yoo mucaakeessan ni jaallattu ta'e nagaashee deebisaafii' jedhee itti hime.
Obbo Kariim yaadaan fagaatanii morma raasaa akka nama gaddeetti callisaan turan. Deebiis dhabanii 'tole Doktar erga ta'ee maal goona? kanaaf jettee dhiphachuushee hin barbaadu. Akkuma ati jetten godha Doktar galatoomi!' jechaa harka wal-fuuchuudhaan wal galateeffatan.
Abbaan Simboo Kutaasheen jirtutti olseenanii dhiifama gaafatan. Inumaayyuu miira gammachuu fakkaatuun 'haatikee mucaakee siif guddisti atimmoo barnootakeetti deebita' jedhanii jajjabeessan.
Simboon erga kolfitee ji'oota lakkoofsiste waan abbaanshee dubbatan yeroo afaansaaniirraa dhageessu seeqxee obbo Kariimiin haammatte. Dhiphachaa manaa baatee gammadaa manatti deebite. Abbaanshees gammachuushee yammuu argan boqonnaa guddaa argatan. Manattis deebi'anii maatii fi keessummoota waliin yeroo dabarsan.
Itti fufa...
#lookoojalaala
Join godhaa
#join
#seenaajaalalaa
#lookoojalaala.
#forward
#Share