AMALOOTA NAMOOTA
MILKAA'ANII TORBA (7)
( Steven Kovey )
━━━━━⊱✿⊰━━━━━
Akka hayyuu xiinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa "The Seven Habits of Highly Effective People" keessatti barreessetti namoonni jiruu fi jireenya isaanii keessatti milkaa'an amaloota tokko isaan godhu torba(7) qabu.
1. Be Proactive: ~
Nama Dursee Yaadu, osoo rakkoon tokko hin uumamin duratti nama itti qophaa'u ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa'uu.
2. Begin with the end in mind: ~
Waan tokko wayita eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif
xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuu.
3. Put first things first: ~
Waan dursuu qabu dursuu. Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjachuu.
4. Think Win Win: ~
Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaa'uu fi gammaduu osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan yookiin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu.
5. Seek First to understand and then to be
understood: ~
Namoonni maalif na hin hubanne
jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu.
6. Synergize: ~
Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba tokkootti yookii waajjira tokkotti yoo sochoonu wantoota qabnu wal simsiifnee hojjachuu.
7. Sharpen the Saw: ~
Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha.
✍️ Eegaa waan guddaa
akka hubattan abdiin qaba.
@Lalisa_T_Ayana