Didi ... βΊοΈ
Gaafa Donald Trump yeroo lammaffaaf pirezidaantii Ameerikaa ta'uun fedha jedhu addunyaan itti qooste. Biyya keessaa immoo namni akka Trump itti duulame hin jiru. Miidiyaan immoo loggomeeetuma isa qaba. CNN guyyaa rabbi uumee Trump yakka. Twitter irraa ni ari'ame.
Osoo jennuu Ameerikaa keessatti namni hamma Trump mana murtii deddeebi'e waan jiru natti hin fakkaata. Waggoota afurtamman darban keessatti Trump sababa garagaraatiin yeroo 4000 himatamee mana murtii dhaabbatee jira. Baay'ee isaa hinuma mo'ate.
Trump filannoo miilanaa ni mo'ata jedhee namni tilmaame xiqqaadha. Gufuu baay'eetu isa mudate. Yaaliin ajjeechaayyuu irratti godhameera. Rasaasni gurra isaa diimessitee dabarte xiqqumaaf mataasaa hanqatte.
Trump garuu ittuma ciche. Ni dide. Namni kabaja Ameerikaa deebisu, namni Ameerikaa gulantaa ulfinaatti deebisu anuma jedhe. Namni amane waan jiru hin fakkaatu ture.
Guyyaan ni geesse, guyyaan dhumaa. Trump Kaamlaa Haaris ofitti dhiitee bira darbe. Manguddoon ganna 78 yeroo lammaffaaf pirezidaantii Ameerikaa, karaa sududaa immoo hoji gaggeessaa addunyaa ta'ee filatame.
Kanaafuu, waan namni siin jedhu osoo hin taane waanuma ofii itti amantutti cichi. Didi. π