God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Qol 3:16
Namni Kamu Argamuu Dubbii Waaqayyoo Keessa Akka Jiraatuuf Gargaaruun ba'aa Keenya!
Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉 @Believe_In_Christ79
YOUTUBE : https://youtube.com/@gwpofficial2025?si=1NU8rM-ztMZtiyt7

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


🏵️Macaafa Qulqulluu keessatti "𝐁𝐨𝐪𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚" jedhamee kan waamamu maalidha❓
Poll
  •   A) Roomaa 8
  •   B) Faarfannaa 23
  •   C) Fakkeenya 3
  •   D) 1 Qorontoos 13
  •   E) 2 Qoronxoos 13
39 votes


🏵️Barreessitoota Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa keessaa Inni Kitaabota caalaatti barreesse eenyudha❓
Poll
  •   A) Pheexiros
  •   B) Yohaannis
  •   C) Phaawulos
  •   D) Yaqoob
  •   E) Luqaas
41 votes


✨Mul'ata Yohaannis 21:16

6 Akkasumas, “Ta'eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


Galaatiyaa 5:24-25


24 Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.

25 Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.

Oolmaa Gaarii!!


LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🫶Maatii Keenya Jaallatamoo, Chaanaalii Keenya #Share Gochuun Namoota biroo bira akka qaqqabu gochuun Akka Isaan Nu Waliin Dubbicha Qooddataniif gargaara🙏🙏

🎇Halkan Gaarii!!

👉🏼https://t.me/Gosp22
👉🏼https://t.me/Gosp22
👉🏼https://t.me/Gosp22

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🏵️ Boqonnalee isaan qaban irratti hundaa'uun Isa Kamtu 𝐒𝐨𝐛𝐚❓
Poll
  •   A. Mat:: 28
  •   B. Mar:: 16
  •   C. 1Qor :: 16
  •   D. Mul :: 24
  •   Dan :: 12
20 votes


🏵️Kanneen armaan gadii keessaa "𝐋𝐨𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐉𝐚𝐠𝐧𝐚" jedhamuun kan waammamu Isa kami❓
Poll
  •   A. Daawit
  •   B. Giidewon
  •   C. Siimson
  •   D. Iyyaasuu
35 votes


🔥Har'as Waaqayyoon Galateeffachuu Hin Dadhabiinaa! Rakkina fi Yaaddoo Keessanii ol Waaqayyo Inni Hundumaa Danda'u jira!!

Seera Ba'uu 15:2

2 Waaqayyo humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyina koo anaaf ta'eera; inni Waaqayyo koo ti, ani isa nan jajadha; Waaqayyo isa kan abbaa kootii ti, ani isa ol ol nan qaba.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


✉️ Inni Qulqulluudha! Galateeffadhaa!

Faarfannaa 99:9
9 Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, Waaqayyo gooftaan keenya qulqulluu dha; tulluu isaa isa qulqullaa'aa irratti isaaf sagadaa!

☺️Oolmaa Gaarii Qabaadha!☺️

LIKE | JOIN | SHARE

📣GWP MEDIA


🔥Haala Kam Keessattu Waaqayyoon Galateeffadhaa!

Faarfannaa 50:23
23 Namni galata aarsaa godhee dhi'eessu, ulfina anaaf in kenna; isa karaa isaa qajeelfatuttis, fayyisuu koo nan argisiisa!” in jedha.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🪧Yesuus Kiristoos Eenyu?


💡Maatewoos 16:15-17
15 Yesus immoo, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.
16 Simoon Phexros deebisee, “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” jedhe.
17 Kana irratti Yesus deebisee, “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne.

🪧Eenyummaan isaa Hammamiif tura?


💡Ibiroota 13:8

8 Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana!

☺️Gooftaatti Gammadaa Guyyaa Keessan Dabarsaa!❣️
😊Oolmaa Gaarii!

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


⭐️ Ibiroota 8:1

1 Wanta dubbannu keessaa, “Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna” isa jedhutu hunduma irra caala.

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🔺Waaqayyoon Gammachisuun Amantiidhaani!!


💡Ibroota 11:6


Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.”

🔺Amantiin Keenya Immo Ija Godhatee Fuula Waaqayyootti Mul'achuu Qaba.

💡 Galaatiyaa 5:22-23

²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,
²³ garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.

💡Yaaqoob 2:14

“Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba" jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ?”

😊 Guyyoota fi Baroota Nuuf Kennaman Gammachuutti, Boqonnaatti fi Nagaatti Dabarsuuf, Dursinee Jireenya Keenyaan Waaqayyoon Gammachiisuuf Bakka Kennuutu nurraa Eeggama.

😊 Waaqayyo Isin Haa Eebbisu! Oolmaa Gaarii Waaqayyo Itti Gammadu Qabaadha! Isinin Jaalladha 🥰

📝Roobeeraa

LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA


🏵️Kan armaan gadii keessaa Maqaan isaa "Ilma jajjabeessu" jechuutti kan hiikkatu Isa kami ❓
Poll
  •   A. Baarnaabaas
  •   B. Yohaannis
  •   C. Lewwii
  •   D. Yoseef
  •   E. Saamu'el
13 votes


🏵️Kamtu Soba❓
Poll
  •   A. Saa'ol Israa'eliif Mootii isa jalqabaati.
  •   B. Yoseef, Musee fi Daawit yeroo ijoollummaa isaanii "Tiksituu Hoolaa/Bushaayee" turan.
  •   C. Macaafni Iyoob boqonnaa "42" qofa qaba.
  •   D. Biyyi Israa'eloonni Akka dhaalaniif kakatameef biyya "Kana'aan" qofa.
13 votes


Macaafa Iyaasuu 1:9 (KJV)

“Ani Waaqayyo gooftaan kee, 'Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!' jedhee si hin abboomnee ree?" jedhe.”

🔔GWP MEDIA


Waliin Galateeffannu?

🎗Yaa Abbaa Ati Qofti Jiraachisaa Keenya Waan taateef Ulfaadhu. Jalqabni, Giddu Galeessii fi Xumurri Jireenya Keenyaa Siin Nuuf Haa Ta'u! Jireenya Nuuf laatte kana irratti Ati Qofti Ulfaadhu! Irreen Abbaa Ormaa, Humni Cubbuu, Gufuun Diinaa Ijaa Maqaake Jireenya Keenya irraa kan kufe haa ta'u! Maqaanke OlWaaqarratti, Lafarratti Barabaraan Kan Ulfeeffame Haa Ta'u!
Hafaa Yeroo Keenyaa, Hafaa Umurii Keenyaa Irratti ati nuuf ulfaadhu!

Maqaa Abbaa, Kan Ilmaa, Hafuura Qulqulluu, Sadan Waaqayyo tokkoon Ameen!!


⛪️ Bor Waldaa Deemuu Hin Dagatiinaa! Yommuu Deemtan immo #Macaafa_Qulqulluu 📖 fi #Yaadannoo 📓 Qabachuu Akkasumas #Uffannaa_Bareeda_Kiristiyaanummaa Madaalu Uffachuu 🕴👗 Hin Dagatiinaa! Eebbifamaa 🥰🥰

🌟1Pheexroos 2:2
2 Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra'aa!

Halkan Gaarii!!

🔔GWP MEDIA


Roomaa 12:12
12 Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!

🔔GWP MEDIA


Tiitoos 3:4-7

4 Garuu gaarummaanii fi jaalalli Waaqayyo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti in mul'ate.

5 Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu Hafuura Qulqulluutiinis nu fayyise.

6 Hafuurichis isa inni karaa Yesus Kristos fayyisaa keenyaa arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha.

7 Waaqayyo, ayyaana Kristosiin qajeelotatti lakkaa'amnee, abdiidhaan jireenya bara baraa akka argannuuf kana nuuf godhe.

Halkan Gaarii Qabaadha!

🔔 JOIN 👉🏼 GWP MEDIA

20 last posts shown.