#Beekumsaa_fi_Dandeetti
®®®®®®®®®®
📃Beekumsi kan teenyee itti yaaduufi yaadachuudhaan baratamu ennaa ta‟u, dandeettiin immoo itti yaaduufi shaakala guddaadhaan kan baratamu ta‟uusaa hubanna. Kanaaf beekumsa argachuuf yaaduun, yaadachuun caalaatti barbaachisaa wayita ta‟u shaakallis hanga tokko nibarbaachisa. Dandeettii argachuuf iddoo guddaa kan qabu shaakala haata‟uyyuu malee yaaduufi yaadachuunis nibarbaachisa.Yaaduufi yaadachuun akka bu‟uuraatti tajaajilu jechuun nidanda‟ama.
☑️Waa'ee beekumsaafi dandeetti ilaalchisee hayyuun ‘Martin Bygate’ jedhamu, “knowledge itself is not enough; it has to be used in action” jechuun kaa‟a. Kana jechuunis beekumsa arganne sana shaakalaan hojiitti hiikuun akka barbaachisu nu hubachiisa. Dubbachuun gocha dubbataafi dhaggeeffataa gidduutti adeemsifamudha. Ergaa dabarsaa[productive skill] kan ta‟e dandeettiin dubbachuu akka gabbatu ergaa fudhataa (receptive skill) kan ta‟e dandeettiin dhaggeeffachuu gabbachuu qaba. Kana jechuun, nama dandeettii dhaggeeffachuu gabbifatetu dandeettii dubbachuus gabbifachuu danda‟a jechuudha. Walitti hidhannaan lamaaniiyyuu dirqama. Walitti hidhannaan kun isaan kana lamaan qofarratti osoo hinta‟in dandeettiiwwan afaanii arfanuu akka walitti dhufeenya qaban irraanfachuu hinqabu.