NAMNI NAMA FAYYADUUF MALEE MIIDHIUF HIN
UUMAMNE!
Xiinsammuu 002
Yoon isarraa adda ba'e inni ni miidhama ykn yoon
isheerraa adda ba'e isheen ni miidhamti jettee
jaalala akka itti hin fufne utuu beektuu jaalallee
kee waliin jiraachuunkee miidhuu dha malee
fayyaduu miti. Utuu jaalalleenkee hin beekiin
yeroo dhaaf waliin gammadeen gaafan barbaade
irraa adda ba'a jettee yoo yaadde ta'e, yaada
sana dhiistee utuu jaalalleekee hin miidhiin akka
armaan gadii kanatti karaa nagaa irraa adda ba'i.
1. Guyyaa jaalalli keenya itti fufuu hin danda'u
jettee MURTEESSITEE (utuu hin murteessiin itti
yaaduun akkuma jirutti ta'ee) kaasii irraa adda
ba'i.
2. Yeroo irraa adda baatu QAAMAAN argii irraa
adda ba'i. Textiidhaan, bilbilaan, chatiidhaan si
dhiiseera jettee itti hin himiin.
3. Yeroo irraa adda baatu waan kana gooteef,
waan haalli naaf hin mijanneef, takka adda
baanee ilaalla jedheeni fi kkf jettee sababa sobaa
fi haalatti hin qabatiin. Maaliif irraa akka adda
ba'uu barbaadde sirriitti itti himi.
4. Yeroo itti himtu, utuu hin dheekkamiin gaaffii
isheen/inni si gaafate/tte hunda deebisiif.
Deebiikees ifaa godhi, hin dhoksiin!
5. Maaliif akka adda baate, yoomiif akkamitti
akka adda baatee, maaltu akka isin muudate
namoota biraatti haasa'iin.
6. Erga irraa adda baatee, hin bilbiliiniif,
jajjabeessuu hin dhama'iin, jaalala dhaabneerra
garuu hiriyyaa gaariin sii ta'a jettee itti hin
dhiyatiin. Namni takkaa wal jaallatee ka'ee
waldhiisee deebee jaalallee malee hiriyyaa waliif
ta'uun soba.
7. Waa'ee nama irraa adda baate sana
hir'inasaaa/shee, hammeenya fi rakkoo isaa/
ishee hin haasa'iin. Nama gaarii akka siif turte/
ture haasa'i.
Dr. Gurmeessaa
Gorsa xiinsammuu garaa argachuuf