Posts filter


Osoo beekumsa yookiin hubannoo tokko hin qabaatiin Yeroo waaqayyo nu barsiisuuf jedhu nuti obsa dhabuu hin qabnu. Qoramuun, Obsuun, Bubbuluunis bilchinaa fi beekumsa kuufamaa nuuf baatee dhufa. Namni ulaagaa kana hunda keessa darbe Galaana milkaa’inaa daaka! Waaqa irrattis ta’ee nama irratti osoo adda hin baafatiin Gungumuun barbaachisaa miti.

@Getu_Official


🎶 Abera Gudeta | Eessa Jiru? | 2025/2017 New Song 🎸

╰──⌊  @Getu_Official


💬 Shamarran baay'een sababni isaan dafanii mufataniif garaan isaanii qulqulluu fi hammeenya waan hin beekneef, kunis...👉 Itti fufaa dubbisaa!

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆


❤️ Amaloota Shamarranii keessaa,...➡️ See More


✉️ Kunuunsaa fi qabannaa jaalalaa keessatti yaadolee ciccimoo isin gargaaruu danda'an,... Itti fufaa dubbisaa,....➡️ Itti fufii dubbisi!

          👇👇👇👇
  👉✨See More✨👈
  👉✨See More ✨👈
           👆👆👆👆


🌹 Text (ergaalee barreeffamaa) jaalallee keessaniif erguu barbaannaan,...➡️ Asitti bu'aa!

          👇👇👇👇
  👉✨Join Us✨👈
  👉✨Join Us✨👈
           👆👆👆👆


✉️ Karaalee ittiin jaalala barreeffamaan ibsannu hunda,...👉 See More


SEENAAN TOKKO TOKKO SEENAA NAMAA JIJJIIRA ✅
      OBBOLAA LAKKUU LAMAAN

✉️ Obboloota lakku ta'anii baay'ee wal fakkaatantu turan. Inni tokko Amalli isaa baay'ee rakkisaadha. Dhugee kan machaa'u, Jireenya isaa gadhiisiitti kan jiraatuu fi namoota waliin kan wal lolu ture. Yeroo hedduus mana amala sirreessaatti hidhamee, reebameeras, Inni tokko immoo faallaa isaa jalqaba Amalli isaa baay'ee gaarii kan ta'eef mudaa kan hin qabne ture. Jaalala namoota hundumaas ni qaba.

✍️ Guyyaa tokko inni Amalli isaa badaa, mana dhugaatii keessatti utuu bashannanuu nama wajjin wallolee qaruuraa biiraa baatee jiruun, rukutee dhiigse. Ofiis dhiigaan makame. Qaruuraa caccabe sanaan waraanee baqatee achii gadi bahe. Poolisonniis isa hordofuu eegalan. Ariitii guddaan yemmuu mana gahu, Lakkuun isaa yookiin obboleessi garraammiin sun barnoota isaa Qo'achaa jira ture. Inni Alaa dhufe dhiigaan makameera. Sagaleen Konkolaataa poolisii duuba isaarraa dhagahamaa ture. Obboleessi inni amala gaariif mudaa hin qabne sun akkas jedheen, Obboleessa koo maaltaate maaltu si tuqe? Eenyutu si ari'aa jira jedhee obboleessa isaa gaafate, innis wanta ta'e hundumaa itti hime. Innis akkas jedheen dhiisi homaa miti; garuu kana booda hidhamuu hin qabdu jedhee uffata isaa dhiigaan makame obboleessa isaarraa baasee uffate. Dhiiga sana irraa dhiqee uffata isaa qulqulluu immoo isaaf kennee, itti uffise. Yommuu kana poolisoonni isa hordofaa turan manatti ol itti seenan. Yeroo sana mucaa balleessaa hin qabne, garuu uffata dhiigaan makame uffatee jiru qabatanii manaa bahuun gara waajjira poolisiitti isa geessan.

Akka tasaa ta'ee lubbuun gurbaa waraaname sanaas darbee waan tureef hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Balleessaa isaa malee adabame. Adabbii obboleessi isaa fudhachuu qabu fudhate. Namichi Hidhamuu qabu sun obboleessa isaan bilisa bahe. Innis immoo umurii isaa ishii haftetti jireenya gadhiisii jiraachaa ture dhiisee, Jireenya isa gaariif mudaa hin qabne jiraachuuf murteeffate. Hidhamuun, Reebamuun, Obboleessa isaa boqonnaa gaariif, Jireenya qajeelaa akka inni jiraatu godhe. Bir'aa malee gabiitti jiraate. Gatii balleessaa isaaf Obboleessi isaa, dabarsee firdiitti of laate.

🆗 ....Seenaan kun seenaa gooftaa keenya Yesuus na yaadachiise. Balleessaa isaa malee balleessaa keenyaaf cubbuu isaa malee cubbuu keenyaaf abaarsa tokko malee abaarsa keenyaaf isa dhiphatee itti murteeffamee fannootti ol ba'e na yaadachiise. Egaa nus kana booda isa nuuf adabameef malee ofiif hin jiraannu. Eebbifamaa 🙏

@Getu_Official


❗️Iccitiin namootatti dabarsitee himuu hin qabne kan dhuunfaa keetii baay'eedha. Isaan keessaa cimoo ta'uu kan danda'an,...➡️ Itti fufii dubbisi!

          👇👇👇👇
  👉✨See More✨👈
👉✨See More ✨👈
           👆👆👆👆


Imagine having. someone who's matured enough to say this:

"can you please promise me not to hide yourself when you're in pain, it's unfair that we laugh together but you cry
alone.

"


🎶 Hunda Hin Dubbatani - Dawit Girma New Audio video 2025 🎸

╰──⌊  @Getu_Official


✉️ Wantota sadan ani amma siif barreessee kana Dubbistee jennaan, jireenya kee dhiphina keessaa baastee jiraatta.

#1ffaa
Gonkumaa wanta darbe yaaddee jireenyakee hindhiphisin. Sababni isaa waan darbe darbeera. Waan deebi'ee hindhufneen jireenya kee amma jiraattu balaa irra hinbusin.oromoon "Bishaan darbe hin waraabbatan!"akkuma jedhu sana, waan darbe yaaddee sammukee kana hindhiphisin.


Isa. 43
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁸ Kanaafis Waaqayyo, "Isa durii hin yaadatinaa, wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!¹⁹ Kunoo, ani wanta haaraa nan godha, inni amma iyyuu as ba'uutti jira; isin hin argitanii? Ani lafa onaa keessa karaa nan baasa, lafa duwwaa keessas bishaanota nan yaasa;
²⁰ ani saba koo warra ani fo'adhe obaasuudhaaf, lafa onaa keessaa bishaan burqisiisee, laga lafa duwwaa keessas bishaan waanan yaaseef, bineensonni caakkaa ulfina anaaf in kennu, waangonnii fi guchiiwwan na galateeffatu.²¹ Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf ture.

#2ffaa
Jireenya kee Isa Borii Yaaddees sammukee dhiphina keessa hin galchin. Waaqayyo gaafa si uume Eenyunuu mari'ate sin uumne. Inni ofii isaatti amanee si uume. Boriin kee isa harka jira. Akka waan Waaqayyo jireenya kee Nama dhuunfaa tokkootti kenneetti Hingaddin. Waaqayyo ofii isaatii Yaada fi akeeka guddaa siif qaba. Haadhookoo jireenya biyya lafaa ishee muraasaaf jettee "Bor akkamin ta'a!" jettee Yaaddoon abdii hin murin. Isa boriif yaadi malee hinyaadda'in. Waaqayyo akeekaan si uume;Akeekas siif qaba.

“Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a" jedhe.”
  — Mat. 6:34
³¹ "Kanaafis isin 'Maal nyaanna?' yookiis 'Maal dhugna?' yookiis 'Maal uffanna?' jettanii hin yaadda'inaa! ³² Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.³³ Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.


#3ffaa
Jireenya kee nama kan biraa waliin wal madaalchiste jiraachuu hinyaalin. Namoonni baay'een "Akka abaluutti jiraachuu qaba" jedhanii rifeensa ofirraa buqqisaa oolu. Hadhookoo "akka abaluun sirbaan morma nama jallisa!" isa jedhan sana hindagatin. Addunyaa kanarra namni siin gadiis, Namni siin oliis hinjiru. Akka ofii keetti jiraadhu. Yeroo kana eenyummaakee isa dhugaa hubatta. Kana jechuun Gatiinkee guddaa ta'ee sitti mul'ata.
Ati nama addaa akka taatee hin dagatin. Bareeddinnikee fi simboonkee Uumama akka raajeffachisu hindagatin. Dhugaan siin jedha ati nama addaa dha. Dhiis jechoota siin jedhamu sanaan of hindhiphisin. Dhugaadha ati nama miidhaginni addaa irraa ifuudha. Safuu ya bareedina kee! Dhugaadha ati nama addaati! Isuma dhugaa jedha ati nama addaati. Ati adda!

Wantota kana sadan sirriitti yoo hojiirra oolchite ati nama guddaa taata. Jabaadhu haadhookoo!

@Getu_Official


📖 "Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!" ("አቤቱ፥ በአንተ ታምኛለሁና ጠብቀኝ።")
            — መዝሙር 16፥1 — Far. 16:1

✉️ Ijoolleen warra isaanii irratti amantii hammam akka qaban nama ajaa’ibsiisa. Keessumaa ijoolleen guutummaatti warra isaanii irratti hirkatanii jiru. Mucaa tokkoof warri abbaan isaa akka ilaalcha mucichaatti wanti hin danda'amne akka hin jirreetti yaada. Abbaan utuu jiruu eenyullee ija jabaatee dhufee kan isa miidhu akka hin jirre mirkanaa'aadha. Barreeffama "Abbaan tokko dura bu'oota mana barnootaa kuma irra caala" jedhu kanan dubbise nan yaadadha. Ijoollummaa kootti abbaan koo harka lamaan na qabee samiitti ol na kaasuu isaa nan yaadadha. Yeroon ol bahee gadi deebi'u kufuun danda'a jedhee sodaadhee hin beeku. Harka abbaa koo isa jabeessee na qabate ilaalaa qilleensaa fi harka abbaa koo irratti of arga. Kun yaadannoo baay'ee keenyaa ta'a jedheen amana.

Daawit nama lubbuu isaa eeguu danda’u Waaqayyo malee namni biraa fi wanti biraa akka hin jirre hubatee ture. Kanaafidha Waaqa isaatiin "Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!" Kan jedhuuf. (Far. 16:1)

Har'a wanti nuti itti amantii dhabne maalidha laata? Wanta foonii har'a mul'atee boru akka fixeensaa badu irratti moo Waaqayyo isa bara baraa irratti? Obbolootaa, imaanaa keessan nama irra kaa'uun dhuma irratti qisaasa'ummaa (kisaaraadha). Deeggarsi keenya nama irratti yoo ta'e, namni akka ulee shanbooqqoo waan ta'eef guyyaa tokko cabuun isaa hin oolu. Gaafa cabus nama waraana. Nu miidha. Waaqayyo garuu abbaa gaarii fi amanamaadha." (Isa. 42:3). Inni dhagaa jabaa itti amanuu qabnudha. Gaafa obomboleettiin boba'uu fi taatee hamaan uumamu, yoomiyyuu nu hin dhiisu. Harka nu qabee nu oolcha.

@Getu_Official


📖 "Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo in fudhata;"
  — Far. 6:9

Yeroon keessa keenyatti yaaddoon nutti ulfaatu jiraa? Waan qabannee fi gadi dhiifnu dhabuun yaadaan cabuun nutti dhaga’amaa? Daawit Macaafa Faarfannaa 6 yeroo faarfatu haala hamaa akkasii keessa waan jiru fakkaata. "Lubbuun koos immoo baay'ee raafameera, ati garuu yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti turta?" (Far. 6:3) Hammam keessi isaa akka madaa’e dubbata.

Namoonni qaama keenya alaa arguu fi dhiphina keessa keenyaa hubachuu hin danda'an. Jeequmsa lubbuu keenyaa illee hubachuu dhiisuu danda’u. Jireenyi yeroo hunda kallattii tokkoon waan hin deemneef jeequmsi miiraa, jeequmsi keessoo fi garaa cituu nu mudachuu mala.

"Ani aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo'uu kootiin siree koo nan tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa. (lakk. 6) Hanga jennutti geenya.

Yeroo kanatti furmaata barbaacha eenyutti dhiyaanna? Daawit eenyutti dhihaachuu akka qabu hubatee gara Waaqayyootti hafuura baafate. Kana jedhee gaaffii isaa Waaqayyoof dhiheesse: "Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!" (lakk. 4)

Har’as yeroo haala baay’ee ulfaataa keessatti of argannu gara Waaqa keenyatti haa dhihaannu 🙏 Ija keenya namoota irraa kaafnee Waaqayyotti haa dhiyaannu. "Jaalala kee isa cimaa irraa kan ka'e na oolchi" jennee boo'uu hin dhiifnu. Waaqni gaaffii fi kadhannaa isaaf dhihaate kan hin tuffanne fuula isaa nutti deebisa. Rakkoo keenya hundaaf deebii ta'a. Hidhaa keenya hiikuudhaan gammachuu nuuf kenna. Kanaaf yeroo kanatti: "Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo fudhateera" (lakk. 9)


“Sabni koo warri dhuunfaa koo ta'an kun gad of deebisanii ana barbaaddatanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'anii, yoo na kadhatan, ani waaqa irraa isaaniif nan dhaga'a, cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa, biyya isaaniis nan fayyisa.”

— 2Sen. 7:14

@Getu_Official


#Coming_ስኡን • Welcome Dave ✅

Hunda hin dubbatani beeki
Icciitii ke golatti eegi!


❤️ "Message (ergaa) Jaalalaa jaalallee keetiif erguuf rakkataa jirta taanaan asitti bu'i!",... See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


❤️ Ergaalee jaalalaa 100,... See More


🎲 Namoonni ogummaalee 5n kanneenitti fayyadaman jireenya isaanii keessatti gartuu hundumaa irratti milkaa'odha... ➡️ See More

↪️ See More
       See More


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


“Addunyaa kana irratti hiddawwan cubbuu -
maddeen hammeenyaa gara hookkaraatti nama geessan:

1. Qabeenya hojii malee kuufamu.
2. Gammachuu hubannaa yaada-qalbii malee
nama dhuunfatu.
3. Beekumsa naamusa malee lallabamu.
4. Daldala safuu hin qabne.
5. Saayinsii naatoo namummaa hin qabne.
6. Waaqeffannaa of kenniinsa yookiin aarsaa hin qabne.
7. Siyaasaa qajeelfama ittiin masakamu hin
gabne."
Waaqayyo isin haa tiksu 🙏
   
🌐 @Getu_Official


🎶 Duubee! - Dawit Alemu New 2025 🎸

╰──⌊  @Getu_Official


🔵Ganamaaf Galgalli jireenya namaa keesatti dhiibaa akkamii qabachuu danda'a jettanii yaaddu? Keessumattu wantootni nuti utuu hin  Rafiin dura Goonuuf, ganama gaafa kaanu goonu Guyyoota Keenya irratti dhiibaa akkamii qabaachuu danda'u?        

Yeroo baayyee akkaataan nuti itti jireenya keenya jalqabnu akkamitti ooluu akka dandeenyu murteessa.  Haalli ykn akkaataan rafiitti keenyaa ammoo halkan hirribaa akkamii qabaachuu akka dandeenyu Akkasumas Abjuu nuti qabaannulle ta'a.

mucaa wal_beeknu tokkkotu jira, inni ga waanuma barumsa wajjin wal-qabatuudha Gaafa waa hojjechuu dadhabne rafnu ganama gaaafa hirriba kaaanu akkas naan jedha abjuu kootiin hojjedhaa ture xumurree rafne mitii eda naan jedha: Abjuudhaan waan isa Argaa tureef dhuguma itti fakkaata ture. 😀

anyway maal jechuufan jedhe  Waanti rafuu namaa dura hojjetamu dhiibbaa akkamii qabaachuu akkanni danda'u mullisuu barbaadeni.  yeroo baayyee wantoota nuti utuu hin rafiin dura waayee isaa yaadaa turretu jalqaba irratti gaaf hirribaa kaanu waanta nuti yaaadannu ta'a.  yeroo tokko tokko ammoo waanti yeroo hirribaa keenya Keessa Abjuu ta'ee Nuuf Dhufuyyu wantoota nuti rafuu keenya dura Gooneedha yookiin Yaadneedha.

Egaa baayyee keenya biraa yeroo rafnuttille biblilli kee nu biraa hin fagaatu miiteree?? Hundaafuu waanti nuti xumura irratti ittiin Rafnu bilbila wayiii deebisuu ykn ammoo text wayii reply Gochuun warri kanarra Hafne ammoo fiilmiiiifaa ilaaala rafna. Gaafii gaaf ammoo hirriba hamma naaf dhufutti jenneelle wantoota kana gochuu filanna.  Kunis har'a irratii gaafan yaadu wallaalummaa keenyaa kan mullisu ta'uusaan arge.
ogeessonni fayyaa hirrba dhibibaa inni fayyummaa nama walii galaa irraatti qabu irratille dhiibbaa Guddaa akkanni Qabu mirkaneessu.

Barruu tokko irraa akkan argetti ogeessi fayyaa hirribaa Dr. Drerup yeroo hirriba ofii duratti wantotni namni godhu overall health namaa irratti dhiibbaa ulfaataa ta'e akkanni qabu hubachiiisa.  Kanaanis yoo xiqqqaaate Namni tokko rafuu isaa durse saatii 1 yookiin 2 Dursee bilbila faayyadmuu dhaabuuu dhiisuuu qaba jedhanii daangaa kaa'u.

Keessuma dhiibbaa kana irratti social media n nuti fayyadamnu illee dhiibbaa wal-caaluu qaba.  Fakkeenyaaf  Tiktok Daqiiqa muraasa keessati videowwan baayyee ilaalu waan nu dandeessisuuf odeefffannoo heedduun yeroo Gababaa keessatti sammuu Keenya akka seenu Godha. AKKA ogeessi fayyaa kun jedhutti ammoo yeroo Hirribaa namaalle akkanni fageeessuu danda'auudha. Sababiina odeeffannowwan sun sammuu keenya dammaqaa taasisiu  waan ta'aniif.    Hin gaha nan  rafa jettee yeroo ati bilblila kee cuftutii illlee sammuun kee more information biraa barbaada.

Dr. Drerup akka jedhutti Social  Media irraa waanta nuti scrolll goggodhaa turee sammuun keenya erga nuti dhiisnelle deddebise fiduu ACTIVE OF GODHEE tura jedhu. Dammaqiinsa kan fidu waan nuti ilaalaa turre sana qofa miti,garuu sana booda waan sana feeel waan goonuuf fi waan waayee isaa yaadnuuf. Kan biraan ammoo waanti nuti ilaalle yookiin Scroll scroll goonee content,qabiyyee inni qabudha.

Egaa wantoonni kun wantoota nuti jalqaba gaafa ganama dammaqanu yaadannu ta'u, Akkasitti Namni ganama isaan Guyyaa jeeqamaa ta'ellee qabaachuu danda'a! Galgalli akkasitti jeeqame ganama Qalbii jeeqamaadhaan akka namni dammaqu Godha. inni kun Ammoo oolmaa namaa iratti dhiibaa hamaa qaba. 

Namni waaqayyo Dawwit Far. 5 irratii an ganamaan siifan of+qopheessa gara keen ilaala jedha waaqayyoon.  

Hundaafuu Galgalli yeroon hirriba keenya Duraa waanti goonu akkam ta'uu akka qabu itti yaaduun Dirqama yoo akkas ta'e Qofa Ganama Waaqayyoof of-qopheessuun nuuf salphata. Kun ammmoo guyyaa guutuu Abdiif Amantiin Guuutamne akka yaadnu fi bakka dhaqnuttis dammaqo akka taanuuf nu gargaara.           

     Eebbifmaa!
Waaqayyo Gooftan Bara Keessan Haa EEbbisu!

🌐 Christian Living

20 last posts shown.