Lalisa T Ayana CHANNEL


Channel's geo and language: Ethiopia, Amharic
Category: Blogs


Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
➢ Eenyummaan kee si keessa qofadha.
Thoughts from the Product Manager / CEO / Founder of @Qaroocompany
📥inbox @LalisaTAyana
🔵Facebook add ➡️ bit.ly/32A48B8
Website ➡️ www.Qaroo.org


Channel's geo and language
Ethiopia, Amharic
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


''Dubbii ‘sangaatu dhale’ jedhu hin dhaga’iinaa. Wanti duuba deebi’es, dhiifamni gaafannes hin jiru. Utuu ta’ees warra sababa malee nu abaaran, warra macaafa mana amantaarrattillee utuu hin hafiin saba guddaa kana arrabsan…isaantu nus, saba keenyas dhiifama gaafachuu qaba malee nu miti. Hojiin jalqabne si’achi cimee itti fufa.”

Abuuna Saawiroos.
🙌


https://t.me/Lalisa_T_Ayana ⬅️join more


Yeroo ammaa kanatti Facebook, Telegram fi social media'n tokko tokko hojii dhaabanii jiru. Kanaaf Namoota telegram fi social media garaagaraa isiniif hojjechuu dideef furmaanni kunooti, Liinkii gadii irraa argattu.⬇️⬇️

https://ift.tt/A2lUWof
https://ift.tt/A2lUWof


Mobile keessan barreeffama isa bareechuuf yoo barbaadan app kana fayyadama
link kana tuqaa buufadhaa.
⬇️⬇️⬇️⬇️


https://hd3.bbcko.com/font-style/
https://hd3.bbcko.com/font-style/


KUTAA 12FFAA

Karaawwan Firii qorumsa biyyaalesaa kutaa 12ffaa ittiin ilaalan
.

1) website https://eaes.edu.et/

2) Telegram @eaesbot

3) shot link bit.ly/eaeseduet

4) Kara ( SMS 6284)

✤Join more news @QarooMagazine


Nama meeqa kiyyootti galchan seete! Jedhimee ilma koo! Siinis si argatanii oolan…Waaqatu si oolche!" jettee akkuma harka isaanii qabdetti jaarsa fuutee deemte.Namichi naasuun hollate.Dafqatu irra cite! "Ani siif jira" kan ittiin jedhe jaarsi edaa dhukkubsataa sammuuti.

Maal jechuun barbaade seetan? Mee waana ani jechuu barbaade gol-yaada keessatti barreessaa. Seenaa ajaa'ibaa kana irraa maal baratta?
Halkan baay'ee bareedaa qabaadhaa!

Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa ❤

⭐Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ Lalisa_T_Ayana

Telegram channel ➡️ T.me/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa


#Ani_siif_jira! Seenaa ajaa'iba

Dandalaa magaalaa Niwoyoorki ture. Daldalli isaa kufee kasaaraa guddaan taphaa ala ta'e. Muka qabatan dhabeera. Dhiphina isaa jechoonni hin ibsan. Gabaabaamatti jiruu fi jireenya irraa abdii kuteera. Harka isaa lamaaniin mataa isaa jabeessee qabatee paarkota magaalattii keessaa tokko keessa taa'ee jira. Buusee baasee yaada. Homaa furmaanni itti hin mul'atu.

Haala kana keessa otoo jiruu jaarsa bareedaa tokko arge. Gara isaa dhufaa jiru. Itti dhi'aatan. "Maal taate mucaa koo? Maaltu akkana si gaddisiise" jedhanii gaafatan. Yoo xiqqaate nama dhiphina isaa itti himatu argachuu isaaf xiqqoo tasgabbaa'e.

"Dhiphinni namaaf qoodame dachaan hir'ata, gammachuun namaaf qoodame immoo dachaan baay'ata!" jedhama mitiiree?
Hafuura dheeraa baafate. Tokko lama jedhee gaaga'ama guddaa isa mudate seenesseef.

Seenaa isaa hunda itti himate. Ji'oota ja'an darban keessatti kasaaraan hammamii akka isa mudate, gatiin namaa hammamtu akka isa irra jiru, fuula duratti kufaatiin akkamii akka isa eeggatu, egereen isaa akka dukkanaa'e…itti himate. Jaarsis qalbiidhaan dhaggeeffatan.
Dhaggeeffatanii booda jaarsi bareedaan sun,"Jabaadhu ilma koo! Ani siif jiraa!" jedhan.

Giiphii kootii isaanii keessaa cheekii tokko gad baasan. Itti hiixatan. Irraa fuudhee ilaale. Waan irratti barreeffamee jiru amanuu hin dandeenye. Akkamitti amana? Doolaara kuma dhibba shan ($500,000)! Cheekii sana mallattoo gajjallaa immoo maqaan barreeffame kan nama salphaa hin turre. Obboleesso! Dureessa beekamaa Joon D. Rookfeelertu itti mallatteesse! Galagalchee...gaggalagalchee ilaale. Amanuu dadhabe!

"Maal goota seete? Maallaqa guddaa ani siif arjoome kanaan daldala kee bayyaannachiifattee yoo jabaatte, waggaa har'aa sa'atiima kanatti cheekii doolaara 500,000 qabattee dhufta. Atis nama rakkate kan biroof akka arjoomtun barbaada. Jedhi egaa! Gaafa beellamaa wal agarraa!" jedhanii deeman. Itti galagalanii, "Yoo milkaa'uu baattes itti hin dhiphatiin. Ta'es ta'uu baates hin badiin. Akkuma beellamnetti wal haa agarru. Mudannoo kee hunda natti himtaa!" ittiin jedhan.

Daldalichi waan jedhu dhabe. Gammachuu irraa kan ka'e onneen isaa dha'annaa ishee dabaltee karaa afaanii waan baatu fakkaatte. Rookfeeler miti Uumaa waliin fuulaan waan wal arge fakkaatee itti dhaga'ame. Abdiin isaa jalaa du'e lubbuu horate. "Maal abbaa isheen abdii kuta?" jedhe! Amma doolaara 500,000 kanaan gatii isa irra jiru hunda kaffalachuu danda'a.

Kanaan otoo jiruu yaadni tokko dhufeef! "Anumti ofii koo itti dadhabee hojjedhee karaasaan keessa jiru keessaa ba'uu nan danda'a! Kanaaf haga waggaa har'aatti cheekii kana otoon hin calleeffatiinan tursa. Waggaa har'aas cheekiima kana qabatee dhufee jaarsichaaf kenna. Seenaa milkaa'ina isaa immoo itti himata. Kana gochuuf onnatee cheekii isaa fudhatee manatti deebi'e.

Onnatee hojii daldalaa isaa itti fufe. Jabaatee hojjete. Yoo itti cime malee cheekii sana akka hin calleessine waadaa ofiif seeneera. Haala nama ajaa'ibuun, hojii isaatti milkaa'ee walakkaa waggaa otoo hin ga'iin gatii isa irra jiru hunda kaffale. Ni bayyaannate. Gaafa waggaa tokkoo daldalli isaa haalaan guddate.

Amma guyyaan beellamaa ga'eera. Jaarsa waliin deebi'ee wal arguuf ariifateera. Sa'atiin geenyaan fuula gammachuun ifeen cheekii jaarsaa qabatee bakka jedhametti qajeele. Daqiiqaa muraasa eegee booda jaarsi fuula ifaadhaan achii as dhufaa otoo jiranii arge. Baay'ee gammade.

Jaarsi yoo dhufanii isatti dhi'aatan narsiin tokko dudduubaan dhuftee harka isaanii qabde.
"Maaluma naaf wayya?" jette narsittiin, "Jaarsi kun inuma na guban. Guyyaa guyyaatti kutaa waldhaansa dhibee sammuu itti yaalamaa jiranii badanii bakka kana dhufu. As dhufuun isaanii homaa miti. 'Ani Rookfeeleri' jedhanii cheekii sobaa namaaf kennaa ooluu isaaniitu bade malee!' jette. Itti aarteetti. "Nama xiqqoo waan gadde fakkaatu yeroo argan dubbisanii cheekii sobaa Rookfeeleriin mallattaa'e fakkaatu itti kennu. @Lalisa_T_Ayana


" Ummatni damaqe, Ummatni gurmaa'ee fi hidhate ni bilisooma. Ummata Oromoo dammaqsuun, gurmeessuu fi hidhachiisun Murteessaadha "

Dr.Hayilee Fidaa

📸 Credit Qaroo.org

http://T.me/Lalisa_T_Ayana


Gochaa sukkanneessaa ummata nagaa irra gaha jiruu baay'ee nama gaddisiisa😭😭

http://T.me/Lalisa_T_Ayana


Ofitti Amanamummaa Dhabuu!

➥ Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti fokkisiisuu irra darbee gatii hin malleen of nama sharafsiisa. Isa kan keetti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu.

■ Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahan. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homaa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbii fi beela hammana hin jedhamneen waan hubamaniif fala osoma dhahaa jiranii, namicha gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, “Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?” ittiin jechuun yaada dhiyeesseef. Yaada kanatti mataa isaa olii fi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, “Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu....guutummaa isaa as irra dubisaa ⬇️

https://qaroo.org/ofitti-amanamummaa-dhabuu/


MAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA!

Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa.

Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene.

Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e.

Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe.

"Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe.

Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne.

Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen.
Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha.

Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa!

Madda: Istiiv Andiriyaas

Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa ❤

⭐Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ T.me/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa


Forward from: QAROO-MAGAZINE
Lixa Wallaggaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti marsaa afur haleellaa xiyyaara waraanaa uummata gabaa ba'e irratti raawwachuun miidha guddaa qaqqabsiisuun dhagaa'ame.

Akka ONM-ABO gabaaseeti:

Haala kanaanis har'a Sadaasa 9,2022 waaree booda toora 8:00 irratti humni qilleensaa qamaa motummaa haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamu fayyadamuun godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Mandii ganda 02 bakka adda maqa buufata konkolaataa Mandii iddoo lama irratti raawwatee jira.

Iddoowwan lamaan kunis Teelee fi uummata gabaa dhaqaa ture akkasumas gabaadhaa galaa ture irratti boombiin samii gadi darbatame kun kan bu'e yoo ta'u bakki biran maqa Daalattii naannoo bulchiinsa magaalaa Mandiitti akka raawwate odeessi achii ba'e ni addeessa.

Haleella marsaa afur raawwate kanaanis hanga gabaasni kun qindaa'etti lammiilee nagaan 30 ol yoo du'an namootni 20 ol madaa'anii jiru.

haleellaa xiyyaaraa waraanaa lammiilee nagaa Oromoo irratti bifa haaraan Onkololeessa 19,2022 eegaleen lubbuun namootaa jumlaan dhumaa jiraachuun ni beekama.

ONM-ABO tu gabaasee

Info ➡️  WWW.QAROO.ORG

More ➡️ @QarooMagazine




Galma aadaa keenya
Eegaa seena keenyaa
Kallachaa tokkummaa
Hundee bilisummaa
Afaan Oromoo
Hundee Oromummaa
Gurratti mi'aawaa
Yaa'aa sagalee kee
Cirracha bishaani
Baay'innii jecha kee
Kan rafee dammaqsaa
Weeyduf walaloon kee
Lakka'amee hin dhumu
Hibboo fi makmaaksii kee

Galata guddaa dhaloota bira qabda!
Goota foontu du'a malee hojiin hin du'u"

Nagaan boqadhu kabajamoo Dr. Artist Ali Birraa!
Rest in peace Legend Dr. Artist Ali Bira!

http://T.me/Lalisa_T_Ayana


Aartiistiin Gameessi Oromoo Abbaan Artiistota keenyaa dooktarri kabajaa Alii Birraa hospitaala adaamaati yaalamaa turus har’a galgala boqotaniu jiru.

boqochuu isaaniitti gadda guddaa naati dhagahame ibsaachaa maatii, firoottanii fi hiriyoottan isaa maraaf jajjabina hawwa.

Facebook page ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ T.me/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa


SEENAA AJAA'IBAA Felix B. Carter

➥ Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter.

●️ Felix umurii ijoollummaa isaa waggaa 15niin dura mucaa abaaramaa, kan maatiif hin ajajamne, yeroo hunda bakka badii kan ooluu fi barnootattis baay'ee dadhabaa kan tureedha.

●️ Manaa baruumsaa itti baratu keessaa namni sadarkaadhan isaa gadi ta'e hin jiru. Maatiin isaa warra sooressa jedhamuun biyyattiitti maqaa guddaa qabaniidha. Daldala warqeen kan beekaman harmeen Felix qabeenya hedduu kuufachuun jireenya gaarii jiraatu. Abbaan isaa mana Kitaabaa guddaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuun dubbiftoota hedduu horachuun sammuu namaa hedduu dammaqseera.

●️ Feelix hanga kutaa 6 gahutti hangas mara nama sammuu sirrii hin fakkaatu. Faallaa waan deemuuf, Isaaf "godhiin dhiisii yoo ta'u, dhiisiin immoo godhiidha. Firaa fi hiriyyaan hunduu yoo gorsan....guutummaa isaa as irra dubisaa ⬇️

https://qaroo.org/seenaa-ajaaibaafelix-b-carter/


#Otoon_Isa_Ta'ee!
Namichatu dhagaa soofa. Sun hojii isaati. Hojii isaa sana garuu hin jaallatu. Itti gammadee hin beeku.

Gaaf tokko dadhabee otoo hojiidhaa galaa jiruu mana daldalaa dureessa tokko bira ga'e. Dhaabbatee ilaale. Qabeenyawwan gati jabeeyyii fi namoota barbaachisoo hedduu arge. "Daldalaan sun nama jabaa akkamiiti? Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Yoon daldalaa dureessa ta'e dhagaa soofuu inni dadhabsiisaan sun ni hafa jedhee yaade.

Yeroo booda akkuma hawwe daldalaa ta'e. Itti milkaa'ees baay'ee duroome. Daldaltoonni isaan gad jiran ni jibban, itti hinaafan. Kanaan otoo jiruu guyyaa tokko aanga'aan siyaasaa aangoo guddaa qabu tokko konkolaataa baay'ee bareedaa yaabbatee, eegdotaan marfamee, otoo karaa sana darbuu, humnoonni nageenyaas namoota karaa irraa otoo ari'aniifii arge. Gurguddoonni otoo hin hafiin kabaja isaaf gad jedhu turan. "Aanga'aan sun nama jabaa akkamiiti? Namuu ni sagadaaf. Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe.

Akkuma hawwe yeroo booda aanga'aa guddaa ta'e. Konkolaataa fardaa baay'ee bareedaa irra taa'ee yoo deemu, namoonni naannoo isaa akka malee isa sodaatan, ni jibbanis. Aanga'ichis konkolaataan fardaa sun isatti toluu dide. Aduutu isa gube. Ol jedhee aduu ilaale. Samii walakkaa teessee achii gad ifti. Jiraachuu isaaf dhimma hin jenne. "Aduun sun jabduu akkamiiti? Eenyuunuu otoo hin sodaatiin achii gad ifti, abbaa feete gubdi. Maal ta'a otoon ishee ta'ee!" jedhee hawwe.

Isa booda aduu ta'e. Uumama hunda irratti ifuu eegale. Dirreewwan guggube. Qonnaan bultoonnii fi hojjetoonni humnaa isa abaaran. Duumessi gurraachi isaa fi uumama gidduu yoo seenu garuu ifnii fi ho'i isaa isa keessa darbuu akka hin dandeenye arge. "Duumessi gurraachi sun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba, Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe.

Itti fufuun duumessa ta'ee dirreewwanii fi gandeen hunda guute. Garuu humni guddaan tokko otoo isa dhiibuu fi bittimsuu itti dhaga'ame. Qilleensa ture. "Qilleensi sun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba. Maal ta'a otoon qilleensa ta'ee!" jedhee hawwe. Qilleensa ta'uuf fedha guddaatu itti dhaga'ame.

Maarree ammas akkuma hawwe qilleensa ta'e. Bantii manneen namootaa fi biqiloota buqqisuu eegale. Namoota gajjallaa taa'anii ilaalan biratti jibbamaa ta'e. Kanaan otoo jiruu wanta humna isaa gararraa ta'e, kan tole jedhee isaaf hin sochoone tokkotti bu'e. Hammamuu dhiibu sana bakkaa kaasuu hin dandeenye. Dhagaa ture. "Dhagaan kun jabaa akkamiiti? Humni isaa ajaa'iba! Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Dhagaa ta'uutu itti bareede.
Hawwiin isaa milkaa'eefii dhagaa ta'e. Wantota addunyaa kana irra jiran hunda caalaa humna-qabeessa akka ta'e yaade.

Garuu gaddumii guddaan humnaan otoo isa rukkutuu arge. Ofuma isaa akka waan jijjiiramaa jiruutti itti dhaga'ame. "Ana caalaa humna kan qabu eenyu? Eenyu kan rukkutee akkanatti na caccabse?" jedhee of gaafate. Gad ilaale. Nama dhagaa soofu of jalatti arge!

Seenaa kana nama Beenjaamin Hoor jedhamutu seenesse. Ana nama biyya Oromootu Afaan Oromootti hiike. Dubbiseen waa irraa baradhe. Isinis akkuma koo waa irraa barattu jedhee yaadeen isiniif hiike.

Namichi sun jalqaba nama dhagaa soofu ture. Garuu hojii isaatti hin quufne. Itti gammaduu hin dandeenye. Kanaaf wantota hedduu ta'e. Dhuma irratti dhufee humna dhagaa caalu kan qabu nama dhagaa soofu ta'uu arge. Gabaabaamatti, hojii ofiitti quufuun, waan hojjetanitti gammaduunis waan ta'uu hin qabne ta'uuf ofumaa umurii ofii qisaasessuu irraa nama oolcha.

Baay'een keenya otoo nama biraa taanee jireenyatti gammadna jennee yaadna. Dhugaan isaa garuu akkana miti. Kan keetti hin gammaddu taanaan kan namaattis hin gammaddu. Of ta'uu, hojii ofii jaallachuu, kaayyoo ofiif jiraachuu, mul'ata ofii galmaan ga'uuf hojjechuutu milkaa'inatti nama geessa malee, nama biroo ta'uu yokaan akkeessuu miti.

Eebbisaa baayisaa

⭐Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ T.me/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa


Forward from: QAROO.ORG
Akkamitti hordoftoota (follower) TikTok Baayinaan Argachuu dandeenya.?.... guutummaa isaa as irra dubisaa ⬇️

https://shager.kanapress.com/2022/11/02/akkamitti-hordoftoota-tiktok-baayinaan-argachuu-dandeenya/


Maalkom Eksi -- (X).pdf
1.5Mb
Seenaa Maalkom Eksi X
Falmaa mirga Gurraachotaa.

Seenaan kun kan fudhatame kitaaba ■ Eebbisaa Baayyisaa "Gatiin namaa meeqa " jedhu irraayyi.

Haala ka
n
aan kan qopheessee isiniif dhiheesse ■ Abdussalaam Idriis

.... ☆ Doorsisaa fi jibba warra adii irraa isa mudate hunda danda'ee qabsoo isaa finiinseera. Dhuma irratti garuu, Harki harka muree, Gurraachonni inni lubbuu isaatti murteessee qabsaa'eef isa galaafatan. Eeyye, warra inni isaaniif qabsaa'aa turetu rasaasa itti roobsee galaafate!... keessaa kan fudhatame.

Obsaan Dubbisaa!


Shere waliif Godhaa Galatoomaa !

⭐Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ http://www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ T.me/Lalisa_T_Ayana

18 last posts shown.

4 169

subscribers
Channel statistics