🗣️
Firaakshinii Jireenyaa!
Hanga Siif Safarame Hin Jiraatin!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Barataa kutaa tokkoo fi lamaa yeroon turetti barsiisaan herreegaa keenya lama sadiif (2/3) hiruun hin danda'u jedhee nu barsiisaa ture. Harka baaseen akkas jedheen "erga hin danda'amnee maalif kitaaba keenya irratti barraa'e ree?" Daa'imummaan bar bilisummadhaa. Sodaa hin qabdukaa waan barbaadde gaafachuuf.
Barsiisichis "
Amma sadarkaa keessanitti hin danda'amne malee, kutaa gara oliitti akkamitti akka danda'amu ni barattaa obsi" naan jedhe. Tole jedheen callise.
Kutaa afur yoon gahu 2/3 akka danda'amu kitaaba herreegaa hamma bilbila "Taplet" geessu san irratti arge, barsiisaan nu barsiise. Firaakshinii jedhama jedheetu yaad-rimee Firaakshinii waliin akka nuuf galutti baranne. Kan waggaa lama dura hiramuu hin dandeenye har'a danda'ame. 'Uggum' kun taatee bara 2003 A.L.I, waggaa 13 duraati. Maaltu kana na yaadachiise itti dhiyaadhaa. 👇
🗣️
Firaakshinii Jireenyaa!Jireenya kee keessatti, wanti akka qabaattu barbaaddu baay'ee akka ta'e abdiin qaba. Mul'ataa fi wanti ati milkeessuu barbaaddus danuudha jedheen amana. Yaaddee kan hin milkeessin, jalqabdee kan hin xumurinii fi hawwitee kan hin argatin hundi isaayyuu galma gahuun isaanii dhimma filannoo utuu hin taane dirqama. Sun ta'uuf immoo hamma argattuu gaditti, wanti sirraa eegamu waan tokko qofa innis "Firaakshinii Jireenya." hubachuudha. Firaakshinii jireenyaa hubachuu jechuun, Guddinni yookiin milkaa'inni adeemsaan ta'uu hubachuudha (Development is a process). Yeroon kutaa lama jirutti lakkoofsi waliif hiramuu hin dandeenye, kutaa afur geenyan kan danda'ameef, utuun isaan waliif hiramuu akka danda'an hin baratin, yaadonnii fi barumsi isaan dursu yookiin adeemsin dirqama keessa darbuu qabu waan jiruufi.🗣️
Yaadama kana jireenya keenyatti yoo fidnu, wanti har'a nuuf hin danda'amne adeemsa keessa darbuu qabutu jira malee, galma gahuun isaa hin hafu. Guddinnii fi milkaa'inni adeemsa ta'uu hubattee yoo waan hojjechaa jirtu irratti hin cichine garuu abjuu ta'ee hafuun isaa waan hin oolle. Kanaaf "Firaakshinii Jireenyaa" hubachuun kan barbaachisu. Abbabaa Biqilaa gurraacha addunyaa 'ajab' jechisisee fi biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu maqaashee dhiistee "Abebe Bikilas Country" (Biyya Abbabaa Biqilaa), sadarkaa jedhamtutti kan fiigichaan fiixee milkaa'inaa gahee fi gurraachatti maqaa hore, guyyuma tokko lafaa ka'ee fiigee utuu hin taane adeemsa dadhabsiisaa fi Wal xaxaa keessa darbee akka ta'e seenaan isaa ni dubbata. Miti sadarkaa addunyaatti fiiguu, asuma biyya keessatti dorgommii garagaraa irratti utuu hin injifatin hafuun, akka waldorgommii addunyaaf hin dhiyaanne murtaa'ee ture. Kana hiriyaa isaa kan ture, Atileet Waamii Birraatuun kan ragaa bahan turtii miidiyaa FBC waliin godhaniin. Seenaa addunyaa keessattis namoonni halkan tokkoon galma barbaadan gahan kan ibsu hin jiru. Anii fi atis wanti amma yaallee hin milkoofne, kan gochuufis nutti ulfaatu danuun, guyyaa isaa eeggatee adeemsaan (Process) ni ta'a. Milkaa'inni adeemsaan ta'uu kan hubattu yoo "
Firaakshiniin Jireenyaa" siif galedha. Milkii fi galma barbaadde gahuuf, adeemsa keessa darbitutu jira jechuun, teessee waan umurii (yeroon) fidu eeguu qabda jechuu miti. Yeroo baay'ee namni kan yaadan bilchaatuu fi kan jireenyi galuuf gaafa ganna 40 gahe jedhama. Kun yaadama saanduqa hawaasa keenya keessatti argamuudha. Saanduqichaan alatti (out of the box) yookiin yaadama safaramee nuuf seeneffamu hunda jiraachuun sirrii waan hin taaneef, wanta yeroon fidu utuu hin taane yerootti fayyadmnee adeemsaa fi qormaata dirqama keessa darbuu qabnu dandamannee fiixee milkaa'inaa gahuu kan dandeenyu yoo "Firaakshiniin Jireenyaa" nuuf galedha jedheen amana. Utuu jennuu, gosa barnootaa herreegaa keessatti hanga ammaa gatiin "X" barbaadamaa jiraa? yoo hanga ammaa barbaadamaa jira ta'e, atis hanga gatiin "X" barbaadamuun dhaabbatutti, imala gara milkaa'inaa gootu hin dhiisin!
@Gaggeessummaa ✅