God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Qol 3:16
Namni Kamu Argamuu Dubbii Waaqayyoo Keessa Akka Jiraatuuf Gargaaruun ba'aa Keenya!
Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉 @Believe_In_Christ79
YOUTUBE : https://youtube.com/@gwpofficial2025?si=1NU8rM-ztMZtiyt7

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


⭐️Eeliyaas Gabulaa || Dhagaa Jiraataa!
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

📥Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼@Believe_In_Christ79

🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22




😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?


Kutaa 6ffaa

(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________

🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)

10. Guyyaa dhumaatti hundumarratti faraduuf aboo isaa kan qabaatu isa ta’uu isaa dubbachuun:

Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommuus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargara fo’u, innis namoota sana gargara in fo’a. ...?”(Mat. 21:15-16).

📌Waaqayyoo sagalee qulqullaa’aa isaa keessatti ulfina isaa enyuuf iyyuu akka hin laanne irra deddeebi’ee dubbateera (Kes. 5:6-10, Isa. 42:8). Yesuus Kristos garuu waaqeffannaa fi sagada namootaa simateera. Ulfina Waaqayyoof qofaaf malu fudhachuun Waaqa ta’uu isaa argisiiseera.

11. Gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Barsiisaa, gooftaas jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera”(Yoh. 13:13-15).

12. Sanbata irratti gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” isaaniin jedhe (Mar. 2:28).

🔻Musliimonni hedduun Yesuus gooftummaa isaa ifatti dubbachuu isaa beekuu dhiisuu isaaniin “bakka itti gooftaadha ofiin jedhe nu argisiisaa” jechuudhaan gaafatu. Garuu Yohannis 13:13-15 irratti kan argamu yommuu itti argisiifnu xiqqo erga rifatanii booda tooftaa biraa uummatu. “Macaafa Qulqulluu keessattii namoonni gooftaa jedhamaniiru” jedhu.

🔻Garuu Yesuus gooftummaan isaa akkuma ergamtoonni isaa ittiin jedhan ta’uu isaa waan dubbateef, karaa ergamtoonni jedhaniin malee karaa mataa keenyaan hikkatti kennuu hin dandeenyu. Mata-duree kana jalatti itti fufnee akkuma arginu ergamtoonni waaqummaa Yesuus itti amanaa waan turaniif “gooftaa yommuu isaatiin jedhan waaqummaa isaa argisiisuuf malee namoonni sadarkaa guddaa qabaatan karaa ittiin gooftaa jedhamaniin kan isa waaman miti.

🔻Yesuus Gooftaa ta’uu isaa kan dubbate karaan inni biraan sanbata irratti Gooftaa ta’uu isaa dubbachuudhaani. Kun ammoo haala falmii kaafneen Waaqummaa isaa argisiisa.

📌Sababni isaa Sanbatni guyyaa Waaqayyoof eebbifame ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatameera (Ba’u 31:12-17). Waaqayyo guyyaa ofii isaaf eebbifate irratti gooftaa ta’uu kan danda’u Waaqayyo matuma isaa ti.

📌KANAAFU IYYESUUS KIRISTOOS WAAQAYYODHA!!

🔺Kutaa darbe (5ffaa) Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1186

📅 Kutaa 7ffaan Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

📥Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼@Believe_In_Christ79

🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22


Faarfanaa 6:4-5

4 Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!

5 Erga du'ee namni si yaadatu hin jiru, iddoo lafa jalaa keessaa immoo eenyutu si galateeffata?

🙌Halkan Gaarii🥰


🥰 Warri Har'a Waldaa Deemtan Waan Barattan Akkasumas Hafuura Keessanitti Waan tole Nuuf Qooda🥰

Comment Godhaa❤


⛪️ Bor Waldaa Deemuu Hin Dagatiinaa! Yommuu Deemtan immo #Macaafa_Qulqulluu 📖, #Yaadannoo 📓 fi #Uffannaa_Bareeda_Uffachuu 🕴👗 Hin Dagatiinaa! Eebbifamaa 🥰🥰

🌟 “Namoonni gara mana keetti adeemuu garaa keessaa qabaatanii si biraa humna argatan, haa gammadan!”
  — Far. 84:5

🌟 “Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.”
  — HoE. 2:42

🔔GWP-Media 📺
🔥Join and Share 🙏🙏🙏
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝


⭐️ Karaan Fayyina Keenya Itti Fudhannu Salphaa Ta'us, Hojiin Nu Fayyisuuf Hojjetame Garuu Qaaliidha!.

#Irra_Deebiin Kan Maxxanfame!

🔻Jireenya Akka Qabaannuuf, HIdhaa Cubbuu; Du'a Hafuuraa Jalaa Akka Baanuuf Hojiin nuuf hojjetame Gita Hin Qabu. Nuti Qajeelummaa Mataa Keenyaa Waan Hin Qabneef, Qabaachuus Immoo Waan Hin Dandeenyeef, Garbummaa Cubbuu Jalatti Kufne Jalaa Bahuu Hin Dandeenyu ture. Ilmaan namootaa Lafa Kana Irra Jiraatan hunduu walitti qabamanii Kaanee Qajeelummaa Keenya Walitti fidannee; Garbummaa Cubbuu Isa Waaqayyo Uumaa Keenya waliin adda nu baase kana jalaa bana osoo jedhaniiyyu, hin danda'amu! Sababiin isaas Ilmaan namoota sababa Adaba Cubbuutiif Guutummaa Ayyaana Waaqayyoo isa Qajeelummaatti nama Jiraachisu Keessaa Hir'ataniiru!.

📖Roomaa 3:23
Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.

🔻 Garuu, Waaqayyo Karaa Ilma Isaa Isa Tokkicha, Isa Cubbuun Alatti Waan Hundumaan nu fakkaate, dadhabbii keenya isa beeku, Qajeelummaa Keenya nuuf Hojjechuu Isa Danda'u; Ilma Isaa Isa Qulqulluu, Karaa Kiristoos Iyyesuusiin Nu fayyisuu Jaallate.

📖 Ibroota 4:15
Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.

🔻Nu Fayyisuuf Gooftichi gaafa dhufu, Waanjoo isa Ulfaata Waanjoo cubbuu isa Kan Keenya ofii Isaa Baate. Ilma Waaqayyoo, Waaqayyoon ta'ee osoo Jiruu namummaaa foonii uffatee, Fayyina Keenya hojjechuuf gara biyya lafaa dhufe. Sababa nuti Iddoo gadii jirruuf gadi jechuu filate, Yoo tuffatamu, Yoo itti tufamu, Yoo Alangaa Loltoota Roomaa Sibiila Irraa Hojjetameen Garafamu, Yoo Harka Ilma Namaa ofii Uumeen Kabalamu, Cal Jedhe!......Hanga du'aatti deeme, duunee turre waan ta'eef! Kiristoos Maaliif Qullaa isaa Fannoo irra dhaabate? Maaliif Gooftaa Jiraataan Hanga hammana gahutti salphinatti of laate? ih.........Salphinni Keenyas, Badiin keenyas, Cubbuun Keenyas, Waaqayyoo irraa fagaachuu Keenyas Hammana Waan Ta'eefi. Maaliif Kiristoos...Hanga du'aatti deeme? Maaliif Kiristoos hanga Sii'olitti deeme? Argama Keenyatu, Jireenya Keenyatu Achi Waan ta'eefi! Gad Jechuun #Kiristoos Hanguma Daangaa hin qabne, Badiin Keenyas Hangasuma ture😭! Gad Fageenya Cubbuu Keenyatu, Kiristoosiin Hamma Du'aatti gad jechisiise!!!!!!!!!!!!!
📖 Filiiphiyuusiis 2:6-7

⭐️ Fayyinni Keenya Akka Lakkaa'amuufis Du'a Mo'ee Ka'e; Mirga Abbaa Isaa Ta'e! Nutis Isa Waliin kaaane!. Wayyaa cubbuu Baafannee; Wayyaa Qajeeluummaa uffannee! Waaqayyo Waliinis Araaramne! Aboo Mucaa Waaqayyo ta'uu arganne!....
📖 Roomaa 8:10-11

🔻Maalan Jedhaga🥺 Jechoonni Hojii Kana Danda'anii Guutummaatti hin ibsan! Dadhabbii Kiristoos nuuf Dadhabeen; Anaaf Isintu....Du'aa Gara Jireenyaatti!, Dukkana Limixii Keessaa Gara Ifa Dinqisiisaatti bahe. Anaaf isintu, Luba Mana Mootummaa, Qulqulluu Saba Waaqayyoo ta'e!.

📖 1Pheexroos 2:9
9 Isin garuu qomoo fo'amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.

⭐️ Argitanii? Karaa nuti Fayyinicha itti fudhanettu #KIRISTOOSITTI_AMANUU_QOFAAN ta'ee nuuf salphate malee! #FAYYINICHI_QAALIIDHA! salphaa miti!. Kanaafu Fayyina Keessan Eeggadhaa! Bakka Fayyinni Jireenya Keessan Keessati Qabaachu Qabu Wanti Kamiyyuu hin qabatin!.

📖Efeesoon 6:17
17 Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, Hafuura Qulqulluu biraa fudhadhaa!

📖2Ximootewoos 4:7
7 Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera.

🔥 Waaqayyo Fayyina Kana JIreenya Keessan Irratti Moosisuun Isin Haa Eebbisu!🫶

🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22


Solomon Alemu

🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22


Akkam Ooltan? Waan kana dubbistani?👆👆👆


😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?


Kutaa 5ffaa

(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________

🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)

6. Namoonni maqaa isaatiin dhiifama cubbuu akka argatan dubbachuun;

💡“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha” (Luq. 24:45-48).

📌Maqaa Waaqayyoon alatti dhiifama cubbuu kan argamsiisu maqaa kan eenyuu ti?

7.Maqaa isaatiin dhukkubsatoonni akka fayyan, Seexannis akka nama keessaa ba’u dubbachuunii fi amantoonnis kana gochuu akka danda’an aboo kennuun:

💡“Warra naatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa’u, isaanis in fayyu isaaniin jedhe. Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa’e. Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse” (Mar. 16:17-20).

💡“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan aboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaan qabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” (Luq. 10:17-20).

📌Seexana nama keessaa baasuu fi dhukkubsatoota fayyisuu kan danda’u maqaa Waaqayyoo kana malee maqaa kamtu ta’u danda’a? Namoonni kana gochuu akka danda’aniif abboo kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyuudha?

8.Ergamoota abboomuu akka danda’uu fi kan isaa ta’uu isaanii dubbachuun:

💡“Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca’u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu. Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru. Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu” (Mat. 24:29-31).

📌Waaqayyo malee qulqulloota kan ta’an ergamtoota akka tajaajilaa dhuunfaa isaatti abboomuu fi erguu kan danda’u eenyuudha?

9. Guyyaa dhumaatti kanneen du’aniin kan kaasu isuma ta’uu isaa dubbachuun:

📌“Fedha ofii kootiii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee. Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du’aa akkan isaan kaasu fedha malee. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du’aa isa nan kaasa” (Yoh. 6:38-40).

📌Waaqayyo malee guyyaa firdiitti kanneen du’aniin kaasuu kan danda’u eenyuudha?


🔺Kutaa darbe (4ffaa) Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1175

📅 Kutaa 6ffaan Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22


⭐️Warri Abbaltii (Assaayimentii) Kenname xumurtan galchuu dandeessu!

Asirratti 👉
@Believe_In_Christ79

Keessan nuuf ergaa!


𝐇𝐀𝐑𝐊𝐀 𝐌𝐈𝐑𝐆𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐘𝐘𝐎𝐎

𝐅𝐚𝐫. 16:8-11... 𝑊𝑎𝑎𝑞𝑎𝑦𝑦𝑜 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑓𝑢𝑢𝑙𝑎𝑘𝑜𝑜 𝑑𝑢𝑟𝑎 𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓 𝑗𝑖𝑟𝑎. 𝐼𝑛𝑛𝑖 𝑚𝑖𝑟𝑔𝑎𝑘𝑜𝑜 𝑤𝑎𝑎𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑢𝑢𝑓𝑖𝑠 𝑎𝑛𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑠ℎ𝑖𝑠ℎ𝑢.
𝐾𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓𝑖𝑠 𝑔𝑎𝑟𝑎𝑎𝑛𝑘𝑜𝑜 𝑖𝑛 𝑔𝑎𝑚𝑚𝑎𝑑𝑎. 𝐿𝑢𝑏𝑏𝑢𝑢𝑛𝑘𝑜𝑜 𝑖𝑛𝑛𝑖 𝑢𝑙𝑓𝑖𝑛𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑒𝑒𝑠𝑠𝑖 𝑖𝑛 𝑖𝑙𝑖𝑙𝑐ℎ𝑎. 𝑁𝑎𝑚𝑢𝑚𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑜𝑜𝑠 𝑠𝑜𝑑𝑎𝑎 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒 𝑖𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎𝑡𝑎. ......11,  𝐴𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑛𝑎𝑚𝑎 𝑔𝑒𝑒𝑠𝑠𝑢 𝑛𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑠𝑖𝑖𝑓𝑡𝑎.
𝐺𝑢𝑢𝑡𝑢𝑚𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑚𝑚𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑓𝑢𝑢𝑙𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑑𝑢𝑟𝑎 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑖 𝑛𝑎𝑚𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑡𝑜𝑙𝑢𝑠 𝑖𝑚𝑚𝑜𝑜 𝑏𝑎𝑟𝑎 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑢𝑚𝑎𝑎𝑡𝑡𝑢𝑢 𝑚𝑖𝑟𝑔𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑗𝑖𝑟𝑎.

𝗛𝗮𝗿𝗸𝗮 𝗺𝗶𝗿𝗴𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻  𝐀𝐛𝐨𝐨, 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐚, 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨, 𝐦𝐨𝐨'𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚.
    ♥︎ 𝐖𝐚𝐚𝐧𝐭𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐢𝐧𝐮𝐮 𝐡𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐣𝐢𝐫𝐚.

        👉𝐅𝐚𝐚𝐫. 73:23-26
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐡𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐪𝐚𝐛𝐞,
       1. 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐰𝐚𝐣𝐣𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐚.
       2. 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐰𝐚𝐣𝐣𝐢𝐧 𝐡𝐚𝐟𝐚.
       3. 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐪𝐨𝐨𝐝𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢.
       4.𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐠𝐨𝐫𝐬𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢.
       5. 𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐭𝐮 𝐞𝐞𝐠𝐚.
           👉𝐅𝐚𝐚𝐫. 109:31;  110:5
        6. 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧.
         7. 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐟𝐢𝐫𝐝𝐢𝐢 𝐢𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚𝐟.
         8. 𝐅𝐮𝐮𝐥𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐮𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐢𝐧 𝐢𝐟𝐚.
           👉𝐅𝐚𝐚𝐫. 139:10-18
         9. 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐞𝐞𝐠𝐝𝐮𝐮𝐟𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐝𝐝𝐢𝐬𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐭𝐢.
             👉𝐅𝐚𝐚𝐫. 121:5-8
             👉𝐈𝐛𝐫. 11:27
              👉𝐇𝐨𝐄. 2:25-28
𝐄𝐠𝐚𝐚, 𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.
♥︎ 𝗪𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼 𝗺𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗶𝘀𝗶𝗻 𝗵𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝘂. 𝗔𝗺𝗲𝗲𝗻‼️

Abbaltii Keessanis Hin DAGATINAA‼️


 🅴🅴🅱🅱🅸🅵🅰🅼🅰🅰


🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴
Obboloota, jaallatamtoota Maatii Waaqayyoo Nagaan Tokkummaa sadan Biraa Isiniif Haa baayyatu‼️

-Abbaltii M.Q Keessaaniif Yeroon Isiniif Kenname Dhihaachaa waan jiruuf Yaadachaarra, akkasuma namoonni Dursitanii galchitanis jirtu Waaqayyo Guddaa isin Haa Eebbisu♥️♥️
-Kun hojii gaarii fi fedhii keessanii isa Waaqayyoof qabdan agarsiisa. Wanti isin gootan kun ifa keessan akka ibsuu fi namoota kaaniifis akka fakkeenya ta'u beekaa.

Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ti, nutis dubbii isaa kana yeroo hunda, bakka hundatti hubachuun nu barbaachisa. Kanaafuu, abbaltii macaafa qulqulluu yeroo kennametti galchuun keessan akka itti fufu jaallannaa fi jajjabeessina.


•  Iyaasuu 1:8
8 Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi*!

•  Faarfannaa 119:105
105 Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha,
daandii koo irrattis in ifa*.

•  2 Ximotewos 3:16-17
16 Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa*.
 
17 Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha*.


𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 Hunduma Keessan haa eebbisu 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐣𝐚𝐛𝐢𝐧𝐚 I𝐬in𝐢𝐢𝐟 Haa 𝐤𝐞𝐧𝐧u.


Roomaa 8:28-30
Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha*. Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe*. Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera*.


🎖Na Fudhadhu sokki🕊
👩‍🦰Fenet Girma🎧

🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
J https://t.me/Gosp22 J
O https://t.me/Gosp22 O
I https://t.me/Gosp22 I
N https://t.me/Gosp22 N
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲      🔕    ✉️   
ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


Faarfannaa 5:1-8

1 Yaa Waaqayyo, gurra kee gara dubbii kootti qabi, isa ani hasaasee sitti himadhus yaadatti anaaf fudhadhu!

2 Ani sin kadhadha yaa mootii ko, yaa Waaqayyoo ko, sagalee iyya kootii dhaggeeffadhu!

3 Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala.

4 Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o, hamaanis si bira hin buufatu.

5 Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan, warra wanta waa'ee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita.

6 Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita, Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciigga'a.

7 Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada.

8 Yaa Waaqayyo, sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati qajeelummaa keetiin na geggeessi! Karaa kees fuula koo duratti anaaf qajeelchi!

🙌Halkan Gaarii!!


🤗Akkam Ooltan? Waa Isin Rakkisuufani, Chaanaalin Keenya Haala Gaariin Gudddachaa Waan jiruuf Abbaa Hojichaa Waaqayyoon galateeffachaa Isiniinis Ulfaadha! Jechuun Barbaada.

Barreeffamoonni Asirratti maxxanfaman isin fayyadaa akka jiran Abdiin qaba.

Egaa Ammas Chaanaaliin kun namoota baay'ee bira akka gahu itti gammaddu yoo ta'e....Liinkii Chaanaalii Keenyaa Namoota beektaniif qooduun...Akka isaan chaanaalii keenyatti makaman gochuun Gammachuu Chaanaalii Kanatti Qabdan nutti Agarsiisaa🥰

Liinkiin Chaanaalii Keenyaa
Kunoo 👉🏼 https://t.me/Gosp22

Hirmaanna Keessan Nu beeksisuuf
Baay'ina Namoota Liinkii Qooddaniifi Karaa Keessaa
Asirratti naaf erga 👉🏼 @Believe_In_Christ79

🙏Waan nu Waliin Jirtaniif Waaqayyo Waaqa irraa Isin Haa Eebbisu🥰




Dubbisuu fi Share Gochuun gahee.........Hunda Keenyaati😻
Halkan Gaarii🙌


😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?


Kutaa 4ffaa

(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________

🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)


2. Duumessa Samiin kan Dhufu “Ilma Namaa” Ta’uu Isaa Dubbachuun:


🔻Yesuus Kristos irra deddeebi’uun maqaa “ilma namaa” jedhuun yommuu fayyadamu argina ( Mar. 13:23-27, 14:60-64).
🔻“Ilma namaa” kan jedhu iccitii moggaafama isaa kan argannu Macaafa Daani’el Raajicha 7:13-14 irrattiidha.
[“Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul’ataan nan arge; yommuus inni gara isa bara baay’ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi’eeffame. Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootuumaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbineedha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti”]
🔻Akka luqqisii kanaan qaamni ilma namaa jedhame kun saba hundumaa kan bulchu, kan hin dabarre, bulchiinsa bara baraa kan qabaatuu fi mootummaa hin balleeffamne kan qabaatuudha.
🔻Waaqayyoon alatti sabni hundi kan isaaf bitamuu maluu fi mootummaa fi bulchiinsa bara baraa qabaachuu kan danda’u eenyuudha?
🔻Yesus maqaa “ilma namaa” kan jedhutti fayyadamuun isaa Waaqa foon uffatee dhufuu isaa argisiisuuf akka ture raajii kanarraa ni hubanna.

3. Wanta Waaqayyo qofti hojjechuu danda’u raawwachuudhaan:


📍Kanaaf fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u Yesuus cubbuu namaaf dhiifama gochuuf dandeettii qabaachuu isaa argiisuu isaati (Mar. 2:1-12).
📍Waaqayyoon alatti cubbuu kan namaaf dhiisuu danda’u eenyuudha?

3. Kabaji Waaqayyo Abbaaf kan malu hundi isaafis akka kennamuu malu dubbachuun:


“Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee. Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu” (Yoh. 5:22-23).

📍Waaqayyo Abbaa kan kabajnu isa waaqeffachuuniidha. Yesusiin ammoo akkuma Waaqayyo Abbaa kabajnuun kabajuu kan dandeenyu ulfina Waaqayyo Abbaaf kenninu hunda yommuu isaaf laannuudha.

4. Gara isaa akka kadhannuu fi innis kan kadhannu hundumaa akka nuuf raawwatu dubbachuuniidha:


“..... Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha” (Yoh. 14:12).

📍Yesuus kadhata nama hundumaa dhaga’uuf bakka hundumaatti argamuunii fi wanta hundumaa beekuun isarra jiraata.
📍Wanna kadhannu hundumaa raawwachuuf ammoo hundumaa kan danda’u ta’uun isaaf mala.
📍Waaqa tokkichaan kan hafe kadhata keenya dhaga’uun wanta kadhannu hundumaa raawwachuu kan danda’u eenyuudha?
📍Yesuus garuu kana hundumaa raawwachuu akka danda’u nutti himeera, kanaafuu Waaqa ta’uu isaa dubbateera.

5. Bakka hundumaatti argamuu akka danda’u dubbachuun:


“.... Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama(Mat. 18:19-20).

“... Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira(Mat. 28:19-20).

📍Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka walitti qabamnu hundumaatti gidduu keenyatti argamuu kan danda’uu fi hamma dhuma baraatti nuu waliin ta’uu kan danda’u dandeettii ittiin bakka hundumaatti argamuu danda’uun qofadha.
📍Kanaafuu Yesuus kana gochuu akka danda’u dubbachuun isaa karaa biraatiin Waaqa ta’uu isaa dubbachuu isaa ti.

🔺Kutaa 3ffaa Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1166

📅 Kutaa 5ffaan Itti fufa...Halkan Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!

🔴JOIN US ON 👉🏼 https://t.me/Gosp22
🔴Nutti Makamuf 👉🏼 https://t.me/Gosp22

20 last posts shown.