FOON UFFATEE AMALA NAMUMMAATIIN DHUFE.
βοΈDhoksaan foon uffatee dhufuusaa kun:
β. cubbuu isaa namni foonii hojjete balleessuudhaaf foon uffatee dhufe.
π Rom 8:3 βSababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe, Waaqayyo ilma ofii isaatii ergee, cubbuu isa nama foonii keessaatti farade; ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee, cubbuu balleessuu dhufe.β
βΆ. Obbolootasaa (ilmaan namaa) fakkaatee fayyisuu waan dhufeef foon uffate.
βοΈ Namni tokko kan nama oolchuu dandaβu yoo nama sana fakkaatee jireenyasaaarra hirmaate male nama sana oolchuu hin dandaβu.
βοΈ Ergamoonniif raajionni gaafa dhufan nu fakkaatanii hin dhufne kanaaf nu oolchuu hin dandeenye.
π Ibr 2:17 βKanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.β
βΈ Aangoo seexanaa isa biyya lafaa irratti moβe kana duβasaatiin cabsuudhaaf foon uffatee mulβate.
π Ibr. 2:14 βIjoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni "Obboloota koo" jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.β
βοΈKanaaf nuti kiristaanonni kiristoos nama dhugaa akka taβe foon uffatee akka dhufe amanna.
βοΈ Kanatti kan hin amanne hundinuu hafuura isa dhugaa utuu hin taane Inni morma ykn kiristoosiin mormuu isaati.
βοΈ Macaafni qulqulluun yesuus fooniin dhufuusaa amanee kan hin beeksisne hundinuu kan Waaqayyoo miti jedha.
π1yoh 4:2-3 Β² Hafuurri, Yesus Kiristos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu. Β³ Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
@Jaala_Dhugaa