“lubbuu namaa baraaraa turre, amma yeroon kan lubbuu keenya baraarruudha” jechuun Ogeessonni Fayyaa Itoophiyaa duula adeemsisaa jiru.
Jireenya gadadoo ogressota fayyaa Itoophiyaa qeequun ogeessonni fayyaa duula adeemsisaa jiru.
Biyya kana keessatti ogeessoonni fayyaa jireenya ulfaata qaamni kamuu hin hubanne jiraataa ummata tajaajilaa jirra kan jedhan ogeessoonni kunniin “Biyyatti keessatti ogeessi fayyaa lubbuu namoota hedduu waldhaansaan du'a irraa hambisuun maatii keessatti gammachuu uumus jireenyi isaa fi kan maatii isaa jireenya gadadoo fi hiyyummaan guuttame jiraataa jira” jechuun qeeqan.
Barnoota isaanii waggaa 7 olii booda tokko jedhanii jireenya isaanii gadi dhaabuun Abdii maatiin irraa qabu “ilmi koo, Intalli koo Dooktora taatee/‘ee na gargaara” ka jedhu abjuu ta’ee wanta hafe fakkaata.
Haala jireenya isaanii daa’imni ilaale dooktora ta’uu akkamitti hawwa ka jedhan ogeessoonni kunniin jireenya gadadoo sirna barnootichaa irraa eegaluun haalli diinagdee isaanii haala yaaddessaa irra ga’ee ka jiru fakkaata.
Bu’aa isaan gumaachaa jiraniifi bu’aa isaan argataa jiran yeroo madaalamu kan wal hin ginne ogeessoti fayyaa kunniin yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa irratti duula “lubbuu namaa baraaraa turre, amma yeroon kan lubbuu keenya baraarruudha” jedhu geggeessuun hubannoo uumaa jiraachuu miidiyaan
@Abdii_Sabaa hordofeera.
Akka marsaariitii “World population Review “ gabaasetti bara 2025, kaffaltiin ogeessota fayyaa (Dooktorootaa) waggaatti.
* Switzerland: $264,055 (39,608,250 Birr)
* United States: $261,226 (39,183,900 Birr)
* Luxembourg: $241,761 (36,264,150 Birr)
* Bermuda: $232,467 (34,870,050 Birr)
* Australia: $201,744 (30,261,600 Birr)
* Iceland: $192,373 (28,855,950 Birr)
* Denmark: $189,770 (28,465,500 Birr)
* United Arab Emirates: $182,012 (27,301,800 Birr)
* Canada: $174,087 (26,113,050 Birr)
* Finland: $173,507 (26,026,050 Birr)
Yommuu ta’u Itoophiyaa keessatti ammoo waggaatti qarshii kuma dhibba tokkoofi 14 qofa ta’uu himannaan hogeessota fayyaa kanaa ni ibsa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡