#Dubbisa 147 ffaa
Boru Guyyaa Sanbata Guddaati! Guyyaa Waaqeffannaati. Utuman dubbisuun jecha armaan gadii kana arge,... Mee isinillee dubbisuudhaan ittiin of ilaalaa,... 🙏
"Daqiiqaa 30 Waldaa Kiristaanaa keessa turuu kan hin dandeenye akkamitti Mootummaa Waaqayyootti Galuuf Hawwitaa?" 🤔
Tokkummaadhaan amantoota waliin Waaqayyoon waaqeffachuudhaaf yeroo dhabda! Gara Waldaa Kristaanaa deemuufillee sitti tolaa miti. Waaqayyoo maal si irraa barbaada laata? Adeemsa keetti Waaqayyoon gammachiisaa Jirtaa? Waaqayyoof yeroo kennitee jirtaa?
...?
Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata, garuu namni umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi waan argamuu danda'udha, kan deebi'ee hin argamne garuu umurii ture.
Mee Sirriitti Dubbisi!
➛ Yoo kubbaa miilaa ilaaluu ta'e daqiiqaa 60 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo fiilmii ilaaluu ta'e daqiiqaa 250 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo facebook goroggoruu
ta'es sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo barreeffama waatsaappii ta'e 60 ol dubbisuu danda'a.
➛ Yoo tiktok ta'es sa'aatii 6 rakkoo hin qabu.
Garuu nama baay'eetti karaa jireenya bara baraa galuuf ittiin of qopheessu shaakaluun, Waaqayyoon kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisuun baay'ee itti ulfaata.
Mee akkuma jireenya foonii kee cimsachuuf fiigdu, jireenya hafuuraatiinis guddachuudhaaf of qopheessi!
"Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu,wanta baayyeedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira."
— 1Ximotewos. 4:8
➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.
Anis, atis, isaanis karaa jirra deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.
Kanaafuu nama hundumaa waliin nagaa dhaan jiraadhu! Dhiifama namaa godhi! Waaqayyos dhiifama siif godha.
Yeroo kee Waaqayyoof kenni! "Yeroo kee Waaqayyoof hin kennitu taanan, Waaqayyo immoo yeroo yoo siif kennuu baate maal goota?
"By Giving God Your Time, You are Saying That you need him in your life."
"Yeroo Kee Waaqayyoof Kennuudhaan Jireenya Kee Keessatti Akka isa si barbaachisu dubbataa jirta jechuudha."
@Getu_Official ✅