Oromia Education Bureau


Channel's geo and language: Ethiopia, Amharic


📢 Stay Informed
Join us for the latest updates, resources, and initiatives in education across Oromia region.
#For_Advertisement (ads)
👉 Contact us now: @Oromiaeducationbureau_promoter

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Amharic
Statistics
Posts filter


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Dear Subscribers,

As we approach the holy month of Ramadan, I want to take a moment to wish you all a blessed and peaceful time. May this Ramadan bring you joy, strength, and spiritual growth. Let us use this month to reflect, pray, and support one another.

Thank you for being part of this community. Ramadan Mubarak! 🌙✨

With love,
Oromia Education Bureau 🌙


Oromiyaatti barattoonni kuma 212 olqormaata biyyaalessaa fudhatu
*****
Gaazexaa Bariisaa
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa kanatti barattoonni kuma 212 olqormaata biyyaalessaa bahiinsa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta'uu biiroon barnootaa naannichaa ibse.

Hogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo akka ibsanitti, naannichatti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa waraqaafi onlaayiniin nikennama.

Naannichatti barattoonni kumni 212 kan fudhatan yoo ta'u dhibbantaan 59 saayinsii uumamaa, dhibbantaan 41mmoo saayinsii hawaasaa ta'uu dubbataniiru.

Barattoota qoraman keessaa dhibbantaa 47 kan ta'an barattoota dubaraa akka ta'an eeraniiru.

Barattoonni kuma 50 ol ta'an qormaaticha onlaayiniin haalli ittifudhatan mijeeffamaa jiraachuu eeranii, hojiin giddugala barattoonni qormaaticha onlaayiniin ittifudhatan addabaasuun haala mijeessuu hojjatamaa jira jedhaniiru.

Galteewwan qormaatichaaf barbaachisan guutuudhaaf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin qindoominaan hojjetamaa kan jiru ta'uu hogganaan biirichaa ibsaniiru.

#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa


Hi everyone! If you’re enjoying our content on Telegram, I’d love for you to join us on Facebook too! Follow our Facebook page [ Https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa ] for more updates, posts, and exclusive content. Your support means a lot to us—thank you!


Akkam jirtu hordoftoota kennaa? Telegram irratti odeeffannoo kennaa kan jaalattan hundaaf, Facebook irratti nuu hordofaa! Fuula Facebook keenyaa [
https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa ] irratti odeeffannoo dabalataa fi postiiwwan haaraa argachuuf nuu eega. Tumsa keessaniif galatoomaa!.


Facebook:-
https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa


14/06/2017
#SIRREEFFAMA

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Fudhatan Hundaaf
-----
Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 Kutaaleefi qabiyyeewwan qormaatni keessaa qophaa'u beeksisuun keenya ni yaadatama.

kutaaleefi qabiyyeen qormaatni keessaa qophaa'a jennee dhiheessine #hunduu_akkuma_jirutti ta'ee,
Gosni Barnootaa Ikoonomiksii garuu saba barnoota haaraa ta'eef #Kutaa_12ffaa_keessaa_qofa akka qophaa'u murtaa'era.
Kanaafuu, Barnoota #Ikoonomiksii_kan_kutaa_12ffaa_qofarratti akka qophooftan beeksfina.


14/06/2017
#ማስተካከያ
በ2017 ዓም የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ለሚወሰዱ ተማሪዎች በሙሉ።

ከዚህ በፊት የገለፅነው የዝግጅት ሂደት በሁሉም የትምህርት ዓይነቶች ላይ እንደተጠበቀ ሆኖ #የኢኮኖሚክስ_የትምህርት_ዓይነት ግን በስርዓተ ትምህርቱ አዲስ የተጀመረ ከመሆኑ ጋር ተያይዞ #በ12ኛ_ክፍል_ይዘት_ላይ_ብቻ ተመስርቶ የሚዘጋጅ ይሆናል።

#Oromia_Education_Bureau #Tolaa_Bariisoo_Gadaa

46k 0 304 161

Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f qormaata oonlaayiniin kennuuf qophiin taasifamaa jira

*******

Guraandhala 13, 2017 - Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Waltajjii marii damee misooma Barnootaarratti haasawaa taasisaniin, damecharratti milkaa’uuf hojii qindoomina qabu hojjechuun murtessaadha jedhan.

Keessattuu lammiileen hundi barnoota argachuuf carraa walqixa akka qabatuuf ,Hiyyeesaa fi Sooreessa gidduu garaagarummaa jiru dhiphisuuf hojjechuu qabna jedhan.

Biyyaattiin jijjiramu kan dandeessu Sirna Barnootaa jijjiruun ta’uu eeruun, riiformiiwwan hedduun bocamuun hojirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan manneen Barnootaa keessatti adeemsi baruuf barsiisuu foyya’aan akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Qormaata waliin walqabate Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f Oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa


#YAADACHIISA

#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2017 Fudhachuuf Qophaa'aa Jiran Hundaaf
-------------
BBO- Guraandhala 12/2017 Qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kan qophaa'u; -Kitaaba Kutaa 11ffaafi 12ffaa #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa yoo ta'u,
- Kutaa 9ffaafi 10ffaa #Sirna_Barnootaa_Moofaa keessaafi #Barnootni_Ikoonomiksii immoo Sirna Barnootaa Haaraa Kutaa 11ffaafi 12ffaa keessaa qofa qormaatni kan qophaa'u ta'uun hubatameera.
Dabalataanis, barattootni kutaa 10ffaatti sirna barnootaa haaraan baratanii turan gaaffii sirna barnootaa lamaanuu keessa jiru irraa waan qophaa'uuf garagarummaan hin uumamu.
Kanaafuu, Barattootni keenya haala ibsame kanarratti hundaa'uun akka qophooftan isin yaadachiifna.

Barsiisotniifi maatiin barattootaas deeggarsa barattoota keenyaaf taasisaa jirtan kanaan akka itti fuftan kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaati.

Walumaa galatti, #Qormaatni_Kan_Qophaa'u #Sirna_Barnootaa_Barataa_turtaniifi_jirtan keessaa ta'uusaa mirkanaa'eera.
Waan hin baranne hin qoramtan, kanaafuu, kan barattan irratti qophaa'aa!

CARRAA GAARII !



#ማሳሰቢያ

ለ2017 ዓም 12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ለመፈተን ዝግጅት ላይ ላሉ ተማሪዎች በሙሉ
--------
ኦትቢ - የካቲት 12/2017 በ2017 ዓም የ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ የከፍተኛ ሁለተኛ ደረጃ ትምህርት ማጠናቀቂያ ፈተና #ለመፈተን_ዝግጅት_ላይ_ያላችሁ_ተማሪዎች_ለዝግጅታችሁ_ያመች_ዘንድ_ፈተናው_የሚዘጋጀው፦
- ከ11ኛ እና 12ኛ ክፍል ፣ ከአዲሱ ሥርዓተ ትምህርት ስሆን፤
- ከ9ኛ እና 10ኛ ክፍል ፣ ከአሮጌ ሥርዓተ ትምህርት እና
- የኢኮኖሚክስ ትምህርት ደግሞ
ከ11ኛ - 12ኛ ክፍል አዲሱ ሥርዓተ ትምህርት ውስጥ የሚዘጋጅ መሆኑ ተረጋግጧል።
ከዚህ ቀደም 10ኛ ክፍልን በአዲሱ ሥርዓተ ትምህርት የተማሩ ተማሪዎች ፈተናዉ የሚዘጋጀዉ በሁለቱ ሥርዓተ ትምህርት ውስጥ ከሚገኙ የጋራ የሆኑ ጥያቄዎች ስለሚዘጋጁ በተማራችሁት ላይ መዘጋጀት አለባቸው።

በጠቃላይ ማንኛዉም ተፈታኝ ተማሪ የተማረውን ሥርዓተ ትምህርት ብቻ ስለሚፈተን በተማረውና እየተማረ ባለው ብቻ እንድዘጋጅ እየገለፅን
ትቤቶች፣ መምህራንና የተማሪ ቤተሰቦች ተማሪዎቻችንን ከዚህ በፊት እንደምታግዙ ሁሉ እስከ መጨረሻ ድጋፋችሁ እንዳይለይ የኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ መልዕክቱን ያስተላልፋል።
ተማሪዎች ያልተማሩትን አይፈተኑም!

መልካም ዕድል!


#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa


#Barsiisaa_Gahumsa Qabu Heddumminaan Horachuuf #Kolleejjiota_Barnootaa_Barsiisotaa Cimsuufi deeggaruun Murteessaadha Jedhame.
-------------------
BBO- Guraandhala 10/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa (BBOn) Kolleejjota Barnootaa Barsiisotaa (KBB) 13 waliin gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 Giddu Gala Qornnoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti guyyaa lamaaf gaggeessu har'a eegaleera

Sirna gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 haasawaan kan banan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, haasawa taasisan keessatti barbaachisummaan kolleejjota barnootaa barsiisotaa yeroo kamiyyuu caalaa sadarkaa murteessaa irratti kan argamu ta'uu, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barsiisaa gahumsa qabu leenjisee ummata keenyaa gumaachuun kan irraa eegamu ta'uu kan dubbatan Dr. Tolaan,

Rakkoon qulqullina barnootaa walxaxaa waan ta'eef laayyotti furuun salphaa miti. Rakkoowwan uumaman bu'uura irraa furuuf kaka'umsaafi kutannoo gaafata.
Haaluma kana bu'ureeffachuun BBO bara 2010 irraa eegalee rakkoo bu'uurarraa qorachaa, furmaata kaa'aa deemuu keessatti sababa weerara dhukkuba COVD-19 'n bara 2012 akka barbaadamutti furmaata kaa'uf mijaa'uu baatus bara 2013 irraa eegalee argannoowwan qorannichaa tokko tokkoon hiikaa as geeneerra jedhaniiru,

Dr. Tolaan, Sirna barnootaa haaraa qopheessuufi hojiirra oolchuu, ijaarsa mana barnootaa bu'uura boruu babal'isuun yeroo ammaa daa'imman miliyoona 2 ol akka keessatti baratan taasifameera, manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi manneen barattoota addaa babal'isuun barattoota qaxalee qormaata biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessisan horataa jiraachuu himuun, jijjiiramni bu'uuraa hundeerra kan dhufaa jiru ta'ullee, #gahumsa_barsiisaa_irratti hundaa'ol #xiyyeeffannaa_kennuun_murteessaa ta'ee argameera.
Kanuma bu'uura gochuun KBB 13 BBO jala jiru hundi #kaadhimamtoota_barsiisotaa_6000 ol ta'an, #mooraa_kolleejjootaa_keessa_jiraachaa_tajaajila_nyaataafi_siree_argachaa_yaadaafi_qalbii tokkoon barnoota isaanii qulqullinaa akka hordofan taasifameera.
Kunis, ammaa achi #imaanaafi_itti_gaafatamummaan_gahumsa_barsiisotaa kolleejjotarratti fedhameera.

Kanaafuu, jedhan Dr. Tolaa Bariisoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa #yeroo_kamiiyyuu
_caalaa_xiyyeeffannaa_kennuun_humna_keessan_cimsuufi__eeggaruu_qabna jechuun waadaa galaniiru.

Dhumarratti, biiroon keenyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sanadoota qorannoo adda addaa gaggeessaa kan turan himuun qorannoof ka'umsaaf akka isin gargaaru ilaaluu ni dandeessu jedhaniiru.
Kolleejjootni keenya barsiisaa gahumsaafi naamusa qabu ummataaf gumaachuun rakkoo qulqullina barnootaa biyya keenya qunname keessaa baasuuf gahee olaanaa taphachuu qaban jechuun dhaamsa dabarsuun sirni gamaaggama raawwii hojii banamu ibsaniiru.

Itti aansuun BBOtti, daayirektoreetii Barnoota Olaanoofi Qo'annoofi Qorannoo keessatti dursaa garee Barnoota Olaanoo obbo Rattaa Nagawoo adeemsa gabaasni kolleejjotaa dabaree dabareen dhihaatu irratti qajeelfama kan kennan yoo ta'u gabaasichis haaluma kallattii kaa'ameen kan jalqabe yoo ta'u, hanga guyyaa boruu 11/06/2017tti kan itti fufu ta'uu sagantaan bahe agarsiiseera.

#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa


Forward from: Tolla Berisso
Dhaloota Ifa Boruu ! 🌞


Barnootni Semisteera 2ffaa Haala Ho'aa Ta'een Jalqabame.
---------------------
BBO- 06/06/2017 Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi Guraandhala 03/2017 irraa eegalee barnoota haala ho'aa ta'een jalqabuu supparvaayizarootni daawwannaarra turan himaniiru.

Barnootni Semisteera 2ffaa guyyaa bornootaa 82 qofa kan qabu yoo ta'u, hanga har'aatti guyyaa 4ffaa barnootni kennamaa waan jiruuf, ammaa achi ( 82- 4 = 78) guyyaan barnootaa 78 qofatu hafe jechaadha.

Kanaafuu, barnoota keessatti guyyaan 1 ykn wayitiin barnootaa 1 gatii olaanaa akka qabu waan beektaniif barsiisotniifi barattootni keenya qixa sirriin akka itti fayyadamtan dhaamsa keenya ta'a.

Kalaandariin Barnootaa Semisteera 2ffaa guyyaan qormaatni naannoo kutaa 6fi 8, qormaata biyyoolessaa kutaa 12 kennamu dabalataa guyyaa 97 ta'ullee, guyyoota qormaataa kanneen barnootni kutaalee hafaniif waan hin kennamneef semisteerri 2ffaan guyyaa barnootaa 82 qofa taasiseera.

#Qormaatni_Naannoo kutaa 6ffaa waxabajjii 04-06/2017.
#Qormaatni_Naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 09-13/2017tti ni kennama jedhamee kan eegamu yoo ta'u,
#Qormaatni_biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, Akka Ejensiin Qormaataafi Iyyaafannoo Biyyoolessaa beeksisu irratti kan hundaa'u ta'a.

#Qisaasama_Wayitii_Barnootaa_Hambisuun_Qulqullina_Barnootaa_Haamirkaneessinu!
Bara Barnootaa Milkii Haata'u!

#Oromia_Education_Bureau
#Oromia #Tolaa_Bariisoo_Gadaa
#Education

70k 0 320 237

Guyyaan Galmee Barattoota Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Fudhatanii Beekame.
---------------
BBO- 04/06/2017 Naannoo Oromiyaa keessatti bara 2017 barattootni qormaata sadarkaa naannootti fudhatan (kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyaan galmee kan beekame yoo ta'u, galmeen taasifamus '#online' waan ta'eef Abbootiin Adeemsaa Bulchiinsa qormaataa waajjira barnootaa aanaafi magaalaa hundarraa dhufam namootni 450 ol ta'an 'software' irratti leenjiin kennamu har'a eegaleera.

Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa Waldamikaa'el yoo ta'an, haasaa isaanii keessatti bara teeknoloojiifi dijitaalawaa kana keessa qulqullinaafi gahumsaan itti fayyadamuun barbaachisaa waan ta'eef leenjii kennamu kana yaadaafi qalbiin akka hordofuu qaban ibsuun, ragaan barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa har'a galmeessisan guutuu jireenya isaanii waliin waan turuuf of eeggannoofi qulqullinaan galmeessuu qabdu jechuun dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, leenjitootaaf turtii gaarii hawwuun leenjichi ifaan ifatti banamuusaa himaniiru.

Itti aansuun haasaa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Bulchiinsa Qormaataafi Madaallii obbo Huseen Qaasim yoo ta'an, bara 2017 barattootni qormaata fudhatan;
#1_kutaa_6ffaa karoorri ,
dhi -408 134 du - 361 042 walitti -769 176
#2_kutaan_8ffaan immoo karoorri, dhi -276 302 du -260 110 wal- 536 607 waan ta'eef barattootni kunniin ragaanifi suuraan isaanii wal simee akka galmaa'an hoggantoofaafi abbootii adeemsaa qormaataafi madaallii barnootaatiif leenjiin kun har'a kennamuu jalqabneerra jedhaniiru.
Galmeem barattootaa '#online' waan ta'eef leenjitootni har'a leenji'an hanga mana barnootaatti gadi bu'anii kan leenjisan ta'uus ibsaniiru. Dabalataanis obbo Huseen, leenjii kana booda galmee kan jalqabamu ta'uu beeksisuun; #1_Kutaa_8ffaan
#Guyyaa 15/06/2017 hanga 10/07/2017 yoo ta'u,
#2_Kutaa_6ffaan
#Guyyaa 15/07/2017 hanga 10/08/2017 tti kan turu ta'uu ibsaniiru.
Kanaafuu barsiisotniifi ogeessotni galmee kanarratti hirmaatu hunduu ragaa qulqulluu akka guutan dhaamsa dabarsaniiru.

Walumaa galatti akka naannoo keenyatti #barattootni_kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_2017 qormaata naannoo fudhachuuf #ni_galmaa'u_jedhamanii_eegaman_walitti miliyoona 1.3 ta'uu karoorri biiroo keenyaa agarsiiseera.

#Oromia Education Bureau
#Tolaa Bariisoo Gadaa


​​#Istandaardii_Manneen_Barnootaa #Eegsisuuf #Gumaachi_Dhaabbilee #Deeggartoota Misoomaa Guddaadha Jedhame
######
BBO, Amajjii 26/2017 Manneen barnootaa gara istandaardiitti fiduuf hojiin Ijaarsa Mana Fincaaniifi Bishaanii Pirojektiin One Wash Waggoottan Shanan darban keessatti hojjetamaa ture gumaacha guddaa taasisuun marii guyyaa har'aa gaggeeffamerratti ibsamee jira.
Karoorri ijaarsa pirojektii #Aanaalee 76 keessatti manneen barnootaa 204 ta'aniif #mana_fincaanii,#Bishaaniifi #Bakka haaragalfii (MHM) barattoota shamarranii qaqqabamaa gochuuf waggoottan shanan darban keessatti raawwatamaa tureefi Raawwii kur.2ffaa Bara 2017 jiru manneen barnootaa fayyadamoo gochuurratti bakka hooggansi BBO, Itti gaafatamtoonni godinaalee, Fookaalonni pirojektii Wash #manaajarri Wash aanaalee argamanitti raawwii waliigalaa hojii ijaarsa pirojektichaa hanga ammaa jiru qoratameera.
Sagantaa marii kana Itti A/Hogg.BBO #Obbo #Girmaa_Baayisaa jalqabsiisanii jiru. Haasawa hirmaattotaaf godhaniin hojiin manneen barnootaa istandaardii eegsisuu hojii #murteessaafi_furtuu akka ta'e eeruun hojiin bishaaniifi mana fincaanii mana barumsaa keessatti ijaaruun rakkoo barnoonni keenya qabu furuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisu ibsanii jiru.
Hojii pirojektiin Sagantaan One Wash Biyyaalessaa (One Wash National Program) rakkoo manneen barnootaa qaban furuuf hojjetaa ture bu'aa guddaa argamsiisaa jiraachuus ibsaniiru Obbo #Girmaan.
Akkasumas ijoolleen bishaaniifi mana fincaanii yoo argatte hojii baruufi barsiisuu qajeeltoon gaggeeffamuufi qulquliina barnootaa mirkaneeffachuufillee gumaacha guddaa kan taasisu ta'uu dabaluun, godinaaleen gabaasa yeroo dhiyeessan hojiin hojjetame muuxannoo ta'uu kana danda'u akka irraa baratamuu qabutti, bakka hanqinni mul'atetti ammoo irraa baratamuu akka qabutti akka dhiyeessan kallaattii dhiyeessii gabaasaas kaa'aniiru. Akkaatuma kallattii kaa'ameen gabaasnis dhiyaateera.
BBOtti Ogeessi Saaniteeshiniifi Haayijinii(Sanitation and Hygiene Specialist WASH) Obbo #Tafarii_Dajanee gabaasa waliigalaa ijaarsaa waggoottan shanan darbaniifi raawwii kur.2ffaa bara 2017 dhiyeessanii jiru.
Gabaasa dhiyeessan keessattis raawwii godinaaleefi aanaalee walitti qabaan dhiyeessan keessatti godinaalee sababa garaa garaan rawwiin irraa harkifate dhiyeessanii jiru.

#Gabaasa dhiyaaye irratti bu'uureffachuun marii bal'aan hirmaattotaan gaggeeffameera. Haaluma kanaan maallaqni deeggarsaan misooma biyyaaf gumaachuuf dhufu yeroodhaan kan daanga'e waan ta'eef, ijaarsi bakka tokko tokkotti harkifataa ta'uunfi herreegni isaa dafee bu'uu dhabuun akka hanqinaatti gabaasa dhiyaate irraa hubatameenis hooggansi godinaafi aanaa xiyyeeffannoo guddaan hordofuu akka qabanis dubbatameera.
#Manneen_barnootaa hojii baruufi barsiisuuf mijataa gochuufi istandaardii eegsisuuf Biiroon Barnootaa hojii inisheetiivii guddaa tokko godhee baajata ramadee xiyyeeffannoon hojjetaa jira. Hawaasa sochoosuun barnootarratti hojii hojjetameenis bu'aa guddaan galmaa'aa jira.
Dhaabbileen deeggartoota misoomaas hojii misooma barnootaa milkeessuu keessatti gahee isaanii bahataa jiru.
Dhumarratti bakkeewwan ijaarsi harkifataa ta'etti hooggansi itti #xiyyeeffatee_ji'oottan lamaan dhufan keessatti ijaarsi duguugamee xumuramuu akka qabaatu waltajjiirraa hoggansa godinaafi aanaaleef kallattiin kaa'amee sagantaan marii raawwateera.

Oromia Education Bureau


Forward from: Tolla Berisso
Ifa Boru special Boarding School students on first semester break exam of 2017 E.C .

Photo courtesy : Bedellee Special Boarding school .

Ijoollee keenya gadi jedhaa hojjedhaa ,guyyaan ol jettanii deemtan ni dhufaa .

Tolaa Bariisoo Gadaa


Ifa Boru special Boarding School students on first semester break exam of 2017 E.C .

👉 Tolaa Bariisoo Gadaa


​​#BEEKSISA.

20/05/2017
#Barsiisota_Barnoota_Isaanii_Sagantaa_Gannaatiin Dippiloomaarraa Gara Diigriitti Fooyyefataniif !
-----------
Barsiisotni Barnoota Sagantaa Gannaatiin Sadarkaa Barnootaa Dippiloomaa Irraa Gara Diigriitti Fooyyeffatan #Qormaatni_Yunivarsiitii_Bahiinsaa(Exit Exam) kan kennamu Guraandhala 1/2017 Yunivarsiitiiwwan keessatti waan ta'eef #qophii_barbaachisaa ta'e akka taasiftan Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa Beeksiseera .

#Hubachiisa:- Yunivarsiitii Qormaata itti fudhattan karaa Waajjira Barnootaa Godinaaleefi Magaalotaatiin kan isin beeksisan ta'a.

🔎 Oromia Education Bureau


📢 Stay Informed

Join us for the latest updates, resources, and initiatives in education across Oromia region. Connect with educators, students, and parents as we work together to enhance learning opportunities and foster community engagement.
Sure! Here’s a more concise and attractive bio for the Oromia Education Bureau Telegram Channel:

Link:-👉http://t.me/Oromiaeducationbureaudotcom

Empowering Education, Inspiring Futures! 📚✨

Join us for the latest updates, resources, and initiatives in education across Oromia. Connect with educators, students, and parents as we work together to enhance learning opportunities and foster community engagement.

📢 Stay Informed | 📖 Access Resources | 🤝 Engage Collaborate

Together, let’s build a brighter future through quality education! 🌍💡




​​#Barattootni_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_Bara_2017 Qormaata Naannoo Fudhatan Gamanumaa Qophii Akka Taasisan Ergaan Darbe.
-----------
BBO- Amajjii 07/2017 Barattootni Kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 Qormaata Naannoo fudhatan gamanumaa qophii barbaachisaa ta'e akka taasisan dhaamsi darbeefiira.
#Qotmaatni_Naannoo_Kutaa_6ffaa kitaaba kutaa 6ffaa #amma_barataa_jiran_keessaa_Qofa_kan_qophaa'u yoo ta'u,
#Qormaatni_Naannoo_Kutaa_8ffaa immoo, ( Barnoota) #kitaaba_barataa_kutaa 7ffaa - 8ffaa jiran keessaa kan qophaa'u waan ta'eef barataan qormaata fudhachuuf qophaa'e hunduu ammumarraa jalqabdanii akka qophooftan biiroon keenya dhaamsa isiniif dabarseera.

#Barsiisotni_keenyas kallattii kaa'ame kanarratti hundaa'uun akkuma kanaan dura gargaaraa turtanitti ammas daran cimsitanii akka gargaartan dhaamsa keenya ta'a.

#Qormaatni_qophaa'us #kitaaba_barataa_irratti
kanhundaa'e waan ta'eef barattootni kitaaba isaanii irratti ciminaa haa qophaa'an.

Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 Seensa Ji'a #Waxabajjiitti kan kennamu ta'uu kanaan dura beeksisuun keenya ni yaadatama.


https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=YzMQVOT4




​​02/05/2017
#YAADACHIISA!
-----------
#Galmeen_Barattoota_Kutaa_12ffaa_Bara_2017 Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Taasisan Amajjii 06/2017 Akka Xumuramu Beekamaadha.

Kanaafuu, Galmee guyyoota sadiin booda Gaafa Kibxataa 06/05/2017 Xumuramu kana barattootni keenya hunduu ragaa guutuu kennuun akka galmaa'an #Barsiisotni_keenya_Maatiin_Barattootaafi_Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa (#GTB) akkuma kanaan duraa #xiyyeeffannoo_kennuun_barataan_tokkollee_dogoggoraan_otuun_hin_galmaa'in akka hin hafne (#carraan_bara_barnootaa_akka_jalaa_hin_dabarre) deeggarsa keessan akka taasiftan dhaamsa keenya dabarsina.

#YAADADHAA! Galmeen Barattoota #Kutaa_12ffaa_Bara_2017_Qormaata_Biyyoolessaa Fudhatan Guyyaa Kibxataa, #Amajjii 06/2017 Ni Xumurama!

#Hubadhaa !Barataan hin galmoofne Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuu Hin Danda'u.

- #BBO -
Oromia Education Bureau


Guyyaa 01/05/2017

#BEEKSISA

#Barsiisotaafi_HMB_Sad_2ffaa Hundaaf
------
Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ganna bara 2016 irraa eegalee barsiisotaafi hoggantoota MB. Sad. 2ffaatiif leenjii addaa fooyya'insa dandeettii kennuu jalqabuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatuun Ganna bara 2017 gosa barnootaa barsiisan irratti leenjii ijaarsa dandeettii kennuuf waan barbaadaniif #Barsiisotniifi_Hoggantootni_Manneen_Barnootaa leenjii fudhachuuf fedhii qabdan 'liinkii' marsariitii(website) asii gaditti isiniif kenname banuun '#Online' akka galmaa'uu dandeessan isin beeksifna.
#Hub. Warra Ganna Darbe Leenji'an Hin Ilaallatu!

#Qulqullina_Barnootaa_Mirkaneessuun_Bu'aa #Barachuu_Barattootaa Haa Guddifnu!

Link:- https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSf3qFxVxdRY6f4VMNRCcVrvbrZmdUjw7A7UBTTFBwpKduVhmw/viewform

https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSf3qFxVxdRY6f4VMNRCcVrvbrZmdUjw7A7UBTTFBwpKduVhmw/viewform

20 last posts shown.