Forward from: Seenaa Jaalalaa ❤️
Eelaa Simboo
Kutaa 11ffaa
---------
---------
Waan rifatteef harkishee hoollachuu jalqabe. Toora itti aanu irra yeroo geessu " Eeyyee si galaafadheen obbaafadha. Yoon si ajjeese, yoon si mo'adhe malee boqonnaa hin argadhu. Si ajjeesuun anaaf boqonnaa daqiiqaa muraasaa yookaan waggoota muraasaa miti. Barakoo guutuu gammachuudhaan jiraachuuf si mo'achuun dirqama.
Na arrabsan, gowwaa naan jedhan. Maqaa hin malle naaf baasan. Jaalalaaf jecha maraate, ni raata'e jechaa hasaasu. Na dhiibu, mogoleekoo buusu. Hamileekoo cabsu. Isaanmoo?..dhiisimee wanti isaan naan jedhan, kan isaan nan goone, maqaa isaan narra hin keenye hin jiru. Simbookoo hiriyaakoo ijoollummaa dhuguma an maraatuudha? Yoomin raatuu ta'e? Mee natti murteessi. Atillee murtiif hin ariifattu nan beeka. Mee na gorsi. Tarii waggaa meeqan si gorse ati hin jijjiiramtu naan jettaa laata? Dhimmakooti? dogoggorakooti? Gowwummaakooti? Anis hin beeku.
Ilaamee..Simbookoo giiftii onneekootii Ijoollummaa keenya ni yaadatta? An yoo sibira hin jiraanne baay'ee boossa turte. Taphnis na malee sitti hin tolu. Umriin xiqqoo yaadaan nama guddaa, Ogeettii namni hundillee osoo kankoo taatee jedhee hawwu turte. Nan yaadadha maatiin keenyas walbiratti nu jaallatu turan.
Yeroo kutaa shan barattummoo sittan heeruma naan jette. Sababa sanaaf akkan shamarran kaan waliin haasa'ullee hin feetu. Yeroo mana barumsaarraa deebinu maddiikoo osoo hin dhungatin manatti ol-hin seentu. Anis jechakee abdadheen, gochakee ilaaleen si jaalladhe. Hamma maleen si jaalladhe. Siifan mo'ame..." kan jedhu dubbistee callisaan lafa ilaaluu jalqabde. Osoo hin beekin imimmaanni ishee cophe. Fuula isheerraa imimmaan haaxawachaa dubbisuu itti fufte.
Toorri itti aanus akkasheen miira gaabbii keessa galtu ishee taasise. Qananiisaan akkasheen boo'aa jirtu argee waraqicha fuudhee deemuuf kaanaan, dubbistee akka xumuruu barbaaddu itti himte.
Barreeffamicharraa toorri gara xumuraa " Akkan yaade ta'uu didee, atis waadaakee dagattee kutaa 7ffaa yeroo barattu akkan baay'ee si jaalladhe bartee boonuu jalqabde. Narraa fagaachuu, gocha dura gootee hin beekne ijakoo duratti dhiira kan biraa hammachuu fi haasofsiisuu eegalte. Jaalala jalqabde. Osoon ilaaluu Hidhii ittiin maddiikoo dhungatteen Adamiin dhungatte. Harka ittiin mudhiikootti marattu sanaan isa hammatte. Addunyaa jaalalaa hinaafsisaatti seente. Gidiraankoos yeroo sana eegale. Aarii fi hinaaffaatu na waxale. Keessakootti gubachaa jiraachuun itti fufe.
Atis garuu akka yaadde siif hin taane. Jaalalleenkee si gane. Biyya ati hin beekne si geessee, achitti si dhiisee bade. Ijaan argaakee jibbee sirraa fagaate. Maatiinkee fi maatiinsaas warra gumaa ta'an. Sun ta'ee; hamileenkee si bu'ee, yeroo ati gaddaa turte an sirraa hin fagaanne. Si jajjabeessaan ture. Haaloo siin hin qabanne. Mudannoo jaalalaakeetiin sin qeeqne. Inumaayyuu jaalalli an siif qabu ittumaa dabale.
Akkan si malee orma hin ilaalle ofiif kakachuunkoo waggoota lakkoofsiseera. Sanaafin karaa ati hin eegnerra dhufee si mo'uuf murteesse. Yoon jaalalaan onneekee hin mo'anne, mo'adhee jaalalaan ajjeesee yoon sin galaafanne, Jireenyikoo kana boodaa si jaallachaa yookaan si abaaraa jiraachuu taati.
Na keessa jirta. Garuu jireenyakoo keessaa baateetta. Egaa hamma waadaakee yaadattee; akka haaratti na simattee, balbala Onneekee naaf bantutti akkuma ammaa kana jireenya mataakee jiraadhu. Barnootakees jabaadhu baradhu. Hamman tattaafadhee, humna horadhee si mo'adhutti nagaankee eegamee akka jiraattu abdiin qaba. Tumaan harkakoorraa yaadannookeetiifi. Suuraan fakkeeffamee kaa'ame kunis kabajakeetiifi" jedhee xumurame.
Simboon dubbistee yeroo fixxu baay'ee raafamte. Ijoollummaashee yaadatte. Imimmaannishees dhaabbachuu dide. Osoo hin turin Qananiisaadhaan "ammuma kana iddoo Kiyyaan jirutti na geessi" jetteen.
#lookoojalaala.
#Share
#seenaajaalalaa
#join