Yeroo dubbiftu, waan dubbifte irratti xiqqoo yaaduuf dubbisa addaa kutuudhaan waan baafata duraa irratti dubbifte yaadi. Gorsa yoo taโe gorsicha yoomiif akkamitti hojiirra oolchuu akka qabdu yaadi. Miidhama yoo taโe miira miidhamichaa keessatti of yaadi.
โIrsaasiiโ โqalamaโ fi โMaarkeriiโ waanuma qabdu harkatti qabadhu. Yaadota si fayyadan, gorsa, akkasuma fakkeenyummaa yeroo hunda yaadachuuf argachuu feetu jala sararachaa, halluu dibachaa deemi. Yaadachuuf illee baayโee sin rakkisu.
Barruulee yaadannoo qabadhu. Achirratti yaadota argatturratti yaadota yookan ilaalcha kee dabalii barreessi. Mormii ykn gaaffii qabdu barruu yaadannoo keerratti baasi.
Daftee dagachuu waan dandeessuuf kitaaba dubbiftu keessatti dhimmoota ijoo, haala keessatti si gargaaruu fi yaada sammuun kee amanee fudhateef itti gammade, deddeebโii dubbisi.Isa dubbifte sana immoo hojiirra oolchuuf yaali.
Kitaabni dubbiftu barnootaaf, waa irraa hubachuu waan taโeef, sana argachuuf ammoo, yeroo kennuu, obsa qabaachuu fi ergaa kitaaba dubbisaa jirtu irraa argatte immoo, qabatamaadhaan hojiitti hiikuf yaaluun murteessaadha. Kitaabicha akka akeektuu hojii keetti ykn akka hoggantuu gocha keetti itti fayyadamta jechuudha.
Kitaabni dubbisaa jirtu kun, haala maatii, dhimma jaalala, haala yeroo, haala galii irratti taโuu mala. Barsiifni kitaabicha keessa jiru yeroo akkamiif, haala akkamii keessatti akka si fayyadan yaaduu qabda. Hojiirra oolchuuf dubbisaa karoorsita. Galatoomaa! Akkasumaan hojii online irraa barbaaddu yoo taโee application kana iddoo Install jedhu xuquu buufadha hojii jalqaaba carraa gaarii
@Gech_pdf ๐