Hoji geggeessaan olaanaan Google, Sundar Pichai, dhaabbata AI DeepSeek dinqisiifate. Dhaabbatichi moodela AI cimaa tahe baajata xiqqaa doolara million 6n qofaa, uumame. Kunis, moodeloota AI idil-addunyaa keessatti hojjataman irraa gatii xiqqaan hojjatame. Hedduun moodeloota biroo doolara miiliyoonaa 100 oliin hojjataman. Pichai, “Team DeepSeek hojii gaarii baay’ee hojjate, jedhe.
Dhaabbileen gurguddoon teknooloojii hedduun, fakkeenyaaf Metan, moodel isaanii leenjisuuf chip AI 16,000 fayyadaman. Garuu DeepSeek chip 2,000 qofaan milkaa’e. Kunis baajata xiqqaan wanti guddaan hojjatamuu akka danda’u agarsiise jedhe. Akkasumas, moodel isaanii open-source waan ta’eef namoonni addunyaa irraa itti fayyadamuun cimsanii fooyyessuu danda’u.
Pichai, app DeepSeek App Store fi Google Play keessatti sadarkaa olaanaa irra gahuu isaatin akka gammadee fi AI dorgommiin idil-addunyaa akka ta’e mirkaneesse.