Posts filter


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More


Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More


haadha kiyyaaf bitu qofa malee dhugaatii alkoolii dhugee waanan hin beekneef gaafa hiriyoonnikoo dhuguu dhaqan immoo birriin hojjedheen daabboo biteen kanneen akka ruuziifaa yoon birrii fooyya'aa hojjedhe biteen immuttiif immoo buskutii adda addaa biteen ishee gammachiisee waanan jiraadhuuf alkoolii baruu hin barbaadu. Gaafa simaleen ajajadhu jettu garuu anaaf mirriindaan jedheen.
Isheenis mucaa eegamtu waan taateef yeroo jalqabaa isheetiif harra dhiiraa wojjin hoteela teessee nyaatte. kanaaf dhugaatii alkoolii dhugdee hin beektu.
Kanaaf mirriindaama dhugnee mastiikaa (allaancaa) bitannee alanfacha gara magaalaa irraa gara naannoo qabbana qabu lafa magariisa namni tokko hin jirreetti qajeelle. Achi geenyees teenyee quba ishee qall'atee filaadhaan wol hin caalle sana rifeensakoo caakkaa walal fakkaatu kana keessa galchitee miillakoorra ciiftee miilla ishees wol irra keewwattee kolfaafi oduudhaan nu bohaarsiti. gaafa isheen kofaltu du'aan waan lafa keessaa socho'u natti fakkaata ilkaan ishee adii cabbii lafa hin geenye fakkaatu kana natti achii ol qabdee mataa ishee dhedheeraa kana narra ciibsitee fuula ishee diimtuu keessaa hin baane kana. Ijakoo dura qabdee jireenyakoo lafarratti waan jannata galte fakkeessite.
Na haasobsiisti haasaan harkaa hin dhumu an deebii hin dhabu. Akkasumattiin taphannee utuu hin quufin. Manatti gallee sa'atii immuttiin mana barumsaatii itti baatutti deemnee immuttii barbaannee fuunee gallee uffata ishee itti uffifnee moobaayila simaleetiin suura woliin kaanee taphachaa turre.
Simaleen "abdiiko sin jaalladha" jettee na haammattee gara immuttii ilaalti immuttiin immoo haartee simalee narraa dhiibdee na haammatti oduu duriifaa wolitti himnee hibboo wol gaafannee utuu of hin beekin taphanna.
Utuuma jennuu sa'atiin 1 ta'e. Tokko ta'uu isaa kan barre silkiin simalee Itti bilbilame iyyuu isaarrattidha. kan bilbile abbaa ishee ture. Hin naane ala gaafa ilaallu gurraachadha. Simaleenis sossodaachaa silkii abbaa isheerraa kaafte.
Abbaa "Hello eessa jirta hamma yoonaa?"
Simalee "he..he..hello abbaa dhufaan jira" jettee bilbila cuftee akkan ishee geessuuf na gaafatte anis waanan isheef gaddeef tole jedheen immuttii manatti dhiifneen woliin ka'e. Balbala isaanii dura geenyee balbala rurrukunne abbaan ishee balbala nuttii banee baatirii moobayilaa nutti qabe anaaf si maleedha. Hubatee na ilaale uffatikoo uffata worra...qabeenya quufee....... fakkaata fuullikoo garuu mucaa wasaaddarii sana fakkaata. Ammas natti siqee baatirii natti qabe ani garuu Abdiidhuma wasaaddariif hattichadha.
Cu'aaaaa...... Kaballaa haleel*laansaa cimaa ta'e tokkoon fuula simalee keessa kabale..... ITTI_FUFA

Kutaa 6ffaan akka dafee dhiyaatuuf like fi share godhi.
Comment jalatti kutaa 6ffaa jedhi

Share➠ @asoosamaafiwalaloo
Share➠ @asoosamaafiwalaloo


SIMALEE
#KUTAA_5FFAA

..."Abdii nagaa bultee" jechuun simalee gammachuu addaa onnee koo irratti ijaare. sodaan garuu keessa kootii hojiitti galuuf qophii jalqabeera. Sammuunkoo oliif gadi yaaduu jalqabdeetti. Simalee bira deemuuf kanan ture bakkan ka'etti deebi'ee taa'een yaaduu jalqabe. Takka "mucaan bareedduun mucaa harra dhalatte fakkaattu kan dhaqna ishee xuriin takkaa hin tuqne fakkaattu kana mucaama kanatu na jaallate jechuun peee.... Anaan namni natti fakkeeffamuyyuu waan lafarraa dhabamudhakaa akkas jechuun" jedhee yaadee utuun hin fixin yaannikoo inni tokkommoo "lakki isheenoo hin sobdii, tarii ati hattichi kun utuu hin beekin abbaa ishee jalaa qarshii hatteetta ta'a. hattuu woyii si'iin hannumakeetu si miidha qalqalticha nana. Ati diinakeerraa nyaattee ofiin hidhaatti of galchaa jirta. Geemii ofirratti taphachuu jechuun isa akka keetiiti. Hin agartuu? abbaan isheefi haati ishee akka isaan itti si ilaalanii si bira darban. Sanuu durba bara kanaatu nama maallaqa qabu dhiisee si jaallataay? Hatticha rakkaticha nana kan waan nyaattee bultullee hin qabne kana rakkinniyyuu qaata si nuffe. Si'iin du'atu sirraa deema malee hangam toluyyuu kankee hiikaaf furmaatisaa qulfii mana birriitiin qollofameera. Eenyutti sirbuuf itti woccitee itti howisuu deemtaa? Du'a yoo ta'e ofii keetiin of hin ajjeeftuu? Funyoo meetira lama waan siif bitu dhabdamoo?" naan jedha yaadnikoo kun.
"Gowwaan fageessee yaadu abshaala yeroof baroodurra guddaa hin caala" jechuummoo barsiisaa keenya ingiliffaa tokkotu utuu nu gorsuun dhagahe. Kana yaadadheen immoo yaadakoo inni faallaan dhimmisu sun natti dhufe.
Innimmoo akkas naan jedha.
"Ati hanga yoomii diivii (dv) ofiin siif bahe dhiiftee xaartee barbaadda. Mucaan kun dhuguma utuu si hin jaallattu hamaadhaaf ta'ee kanaan dura si hiisiftee ykn mana hidhaa si galchitee jirti. Amma garuu sababa si jaallattuuf onneen ishee waan sirraa qabameef gowwaa taatee akka itti sitti himattu dhabdee jirti. Ofumaa jecha habashaa sana fuutee isa araadaa ofiin jettu sana lafa kaa'i. Namni araadaan wanta namni himachuuf isa rakkisu muudiidhaan irratti bara jetta gaafa haasoftu. atoo akkasheen si jaallattu kana haasaa isheetiif gochaaf onnee ishee maalif hin ilaalle? Faaraa." naan jedhe yaadnikoo. Ammagaa anis deemee nagaa gaafadhee gammachuun eda halkan ishee yaadee dhiphachaa ture itti himuuf of Dirqamsiise simaleen bakka isheetii lafaa kaatee na eegdee an deebi'ee taa'ee jennaan deebitee teessee ija keessa na ilaalutti jirti.
Anis deebi'ee lafaa ka'een gara simalee deemee haammadhee nagaa gaafadhee "eda waayee kee onneekoo keessaa dhaggeeffadheera kanaan dura hin dhaggeeffannen ture kanaafan kaleessa si biraa deeme. Amma garuu dhaggeeffadheera. Baayyee na hawwisiiste rafee hin bulle. Ijikoo dukkana ilaalaa onneenkoo si ilaalaa sammuunkoo si yaadaan bule SIN JAALLADHA" n jedheen simaleenimmoo akka nama fiilmii hindii hordofaa jiruu namni isheen deggertuufi kanisheen hin deggerre carraa dhumaaf wol mo'aa jiranii maaltu ta'a laata? jettee waan eegaa jirtuuf kolfa xinnoo seeqxee harka ishiitiin afaan qabattee lafaa kaatee natti maramtee na gad dhiisuu didde anis hamman eda yaadaa bule haammadhee dhungadheen dheebuu bahe. Fuulakoo isa qullaa hareeda hin biqilchine kana reef gara gadii dhaaba areeda ko irratti tiftif jettee bahaa jirtu Kana harka ishee qaqalloo kana maddikoorraaf areeda koorra nanaannessiti. Qeensi quba ishee qalamaafi boca chaayinaa malee bareedee liqimsi nama godha. Ammuma kaanee akka woliin deemnee uffata naaf bittee immuttiifis bittee akka woliin deemnee bashannannu natti himte. Akkuma jettes mana barumsaatii baanee mana bittaa uffataa demnee immuttiin mana barumsaatii waan hin galleef anaaf uffata binnee immuttiifis binnee mana keenyeefii anis nabsii (dhaqna) ko dhiqadhee uffata koo isa ofiin ciccitee raapperi hiyyeessaa fakkaatu kana ofirraa lafa buuseen isa maashiniin kukkute raapper cloth jedhan sana uffadheen mataakoo ol dhaabatee jiru kana bishaan isaa irraa urgufadhee gara riistooraantii deemnee nyaannee,simaleen dhugaatii ajajadhu naan jette an mirriindaa gafan
.
.
.
@asoosamaafiwalaloo


Baay'ee na jaallatti tokkittii obboleettis firakootis naman wojjiniin jiraadhu ishee malee hin jiru. Harra gaafan waanan ta'e itti himuu dhiisu gaaffiin sammuu ishee irraa imimmaan qofa ajaje. Anis itti himuufan dirqame. Tokko lama jedhees ittan hime. xinnoodha jedhees hin tuffanne firriifi gorsaan an qabu immuttii duwwaadha. Isheen garuu takkaa natti hin aariin harra natti aarte. Ati hidhamaa nama hidhee ofiis hidhaatti of hidhudha.
Kun waan guddaa maaliti ishee irra nama akkamii barbaadda tole hin jettuu? Naan jette
Anis ijoollee waan taateef fageessitee hin yaanne jedheen dhiiise. Gaafan harka simalee utuu isheen na qabduu ofittii baasee deeme sanafaatu natti yaadatame. Nan gadde halkan sana dhiphachaan bule. Si maleenis abdii dhumaa kutadheera jettee waayeekoo sammuu ishee keessaa balleessitee rafte. Ganama ka'ee rifeensakoo miicadhee daabboo koo cucuffadhee bishaaniin gad liqimsee mana barumsaatti sokke. Sammuun koo 100 keessaa 10 qofa waan hojjetu fakkaata. Mana barumsaa deemee subject boqonnaan dura baratame hunda mataa koo deskiitti (teessumatti) gadi kaaeen baradhe. simaleenis calluma jettee yaada yaaduudhaan dabarsite. Boqonnaan gaafa gahu worri gumii sagantaa qabna jechuun boqonnaatti akka dhaqan ijoollee wawwaammatan. Simaleen gumii keessa jirti an garuu gumii keessa hin jiru. Hundumtuu boqonnaatti yaa'ee sokke an gumii waan hin qabneef cal jedheen girgiddaatti hirkadhee deskii (teessumatti) mataa koo gadi itti kaa'een taa'e. Simaleenis na dhukkuba jechuun ijoollee biraa hafte.
Anaaf simalee malee namni tokkoyyuu kutaa keessatti hin hafne. Garuu wol beellamnee miti.
An ishee hin agarre gaduma jedheen yaada yaada.
Gaafan ol jedhu nan nahe namni kutaa keessa hin jiru simaleen ija naasuutiin na ilaaltee gaafan ilaalu lafa ilaalte.
Humni addaa naaf dhufe deemee akkan dhiifama gaafadhun of dirqamsiise. Gidduutti simaleen sagalee laafaadhaan mataa qalama ishiitiin teessuma rurrukutaa "Abdii nagaa bultee?" naan jette. nan nahe lafaa ka'een gara isheetti adeeme.... ITTI FUFA

Kutaa 5ffaan akka dafee dhiyaatuuf join share godha.

@asoosamaafiwalaloo


SIMALEE - ASOOSAMA GABAABAA
••••• #KUTAA_4FFAA ••••••

Garuu isheen daftee "wooyyee Abdii" jette. "Dhugaa jirtu sittan himaa na amantaa?" jennaaniin "Anillee kanuman sirraa eega" naan jette anis eessatti akkan hateef akkamitti akkan hateef eenyurkaa akkan hate tokkoyyuu utuu hin hambisinan itti hime kanaan booda miirri an takkaa mucaa bareedduu kana irratti argee hin beekne irratti argame baayyee iftee cululuqxee guddiftee na haammattee ofii ishe anarratti gad dhiifte. Isa dhumaa maddiikoo isa qorri karaa uraa mana keenyaa seenu sun adooche qambaa gootee maddii koo goggogaa kanarra dhungatte.
Nan nahe waan maraatte natti fakkaate ija ishee keessan ilaale ija koo keessa na ilaalte.
Waanan itti balleesse natti fakkaate yookiinis isa na dhungatte waan gaabbaa jirtu natti fakkaate. Mataa koo gadi qabee deebi'ee gaafan ilaalu isheen ammayyuu na ilaalaa jirti.
Sagalee walalaa qabannaa'aa fi jaalala of keessaa qabuun "Abdii" naan jette. animmoo hamma sagalee isheen abdii jettee na waamte fagaattutti dhaggeeffadheen ishee ilaale.
"Gaaffiiti mana keessatti na gaafatte san ajandaa keenya kan ta'e sanan siif deebisa" naan jette.
Anis mataakoo raasuudhaanan tole jedhe.
Dursa Garuu gaaffiin si gaafadha jette. anis tole jedheeman daggeeffadhe. gaafachuudhaaf sagalee gadi qabdee "Abdii mee ati erga gaafa wol agarree kaasee waayeen koo lapheekee keessatti maaltu dhaga'ama yookiin onneenkee waayeekoo maal yaada
Maal dhaggeeffatte onneekeerraa?" naan jette anis takka itti yaadeen "dhaggeeffadhee hin beeku" jedheen mataakoo gadi qabadhee callise.
Tole jettee kan ana keessa jiruuf gaaffii ati na gaafatte wolitti qabeen siif deebisa naan jette.
Mataakoo raaseen tole jechuu koo itti hime.
Sagalee laafaafi nama hawwatu tokkoon akkas jette...
"Abdii hamma ammaatti kanan si woliin wolitti siqee si woliin deemee yeroo tokko tokkommoo isin woliin nyaadhuuf sababan si jaalladhuufi sin jaalladha gaafan siin jedhu jaalala dhugaa jechuudha. Miirakoo eeggachuu hin dandeenye lapheekoo keessattis kan dhagahamu si malee hin jiru. Na keessatti siidaa jaalalaa ijaarradhu. Sin jaalladha waan biraa hin qabu maaloo natti hin boonin" naan jette.

Nan nahe mataakoo keessaa wanti akka sibiila woyii kiwuu jedhe.
Ana nama hattuuf jireenyi na daalacheesse hiyyummaan guyyaa keessa maatiikoo narraa fixee hanniifi harrabsoon jireenyakoorratti man'ee ijaarratan ana nama waardiyyaa mana isaanii ta'uudhaaf hin malle kana,
moo harka worra ishee barbaadan sana worra abbaa qabeenyaa harkatti na ajjeesuu barbaadde.
Hiyyummaa koo tole jedhee fudhannaan ammammoo du'i naaf qophaa'uun maalifidha? Maal koo jaallatuu? Ani nama jaallatamudhaayi? Jedheen yaadaan addunyaa boora'aa fi wol xaxaa kana keessa naanna'aa oolee. Ol jedhee si malee ilaale simaleen garuu ija imimmaaniitiin fiixee kootii yuunifoormii kootii qabattee. Na ilaalaa jirti. An garuu ofittan gadde harka ishee suuta ofiittii baaseen utuu waan tokko hin dubbatin biraa sokke.
Yeroo kana simaleen bishaan taatee sammuu ishee keessa sirba heenok joorjii
"nii deemtaa?.... Na dhiiftee.... Numa deemtaa?
Garaan kee jabaatee......" jedhutu sammuusheetti naanna'ee dhagicharra teessee mataa lafatti gadi qabdee imimmaan ija afuriin dafqi morma ishee jalaan harkishee ollannaadhaan lapheen ishees dha'annaadhaan teessee hirqinfattee boosse.
guyyaa gaafasii akkuma isaatti manatti galtee qarshii abbaashee gaafanni mana fincaanii dhaqu bakkatti deebiftee
halkan hirribi ija isheetti hin dhufne yaadaan lafa sila oolle jirti.
Cu'aaaa gaafa na kabalte sanafaatu isheetti yaadatama. Kolfa gowwaammoo ofitti kofalti gaafa na dhungatte sanaafaa yaadattee kolfitee dhageessifti.
Anis ergan manatti galee yaada isheen yaaduu jalqabe. Lapheekoo keessa deddeebite immuttiin harra akkan aaraa jiru narratti bartee irra deddeebitee na gaggaafattuyyuu an deebii hin kennuuf.Isa gaafa imimmaan ija simalee guutee sagalee qabbanaa'aadhaan abdii jette sanafaa yaadeen imimmaan lafan ciisutti maddiirra gadi na yaa'a. Immuttiin akkan waa ta'e bartee imimmaaniin guutamtee imimmaan roobsuu jalqabde.

@asoosamaafiwalaloo


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.25$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennu kana ammuma eegala.

Guyyaa 2f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif Kenna. Start godhaa!
👇👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=7003592711
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 🪙


Anis baaseen bannee borsichis birrii baayyee kan qabu suuraan abbaa simalee borsicharra kan jiru maqaan abbaashees irratti barreeffamee kan jiru maallaqa abbaa ishee jalaa hatamedha.
Si maleen amanuu dadhabde "akkamittiin hamma kana si gargaaree akkas na goota? akkamittiin na salphifta? akkamitti abbaakoo jalaa hatta?" jettee harka haariifi naasuun guddiftee na kabaltee .guddiftee na kabaltee anis eessarraa jalqabee akkan itti himee amansiisu naaf galuu hin dandeenye. Nan aare ijikoo imimmaan malee ol jedhee si malee hin ilaalle. Eenyummaa kootii fi hiyyummaankoo hojii kana keessa na gatuusaa hubadheen waaqa uumama uumen komadhe.
Turtii daqiiqaa 3 booda sagalee tokkon dhagahe sagalee simalee ture "Abdii" naan jette.
An garuu na waamuu ishii mitii maqaa koo iyyuu galmee harraba ishee irraa waan haqxe ykn dallatte natti fakkaata.
Anis mataakoo isa akka qorqorroo gogee dhedheeraa sagalee dhageessisu sana hooqqachaan fuula simalee ilaale.
Fuulli simalee an ilaale garuu akka gaafa borsaa abbaa ishee agartee haartee sanaa utuu hin taane akka gaafa yeroo jalqabaa dhagaan irra taa'aa jiru kanatti birrii naaf laatteeti.
Baayyee gadditee mataashee gadi qabattee ija akka gurraachinnii isaa seeraan guuteefi bakki adii ta'e sunis woraqata fakkaatu kan ilaaluun nama hawwisiisu garuu kan gaafa ilaalan nama sodaachisu ija ishee bareedaa kana keessaa imimmaan bishaan Amboo qulqulluu fakkaatu ija ishee keessaan imimmaan achii as bahe.
Hin hudhamte. Haasa'uuf kaati nii deebifatti. Harka ishee xinnoo balliftee akka nama haammachuuf ka'ee gooti. Deebiteemmoo gad deebifti.
"dhi...dhi..dhiifama naaf godhi Abdii miirakoo eeggachuu hin dandeenye kana hundaa kanan godhe sababan si jaalladhuufi" jettee natti maramte. anis haammadheen dhiiseef. Garuu kanisheen "kana hunda kanan godhe sababan si jaalladhuufi" jette gaaffii mandeellaa natti ta'e.
Akkan dhiiseef erga hubattee xiqqooshee yaadeen anis sodaataa suuta jedhee si_si_malee yoo ani jedhu garuu isheen..... itti fufa

@asoosamaafiwalaloo


ASOOSAMA GABAABAA - SIMALEE
••••• #KUTAA_3FFAA •••••

Poolisoonni waajjiratti na waamanii
na gaafannaan haasaa isaan erga dhalatanii dhaga'anii hin beekne itti haasa'een sammuu isaaniitti soba guutee amansiiseen biraa deeme.
Gaafan hatu waanan qilleensaa wojjin hiriyaa ta'en fakkaadha.
Maaliin akkan fuudheefi yoom akkan fuudhe eenyu illee hin beeku qabeenyaa dhabuu malee.
Surreenkoo fuulduraan ciccitee sarbaan koofi jilbikoo bakkeetti mullatee faashinii si'anaa woliin rakkinakoo wol fakkeessa.
Mana barumsaa torbanitti guyyaa sadiin dhaqa. guyyaa lamammoo hiriyootakoo "night club", hattootaa fi wasaaddaroota birattan dabarsa.
Barsiisaan gaafa kutaa seenu dursa dabtara na gaafata sababnisaas barreeffamuusaa malee barreessuukoo argee hin beeku.
Takka qalaman dhabe takkammoo na dhukkuba jedheen haasaadhaan itti wocee kofalchiiseen ofirra dabarsa.
Isa kaanimmoo hammanni dabtara ijoollee ilaalutti daasterii (haxooftuu) harkaa fuudheen gabatee gurraacha haxaa'a.
Simaleen erga na woliin wol bartee barataa cimaa na fakkeessuuf kaateetti qormaata hamma barattoota ciccimoo fiduu jalqabeera.
Ofii kootiin hojjedhee utuu hin taane deebii simaleen woraqataan gaafa qormaataa martee naf darbattuunidha.
Gaafa qormaatni koo deebi'ummoo "boo barattootaa barana na shakkaa.... 1ffaa bahuunkoo hin oolu" jedheen barattoota kolfaan fixa.
Simaleen Qabsiisan duubatti hafe dabtara narkaa fuutee manatti naa barreessitee na qaqqabsiisti.
Mana keenyatti deddeebitee nu dubbifti.
Obboleettiikoos fuutee magaalaa keessa woliin deemtee manatti fiddi.
Birrii abbaan ishee taaksiif isheef kennuun mana nyaataa deemtee nyaata bittee nuuf fiddi.
Gaafasheen dhuftu akka nama utuu fiilmii ilaalanii ibsaan irratti baddee deebitee gammanna.

Gaaf tokko kibxatarra nyaata qabattee mana keenya dhuftee nyaannee taphannee waanan duraan yaadaa ture gaafachuuf sagalee ciradhe. "Simale waa si gaafadhuu?" n jedheen "na gaafadhu maal rakkoo qaba" jette fuula ishee isa duraarra ibsite. anis "Sababni ati hamma ammaatti nu gargaartuuf hamma kana gatii kaffaltee gargaarsa nuuf gootuuf maalifidha jechuun maalirraa kan ka'e kaayyoonsaa maalidha?" jedheen waa qomarraa gadi buufadhe.
Ija ishee isa bishaan diilalla fakkaatu kana gala gaggalchitee "guyyaa biraan sitti hima amma sitti hin himu Obsi" naan jette anis tole jedheen dhiise.
Mana barumsaattis gidduu gudduutti na bira taa'uu jalqabde.
Ijoollonnis waan harrabakoo fi harrabsookoo sodaataniif itti hin dubbatan. Sababiin isaas ijoollee harrabi isaanii diimina murmuruu wojjin waanan ooluuf anis akkuma isaaniidha.
Abbaa si malee fi haadha ishees bareera isaan garuu nan beekan.
Simalee Woliin harra "lafa dhagaa jalqaba irratti wol barre irrattin gaaffii ati sila na gaafatte (maalirraa kan ka'e nu gargaarta?) kanan jedheen dhagaa jalqabaa muka jalaa sanarra teenyeen siif deebisa achumaanis gaaffiin si gaafadhuuf atis deebii naaf laatta" jettee mana barumsaatii baanee gara dhagichaa deemaa jirra dafi abbaankoo birrii borsaa xinnaa wojjin ganama waan gateef harra aaree jira dafee galuun qaba jettee ariifannee deemnee qaxxaamura karaa guddaa geenye harra namni baayyatee wol dhiibee karaa qaxxaamuraa jira. anaaf simaleenis dhiiboo sana keessa jirra. Nama baayyee sana keessaa dargaggeessi irreensaa furdaa qommisaa duuba gahu tokko kiisii dudduubaatti borsaa birrii birrii baayyeen keessa jiru kiisii dudduubatti baatee jira.
Anis utuu sagalee tokko hin dhageessisinan keessaa fuudhee dabarree sokkine.
Lafa teessuma keenyaa geenyee haara galfannee haasaa jalqabne.
"Deebiiti maalif nutti dhiyaattee nu gargaarta sababni kee maalidha jetten siif deebisa nattis hin aarin deebiin siif deebisu gaaffiis qaba. atis deebii qopheeffadhu" jette simaleen
Anis tole jedheen si'a tokko qoyi garuu jedheen borsaan sila hate maal akka ta'e baruuf akka ilaallu simalee gaafadhe. Isheenis tole haa ilaallu jette
.
.
.
@asoosamaafiwalaloo


Na jaallatte jechuufimmoo yoon lammaffaa dhaladheyyuu ta'uu hin danda'u.ijoolleen abbaa qabeenyaa amerikaa taa'anii fuudhaaf gaafatannaan akka didde oduu ishee namni baayyeen gaafa haasa'u dhaga'eera.
Tariimmoo obboleettii kootii? Utuu obboleettii koo taateemmoo haatikoo dhoksaa hundaa natti himtee kana na dhoksitii? No....kanas miti.
Mucaa kana irra deddeebi'ee waayee kanaa gaafadheen bara. jedheen yaada kootiin boolla lixeen tabba baha. Akkan irra deddeebi'ee gaafadhee baruu qabus yaadakoo amansiiseera.
Namni na argu dafee of ilaaluu jalqaba. qabeenyaa akka warqee moobaayilii fi birrii alatti mullatu of harkaa qabaannaan lafa hin argamne dhokfata.
Hattuu naan jedhu malee hannarratti namni na qabe hin jiru.guyy tokko garuu Poolisoonniwaajjiratti na waamanii.......

Kutaan 3ffaan itti fufa .....

Yoo nu faana turtan waan hedduu bartu jedheen yaada,
Join👇👇share

@asoosamaafiwalaloo


ASOOSAMA GABAABAA - SIMALEE
••• #KUTAA_2FFAA ••••

mucaan durbaa tokko burtukaana bilchaatee dhiyoo gahe fakkaattu bareedduun qeensa miila ishee irraa kaasee hamma rifeensa mataa isheetti yoo dhugan bishaan malee qomarraa gadi bu'u simalee kan jedhamtu woliin kan barannu wol ilaallee kan hin beekne maqaasheeyyuu yoo dubbatan malee kan naan galle tokko borsaa gabaabaa isa ijoolleen dubaraa faashiniidhaaf qabatan baattee na fuuldura dhaabatti.
Anis ilaaleen "iii siistu maal dhabde?" n jedheen isheenis fuula laafaadhaan of dhiphisaa "maal taate ati si argeen dhufe rakkootu jiramoo?" naan jette
Animmoo "bakish yoo birrii shan qabaatte naaf kenni obboleettiinkoo beeloftee mana keessatti dhukkubaa jirtii" jedheen mataakoo lafatti gadi qabe gaafan ol ilaalu garuu qarshii dhibba tokko natti hiixachaa jirti.
Anis yaada kootti dinqisiifameen anoo hattuudhaa natti laattee natti iyyitee Na qabsiisuufimoo? Lakkimmoo jedheen tarii akkan hiriyoota irraa dhagaetti nama rakkataa yoo gargaaran waaqni galmeerratti qabaaf jedhama kanaafii laata jedhee utuun yaaduu
"Abdii" naan jettee yaada koo isa galaana cullubbaa keessa na buuse keessaa sagaleen ishee harkisee na baase anis ol ilaaleen "ooo na beektamoo?" Jennaan ani mucaa class keedha simaleedha nan jettee ammas harkashee birrii 100 qabu natti hiixatte.

Anis birricha ilaaleen "please rakkataadha natti hin qaldin uffata naaf biti hin jenne qarshii aniif obboleettiinkoo guyyaa harraa ittiin dabarrun jedhe" jennaan ijakoo sodattee 50 gootee naaf laatte anis shakken "10 dabaristee naan kennin" Jedheen.
Plz anaaf jedhii fudhu jettee qarshii 25 naaf laatte anis waanan shakkeef harkaa buteen achitti ishee dhiisee sokke.
Galeen immuttiifis ofiifis daabboo bitee nyaannee borumtaasaa anaaf immuttiin balbala mana keenyaa duratti gibbii keessatti immuttiin bishaan mataa kootti naaf buusaa jirti gidduutti sagaleen waamichaa dhaga'ame immuttiinis mataatti bishaan naaf buuftee fixxee dhaqxee Mucattii fuutee dhufte. gaafan ilaalu simaleedha maal hojii dhuften Jedheen ija haariitiin isheenis xiqqoo saalfattee "kanan fide" jettee nyaata kuuraa keessa jiru feestaaliin qabdee jirtu natti agarsiifte.
Anis aareen "maali inni" jennaan.
Gidduutti obboleettiinkoo xinnoon sun "Abdiii... Maalii ati nama si hin gargaarre kan si ari'u kan siin taane hin jibbita nama si gargaarus kan nyaata siif kennus hin jibbita eenyuun jaallachufiree ati?" Jettee jennaan anis takka itti yaadee ol galcheen gudii ishee mana keessatti ishee agarsiisee kaayyoo isheen dhufteef gaafadha jedhee yaadeen.
"Kennikaa" jedhee feestaalicha harkaa fuudhee kottaa ol galaa jedheen balbala itti cufee

.balbala itti cufee feestalichas hiikeen kuuraa keessa jiru fuudhee qadaada kuurichaa irraa gaafan buqqisu hanqaaquun faffatoof dhadhaadhaan woliin makamee kanan gaafa utuu abbaankoofaan hin duin nyaadhe malee nyaadhee hin beekne achi keessa jira.
Ani garuu nama yakkamaa fi poolisoonni barbaadaa jiran waanan ta'eef tarii abbasheetu waa jalaa hatamnaan dhaqii ajjeesi jedhee nyaata kanaa wojjin qoricha ergee akkan du'uuf kana hojjete ta'ee maalan beeka jedhee yaadeen wolakkaa isaati fudhadhu jedheen nyaata hiike kuurichaan itti qabe.
Isheenis fuula laafaadhaan ija keessa na ilaalte. sababiin isaas dheekkamsa koo kana sodaattee.
Anis yaada kootti waan hojiishee beektuuf didde jedheen wolakkaa isaatii fuudheen afaan kaa'e isheen garuu harkakoo woliin ofitti qabdee narkaa fudhattee qubakoo woliin liqimsuu malee waa ishee hin hafne.
Amma garuu utuu an hin ajajin fuutee anas afaan keessee immuttiis afaan keessee ganama sana ciree simaleedhaa wojjin nyaannee anis nagaadhaan ishee geggeesse.
Shakkiinkoo garuu lafanni bu'e anaafiyyuu naaf hin galle.
Turee bubbulees dhuftee nu dubbisuu jalqabde anaaf garuu haalli ishee naaf galuu hin dandeenye Tarii mana namaa dogoggortee lixxe akka hin jenne mana barumsaatti na beekti. fira jechuufimmoo an firumayyuu baayyee hin qabu kanan qabummoo sirriittan beeka.

@asoosamaafiwalaloo


deemee daabboo biteen obboleettiikoo immuttii wojjin nyaannee mana barumsaa deemne.Haatikoos qoraan sana fuuchuu deemtee si'a lama deebitee si'a sadaffaas akka daftee fixxutti baayyifattee guddiftee hidhattee humna isheetiin ol gootee agabuu ishee isa eda agabuu bulteen ganamas utuu waa hin nyaatin qoraan sadaffaa kana baayyifattee hidhattee teebbaaf dachaa buutee hargantee si'a torbaa ol karaa irratti lafa keewwattee haara galfachaa ciniinnattee dafqi fuula ishee xoollessee ba'aa guddaa kana fiddee mana nyaatichaa biraan geessee lafa keessee dudda ishee qoraanichatti hirkiftee utuu boqottuu beelli ishee qabee garaa ishee ciniinee garaa ishee nii sukkuumti.
lafaa ka'uuf kaati dandeessee hin kaatu utuuma achi gangalattee kaatee kuftuu kaatee kuftuu utuu isheen wotwaattuu lubbuun keessaa bahe.
Gaafa nuti mana barumsaatii gallu hammi namaa naxalaa (uffata adii) uffatee mana keenya fuuldura dhaabata obboleettikoo woliin hin boonyee lafa balleessine. Hin iyyina hin caraanna imimmaan keenya harcaafna,

tokkittii Kenya turte
kan garaa nu ciibsitu
Simalee eenyuun qabnaa
yeroo nu dhiiftee deemtu
Qusannoo biraan qabu
Yookiinis gargaarsa firaa
Hin gargaara jettee kan yaaddu
Eenyut jiraa nu bira
Harmeeko haadha dhugaa
Atis garaa jabaattee?
Himatteellee hin deemtuu
Ergaa qabdus dhaammattee
Gadadoon xaxaa rakkinaa
Mataa si dukkaneessee
Jiraachuuf fedhii utuu qabduu
Umuriikee daangesse
Harme ka'ii dhagahi
Nagaan sitti dhaammadhaa
Fuulakee durii sanan si'a tokko dhungadhaa
Jennee

hin waamna haati keenya isheen asiin nu geesse garuu nu dhagahuu hin didde.
Akkasumattiin woyyaa gurraacha uffannee salgii baafnee.
Anis akka kanaan duraa utuu hin taane hojjedhee immuttii wojjin nyaachaa immuttiin akka barattu gochaa dhaabii wasaaddarootaa oolee birriin argadheen daabboo bishaaniin cuubannee immuttii wojjin nyaannee rafnee bulla. duuti haadha koo baatii lakkaayeera.
Hojiinis baayyee Na cabseera.
Ani Abdiin garuu hattuu isa balaafamaa ta'eera. namni baayyeen hannarratti na beeka yoon hojii dhabe hateen isan hateenimmoo nyaannee guyyaa bari'utti jireenya achi butanna. fiigicha waanan danda'uuf hateen baqadha. Poolisoonnis Na baruuf yaalaa jiru.
Guyyaa tokko garuu waanan beela'eef obboleettiinkoo immuttiinis mana teessee nan beela'e naan jetti baayyee beelofteetti hidhiinshee gogeera mucaa woggaa afurii waan taateef garaan ishee nii haphate dhaqni ishee akka abiddaa guba.
Hatuuf danda'ee fiigee jalaa hin bahu.
Hojjechuufis beela'eera hin danda'u.
Calluma jedhee dhagaa karaa dura muka jala jirtu tokko irra muka jala taa'een rifeensakoo dhedheeraa kana keessa quba galchee wolitti maraan mataa ko gadi qabee mala barbaada.
Gaafan ol jedhu garuu....... itti fufa..

Kutaan lammaffaan itti fufa....

Like, share gochuu hin dagatinaa 🆗

@asoosamaafiwalaloo


ASOOSAMA GABAABAA - SIMALEE
•••••#KUTAA_1FFAA ••••

Abdii Gammachuun jedhama. Nan dhaladhee kiyya malee lafan itti dhaladhe oromiyaa keessa ta'uusaa hiriyoonni koofi namootni tokko tokko gaafa waayee oromiyaa haasa'an dhaga'een akkan oromiyaatti dhaladheef oromiyaa keessa jiru bare.
Akkan oromoo ta'emmoo akaakayyuun kiyya xinnummaa kootti seenaa akaakilee kof maqaasaanii gaafa natti himun mirkaneeffadhe. Oromoo ta'uukoo ergan uumameen bare jechuu kooti. Kana jechuunkoo namni hundumtuu dachee kanarratti gaafa dhalatu iddoo fedhe filatee hin dhalatu, utuu filannaadhaaf akka fedha ofiitti lafa barbaadanitti dhalatu ta'ee rakkinni waan hin jirre natti fakkaata. Uumamnis yeroo itti yaadatee uumaasaaf Galata Kennu waan dhabu natti fakkaata.
Fuullikoo akka diimaa gara magaalaati. Mataan koo irra keessisaa dheeratee ol ka'ee ijaajjee nama ilaala cina cina Isaa (karaa gurra kootii) gaggabaabseen jira.
Hojjaankoo hamma isa baayyee dheeraa hin gahu gabaabaammoo miti dheerina nama normal tokkoon qaba jechuu koodha. Ijikoo gurguddaadha. Nan bareedas of jajuu koo utuu hin taane Hiriyoonnikoo ati hin bareedda amala bareedaa qabda naan jedhu.

Maatii baayyee wol jaallatu turre Abbaan koof obboleessi koo inni anatti aanee dhalate balaa konkolaataatiin gala galanii du'an.

Anaa, haadha koof obboleettiikoo singitan nama 3 qofa taanee mana tokkotti galla.
Haatikoo sababii nu lamaan malee hin qabneef akka agartuu ija isheetti nu mararfatti. Nu jaallatti nu mararsiifatti.
Ani umuriinkoo woggaa 18 dha.
Obboleettiinkoo singitan immoo mucaa woggaa 4 ti.
Haatikoo isuman woggaa 18 gahe uffatakoollee Na miiccisiiftee hin beektu. Kun hunduu sababa nu jaallattuufi.
Kitaaba kee dubbisi mucaa koo naan jetti.
Dudduubikoo akka jijjiiramu barbaaddi.
Abbaan kiyya gaafa obboleettiinkoo Singitan woggaa 1 du'e.
mana kutaa 1 nurratti jiguuf kaate girgiddaan isaa fofolloqee jirutti galla haatikoo garuu manuma kana gaazixaadhaan rukuttee keeshaadhaan hiitee qodaa jiran miiccitee mana kana bareechitee gaafan mana barumsaatii galu manattiima haatikoo bareechite kana keessan akka nama makiinaa obbo maariyootiin deemaa jiruun sochii tokko malee ciisee bula.
Kanisheen nu jiraachiftu qoraan baadiyyaarraa cortee gurgurtee uffata miiccitee ba'aa baattee hojii hojjetamu barbaaddee uffata naaf bittee hiriyoota koo worra qabaniin wol na fakkeessiti.
Hojiin humnaa kun baayyee waan hojjetteef ishee dhukkubsachiiseera.
Mana qorichaa deemtees hojii dhiisi jedhameeraan. Isheen garuu hojiin ala jiraachuun waan hin jirreef jettee nu rakkisuurra jettee dhukkuba doctoriin ishiidhaan jedhe nu dhoksite hojii itti fufte.
Gaaf tokko garuu torban tokko guutuu hojiin haadha kootiif hin argamne deemtee hojii dhabdee galti. Akkasumattiin utuu jirruu wanti nyaatan dhibee eda sadan keenyayyuu agabuu bulle haatikoo ganama kaatee turaagaan ijoolle Amma deemee hatattamaan hojii hojjedheen ciree isin nyaachisee baruumsa deemtuu jechuun hirribarratti. Mucaa ishee xinnoofis gadditee... waan jaallannuuf maqaashee immuttii jennee waamna... Haatikoos ganama sanagaa immuttiikoo Amman dhufaa obsaa jettee nu dhudhungattee deemte...
Hojii ganamaan utuu barbaadduu ganama sa'atii 1:30 irratti qoraan baadiyyaarraa gara mana nyaataa isaaniitti akka ol fidduuf jarri tokko waamanii ajajan qoraanichis baayyee waan ta'eef harra akka dhumu malee jedhaniinii jennaan akkasumatti wolii galan kana gidduutti jarri lama dhufanii kun harra maal guurtee fixxi baayyeedha ishii dhiisii nutti kenni jedhaniin abbaa mana nyaatichaatiin.
Abbaan qabeenyichaas harra hin fixxaa jedhee haadhakoo gaafate.
Haatikoos beela kana nu baasuuf jettee eeyyee nan fixa jettee qabdii birrii 5 irraa fuutee dhuftee natti laattee kanaan daabboo bitadhaatii mana barumsaa deemaa jettee ofii ishiiti utuu waan tokko hin nyaatin qoraan guuruu deemte. Anis... guutuu kutaa kanaaf...
.
.
.
@asoosamaafiwalaloo


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.25$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennu kana ammuma eegala.

Guyyaa 4f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif Kenna.
👇👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=6422729645
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 🪙


ONNEE NAMAA RAASTI

Dingeen Midhaan daakti
Nama aaa'ibdi
Akka dhiraa geerarti
Nama Awwisiisti
Onnee namaa raassti
Yaadaa nama gubdi
Bıfaan maal fakkaattii

Kan koo hin taane barana
Silaa maal an godha
Taa' eetan gugungumaa
Akka sareen duta Gagalaa fi gananma
Dudduuba ishiin deema
Boqonnaan ishii dhowwa
Olii gadin fiigsa
Ololas nan geggeessa
Didnaanis nan waraana
Sochiin koos siyaasa
Kanan itti dhaama
Intalli gaaddidduu

Namnis bira hin ga'u
Namatti hin dhi'aattu
Deemtees hin sirbitu
Amala hamaa hingabdu
Namarra oduu hin fidu
Mallattoos hingabdu
Itti uumuus hin danda'u
Harkisees hin baasu
Silaa nattis hin eerumtu
Anı kanin jedhuu
Jaarsummaas hin ergu
Xalayaas si hin barreessu
Karaarras hin deemtu
Hojjatee hin jiraattu
Ganda kanas hin teessuu
Oduu miti hin asaasu
Ani waanan jedhe hin dhiisu
Lubbun hin jiraattu
Yoo naaf hin galle kakuu
Hamaan dhoksaa hin qabu
Styaasni ha hafuu.

@AsoosamaafiWalaloo


Harmee?... jedhee mucaan boo'ee waan nyaatu dhabnaan!
Haati nyaata barbaaduuf ollaa ishiif eelee buustee biddeena fiduufii deemte, mucaan kun baay'ee beela'ee mana firaa deeme, firris deemii haadha kee gaafadhu jedhaniinii biddeena ijaan argu dhoorkatan, duuba mucaan kun mana ganda sadiihii dhaqee kadhatee dhabnaan sabbaaree gara manaatti deebi'e. Mucaan hoggaa galu, haati isaa sa'aa hedduuf eelee buustee buddeena tokko qofa fidde, haati mucaan kiyya beela'ee narraa miidhamuurra ani miidhamuu wayya jettee buddeena tokkicha fidde mucaaf kannitee ofii sabbata nyaatte!
Firri haadha kee caalaa sitti aanu hin jiru! Jaalala haadhaa Rabbi nuuf haa kannu!!

RABIIN HAADHA KEENYA KAN OSOO HIN NYAATIN NU NYAACHIFTU UMRII NUUF HAA DHEERESSU!

@AsoosamaafiWalaloo


WORQITUU (MOOTITTII OROMOO WOLLOO)

Worqituun Seenaa Oromoo Wolloo keessatti bakka olaanaa fi gulantaa jalqabaa irratti gootummaa isheetiin mootittii argamtuu dha. Mootittiin Worqituu dubartii cimtuu waraana garaagaraa irratti olaantummaa mootummoota Habashaa cabsaa turtee dha. Du'aTeewidiroos ilaalchisee wanti barreessitoota Habashaatiin katabame Seenaa sobaa fi gootummaa Oromtittii tana awwaaluudhaaf wanta hojjatame malee dhugummaa kan qabu miti.

Mootiin Teewidiroos bara 1868tti kan du'e haleellaa humni waraana mootittii Worqituu irratti raawwateen malee ofiin of ajjeese kan jedhamu soba akka ta'e seenaan garaagaraa ni dhugoomsa. Mootii Habashootaa kan ture mootii Teewidiroos kan ajjeese Mootittii worqituu dha malee Humna waraana Ingiliiz ykn ofiin ofi ajjeese jedhamee Habashootaan kan barreeffame seenaa sobaa akka tahe maddoonni garaagaraa ni rageessu

Walakeessa Bara 1860 tti, Ilmi Worqituu maqaan isaa Amadee Alii jedhamu Teewidiroosiin booji'amee waan tureef duulli waraana mootittii Worqituu ilma ishee kana baraaruudhaaf akkasumas Olaantummaa Ummanni Oromoo ummata Kaaba Itiyoophiyaa irratti qabu deebisuudhaaf garas imalee ture. Yeroo kanatti mootiin warra Kaabaa Teewodiroos waan tureef waraana Mootittii Worqituu qolachuuf waraana ofii wajjiin adda waraanatti hiriiranii turan. Yeroo kana waraana mootittii Worqituutiin mootiin Teewodiroos kan ajjeefaman.

Woraana kana keessatti Mootittiin Worqituu Mootii Teewodiroos akka ajjeeste ragaan walaloo Afoola Afaan Amaaraa keessaa fudhatamte kan ''በመቅደላ አፋፉ ላይ ጩኸት በረከተ የሴቷን አናወቅም ወንድ አንድ ሰው ሞቴ (2x) kan jedhuu dha.

Wolaloo kana keessatti bo'oo lama yoo fudhanne inni tokko '' የሴቷን አናወቅም " kan jedhuu yoo ta'u inni lammataa immoo '' ወንድ አንድ ሰው ሞቴ'' kan jedhuu dha. Kana jechuun immoo Maqdalatti kan wal waraane Humna dubartii dhaan durfamuu fi kan dhiiraan durfamu akka turee fi kunis dubbiin dhimma Worqituu fi Teewidiroos irratti kan xiyyeeffatu ta'uusaati

Walumaagalatti waraana 1868tti naannawa maqdalatti taasifame.

@AsoosamaafiWalaloo


Seenaa Bilillee (1820-1840)

Bililleen Mahbuubaa jedhamuunis kan beekamtu intala bareedduu Kibba Lixa Oromiyaa (Jimmaa, Guumaa) turte. Warri ishee maqaa ishee “Bilillee” jedhanii moggaasan. Hiikni isaas boca gaarii kan qabduufi bareedduu jechuudha. Kan dhalatte bara 1820 Gumaa, Kibba lixa Oromiyaa keessatti.

Wanti nama dhibu yeroo umuriin ishee waggaa 15 turetti waraanni waliinii naannoo addaa sanatti bara 1835/36 dhohe. Yeroo sanatti ture kan haadha ishee malee abbaa isheefi obbolaa ishee ja'a dhabde. Haadha ishee waliin gabroomfamtee daldala garbaa babal’ateef garee injifataniin gara Gondaritti geeffamte. Sana booda, kaayyoo daldalaaf jecha haadha ishee irraa kan deemte yoo ta'u, jireenya isaanii keessatti lammata wal arganii hin beekan.

Booda Bilillee jalqaba gara Kaartuum (Jubaa yookiin Sudaan) itti aansee gara Kaayiroo (Masrii)tti bara 1837 daldaltoota garbaatiin geeffamte. Yeroo sanatti ilmi mootii Jarmanii Paaklar bara 1835 irraa eegalee kutaalee addunyaa Kibbaa daawwachaa kan ture yoo ta’u, bara sanatti Gibxii ga’e. Gaaf tokko, gabaa dhaqee garboota daawwachuufi bitachuuf Bilillee garboota kumaatamaan lakkaa'aman keessaa arge. Guyyaa sanatti gurgurtaaf qophoofte. Bareedinni Bilillee laphee Paklaar tuqee bitachuuf hawwii guddaa horate. Bitee gara mana jireenyaa isaatti geesse. Bareedina ishee dinqisiifatee garba caalaa haadha manaa isaa gochuuf fedhii guddaa horate. Milkaa’ee maqaa “MAHBUUBAA” jedhuun ishee waame, hiikni isaas afaan Arabaatiin “Jaalallee koo” jechuudha.

Gaarummaan ishee adda ta'eefi yaadni abdii guddaa qabu, amanamummaa, iftoominaa fi tasgabbiin ishee xiyyeeffannaa isaa harkisee, ishee jaallate. Innis, “Guyyoota koo nama amanamaa waliin dabarseera, yeroon darbaa deemuun nama amanamaa ta’eera” jedheera. Waggoota sadii walitti aansuun Mahbuubaa waliin daawwannaa isaa itti fufe.

Paklar bara 1840 Mahbuubaa waliin gara Awurooppaatti deebi'e.Haati warraa isaa jalqabaa Barliin osoo jirtuu magaalaa Muskaa qubatan. Boodarra Paaklar haadha warraa isaa duraanii daawwachuuf Barliin deeme. Gidduu kana Mahbuubaa dhukkubni sombaa itti dhagahame. Xalayaa mudhii meetii tolfame “Mahbuubaa” jedhu maxxansee isheef barreesse. Boodarra, dhukkubni ishee waan itti cimeef Onkoloolessa 27,1840 addunyaa kanarraa boqatte!

@AsoosamaafiWalaloo


彡 Uffannaan Nama wal fakkeessa malee Nama wal hinqixeessu.

彡 Nama fakkaachuf osoon taane Nama ta'uuf Tattaafadhu.




ASOOSAMA GABAABAA

😘 DHUNGOO 😘

KUTAA 8️⃣ FFAA


.....Leello koo jedheen kadhadhe. Garaa laafuu hin haftu, "Harmeen haa dhuftu hodhaa ishee gurgurattee waan nyaatamu homtuu gundoorra hin jiru," naan jette. Amma miira ishee jijjiiraa dhufuu isheetti gammadee ijashee keessa ilaalaa Leellooko atumti cancala harka koorraa kana naaf hiiki malee anuu nyaata bareedduu ishee qopheessee waliin nyaannan, jedheen. Isheenis beela'uu hin haftu eessaa fiddee qopheessita osoo naan hin jedhiin, "Tole," jettee dhagaan cancala harkikoo ittiin hidhamee ture naaf reebutti kaate. Cituu dide, itti ulfaate, ittuma cimtee naaf kutte. Uffee nan boqodhe. Ammammoo ofiikoo kan miillikoo ittin hidhamee jiru, cancala dhagaan reebuttin eegale, nan kutadhe; utaalchan karra ba'een fiiguu eegale garagalee ofirra ilaallaan Leelloon iyyaa, “Qabaa! qabaa! naaf qabaa uu uu uu..” jechaa na waliin fiigaa jirti. Karra Amartii koofaa dura yoon gahu namoonni lama uffata gaddaa uffatanii natti dhufan; lapheen na tarsa'e; nan nahe; na ilaala hidhii xuuxu. Biruma darbeen utaalchaan Qe'ee Amartiifaa yoon seenu, Harmeen
Amartii uffata gaddaa irraa fi jalaan uffataniiru. Mataa isaanii shaashii
gaddaan haguuggatanii; mudhii jabeessanii hidhataniiru, "Wayyoo wayyoo kichuukoo, wayyoo guddiseekoo, wayyoo Amartiikoo, " jechaa natti deeman, waan jechaa miti waan gochaatu na duraa bade. Namooni dunkaana gaddaa keessa turan hunduu gadi yaa'anii akkuma kanniisaa adeeman (goondaan) gaaguratti nam'eetti hursanii iyyuu eegalan. Akka nama cabbiin qaama isaa irratti gadi naqameetti nan hadoode,
akkuman afaan banettin hafe. Haala kanaan xiqqoo ergan dhaabadhee booda, ofirra gad taa'ee, kufee ka'ee, gangaladhee uffata ofirratti ciraa, wayyoo Amartiikoo jedhee boo'uun eegale. Osoon boo'ee boo'icha koo hin xumuriin manguddoon tokko duubaan
dhufanii mudhii koo naaf qabanii, "Dhalakoo ofi hin miidhin ofiifuu jaatanii irra turte boqodhu boqonnaa sammuu si barbaachisa. Osoo boo'ichi kan du'e galchee Hacaaluu Hundeessaa Boonsaatu gala; osoo jabaan du'a oolees Ebbisaa Addunyaa Jaallataafaa, Jeneraal Taddasaa Birruu, Huseen Buunee Daraaraa, Agarii Tulluu, Injineer Tasfaahun Camadaa maalan himee fixa isaan kanatu gala ture; osoo kichuun du'a oola ta'ees daa'ima waggaa kudhanii Caalchisaa ani du'ee saba koof bilisummaan haa dhufu jechuun lubbuu isaa tokkittii jijjiirraa hin qabne dabarsee kennetu du'a hafa ture," naan jedhan. Ol jedhee takkaa qofa ija isaanii keessa ilaaleen callise.
Namoonni hunduu sagalee boo'ichaa gadi qabatanii Dunkaana Gadda sana keessa tattaa'an. Namoota addaan saaqadhee Harmee Amartii, Aadde Jaalannee cinaan taa'e. Aadde Jaalannee, ammas ija keessa na ilaalaa imimmaan ijatti isaan dhufti.
...itti fufa

GALATOOMAAA!!!!!

@AsoosamaafiWalaloo

20 last posts shown.