🗣️
Yaadi garaa kee maalitti hidhamee jira?/ ሃሳብህ/ሽ በምንድነው የታሰረው?/Where
is your thought bound to?📣 Naahoom 1:7 (MACQUL) Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka;
📖 1 Seenaa 28:9 (MACQUL) Yaa Solomoon, yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu! Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta; yoo ati isa barbaaddachuu dhiifte garuu, innis bara baraan si in gata.
🔠 Namni bakkee namaa Ilaala; Waaqayyoo garuu wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru ilaala.
🔠 Namni bu'aa yaada garaa isaa jiraata. Yaadni garaa kee yoo boora'e, jireenya kee booressa.
🔠 Wanti namni bakkeetti baasee dubbatuu fi hojjetu, wanta yaada garaasaa keessa jiruudha.
🔠 Kanaaf macaafni qulqulluun Fakkeenya 27:19 irratti, "Bishaan nama isa keessa ilaale akkuma mul'isu, akkasuma yaadni namaas namichuma in mul'isa." jedha.
🔠 Qolaasaayis3: 2 kaasees yeroo dubbiftan akkas jedha,
📖 Qolosaayis 3:2 (MACQUL) Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
🔠 Biyya lafaa kana keessa yeroo jiraannu, cimsinee hojjechuu qabna; fiigicha nurraa eegamu fiiguu qabna; haata'u malee garuu, yaadni keenya isarratti utuu hin taane, isa waaqarraatti hidhamuu qaba.
🔠 Yaadni namaa kun akka galaanaati; yoo hin hidhamu ta'e, nama fudhatee adeema.
🔠 Yaadni kee akka bishaan gabatee keessaa akka inni asiif achii sin urgufnetti hidhamuu qaba.
የአማርኛ ትርጉም📣 ናሆም 1:7 (NASV) እግዚአብሔር መልካም ነው፤ በጭንቅ ጊዜም መሸሸጊያ ነው። ለሚታመኑበት ይጠነቀቅላቸዋል፤
📖 1 ዜና መዋዕል 28:9 (NASV) “አንተም ልጄ ሰሎሞን ሆይ፤ እግዚአብሔር ልብን ሁሉ ስለሚመረምርና ሐሳብን ሁሉ ስለሚያውቅ፣ የአባትህን አምላክ ዕወቅ፤ በፍጹም ልብና በበጎ ፈቃድ አገልግለው። ከፈለግኸው ታገኘዋለህ፤ ከተውኸው ግን እርሱም ለዘላለም ይተውሃል።
▶️ ሰው የሰውን ውጭን ይመለከታል፣ እግዚአብሔር ግን ልብን ይመለከታል።
▶️ ሰው የሚኖረው የልቡን ሀሳብ ውጤት ነው። የልብህ ሀሳብ ከተበላሸ ህይወትህን ያበላሻል።
▶️ ሰው የሚናገረው እና የሚያደርገው ሁሉ እንዲሁ ዝምብሎ ሳይሆን፣ በልቡ ከሞላውን ነገር ነው።
▶️ ስለዚህ ነው መጽሐፍ ቅዱስ በምሳሌ 27፡19 ላይ፣ “ውሃ ፊትን እንደሚያሳይ፣ የሰውም ልብ ማንነቱን ገልጦ ያሳያል።
▶️ ደግሞም በቆላስይስ 3፡2 ላይ ስናገር እንደዚህ ይላል።
📖 ቆላስይስ 3፡2 (ማቁል) በምድር ላይ ባሉ ነገሮች ላይ ሳይሆን በላይ ያሉትን አስቡ።
▶️ በዚህ ዓለም ላይ ስንኖር ጠንክረን በመስራት ከእኛ የሚጠበቀውን ሩጫ መሮጥ አለብን። ነገር ግን ሀሳባችን በእርሱ ላይ ሳይሆን በሰማያዊው ላይ ማተኮር አለበት።
▶️ ይህ የሰው ሃሳብ እንደ ባህር ነው፤ ካልታሰረ ይወስድሃል።
▶️ ሃሳብህ በጠረጴዛ ላይ እንዳለ ውሃ እዚህም እዚያም እንዳያናውጥህ መታሰር አለበት። 🙏
@Arara_tv_World_Wide@Arara_tv_World_Wide ✅