Kakuu Studio


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
» Barnoota Amantii Cimsannaa
» Dhugaa Wangeelaa
» Ergaa Ganamaa
» Leenjiilee Hafuuraa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kadhata Qulqullaa'aa
» Barnoota Gaa'elaa
Contact: @Megertu_Dhugasa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


Dhibaa'ummaa Part #4

Yoom iyyuu namni wanta hin nyaatin fakkaachuun isa irraa hin eegamu. Akkasumas ijoolleen maatii isaanii fi naannoo isaan itti guddatanii ala akka ta'an waan hin ilaalle akka ta'an waan hin dhaga'in akka dubbatan,waan hin tuttuqne akka jiraatan ciminaan akka guddatan hi eegamu.

Haa ta'u malee hiyyummaa isa ilaalaa guddatan akka kennaa waaqayyootti simatanii ofitti fudhatanii;oduu waa'ee hin baafne isa dhaga'aa guddatan odeessaa ;daagummaa fi dhibaa'ummaa harkaan tuttuqan mul'isaa jiraatu.maddi kanaa immoo dhiibbaa guddisaa fi naannoo isaaniti.

Macaafni akkas jedha:-

M/Fakkeenyaa 22

6 Akka itti jiraachuun ta'u mucaa gorsi innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.

Ijoolleen kennaa waaqayyooti. kennaa sana kabajuun immoo waaqayyoo isa kenne kabajuudha.Egaa maatiin keessaa achii as dhufne,hubannaa dubbii waaqayyoo yoo qabaatan gaariidha.yoo hin qabaannes,Nuti qeerroon/qarreen haalota jijjiiruu ni dandeenya.

#3. Mul'ata Dhabuu

Mul'atni kalaqa isaatiin abdii,amantii fi hojii of keessatti kan qabuudha.Nammni kami iyyuu jireenya isaa keessatti mul'ata yoo hin qabaanne,namni kun abdiin borii kan itti dukkanaa'e,amantii dhabeessaa fi hojii hiikaa ta'a.Yeroo baay'ee immoo namni dhibaa'u jireenyaaf hin dhimmu.Dhibaa'aa ta'uuf Mul'ata dhabuun qofti ga'aadha.

Dhibaa'onni jireenya isaanii keessatti galma qabatamaa ta'e,osoo hin qabaatin jiraataa osoo hin taane jiraachisaa taa'anii kan jiraatan hedduudha.Macaafni immoo akkas jedha.

M/Fakkeenyaa 29:18 Mul'anni hin jiru yoo ta'e,sabni gad dhiisii ta'a.

#4.Murteessuu dadhabuu

Kun immoo dhibaa'ummaa nama keessatti akka guddatu ga'ee olaanaa qaba. jireenya namaas burjaajessuun kan waa'ee hin baafne godha.Murteessuu dadhabuun filannoowwan adeemsa jireenya keenyaaf nuuf dhiyaatan,kallattii sirrii ta'e filachuu dhiisuu fi gara murteetti ga'uu dadhabuudha. Murtiin/Filannoon kan adeemsifaman,wantoota ilaalle,dhageenye,dubbisnee fi wantoota gaariis ta'e badaa kanaan dura nurra qaqqaban irrattidha.waan kana ta'eef iddoo barumsaa fi ogummaa irraa fudhannu filachuun barbaachisaadha.

Dadhabina murtii keenyaaf ga'ee olaanaa wanti qabu inni biraan immoo shaakala muuxannoo keenyaati.shaakalli muuxannoo keenya gara kutannaaf yookiin dhibaa'ummaaf karaa bana.yeroo baay'ee namoonni dadhabbii murtii qaban hojii tokko jalqabanii hin xumuran.Kana jechuun haala salphaadhaan oduuf,taphaaf, miidiyaa hawaasummaaf,fiilmii fi k.k.f ni mo'atamu.hamma fedhe abbaa mul'ataa yoo taa'anis sababa dadhabbii murtiin dhibaa'ummaaf ni saaxilamu.

#5.Dhiibbaa Alaa

Isaan kunis namni jireenya isaatiin hojii barbaachisaa ta'e akka hin raawwatnee fi dhibaa'ummaas akka dagaagsuuf ga'ee olaanaa qabu. Kanneen keessaa ....Hoji hiiktota (hiriyaa gadhee),miidiyaa hawaasummaa fi fiilmiiwwan.

a) Hiriyaa Gadhee....Namoonni kanneen sanyii dhibaa'ummaa oduu fi nyaataatti qabanii socho'an,bakka deemanittis kan facaasaniidha.

b) Miidiyaa hawaasummaa...
Kaayyoo bu'uuraa miidiyaa hawaasummaa walbeekumsa,beekumsaa fi ragaa adda addaa dabarsuun hawaasa guddisuu ture.Haa ta'u malee namoonni kaayyoo kana sirriitti fayyadamuu dhiisanii miidiyaalee kanaan bitamaa ta'uun barataan mana barumsaatti hojjetaan iddoo hojii isaatti miidiyaalee kana fayyadamaa hojii hiikuun dhibaa'ummaan baay'inaan babballataa jira.

c) Fiilmotaa fi taphoota adda addaa....Dhuguma firii teekinooloojii kanneen yoo sirriitti fayyadamne boqonnaa fi bashannanaaf nu fayyadu.Haa ta'u malee yoo gar malee isaan irratti xiyyeeffanne araada ta'anii hojii hiksisu.


Dhibaa'ummaa Part #2

Oxford dictionary fi Merriam Webster dictionary jecha 'Dhibaa'ummaa'f hiika hedduu ni kennu.

Couch Potato :- Yeroo baay'ee nama mana keessa taa'e oolu;fakkeenyaaf nama TV daawwachuun dabarsu jedhamee hiikameera.

Slugabed:- Nama yeroo idileen ala siree irra ciisee dabarsu jedhamee ibsameera.

Dead beat:- Nama dhibaa'aa ,jireenya iosaatti waan tokko argachuuf kaayyoo kan hin qabne jedhamee hiikama.

kuusaan jechootaa kun faallaa jecha dhibaa'ummaa yommuu ibsu"Industrious' hojjetaa cimaa jedhee kaa'a.

Hiika Dhibaa'ummaa Akka macaafa qulqulluutti

Macaaf qulqulluu Ingiliffaa "King James Version'' keessatti "Sluggard" dhibaa'ummaa kan jedhu si'a ja'a(6) kan argamu yommuu ta'u, jechi kunis kan hiikame jecha Ibraayisxii 'asel' jedhu irraati. karaa biraa jechi "Slothful" jedhu kakuu Moofaa Keessatti si'a 14, kakuu haaraa keessaa si'a 3, barreeffameera.

Macaafa qulqulluu afaan Amaaraa maxxanfama isaa jalqaba keessatti jechi dhibaa'aa jedhu macaafa fakkeenya qofa keessatti qofa si'a kudha sagal ibsamee jira.

Kana dabalatee haala dhibaa'ummaa ibsuuf kakuu haaraan hojii malee kan taa'an,hojjechuu kan jibban ,dhimma namaa keessa kan lixan jedhee yommuu ibsu,kakuu moofaan immoo amaloota isaanii baay'inaan ibsa.Macaafa qulqulluu keessatti hiikoon jecha dhibaa'aa kallattiin kennamuu baatus,amaloonni dhibaa'ummaa garuu bal'inaan argama.kunis jaallataa hirribaa,hojii kan jibbu hawwii fi abdii hin taanetiin ofii isaa akka beekaa kan lakka'u,hojii hiika waan ta'eef,hiyyummaa fi qaanii ofitti fudhatee kan jiraatu jedha.

Walumaagalatti dhibaa'aa jechuun nama osoo dandeettii fi humna qabuu,fayyaan isaa guutuu ta'ee utuu jiruu garuu sababa daagummaa isaatiin eenyummaa isaa hojiif du'aa kan godheedha.

#Maddoota Dhibaa'ummaa

Dhibaa'ummaan sanyiidhaan kan daddarbu yookiin sababa dhukkuba sammuutiin kan dhufu miti.Haa ta'u malee yeroo tokko tokko sababa dhukkubaatiin yookiin wal dhabiinsa hormooniitiin mul'achuu danda'a.


Macaafa Isaayaas Raajichaa 27:1
MD, Waaqayyo diina kee tokko in adaba, tokko in ajjeesa.
Lal, Taammee!
✓Waaqayyo abboommii isaa eeganiif kakuu isaa in raawwata.
✓Inni jiraatu narra goree na jiraachisa.

Erga diinni kee adabamee; du'u?
1, Ija godhatta! Isaay 27:6
Waaqayyo barana waan hundaan ija natti godha! Gaa'elaan, Mul'ataan; Tajaajilaan ija natti godha. Asiinis achiinis Kaabaanis kibbaanis yoo karaan dhibe Karaa Olii karaan Jira. Ofiin jedhi.!

Waaqayyo Xummureera Dhimmakoo!
Anaaf Waaqayyo hojiirra Jira natti hin Badu, inni Ani hin ta'u jedhe in ta'a.
Milkaa'een of arga. "Suma Eebbisa Waaqayyo" Anaaf Waaqayyo hojiirra jira.

✓Wanti ta'uu dide hin ta'a!
✓Kan koo kanuma kooti.


Kan biraaf
.As goraa.........
👇👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye


YOO TUFFATAN MALEE
_

Gaaf-tokkoo Adurreen beeloftee waan afaaniin qabdu dhabde. Ergaa teesse itti yaaddee maalli tokko dhufeef “. Dorgoommi badhaasa guddaa qabuu tokko yoon baasee badhaasicha barbaacha hantuutonni ni dorgomu yeroo sana Qabadhee nyaadha “ jettee murteessite.

Kanuman akka arman gadii kana baafte Beeksiisa : Qaama ilaallatu hundaaf .dhimmi isaa waammicha dorgoommi ta’aa. Guyyaa har’aa kanatti Hantuutni dhufee Funyaaniif Afaan koo gidduu yoo darbee Badhaasa qarshii 1000 Argata”” kan jedhuu ture. .

Maarree Hantuunnis boolla isaa keessa ta'ee beeksisicha bahe dhaggeefatee booda ”” Beeksiisa bareedadha….Garuu maal godha Gatii tolee Karaa bade “” jedhee jedhama

Agartaanii waamichicha .

Keessi isaa Waa qaba .” Yaa qotiyyoo marga argitee malee Boolla hin arginee” jedha Oromoon .Waamicha Seexanaa, Waaamicha biyyaa lafaa tuffadhu Obbolleessa, obboleetti. Erga Gara warra Ibroota 11: 24 Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide. Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate. Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kiristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate .

Daani’eel nyaata mana mootii amantiidhan dide: Daniel 1:8. Maaliif?

Keessa isaatuu du’aa qaba. Namaa baay'ee Affeerra biyya lafaatuu fixee har'a , adaraa hin dhumina.” Amalli affeerraa biyya lafaa fi seexana Irrii in calaqisaa keessi fokkisa” Irra duwwaa hin ilaalina. Hubataan tulluu duubatti argaa.

Namnii hafuura garuu Ijaa afuuraatiin ilaala . Inni waan hundumaa Qoraa ofii garuu Eenyunu Hin Qoramu.Yaa Obboleessakoo, yaa Obboleetikoo waanti atii affeeramtu Waan gatii jabeessa, waan miidhaga dha, Jalqabni isaa ni bareeda ta’uu danda’a…Garuu lubbuu keetiif adeema. Hiriyoonni keessaniis Oooo Kunimma si darbuu hin Qabuu sinin jechuu danda’uu…… Akka hin Gowwoomfamnee waaqayyoo hojiidhaf si barbaada.

Dhaloota siin Oolchu Qaba. Agartee Buddeenni garaa guuteef, Foonni Filatee uffateef … Nagaa fi Boqonna Lubbuuf kennu hin danda’uu(adaraa gar-malee na hin hubatina, nan beeka Buddeenni ,Uffani nu Barbaachisa Garuu kana barbaacha mootummaa waaqa keessa hin baanuu… ba'uus hin qabnu. Waan baduuf lubbuu keenyaa dhabuun nurra hin jiraatu Lubbuu keenyaa haa mararfaannu!. Lubbuu keenyaa haa eeggannu isiniin jechuun jaalladha.

Galatoomaa!


Seenaa Irraa Baratan
=================

Harmeen tokko mucaa biyyaa alaa irraa waan qabaniif xiyyaaraan utuu imalanii xiyyaari raafama guddaa keessa yeroo galu namni hundinuu qalbii isaa didiirachuu jalqabe haati kun garuu ililchuu jalqabani; yeroo kana maal taatanii ililchitu jennaan yoo nagaan geenye ilma koo biran deema; yoon deebi’e abbaa manaa koo baay’ee jaaladhu biran deema; yoo xiyyaari kun caccabe gooftaa koo baay’ee jaalladhu biran dhaqa anaaf hunduu karaadha kanaaf sodaa malee jiraadha jettenii

Hunduu karaadha!


Cuuciin Joobiraa nyaanni maatii isaanitiin adamsamee qophaayee waan isaaniif dhufuuf, yeroo baayyee dafanii balali'uuf yaalii hin taasisan.
Suuta suuta garuu maatiin isaanii nyaata ijoolllee isaanitiif fidan kana akka tanaan duraa osoo hin taane, ol fageessuun qilleensarratti rarraasuun ijoolleen isaanii utaaluun nyaata isaanii kana akka nyaatan godhu. Itti fuffuunis balali'uu akka danda'an godhu.
Ammas balali'uuf yaalii hin taasisan yoo ta'e, afaa tanaan dura mana isaanii keessa afan gogaa, baala fi marga afamee jiru jalaa kaasu. Kanaanis qoreen isaan waan waraantuf osoo hin jaalatin goojjoo sana keessaa bahuuf yaalii godhu, sana booda Joobirri baachuun gara oliitti qabee bararaan achiis akka itti balali'an shaakalchiisa. Tariitii humni isaan hanqatee kufuuf gaafa jedhan Joobirri jala seenuun utubaa, gargaaraa suuta suuta balali'uu isaan barsiisa.
Nama hin raajuu hojiin uumaa keenyaa! Obboleessa koo.... obboleettii koo.... tarii hojjechuuf humnaaf gahumsa, dandeettii osoo qabduu maatii keetiin ykn warra si guddisanin kunuunsa argachuun ykn immoo hojiin qacaramtee namarrattis hirkataa taatee argamta ta'a. Haalonnis siif mijatanii jireenya kee karaa hundumaan sirreeffattee jiraachaa jirta ta'a.
Tarii har'a akka cuucii Joobiraa baallii fi margi sitti tolee galiin kees soorata kee guyyaa guyyaaf siif gaheera ta'a. Haa ta'uutii garuu jireenyi kanarras kan darbeedha. Jireenyi kanaan qofa daangeffame miti. Akka Joobiraatti adamsitee nyaachuu dandeessatii ka'i. Isa fuula dura kee jiru qabuuf harka kee diriirsi.
Waan yeroof sitti toleen of dagattee hin taa'in. Galatoomaa!
Waaqayyo hunduma keessan haa eebbisuu eebbifamaa!
maxxansaa kanan dura kessattii waa'ee jobira wanan maxxansee nati fakkata garu waan nama barsisuu hedduu waan qabu fi


#JOOBIRA... Kutaa 2ffaa

Amaloota Joobiraa baayyee nama dinqu keessaa inni kan biraa immoo Joobirri nyaata isa adamsee argate qofa nyaachuu isaati.
Joobirri lafuma jirutti nyaanni akka isaaf dhufu hin fedhu. Ykn immoo sinbirroonni biroo akka godhan bineensota du'an isa dhiyeenyatti argate hin sooratu.
Kanarra ol fageenya jirurraa gadi bu'uun adamsee nyata qulqulluu fi isa haaraa ta'e qofa soorata.
Obboleessaa atis yaa obboleettii koo! Lafa kanarratti siif ta'uu kan qabanii fi argachuufis wanti baayyee hawwitu baayyeetu jiru. Isaan kanneenis. Karaa qaxxaamuraa fi salphaa ta'een karaan itti argattu jiraachuu danda'a. Haa ta'uutii garuu itti dadhabdee, ifaajjee, tattaaffii keetin inni argatte qofti kan kee haa ta'u. Kanaan ala garuu hawwitee jarjartee inni ati argatte hundi keessa keetif nagaa akkasumas fayyaa siif kennuu dhiisuu danda'a.

Maatii Joobiraa
Joobirri isheen dhaltuun walitti dhufeenya Joobira kormaa waliin eegaluun dura qortee ilaalti.Joobirri kormaan Joobira dhaltuu waliin firoomuu ykn hiriyyummaa ishee gaafa barbaadu, akasumaan akka salphaatti isheetti dhiyaachuu ykn firoomuu hin danda'u.
Joobirri dhaltuun dandeettii joobira kormaa madaaluuf hin qorti. Akkaataan Joobirri kormaan Joobira ishee dhaltuun itti qoramus haala kanaani.
Jalqaba lameen isaaniyyuu gara lafaatti gadi bu'u. Sana booddee Joobirri dhaltuun muka kaasuun gara oliitti fagaattee ol balaliiti. Joobirra inni kormaanis duuka bu'uun gara oliitti ishee waliin balali'a. Isa dagachiisuunis mukicha isa lafaa fuutee balali'aanii turte gadi lakkisti. Inni kormaan sunis mukichi isheen gara lafaatti gadi lakkiste suni osoo lafa hin gahin ariifatee humnaaf dandeettii qabutti fayadamee mukichi osoo lafa hin xuqin qabee deebisee isheetti kenna. Itti fuftees ol fageenya dura turterraa dabaltee gara samiitti ol fagaattee mukicha gadi lakkisti. Gochi kunis sa'aatileef walitti fufuun irra deddeebitee akkasittiin Joobira kana qorti. Joobirri inni kormaanis muka yeroo kamittuu gadi lakkifamu kana osoo lafa hin gahin qilleensarratti qabuun deebisee isheetti kenna. Tasa mukicha qabuu dadhabee mukichi darbee lafatti kufe taanaan garuu dhumateef, inni abbaa ijoollee ishee ta'uu hin danda'u waan ta'eef hin ariiti.

Obboloota koo jireenya keessatti hiriyyaa gaa'eelaarraa kaasee sababa hojiitiif hiriyyoonni walitti dhufeenya waliin gootu baayyeedha. Nama baayyeenis wal barta. Waan xiqqoon kan amaname baayyeef muudama waan ta'eef dursa eenyumaan waliinuu walitti dhufeenya uumuun dura qorii ilaali sirritti. Hiriyyaa gaariin obboleessa obboleetirra caala sila ta'eef!
Joobirri takka Joobira tokkoof qofa. Joobirri tokkos Joobira takkaaf qofa. Hamma lubbuun jiranittis isaan lachanuu gara Joobira biroo hin deeman. Isaan lamaan gargar kan isaan baasu yoo jiraate du'a qofa. Jireenya isaanitis wal gargaaruun jiraatu. Joobirri dhaltuun yeroon isheen hanqaaquu buustu ykn hanqaaqxu yeroo gaheettis Inni kormaan muka baayyee ol dheeraa barbaaduun mana ijaaruufii eegala. Manni inni ijaaru kunis afaa wal irra tuulama 3 hamma 7tti qaba. Afaan inni jalqabaa muka yoo ta'u, sadarkaa lammaaffarratti immoo qoreetu irra afama. Itti fufees lafa adamooti gogaa bineensotaa argate irra afa. Xumurarrattis baalaa fi marga gara garaa irra afa. Joobirri isheen dhaltuunis hanqaaquu buusti. Isatti fufee anqaaquun tuni ho'a gahaa argattee caacutii akka yaasuuf ho'a kennuufiin gahee isaan lachuutiyyu. Wal jijjiiruun dabaree dabaree hanqaaquu tana hammachuun ho'a kennuufi. Gochi kunis hamma caacutiin yaatutti itti fufa. Caacuutiin erga yaateen booddees dabareedhaan ilmaan isaanii kana sooru.

Jooborri nyaata adamsee argate kana ijoollee isaatif fiduudhaan akkaataa nyaachuuf isaanitti toluun qopheessefi sooruun, akkasumas akkaataa itti balali'uu danda'an barsiisuun ijoollee isaatif aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun jaalala isaa itti argisiisa.


Wangeela Yohannis 6:64
MD, Jireenya bara baraa

*Maaltu jireenya bara baraaf nama qopheessa?
1, Qulqullummaa qabaachuudha.
Lew 19:1-5
2, Dubbii mi'aayaa hin qabne irraa fagaachuudha. 2Xim 2:16
3, Abdii qabnutti gammaduu fi rakkina obsuudha. Rom 12:12
✓ Obsi In darba.
✓ Obsi Bira geessa!
✓ Obsi in fudhatta!
Hamma yeroon ga'utti obsee dhaabadheen waaqayyoon eeggadha.


Kan biraaf
.As goraa.........
👇👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


Amma gosoota aarsaa caaffata qulqullaa'a keessa jiran haa ilaallu. Aarsaan gosa 5'tu jira. Isaanis:
1. Aarsaa qalmaa
2. Aarsaa midhaanii
3. Aarsaa araaraa
4. Aarsaa cubbuu
5. Aarsaa yakkaa


AARSAA
KUTAA 3FFAA

SEERA LEEWWOTAA
Seerri lewootaa akkaataa warri furaman waaqayyo waliin hariiroo qabaataniif jiraatan kan mullisuudha.
Ammi yeroo itti namoonni furaman gammachuu waaqayyoorraa hirmaataniif jireenya waaqayyoon gammachiisu jiraataniidha. Gammachuu namaaf waaqayyoof giddu galeessi aarsaa qofadha. Nama fi waaqayyoon walitti fiduu kan danda'u yoo aarsaan gidduu jiraate qofadha. Namni jalqabarraa kufaa dhufe waaqayyo waliin dhaabbii qajeelaa qabaachuuf aarsaan dhimma ijoodha.
Seera uumamaa keessatti waaqayyo sagaleen isaa waaqarraa dhaga'amu, seera ba'uu keessatti waaqayyo sagaleen isaa tulluu siinaarraa dhaga'amu ; amma seera leewwotaa keessatti waaqayyo sagaleen isaa saba gidduudhaa dhaga'amu argina kanaaf yeroo kamiyyuu caalaa akkaataan itti namni furame waaqayyo waliin hariiroo godhatu ykn qabaatu dhimma murteessaadha. Hariiroon kun waaqeffannaadha. Seera ba'uu keessatti waaqayyo museetti abidda keessaan mullata; sabatti sodaachisaa fi naasuu guddaan itti mullata amma garuu waaqayyo abiddaa fi naasisuun mullatu osoo hin taane waaqayyo dhiigaan nama ofitti dhiheessu argina. Seera ba'u keessatti sabni waaqayyoon alaalarraa sodaadhaan jiraatuuf amma garuu dhiigan waaqayyo nama waliin jiraachuu yeroo itti eegaledha. Kun dhiiga kiristoos isa ormoota hundumaa dhiheessudha.Efe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse.
¹⁷ Inni dhufee isin warra fagoo turtanitti, isaan warra dhi'oo turanittis misraachoo nagaa lallabe.
Kanaaf amma nuti waaqayyootti dhihaanneerra. Hariiroon waaqayyo waliin qabnu kan irratti bu'uureffate garuu namummaa keenya osoo hin taane , aarsaa irradha.
Waaqeffannaan hariiroo namni furame waaqayyo waliin qabudha.
Aarsaan kan waaqayyootti ittiin olgalanidha.
Ibr. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁹ Egaa yaa obboloota ko! Yesus dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabna.
²⁰ Inni foon isaatiin karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu golgaa sana keessaa nuuf bane.
Aarsaan namoota furaman qulqullaa'oo kan godhuu fi qulqullummaatti kan jiraachisudha.
“dhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?”
— Ibr. 9:14
Macaafa seera leewwotaa guutummaa yoo ilaalle bakka shanitti qoodnee ilaalla. Isaanis
1. Seera aarsaa (ordinance offering ) (1-7)
2. Seera tajaajilaa (service) (8-10)
3. Seera jireenyaa (living) (11-12)
4. Seera ayyaanaa (feasts) *23*
5. Seera biroo fi akeekkachiisaa (other ordinance and warnings) *24-27*

Nuti garuu amma garuu kan ilaallu aarsaa waan ta'eef seera leewwotaa boqonnaa tokko irraa qabee hanga torbatti jiru irratti xiyyeeffanna.
Godoon seera ba'uu keessatti waaqayyoon gara namaatti fide, aarsaan immoo nama gara waaqayyootti fide. Kiristoos bakka lamaan isaa bu'uun waaqayyoon godoo ta'ee gara namaatti fidee ofiisaa aarsaa ta'ee nuunimmoo gara waaqaatti fideera. Godoo ta'uun kiristoos foon uffachuu sagaleeti, nuun gara waaqayyootri fiduunimmoo qaraaniyoo golgootaaratti fannifamuu kiristoosidha.
Aarsaan hojiin isaa angafaa cubbuu namarraa fuudhuudha.sababni isaa waaqayyo cubbuu hin beeku.“Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.”
— Yoh. 1:29
Godoon akka nuti waaqayyoon agarruu fi dhageenyuuf waaqayyoon nutti dhiheesse; aarsaan immoo waaqayyoon akka shaakalluuf jireenya isaarraa hirmaannu kan nu godhedha.
Aarsaa dhiheessuun waaqayyorraa hirmaachuudha. Aarsaan gammachuu keenya qofa osoo hin taane gammachuu waaqayyootis, karaa aarsaa gammachuu waaqayyootti dhihaanna, innis aarsichaaf beekamtii kennuufiif itti gammaduudha. Kiristoos aarsaa nuuf dhihaatedha akkasumas aarsaa nuti harra dhiheessinudha.


MD, Rakkina keef furmaanni jira.
Kan ATI ittiin jiraattus Jira.
2Mot 4:1-7
Inni isa qabu isa hin qabu; inni Isa qabu immoo homaa hin dhabu.

✓Rakkina kee furuuf
1, Hundee Rakkinicha beekuudha.
2, Eenyuun eessatti furmaanni akka argamu beekuudha.


Liinkii kana itti bu'uun
👇👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE godhaa
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye


Wangeela Luqaas 5:11
MD, Yesuus Nu Milkeessa.
Luq 5:1-11
Erm 29:11
*Hojjedhu Yessuus si milkeessa.
*Hojjedhu itti fuftee deemta.
•YESUUS kallattii sitti agarsiisa.
•Yesuus iddoo ati ITTI milkooftu sitti agarsiisa.

Yesuus akka si milkeessuuf maaltu sirraa eegama?

1, Waaqayyoon kadhachuudha.
Gaafa kadhannuu;
*Kallattii nutti agarsiisa
*Karaa nutti agarsiisa

2, Waaqayyoon Sodaachuu.!
*Akkamitti akka deemnu nutti agarsiisa
*Waan barbaannu nu barsiisa.
*Waan barbaannu nu argachiisa.

3, Waaqayyoon Amanachuudha.
* Amantiin humna hojjetu qaba.
*Amantiin humna oolchu qaba.
*Amantii wal hora.
*Amantiin humna fayyisu qabu.
*Amantii bidiruu fi Riqaa jireenyaati.
*FAYYINNI bu'aa amantiiti.

#join it👇
https://t.me/ForAllthingsEye


¹⁰ Namni qajeelaan ija hojii isaatti gammaduuf waan jiruuf, gammadi ittiin jedhaa!
¹¹ Namni jal'aan garuu wanta nama irratti hojjete hundumaa argachuuf waan jiruuf, isaaf wayyoo!

____ Isa. 3


KANA BEEKTAA LAATA?

✪ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu.

Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

✪ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

✪ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

✪ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha.

⩩ Ati immoo abbaa kaayyooti,
⩩ Ati immoo abbaa mul'ataati.
⩩ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree?

Of ta'un ofumafi!


Faar. 32:8

8 Waaqayyo, ''Waan gochuun siif ta'u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta'u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to'adha.


@Kakuu_Studio
@Kakuu_Studio


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


Dhugaa 7 Guyyaa har’aatiif:
===============•••••======•••••===
1. Hiikni Qajeelummaa Waaqayyo harka
2. Hiikni Gaa’ila Waaqayyo harka
3. Ogummaan Waaqayyo bira Yuniversitii keessa miti
4. Hiikaan Hameenyaa Waaqayyo bira malee baay’ina bira miti
5. Seenaa Waaqayyotu hiika Mootota miti
6. Hiikaan cubbuu Waaqayyo bira malee beektota Xinsammuu bira miti
7. Gammachuun waaqayyoon malee miira keenyan miti.


NAMA MILKAA'AA TA'UU YOO BARBAADDE KANEEN ARMAAN GADII YAADATTI QABADHU

🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
Mikkaa'insi callisee karaa irraa namatti hin goru,principloota hordofamuu qaban hojiirra oolchuu gaafata.

Mee sifayyaduu danda'a dubbisi

1. Namoota biroo fi naannoo komachuu

Wantoonni humna keenyaa ol taʼan hedduun akka jiran beekamaadha.

Garuu wantoota to’achuu dandeenyu hedduunis jiru.

Sammuun keenya dandeettii yaaduu fi rakkoo furuu qaba. “Maaliif kun na mudachaa jira?” jechuun Komii dhiheessuu mannaa akkana jedha:

“Amma rakkina koo akkamitti furuu dandaʼa? jechuun Of gaafachuun dansaadha.

nama biraa tasumaa hin komatin.

2. Kaayyoo fi karoora malee jiraachuu

kaayyoo fi karoora galma keenya irra ga’uuf hin qabnu taanaan akka feetee jiraachaa jirra jechuudha.

Kanaafuu wantoota galmaan gahuu barbaaddu maali? Kanneen galmaan ga’uuf karoora akkamii fayyadamuu qabda? Gaaffiiwwan kana deebisuun jireenya fooyya’aa uumuu dandeenya.

💙Tasumaa nama karoora hin qabne hin ta'in.

3. Waadaa ofiif galle dagachuu

Dubbii keenya eeguu yommuu dadhabnu, namoonni kaan amantaa nutti hin qaban. Dubbii keenya eeguu yoo dadhabnu ofitti amanamummaa dhabna.

waan hojjennu ykn karoorsine yemmuu dubbannu namoota kaan gammachiisuuf yommuu carraaqnu, dubbii keenya haa eegnu.

❤️Namni waanuma dubbatu jiraata.

4. Hojii guyyaa guyyaan galma keenyatti nu geessu Hojjechuu dhiisuu.

Gochi karaa itti fedhii yaadame gara addunyaa dhugaatti fidnudha. Kanaaf, yeroo ykn humna keenya dhimmoota salphaa taʼan irratti akka hin qisaaseessine waadaa cimaa galuu qabna.

Hojii guyyaa guyyaa keenya hojiitti hiikuudhaan mucaa keenya garaa keessa jiru ija sammuu keenya keessatti dhungachuu dandeenya.

hojiin ati guyya guyyaan hojjettu fi wanti ati dubbattu galma keetti kan si deemsisu ta'uu qaba.

walumaa galatti:-

💙Nama guddaan ta'a jettee karoorsiteetta taanaan namoota biroo fi naannookee komachuu dhiisii lafuma jirtuu ka'i.

💙 Gara nama guddummaatti kan si geessuu kaayyoofi karoora qabaadhu.

Guddachuuf hin karoorsinee taanaan , xiqqaachuuf karoorsaa jirta jechuudha.

💙Akka nama guddaa taatuu waadaa ofiif gali,haalli kamillee yoo natti dhufe nan mo'adha ,nan darba jedhi malee kan kaayyookee irraa adda sibaasuu dhufuuf harka hin kennin.

💙Inni dhumaa wanti ati guyya guyyaan hojjettuu fi yaaddu ykn dubbattu xumura kee ibsuu qaba.

Namootni gootootni tokko tokko 'Sharaa keessa cisaa waayee mana isaani isa miidhagaa bor ijaarratanii dubbatu.

Har'a kophee gaarii tokko illee hin qaban garuu konkolaataa moodela haaraatu keessa isaanii jira.

Goototni du'aafi badiisa hin abjotaani

Goototni kiyyoo har'a keessa jiran otoo hin taane waayee dirree bal'aa fuula isaanii dura jiruu abjootu.

#iddoo amma jirtutti hin du'in.


🗣️ Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Maal Jedha?

Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa'udhaan gabaabinaan Waa'ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29)
Guutummaa isaa website keenya irraa ni argattu 👇👇

https://gaggeessummaa.com/macaafni-qulqulluun-waaee-pornogiraafii-dubbateeraa/

20 last posts shown.