π™ƒπ™žπ™žπ™ π™–π™– 𝙔𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖 ✍️✍️✍


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Other


πŸ’Š Arraba kee eeggadhu!
πŸ’Š Fayyaa kee eeggadhu!
πŸ’Š Kabaja kee eeggadhu!
==https://t.me/hiikaayaadaa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Other
Statistics
Posts filter


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Yaalii atti waaqa waliin geggeesettu milkii qaba.


Haalduree kee kaayyoo keeti maalee oduu kee miti ??


Chaayinaan saree farra haleellaa osoo hojiirra jiruu hirribni fudhate adabde.

"Fu Zai" saree leenjii addaa fudhatanii Chaayinaa haleellaa irraa eegaa jiran keessaa tokko.

"Fu Zai" bara darbe Kutaa Poolisii Ummata Weifang jalatti tajaajila olaanaa kenneen badhaasa hedduu badhaafameera.

Haa ta'u malee, dhiheenya kana osoo hojii irra jiruu hirriba rafuu isaatiin Komishinii Poolisii Chaayinaatiin adabame.

Sareen kun kanaan dura hojiiwwan hin baratamnee fi hin eegamne hojjechuudhaan maqaa gaarii kan argate yoo ta'u, badhaasa hedduus argateera.

Diinagdee addunyaa irraa lammaffaa kan taate Chaayinaan, Saree leenji'an fayyadamuun boombii, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi yakka xixiqqaa biroo ittiin adda baafti.

Sareen ji'a 18 kun umrii isaa ji'a afur irraa kaasee leenjii poolisii adda addaa fudhateera.

Poolisiin waggaa guutuu milkaa'e guyyaa tokko dogoggora raawwatee adabamuu akka hin qabne namoonni baay'een yaada keenna jiru.

Fuulli miidiyaa hawaasaa sochii Fuzain hunda agarsiisuudhaan beekamu guyyoota muraasa keessatti hordoftoota kuma 340 ol akka argates gabaafameera.


Maddi:- Waliif tv




Jireenyii kee Maal akka of keessa qabuu hubaadhuu Ilaaali Maal akka ta’ee...


Dubbii kee Maal akka qabuu ofii ilaali Dubbii kee keessatti


Hiikee Yaadaa
@Hiikaaayaadaa


Waliigaltee Lubbuu fi Lafti akka Mana Barumsaatti:
.
.
.
.
.
.
.
.
Haqaa jiruu dha
Namnii Obsa fixuu
Namnii Abdii kutuu
Namnii jireenya hin fixuu
Namnii Maqaa hin fixuu
Namnii Yeroo hin Fixuu
Namnii Namummaa dha
Namnii Garamumaa dha
Namnii Filatamaa dha


#Haala_Yeroo Kam-keessattuu(jireenya gosa garagaraa keessatti) yeroon Akka sin dursine! Yeroon gaafa si durse waan baayyee dhabda. Ogummaa keetiin, muuxannoo keetiin, qorqalbii keetiin, tattaaffii keetiin, amaloota keetiin, oolmaa keetiin, obsa keetiin fi barbaachisummaa keetiin. Haalota hunda keetiin yeroo faana deemi. Yoo dandeesse yeroo dursi, yoo dadhabde garuu yeroo faana deemi. Sanach yeroo duubatti kan haftu taanan gatii keef gita kee dhabda. Wareegamni ATI baastu gatii dhaba. Kanaaf haalota kamiiyyuu keessatti; eenyummaa kee irratti aangoo guddaa kan qabu yeroodha. Ulfinni keetiif ulfaatinni kee yeroodhaan murtaa'a!.

-------------
Guyyaa gaarii qabaadhaπŸ™

@hiikaayaadaa




#Albert_Einstein

Albert yeroo barataa turetti gaaffii gaafatame.Gaaffichi gaaffii Heerreegaati.Barsiisaan yeros "1Γ—9 meeqa?" jedhee gaafate.Albertis "9"jedhee deebise.Ammas" 2Γ—9 meeqa" jedhee gaafate.Albertis "18" jedhee deebiseefi.Barsiisichi itti fufuun ammas hanga 9Γ—10 gaafate.Albertis "9Γ—10=91" jedhee deebiseefi.Barattoonni hundinuu itti kolfani.Sababni isaa 9Γ—10=90 waan ta'eefi.

Albert dhumarratti barattoota itti kolfan sanaan "gaafan deebii sirrii deebisu hamilee homaatuu naaf hin kennine.Garuu,gaafan deebii tokko dogongoru hundi keessan natti kofaltani.

Kana jechaan gaafa ati dogongora uumte namni hundi sitti iyya.Gaafa gaarii 100 hojjattu nama hamilee siif kennu dhabda.Kanaafuu,gaarii hojjachuu keetiif hamilee Namarraa hin eegiin.


Nagaan Oola

@Hiikaayaadaa


Bu'aa Bahii Yaadaa Keessa.
Deemsa Dadhabii Keessa.
Ilaalcha Burjaajji Keessa.
Xinxallii Yaadaa Keessa.


πŸ‘‰Hiikaa Yaadaa
πŸ‘‰Hiikaa Yaadaa


Amaloota 8 Namoota Callisoo Ibsan!

Namootni yeroo baay'ee #Amala_callisuu qaban dandeettii addaa akka qaban beeku qabna!

➑️1.Yeroo baay'ee dandeettii hubannaa cimaa qabu(Hubatoodha)!

➑️2.Iccitii fi wal amantaa eeguu irratti ga'umsa olaanaa qabu!

➑️3.Hiriyyoota dhiyoo muraasa waliin walitti dhufeenya gadi fagoo qabu, ni dinqisiifatu akkasumas hiriyyootaaf iddoo guddaa kennu!

➑️4.Yeroo baay'ee hariiroo isaanii keessatti baay'ina caalaa qulqullinaaf dursa kennu!

➑️ 5.Caalaatti namaaf yaaduu fi dandeettii miira namoota salphaatti hubachuu qabu!

➑️6.Dandeettii rakkoo furuu fi yaada furmaata cimaa dhiyeessuu qabu!

➑️7.Yeroo baay'ee dhaggeeffattoota!Yaada haaraa fi gorsaaf ta'u kennuu danda'u!

➑️ 8.Naannoo tasgabbaa'aa Fi Sammuu isaani boqachiisu filatu!

Walumaagalatti humna callisuu fayyadamuun fayyaa sammuu fooyyessuu, dhiibbaa dhiigaa hir’isuu, of beekuu guddisuu fi miira nagaa keessoo fiduu danda’a.


@Hiikaayaadaa


~Yeroon Yeroo isheen Dhumaa deemaa....

~Namniis Guyyaa kennamee isaatti Du'aa Deemaa kanaafuu Gaarii godhii Gaarii kee gaafa attii oli Batuu Gaarii Boqonnaa qabuu sii eegaa....

~Gaarummaa kee Riqichaa Milkaa'ina sii ta'aa...


Taateen Dubaayitti jireenya dargaggeessa Oromoo hojjetaa humnaa irraa gara moodelummaatti jijjiireπŸ‘‡

Saamu'eel Baayyisaa Tufaa jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Abuunaa Gindabaratitti dhalate. Erga gara Dubaay imalee ji'a ja'a. Kan imaleef jireenyasaa jijjiiruuf akka ta'e innis waanuma eegudha.

Kanaaf ammoo kan irratti xiyyeeffatee hojjetaa ture hojii humnaati. Hojii ijaarsaa hojjetaa ture.

Kubbaaniyaa- Tiger Company jedhamu keessa ''guyyaa tokko qulqulleessummaa, guyyaa kaan hojii ijaarsaa deeggaruun, guyyaa dhibii ammoo simmitoofaa dhiyeessuudhaan hojjenna,'' jedhe.

''Nuti gargaartota (helper) jechuudha.''

Guyyaa tokko Saamu'eel hojiidhaa ba'ee osoo mana galuuf gara sarvisii dhaabbatichaatti deema jiruu taatee jireenyasaa jijjiire arguu eegale.

''Konkolaataan Lamborghini akkaan bareedu tokko saffisaan fiigaa dhufee dhababate. Xiyyeeffannaa guddaadhaanin konkolaataa kana ilaale. Konkolaachisaan ammoo ana ilaala,'' jedhe.

Saamu'eel qaama qalbiinsaa bareedina fi surraa konkolaataa kanaan liqimfamee jiruu biyya lafaa tokko badhaastee kaan gadadoon simtu waan xiinxalu fakkaata.

Malee karaa kanaan waan fooyya'aatti darbe jedhee sadarkaa yaaduurra hin geneye ture.

''Gidduuma kanaan konkolaachisaan 'maal akkanatti ilaalta' naan jedhe,'' jehe.

Innis wayita konkolaataa kana argu miira keessasaatti uumamerraa kan ka'e rifatee hin callisne, waa'ee konkolaataa kanaa waan itti dhagahame ofitti amanamummaan dubbate.

''Konkolaataan kun akka biyya keenyaatti hin jiru. Baayyee qaaliidha. Ammoo baayyee miidhaga. Kanaaf natti toleetan laalen jedheen.''

Yoona kana konkolaachisichi ''as hiiqi'' jedheen, ofitti butuu qofa osoo hin taane meeshaa inni miiraan liqimfamee ilaalu kana keessa seenee akka argu, akka ittiin imalee qananii kana dhandhamu eeyyameef.

''An uffanni kiyya awwaara, kopheen kiyyas akkasuma, kanaan hin seenu jennaan 'lakki! namamoo konkolaataatu caala?' naan jedhe,'' jedha Saamu'eel.

''Kanaafuu seeni! Konkolaataa seentee hin beekne kana suura waliin ka'uu miti




Haqaaf fi Samii yoo ilaalin malee hin hubataanii!!


Dhugaan filannoo kee haa ta'u......


Namni yakka suukaneessaa abbaa manaa isaa irratti raawwate murtiin du'aa itti murtaa'e.

"Himatamaan foon namaa mummure murtiin du'aa itti murtaa'e" jedha odeeffannoon Ministeera Haqaa irraa argame kun.

Himatamaan kun Tsaggaayee Boggaale Bayyanaa jedhama.

Kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 04, naannoo Arsema Tsebel jedhamutti, Hagayya 27, 2014 tilmaamaan guyyaa sa'aatii 5:00 irraa hanga Hagayya 28, 2014 sa'aatii 12:30tti haadha warraa isaa osoo isheen hin argin duuban dhufee uleen mataa dhahee of wallalchisuun ajjeese.

Booda achitti dhiisee manaa bahee sa'aatii muraasa booda deebi'ee bakka isheen itti kufte harkisuun gara mana fincaanii mana keessa jiruu geesse.

Sana booda miila ishee tokko irraa muruun hamma lafeen qofti hafutti foon irraa baasuun cicciree mana fincaaniitti gate.

Miila ishee murame bakka lamatti cabsuun feestaalaa keessa kaa’ee, rifeensa ishees irraa haaduun, qaama ishee hafe immoo huccuu fi meeshaalee adda addaa irra kaa'uun hanga guyyaa 30/12/2014tti mana fincaanii keessa kaa'uun akka waan tokkoollee hin uumamnetti mana keessa bulaa ture.

Booda guyyaa 1/13/2014 hanga 16/1/2015tti mana isaa cufee baduu isaa irraa kan ka'e Komishiniin Poolisii Finfinnee qorannoo eegale.

Namni dhuunfaa kunis Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaa keessatti yakka dubartootaa fi daa'imman irratti raawwatamuun Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaa Kutaa 2ffaa Ajjeechaa fi reebicha cimaan himatamuun falmiin irratti taasifamaa tureera.

Adeemsa falmii kana keessatti ragaan abbaa alangaa erga dhaga’amee booda himatamaan ofirraa ittisuuf murtiin kennamuufis ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Haala kanaan manni murtii himatamaa kana yakkamaa ta’ee waan argeef hidhaa umurii guutuu akka itti murtaa’u murteessee.

Garuu ol’iyyannoo abbaan alangaa dhiheesseen Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtii Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa hidhaa umurii guutuu itti murteesse kuffisuun murtii du’aa itti murteessee jira.

@hiikaaayaadaa




#Namoota_Lamatu_Jiru
Jireenya kee mo'achuuf #tattaaffii ati taasiftu keessatti gosa namootaa lamatu yaada siif qaba.

1) Warri ga'umsa ofii isaaniittiyyuu hin amanne "meerre eessa geesseree?" siin jedhu. Iji isaanii mudaa kee malee coba yaada keetii hin argu. Ija ittiin ofii isaanii ilaalaniin si ilaalu.

Lafa ofii dhokatan si barbaadus. Isaan jireenyi ilma namaa waanuma halkan tokkotti jijjiiramu se'u. Waan amma jette akka ati amma jiraattee itti agarsiiftu barbaadu. Kun dhibaa'ummaa isaaniirraa madda.

Sammuun isaanii 'waa hojjetanii waa argachuu' waan jedhu hin fudhatuuf. Taa'anii quba namatti qabuun garuun kennaa isaaniiti. Isa hin nuffan, hin dadhabanis. Yeroo ati jalqabdu si tuffatu, yeroo ati xumurtu immoo si jibbu.

2) Warri lammaffaa immoo warra guyyaa borii irraa abdii qabaniidha. Jijjiiramni cichoominaan hojjechuu, jabaatanii fuulduratti adeemuu fi tattaaffiidhaan waan har'a hojjechuu dandeessu hojjechuu keetiin si madaalu. Humna, ga'umsaafi dandeettii har'a qabduun waan har'a hojjechuu dandeessu yoo hojjette, bor immoo maal hojjechuu akka dandeessu abdii sirraa waan qabaniif #jabaadhu siin jedhu.

Jireenya kee borii yaada keefi tattaaffii kee har'aa keessatti ilaalu. Hanqinuma kee wajjin si jaallatu. Yoo dogoggorte si gorsanii sitti dheekkamu malee "hin dandeessu" jedhanii abdii kee si keessatti hin gogsan.

Ok



20 last posts shown.