👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 55ffaa 👇👇👇
👉Jireenya keessatti wantoota sadi adda baastee beekuufi isa si fayyaduuf dadhabuun barbaachisaadha. Wantonni sadan kunis, waan gochuu jaallattu, waan gochaa jirtuufi waan keessi kee gochuu barbaadudha.
1. Waan gochuu jaallattu jechuun, utuu keessi kee hinbarbaadiin garuu yoo hojjetteefi gochoota raawwatte gammachuu wayii siif kennu, yeroos itti dabarsitu jechuudha. Gochaa kana keessaa bu'aan ati argattu waan xiqqoofi itti fufiinsa hinqabnedha. Fknf, namootaa wajjin yeroo dheeraa teessee haasa'uu, taphoota garaagaraa taphachuufi daawwachuu, rafiitii hedduummeessuu, hojiima tokko qofa kan bu'aa irraa hinarganne irradeddeebiin hojjechuufi kan birooti. Isaan akkasii adda baafattee irraa of jijjiiruun barbaachisaadha. Sababnisaa, yeroofi humna kee fixu malee jireenya kee hinjijjiirani waan ta'eef.
2. Waan gochaa jirtu jechuun immoo amma waan ati dalagaa jirtu dirqamteemoo, barbaaddeetimoo, ittiin jiraachuufimoo, mul'ata keeti laata? Waan ati gochaa jirtu mul'ata keeti taanaan jabaattee itti fufuudha. Kanaa achi garuu, dirqamteefi kan biroof hojjechaa jirta taanaan ofii keefis, lafa keessaa hojjettuufi bu'aa hinqabu. Kanaaf, hatattamaan jijjiiruu si barbaachisa. Kana gochuufis murteefi kutannoo qabaachuu si gaafata. Waan nama dhibummoo ni dandeessa. Akka dandeessu garuu beekuufi amanuu qabda.
3. Waan keessi kee gochuu barbaadu. Waan keessi kee gochuu barbaaduufi yaadu kaayyoofi mul'ata dhalatteef ta'uu danda'a. Mul'annifi kaayyoon dhalatteef yeroo hedduu keessa kee deddeebi'ee akka ati hojjechuu qabdu sitti dubbata. Yoo jabaattee hojjetteef akka guddattu si amansiisa. Mul'ataafi kaayyoo kee qofa waan ta'eef isa keessi kee sitti dubbatu naannoo keerraafi namoota biroorra hindhageessu. Yoo itti himtee mariisistes deggarsaafi yaada jajjabinaa hinargattu. Akkasumas, danqaalee haalota dhuunfaa keefi kan biroo garaagaraan marfamoodha. Kanaaf, jabina, tattaaffiifi yaalii mataa keetii qofaan mul'anni keessa kee deddeebi'u bahee milkaa'uu danda'a. Gochaan akkasii kun jalqabatti aarsaa si kaffalchiisuu danda'a. Cimtee yoo fiixaan baafte garuu deebisee dachaa guddaan si kiisa. Tarree namoota milkaa'aniis si kaa'a.
Kanaaf, ati namni hasbarruu kana dubbisaa jirtu qabxiilee gochaa sadan kana keessaa isa kam irra jirta? Isa kamtummoo fuulduree jireenya keef murteessaadha? Akkasumas, jireenya qannoofi qananii, kan milkaa'inaa si jiraachisuu danda'a? Irra deddeebitee itti yaaduu si barbaachisa. Guddachuun keefi milkaa'uun kee si dabalatee namoota baay'eefi biyyaaf bu'aadha. Ta'uu baannaan garuu ofiifis, namoota baay'eefi biyyaafis ba'aadha. Kanaafuu, guddachuu qabda.
Waan dubbistaniif galatoomaa. Yoo irraa barattan hiriyyoota keessaniif qoodaa. Fuulbarruu kana hordofuu(follow) hindagatiinaa.
Sarara telegram channel koo asii gadiinis seenaatii na hordofaa.👇
👉
@HamboofAroon1 Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.