Megertu Dhugasaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Barnoota Channel kanaan kennamu
1. Jireenya kaayyoo qabu jiraachuu
2. Barnoota Gaa'elaa
3. Dhufaatii Kristos
4.Barumsa Dargaggootaa
Yaadaaf: @Megertu_Dhugasa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter




ሰላም ቅዱሳን በTELEGRAM አድሱ ቻናል ተወዳጅ የሆነ እናንተም JOIN በማለት በተሰብ ይሆኑ 🙏

ለማስታወቅያ ስራ👉@kal_tf


                Of-Qopheessuu.
Bau. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anii gaafa ji'a sadaffaa isaaniitti Siinaa lafa onaa ga'an.
² Isaan Refiidiimii ka'anii Siinaa lafa onaa ga'anii achi in buufatan; buufanni Israa'elootaa fuullee tulluu Siinaa ture.
³ Museen yommus tulluu irratti Waaqayyo bira dhaquudhaaf ol in ba'e; Waaqayyo immoo tulluu irraa Musee waamee, "Isa kanatti fufee jiru Israa'eloota sanyii Yaaqoobitti,
⁴ 'Warra Gibxii waanan godhe, akka joobirri cuucota ishee qoochota isheetiin baattutti isin immoo baadhee gara kootti akkan isin fide argitaniittu.
⁵ Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.
⁶ Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa'aa anaaf in taatu' jedhii himi! Saba Israa'elitti kan ati dubbattu isa kana" jedhe.
Bau. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Ergasii Museen tulluu irraa gad bu'ee gara saba sanaa dhufee, akka isaan of qulleessan, uffata isaaniis akka miiccatan godhe.
¹⁵ Yommus Museen jaraan, "Guyyaa sadaffaa sanaaf of qopheessaa, dubartii biras hin ga'inaa!" jedhe.

Waaqayyoon arguuf of-qopheessuun barbaachisaa dha.
Of-qopheessuun maaliif barbaachise beektu ?
✅ Yerootti dur amanne Caalaa guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef 👉📖 Rom 13:11.  
✅ Kiritosii wajjiin mo'uudhaaf. 👉📖 Yoh 16:33. 
Akkamitti Of-qopheessuun danda'ama. ??
✅ Macaafa Qulqulluu Qo'achuudhaan.  👉📖 Erm 15:16. 2Xim 3:16. 
✅ Kadhachuudhaan. 👉 📖 Luq 21:36. 
✅ Of-qoruu fi of-ilaaluudhaan. 👉📖 1Qor 11:28. Efe 5:10. 
✅ Hojjechuudhaan. 👉📖 Qol 3:23.
Amala warra Of-qopheessuutti jirani:
✅ Rakkina isaanii lafarraa badhaadhummaa waraqaarraatti heerregatu👉📖 2Qor 4:17. 
✅ Miidhamanii jaallatu. 👉📖 Luq 25:34.
bu'aan warra Of-qopheessanii
✅ Mo'icha. 👉📖 Mul 20:4-5, 
✅ Simatamoo ta'u. 



Join  👥 @Megertu_Dhugasa




Barsiisaa koo Dhugaa - Faaruu hafuura namaa boqochiisu https://youtu.be/nSAO1HENy4c?si=5XYOkw1sbQnYwggz


Roba Aman - Faarfannaa Durii

➡️ https://youtu.be/vwNMQG84M1w
➡️ https://youtu.be/vwNMQG84M1w


Dirree Onaa Homtuu hin Jirretti
Guutuu Shiferraa Lyrics

🎤
➡️ https://youtu.be/v7Hq6Hln13g
➡️ https://youtu.be/v7Hq6Hln13g


Hojii Ergamootaa 12:6-19

Hidhaan kee siraa hikkamera

Ergamaan Waaqayyoo Rhexrosin Mana Hidhaatii Baasuu Isaa
6 Edumtii guyyaa itti Herodis Phexrosin akka qoramuuf dhi'essuudhaaf jedhe sanatti, Phexros fuuncaa lamaan hidhamee, loltuu lama gidduu in rafa ture; eegduun immoo balbala manicha hidhaa dura dhaabatanii in eegu turan. 7 Kunoo, ergamaan gooftichaa Phexros bukkee dhaabate; golli manicha hidhaa inni keessa tures ifa waaqa irraatiin guute. Ergamaan sun cinaacha Phexros rurrukutee dammaqsee, "Dafii ka'i!" ittiin jedhe; achumaan fuuncaan inni ittiin hidhame harka isaatii bu'e.

8 Ergamichi immoo, "Hidhadhu, kophee kees kaa'adhu!" jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kophee isaas kaa'ate; ergamichi ammas, "Wayyaa kee uffadhuu ana duukaa bu'i!" ittiin jedhe. 9 Phexros manicha hidhaa keessaa ba'ee, ergamicha duukaa bu'e. Garuu ergamaan gooftaa kan hojjeteef kun dhugaa itti hin fakkaanne; innoo mul'ata waan arge se'e.

10 Ergamichaa wajjin eegduu warra duraa, warra lammaffaa biras darbanii, balbalicha sibiilaa isa mandaratti baasuu bira ga'an. Balbalichi utuu namni itti hin bu'in isaaniif baname, Isaanis gad in ba'an; karaa tokko irra takka erga adeeman, ergamichi achumaan Phexros biraa sokke. 11 Phexros yommus of bare, "Gooftichi ergamaa isaa ergee, harka Herodisii fi harka Yihudoota warra hamaa na irratti yaadan hundumaa akka na oolche, amma dhuguma beekeera" jedhe.

12 Phexros kana hubatee gara mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maariqos jedhauu dhaqe; achumaan namoonni baay'een walitti qabamanii kadhachaa turan. 13 Phexros immoo balbala kellichaa rukunnaan, intalli Roodaa jedhamtu tokko gara balbalichaa dhuftee owwaatte.


14 Isheen Phexros ta'uu isaa sagalee isaatiin bartee waan gammaddeef utuu balbala hin baniniif ol fiigdee, "Phexros balbala dura in dhaabata" jettee himte. 15 Warri kana dhaga'an immoo, "Ati in maraatte fakkaata" isheedhaan jedhan. Isheen garuu, "Lakkii isuma" jettee falmite. Kana irratti isaan, "Egaa'oo ergamaa isaa isa isa eegu ta'inna" jedhan.

16 Inni garuu ittuma fufee balbalicha rukute; balbalicha yommuu banan Phexrosin arganii, akka abjuu ta'an. 17 Calluma jedhanii akka dhaggeeffataniif harkaan milikkita isaaniif kenne; gooftichi mana hidhaa keessaa attamitti akka isa baase, isaanitti odeessee, "Dubbii kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa!" jedhee, ba'ee iddoo biraa dhaqe.

18 Lafti bariinaan warri loltuu, "Phexros attam ta'e?" jedhanii, waan godhanis wallaalanii rakkatan. 19 Herodisis Phexrosin barbaachisee argachuu dadhabnaan, loltuu isa eeguudhaaf kennamanii turan sanas qoree, akka ajjeefamaniif abboome; kana booddees Herodis Yihudaadhaa Qiisaariyaatti gad bu'ee takka achi taa'e.


Singer_Megertu_Official
Kakuu_Studio
Megertu_Dhugasaa


Luq 7:11-16

Yesus Dargaggeessa Tokko Du'aa Kaasuu Isaa
11 Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni danuun isaa wajjin dhaqan. 12 Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate, kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin duukaa in bu'u turan.

13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, "Hin boo'in!" jedheen. 14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo, "Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen.

15 Achumaan inni du'ee ture ol jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. 16 Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.



Singer_Megertu_Official
Kakuu_Studio
Megertu_Dhugasaa




Waaqayyoon ofirratti moosisuu kan dandeenyu gabaabumatti 
1. Waaqayyoof abboomamu.
2. Waaqayyoof amanamuu.
3. Waaqayyoof adda bahuu dha.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏❤❤❤❤❤❤❤❤
Ameen


Join  👥  @Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Singer_Megertu_Official


👉📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖 Waaqayyoon Ofirratti Moosisuu.📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖

Waaqayyoon ofiratti moosisuu jechuun amala Waaqayyo nurraa barbaadu hundumaa hojjechuudh. Waaqayyoon ofirratti moosisuun , Waaqayyoof qofa amanamuudha. Waaqayyoof hin amanamtu yoota’e Waaqayyo siif hin amanamu. Yeroo baay'ee iccitiin Waaqayyoon ofirratti moosisuu dadhabuu inni guddaan; lafa Waaqayyo si kaa’e irratti amanamummaa dhabuudha. Mootichi Saa’ol waan Waaqayyo isa abboome hunda amanamummaadhaan raawwachuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo isa ajjeese. 👉📖 1Sen 10:13.
1Sen. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef in du'e; inni eker-dubbiftuu barbaadee gaafatate malee, dubbii Waaqayyoof hin abboomamne.
¹⁴ Inni Waaqayyoon gaafatachuu hin barbaanne; kanaaf Waaqayyo isa ajjeesee, mootummaa isaa Daawit ilma Iseyitti in dabarse.

Argitee? asirratti waan hubachuu qabnu inni guddaan , sababa Waaqayyoon ofirratti hin moosifneef Waaqayyoof amanamuu hin dandeenyu. Mee jireenya Saa’ol mooticha irraa waan hedduu hubanna. 
1ffaan Eker-dubbiftuu bira dhaquudhaan Waaqayyo irraa amanamummaa dhabe. 👉📖 1Sen 10:13 irratti akkuma arginu jechuudha. 
2ffaan Hojii Waaqayyo isaaf hin laanne hojjechuudhaan. 👉📖 1sam 13:12-14.

3ffaan utuu danda'u Waan abboomame  raawachuu dhiisuudhaan.
1Sam. 15
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ "Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda" jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye.

 …  
¹⁸ Inni, 'Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi! Hamma isaan dhumanittis isaan waraani!' jedhee si erge.
¹⁹ Egaa maaliif dubbii Waaqayyoo dhaga'uu diddee, boojuu irratti lafa dhooftee, Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjette ree?" jedhe.

 …  
²² Saamu'el immoo, "Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya;
²³ abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti; xiiqeffachuunis jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti; sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera"

jedheen.

Waaqayyoon ifirratti moosisuuf wantoota armaan olitti ilaalaa turre irraa bilisa ta’uu qabna. Itti dabalee
Waaqayyoon ofirratti moosisuuf maal gochuu qabna ?
1. Lafa Waaqayyo nu fide beekuu. 👉📖 Far 124:1-8
2. Waan waaqayyo hin jaallanne irraa adda bahuu. 👉📖 Izr 10:1-12 akkasumas 👉📖2Qor 6:14-17.

2Qor. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?
¹⁵ Kristosii fi Seexanni² attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree?
¹⁶ Manni qulqullimmaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, "Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi'a;  ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u" jedheera.
¹⁷ Iddoo biraattis immoo, "Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas;wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!


Bara keenya kanatti amala tokkotu jira. Amala sana hamma ofkeessaa baafnutti hinfayyinu. Sababiinsaa Waaqayyo jala utuu jirruu ;
A) waaqolii tolfamoo waaqessuu,
Fakkeenyaaf qabeenya barabaraan nama hin oolchine barbaacha Jawwee sooruu fi itti sagaduu, beekaa yookaan Eker-dubbiftuu(Xibaartota) bira dhaquu jechuudha. 
B) Namoota hin amannetti hidhachuu. Tajaajilaa taanee utuu jirruu warra hin amannetti hidhachuu. Warra hin amanne wajjiin walfuudhuu fi heerumuu, wantoonni kuniyyuu Waaqayyoon hingammachiisan. Bara lubicha Izraa waan akkasii kun ta'ee ture. 👉📖 Izr 10:1-13.   Yeroo sanattis Waaqayyo akka adda bahaniif karaa lubicha Izraa Israa'elota abboomee ture. Nutillee waan baay'ee irraa adda bahuutu nuuf mala.


https://youtu.be/QBQGiOtKWoA?si=7nsr-QfZdiS9BDXl
🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕
GIDDUU GALE /FAR/ ASEGID ABEBA FARFANAA Afaan OROMOO Gospel song 2017/2024


@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Megertu_Dhugasaa


Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.

Michuu biyya lafaa hin ta'in ! Diina Waaqayyoo taata.
Akkamittiin Namni diina Waaqayyoo ta'a ?
✝ Wal qoccoluu fi wal loluu. Yaq 4:1
✝ Kadhannaa jibbuu ykn Waaqayyoon kadhachuu dhiisuu. . Yaq 4:2
✝ Kajeellaa yaada garaa ofiif bitamuu. Yaq 4:3
✝ Of tuullumaa ykn kooruu. Yaq 4:6
Kanneen armaan olii kana jalaa ba'uuf maal gochuu qabna ?
✅ Waaqayyotti of kennuu. Yaq 4:6
✅ Yaada qajeelaan kadhachuu. Yaq 4:3
✅ Michummaa biyya lafaa dhiisuu. Yaq 4:4
✅ Waaqayyo duratti gad of deebisuu ykn oftuulummaa dhiisuu. Yaq 4: 6 , 10.

📖 Yaq. 4
¹ Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase? Kajeellaa keessan isa bu'aa dhagna keessanii keessatti wal loluutu kana kaasa mitii ree?
² Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan.
³ Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu.
⁴ Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.
⁵ Yookiis caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo, hawwa hinaaffaatiin hafuura isa nu keessa kaa'e duukaa bu'aa jira" yommuu jedhu, akkasumaan kan dubbatu isinitti fakkaataa ree?
⁶ Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo warra kooraanii ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna" in jedha.
⁷ Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
⁸ Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!
⁹ Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu!
¹⁰ Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.
Join  👥  @Kakuu_Studio
@Singer_Megertu_Official

Like 👍
Share 📱📲


Akka Waaqayyo jedhe godhaa !!

Iya 8:8
“ Ilaa! Ani isinitti himeeraa, akkuma Waaqayyo isin abboome godhaa!" jedhe.”
  — Iya. 8:8
Akka Waaqayyo jedhe yoo gochuu dhiifne maaltu ta'a?
Qilleensa hamaatu ka'a.📖 Yon 1 : 3
Yoonaas akkuma Waaqayyo itti hime gara Naanawwee utuu dhaqeera ta'ee qilleensa jabaa sanaan hin raafamu ture. Maaltu beeka yoona nutis bidiruun keenya isa eessa nugeessaa jirudha ? Jennee yaannee beeknaa laata ?
Sababiinsaa gara itti deemaa jirru sana keessa Waaqayyo jira moo hin jiru isa jedhu beekuutu nurra jiraata. Kana ta'uu baannaan raafama biyya lafaa kanaan raafamuun hin oolu.
Yoonaas akka Waaqayyo jedhe gochuu waan dhiiseef ;
👉Qisaasa'ina Qabeenyaatu irra ga'e
👉Firdii du'aa ofitti fide.
👉Iddoo malee jiraatee qalbii jijjiirrate Jechuudha. Yoonaas boqonnaa 1-boqonnaa 3 irraa arguu dandeessu.
Akka Waaqayyo jedhe warri raawwatan
👉In Mo'u 📖Iya 8:18
👉Dachaa eebbifamu. 📖Uma 26:11-14.
👉Qaanii oolu. 📖 Yoh 2:1…
👉Kallattii eebbaa argatu 📖Yoh 21:6

Join  👥  @Kakuu_Studio
@Singer_Megertu_Official

Like 👍
Share 📱📲






1Phe. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Kanaaf mudhii yaada keessanii jabeeffadhaa, warra of qaban ta'aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mul'atutti isiniif dhufu irra kaa'adhaa!
¹⁴ Akka ijoollee abboomamanii ta'aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luucca'inaa!
¹⁵ Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!
¹⁶ Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, "Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!" jedheera.
¹⁷ Isa nama utuu wal hin caalchisin, adduma addaan akka hojii isaatti faradu sana "Abbaa" jettanii in waammattu yoo taatan, bara itti akka ormaatti jiraattan hundumaatti isa safeeffachuutti jiraadhaa!
¹⁸ Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meetii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu.
¹⁹ Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.
²⁰ Inni uumamuu biyya lafaa dura yaadaan qabame, gara dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul'ifame.
²¹ Karaa isaa isin immoo Waaqayyo isa du'aa isa kaasetti ulfinas kenneefitti, warra amanan taataniittu; akkasumas amantiin keessannii fi abdiin keessan Waaqayyotti jabaachuu isaa ti.
²² Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala ho'aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!
²³ Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu.


Kiristosiin Gaafa Fudhannu Dhaloota Haaraa taanee jiraanna. 
Kiristosiin jireenya keenyatti affeerree fudhachuu qabna. 
[Kiristoos yeroo dubbatu]
📖“Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.”
  — Mul. 3:20

Kiristoosiin fudhachuun yaada ofiirraa gara Waaqayyootti deebi’uu (gaabbii) fi Kiristosiin gara jireenya keenyatti akka dhufu amanuudhaan ; cubbuu keenyaaf akka dhiifama godhuu fi waan inni barbaadu akka taanu nu godhu of keessatti qabata. 
Iyyasus Kiristos ilma Waaqayyoo ta'uu isaa fi cubbuu keenyaaf fannoo irratti du'uu isaa sammuudhaan walii galuun qofti gahaa miti.
  Muuxannoo ykn shaakallii miiraa qabaachuunis gahaa miti. 
Yesus Kiristosiin amantiidhaan feeneetu fudhachuudha. 


AMMA !  AMANTEE  KADHACHUUDHAAN  KIRISTOSIIN FUDHACHUU NI DANDEESSA ! 


Kadhannaan Waaqayyoo wajjin haasa'uudha. 
Waaqayyo garaa kee waan beekuuf akka ilaalcha mataakee fi dhimmoota yaada ati keessatti of ilaaltee gad of buustu keessatti callisee si hin ilaalu. 
Kadhannaa armaan gadii kana kadhachuudhaan Yesusiin fudhachuu ni dandeessa :


“Gooftaa Yesus, Sin barbaada. 
Cubbuu kootiif fannoo irratti du'uu keetiif galanni siif haata'u. 
Balbala jireenya koo banee akka Fayyisaa fi Gooftaa kootti Si simadha. 
Cubbuu koo naaf dhiistee jireenya bara baraa waan naaf kenniteef galatoomi. 
Eenyummaa  jireenya koo to'adhu. 
Nama akkan ta’u barbaaddu na godhi.”

jedhii kadhadhu !

Kadhannaan kun fedhii garaa keetii kan ibsu yoo ta’e, ammuma kadhannaa kana kadhachuu dandeessa Kiristos akkuma waadaa gale gara jireenya kee ni dhufa. 


KADHANNAAN KUN FEDHA ONNEE KEE IBSA ?


Yoo eeyyee ta'e ammuma kadhadhu ! akka waadaa isaatti Yesus Kiristos gara jireenya keetti ni dhufa waan ta'eef. 

Join  👥  @Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio


Akkamitti Waaqayyoon Dhuunfaatti Beekuu dandeenya? 


Waaqayyo akkamitti akka isa beekuu dandeenyu Macaafa Qulqulluu keessatti baay’ee ifa godheera.
Qajeelfamoota armaan gadii kun akkamitti akka dhuunfaatti Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii jalqabuu akka dandeessu ibsu,

Qajeelfama 1faa
WAAQAYYO INNI SI JAALATU JIREENYA KEETIIF KAROORA DINQISIISAA QABA. 
Jaalalli Waaqayyoo hanga ilmasaa tokkicha siif kennutti dha.
📖“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuutti biyya lafaa jaallate, isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka baduuf miti.” W.Yoh 3:36

Karoora  Waaqayyoo siif qabu. Karoorri isaa jireenya siif kennuuf dha. 
[Kiristos yeroo dubbatu] “Jireenya akka qabaataniif, irraa hafaa akka qabaataniif” jedha

Namoonni Irra caalaan JIREENYA irraa hafaa fi  mijataa ta'e keessatti hin argaman. Maalif Sababiinsaa  cubbamoota waan taanef ture. 
Qajeelfama 2ffaa…
Hundi keenya cubbamootaa FI cubbuu keenyaanis Waaqayyorraa adda kan baane turre. 
Nuti Cubbamoota dha. Namni hundumtuu qulqullummaa hin qabu. Sababa kanaa ulfinni Waaqayyoos namarraa hir'ate. 
📖 “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, Ulfinni Waaqayyoos itti hir’ateera.” Rom 3:23. 

Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akka qabaannutti uumamnee ture.  
garuu, fedhii ofii keenyaa isa mata jabeessa ta’een, of dandeenya jenneetu karaa  ofii keenyaa deemuu filanne, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenyi keenyas addaan cite. 
Fedhiin ofii kun, ilaalcha finciluu ykn amala waan waa'ee hin baafneen wal qabatudha , wanta Macaafni Qulqulluun cubbuu jedhee waamufis ragaadha.

Kunis waaqayyo irraa adda nu baase.
📖 “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a;.”
  — Rom. 6:23

carraaqqii mataa keenyaatiin, kan akka jireenya gaarii, falaasama, ykn  jireenya irraa hafaa jiraachuuf yaalii guddaa taasisuu fi lubbuu ofiitti hir'isuun kufaatiidhaaf nu saaxilee nu kuffise.
📖 S.uma. boqonnaa 3

  keessatti akka Waaqayyoo taatu isa bofni jedhe Hewaan amanteetu carraaqqii mataasheetiin Waaqayyo ta'uuf yaalte. Kun immoo kufaatii ykn du'a nutti fide jechuu dha. 

Seerri inni sadaffaan karaan gara abbaatti geessu tokko qofa akka ta'e nu hubachiisa.

Qajeelfama 3ffaa

YESUS KIRISTOS CUBBUU KEENYAAF HOOLAA WAAQAYYO QOPHEESSE DHA.
KARA ISAA JAALALA WAAQAYYO FI KAROORA INNI NUUF QABU HUBACHUU  NI DANDEENYA.


Yesus Bakka Keenya du'e. 
📖 “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.”
  — Rom. 5:8

Nuuf Du'aa Ka'e
“Kiristoos cubbuu keenyaaf du’e...Awwaalame...Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e, akka Caaffanni Qulqullaa’ootti...Maariyaam , Pheexirositti mul’ate, achiis warra kudha lamaanitti. 
Sana booda dhibba shanii ol mul’ate...” 
Inni karaa gara Waaqayyotti geessu tokkichadha. 
📖 “Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
  — Yoh. 14:6


Qajeelfamoota armaan olii kana qofaas miti.

Qajeelfama 4ffaa

YESUS KIRISTOSIIN AKKA GOOFTAA FI FAYYISAA KEENYAATTI FUDHACHUUDHAAN JAALALAA WAAQAYYOO FI KAROORA INNI JIREENYA KEENYAAF QABU BEEKUU NI DANDEENYA. 
Kanaaf maal gochuu qabnaree ?
Kiristosiin Fudhachuu Qabna
📖 “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.”
  — Yoh. 1:12


Kiristosiin amannee fudhachuu qabna
Ayyaanaa fi amantiidhaan fayyine. Nuyi kan mataa keenyaa miti. 
📖“Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiru ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.”
  — 1Qor. 6:19

📖 Rom. 3
²⁶ Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.
²⁷ Egaa maaliin of jajna ree? Waan ittiin of jajnu tokko illee hin qabnu, seera maaliitiin dhabna? Akka abboommii seeraatti hojjechuudhaanii? Waawuu, akka abboommii amantiitti jiraachuudhaan malee. Jedha. 

20 last posts shown.