MICHUU📚


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Blogs


Ni qoosna Ni taphanna Nama hin tuqnu siyaasa hin laaqnu amantiitti hin buunu! Maaltu nu dhiphise silaa 1000 hin jiraannu🥰
Yaadaaf👇👇
@michuu_fayisaa
Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


Osoo.....


Osoon Kutaa 12'tti kufeera tahe Fuudheen Lafa fatheriikoo qotee yoona qarqara magaalaa irraa mana xiqqooshee bitadheeran ture. Silaa Siifanii Fi Naafiin ijoolleko lamaan turani. Silaa yoona giifti dureeko waliinan gaabiiko uffadhee ollaarra naanna'ee bunako dhugaa oola.

Iddirri Fi uqubii galeen torbee torbeen farsooko fooricaa jiraadha. Silaa bottiiko jilbaan dhaheen hokkooko gattiittiirraa kaawwadheen kamisa kamisa harreetti midhaan(gatii xajjii) fe'adheen gabaatti sussuka ture.

Ijoolleekoof kophee adidas Fi Korkonjee biteefiin gala. Qoqoree Fi dastaa biteefiin surprise isaan godhan ture. Silaa waggatti takkaa qarqara gabaatti uffata gurguramtu sana anaafi maatiinko bitannee ayyana keenya kabajjana. Faashinii jedhanii maatii rakkisuun Ijoollee ko bira hin jiru🥰

Ijoolleen ko lafa aramaa,qofforaa Fi meesaa guddaatti. TikTok jedhanii Lafa dhiituun qaama hurgufuun Ijoollee ko biratti qaaniidha silaa😔

Silaa warri ollaa "Abbaa Naafii"jedhanii maqaa naawufaa ture...


Wayinee carraan tokko carraa 1000 na dabarsite 😁


"Obboleessa koottan si ilaala!"jette😁

Akka father'n Ijoollee alaa qabu reefu Isa naaf galuwoo sinin dhibuu?


Yeroo tokko tokko immoo maatiimake waliin jiraatte dheekkamsa Harmee Fi father keefaa hawwitaam 😍

Yaa garaako kanaa😭😭


Ijoollummaa keetti Waanti baay'een si boonsuu danda'a garuu jechuudha waanti akka barsiisonnike walitti qabamanii abbaa fi harmeeke biratti si jajanii waanti si gammachiisu hin jiru. Sanuu atimmoo isa dhokattee dhaggeeffattuhoo😍😍😍😍

Please barsiisonni keenyaa illee nu jajakaa! kanumaan illee nubira dhaabbadhaa😃😃😃


Chaanala kana Gurguruuf xumurarra gaheera!
👉 @Michuu_ko

Nagaa wajjin!


Sister' Mee na dhaga'i icciitii dhiiroocheen sitti hima.

Haasaa keessan keessa osooma ''Lubbuukoo,Onneekoo..."Wal jettanii gidduutti Akka qarshii hin qabne akka hiyyeessa tahe sitti dudubbata taanaan, "Maarree hojjennee jijjiiramna jaalalatu caala,ati fayyaa ke naaf tahi! Minaa min !" Hin jedhiin adaraa.

Innoo mardoo sitti himuu isaati. Narraa Garaa kutadhu waanan si fuudhu miti Akka waan jechuuti qashtii🙄

"Hojjennee jijjiiramna" kan inni ati jettumee kanaan dura eessa turtani maalif hojjattannii hin jijjiiramne. Jijjiiramuuf fedhii qabdu taanaan jechuu kooti.

Isin fiqirii kanarratti gagamaa nutti hin tahiinaamee maaloo!.Baqqaa mucaan ala ilaalaa jiraati muuddii barii jalaa Gori!

Kalaaas!

😂✅Michuudha!


Warri safara keenyaa yoona waanuma jireenya qananii keessa jiraannu wayii itti fakkaataam😒

"Buddeena Mootummaawoo nyaattu dhibee maal qabdu?" nuun jedhu mitii Amma? Maal ijo buddeena sareenuu numa nyaattiwoo😁. Nyaanni kaaffee sun yoo buddeena taheef jechuu kooti.

Macheem gaafa biyya gallu kophee adii Fi samijii babbareedduu kana uffanneema fataa Jenna. Inni gibbii achumatti haa hafuuti.😁


Warrumti halkan gibbii keessatti baatiriitiin chigginyii jala nu barbaadan Mee maalsaaniitu achiitti hafe qooyi?🙄

Moo dubbiidha waansaa 🙄


"Barumsi kutaa 4'ffaatti naaf galuu jalqabe Gudii na godhee oole!"jedhe jedhan daladalaa sooresaa sanatu. Yoo Rabbi jedheef Ganna yeroo biyya gallu Obbolaa Koo Fi Ijoollee safara keenyaa walitti qabee Akka isaan kutaa 8 darbanii hin baranne;Kana darbanii barachuu kan yaadan taanaan immoo Umurii isaanii guutuu hiyyeessa tahanii Akka jiraatan Leenjii babbareedduu maatii dhokannee kennuuf qophii xumurreerra!

Milkeessi Waaq!

Osoo jennuu kiraan manaa meeqa gale jettani?


Hxrw haadhashee mana nyaataa deemnee erga nyaannee booda "qarshii hin qabnu!" Yoo jennewoo maaltu dhufa Amma?

Macheem nun ajjeesani mitiiree🙄


Tokkotu mana fincaanii keessa osoon jiruu balbala natti rurukkute, Anis "Nooraa"n jedheen. Namni jira Akka waan jechuuti.

Balbala banee ol seenuuf hin ka'u seetanii😒
Sanuu maal naan jedhe seete" Nooraa naan jennaan namni hin jirun sehe" naan jedhaam😁

Oromo! Dhaloota akkamiitu Uumamaa jira?😁😁😁


Osoo jennuummoo akkan Abbaa Alangaa tahuuf jiru meeqan keessantu quba qaba laata? 🙄

Tasgabboofnuu Yaa sabaa?


"Addunyaan Kun akka naaf hin taane har'a miti gaafuman dhaladhen afaan beekuun boo'ee himadhe! Mijates mijachuu baates anis jirraachuuko ittuman fufa!
Guyyaa tokko garuu......."


Waa'ee ke dagadhe
Yaannikees natti hafee
Osoon guyyaa tokko
Tasgabbaa'ee rafe!

Sin jaalladha jechuuf
Amalli kee dhibba
Danda'ees sin dhiisu
Gugee maaltu jibba?

Ammuma si loleen
Deebi'ee si yaada
Lola ko dagadheen
Si arguu barbaada!

Yoon qaamaan si argu
Dubbii keen mufadha
Jecha ke tokkittiin
Shantaman gufadha!

Narraa yoo fagaatte
Garaa na hammaata
Si bareen gubadhe
Akkam tahuu laata?


"Ajaa'iba rabbii tafkiin ija qabdi!" Jedhe namichi. Carraa dinqii wayiitu dhufe. Carraan sun immoo barattoota bara baratanitti qabxii gaarii galmeessaa turaniif dhufe. Innis akkas ture barataan Ethiopia tokko qabxii daanga'ee ol kan qabu yoo taheef qabxii bara baratu hojjete deemee gara Qarshiitti zarazzarata. Mootummoota dhaabbata biyyooota gamtoomaniitu(UN) Ethiopia'f murtoo ajaa'iba dabarse. Qarshii tiriiliyoona Hedduun tilmaamu lammii Ethiopia' barateef arjoomuudha.

Keessumaa qabxiin university immoo widdiidha. A'n tokkoon Ishee birrii Ethiopia'tti qarshii 5000tti tilmaama. Yeroon isaa murtaa'aadha. Jaarsaa Fi jaartiin,barataa Fi barsiisaan document ' isaanii gaggalabaxaa jiru. Kaan gammachuun of wallaaleera. Kaan immoo taa'ee miira Gaabbiin hidhii xuuxa. Warri hin baranne immoo of jibbaa jiru. Mootummaa biyyattiitu gad bahee Ibsa kennaa jira. Namni hunduu Kaan YouTube 'n Kaan ammoo TV 'n ija babbaasee hordofa.

Waan nama dhibummoo barattoota waancaa Fi meedaliyaan 🏅 eebbifamaniif kennaa addaatu jira. Waan dinqiidha! Beektota biyya alaatu raajiidha jechaa jira. Mata dureen miidiyaa Qabxiif qarshii' kan jedhu qofa taate.

Anis hammuman baradhe kanatti waanan qabun yaaduu eegale. Nan ida'e,Nan hir'ise Nan baayyise,Nan hire. Document ko gadan baase homaa hin jettu na jiraachisti. Maaloo osoon yoona eebbifameera tahe jedheen hawwe. Isan Dur "maalumaafan yerooko asitti gubaa jiraa an?" Jedhee abdii kutu har'a akka seenaattan yaadachuu eegale. Hin qoosiina A Shan argannaan salphaa miti. Calculator baaseen kutaa 8 hanga 12tti walitti ida'e. Isheen Yuunivarsiitiittu waggaa 3 baradhen itti dabale. Nan karoorse.Amanuun dadhabe. Nan maraqqane haa tahu Nan dhiphadhe haa tahu naaf hin galle garuu miira kootu na oofaa jira. Hiriyoota Koo duriittan bilbila. Isaanis walitti qabachaa Akka jiran natti Himani. Kaan ammoo "Eessaa funna nuti qoosaa turreewoo"jedhanii miira abdii kutannaa dubbatu. Ijoolleen kutaa isaanii irraa sadarkaa Fi qabxii gaarii qaban maxxanfamuu eegalani. Keessumaa barattoonni Yuunivarsiitii Fi highschool adda dureen warra barbaadamanidha. Biyyaatu bayya dinqii tahe. Warra document irraa abdii kutetu Abdii horate. Ilmoo namaatu afuura baafate. Ilma hiyyeessaa Isa qabeenya dhabee gatametu beenyefamuuf jedha.

Bilbila haaraatu naaf bilbilame.Biiroo barnootaa godina keenyaa irraati. Nagaa na gaafatee dhimmaaf akkan barbaadamu naaf hime document hundas qabadhee akkan dhiyaadhus naaf himee silkiisaa cufate. Anis akkuma silkiin cufameen Yeeeessss!" Yoon jedhu Sagalee naasisaa wayiitu hirribaa naasisee na kaase. Anatu abjuun sagalee olkaasee haasofnaan mucaa nabira rafutu kolfee na dammaqse😭

Shiiiiiit😭 osoooman abjuun illee qarshiiko fudhadhee jiraadhe.

Silaa biyya kanatti abjuuman illee kaayyoo keenya garatti milkeessinu dhabne.

Mee nagaan oolaa!

675 0 0 11 23

Oromoo konkolaataa,mana , maallaqa jedhee sin rakkisuum Ani pls like qofa tuqii darbikaa


Elaamee Qayyoo...

Jechake tokkottii
Kudhanitti qoodee
Oolmaa kees dagadhe
Didee yoon si oode

Walarguun qoftiyyuu
Gammachuu kan malte
Har'a wal arguunis
Dubbii yoo nu dhalte

Kabaja si dhorkee
An deemnaan bitake
An salphoo namaati
Barbaadi Gita ke!

Jaarsummaas hin ergiin
Garaa kees kutadhu
Osoo yeroon jiruu
Miila ke butadhu!

Harmee ke siif da'ee
Abbaa ke siif dhalchee?
Ergan sin kabajnee
Maaltu itti si galche?

✅ Michuudha


Dhengadda kana Akka nama siinerii tokkoottaan taa'ee fresh gibbii keessaa taajjaba ture. Innaa police kaaffeetu asiif achi Ijoollee fresh kana hunkura. "As hiriiri achii deemii!"jedhee isaan arii'a. Fresh'n tokko keessaa akkas jedhe "Elaa Teacher,Ani seeraan hiriireera."jedha.

Anis beekumsa durii Fi ammaa , kitaabota namoonni gurguddoon dhimma kana irratti barreessan walitti fideen taa'ee qaaccessuu,xiinxaluu eegale. Akka yaada Remidial kanaatti waanti namatti dheekkamuu Fi Akka hiriira keenya eegnu nu qajeelchu barsiisaa qofa.😁Maalan sin sobaa miti anumtuu yeroon gibbii seene milishaan Akka ammaa kana waan hin baay'anneef kan nama reebuu Fi namatti dheekkamu hunduu barsiisaa natti fakkata ture. Egaa nuti sirna barnootaa Abbaa Fi abaabiileen keenya itti barataan keessa barnanne qubaa qabaadhaa😁

Egaa bara ammayyaa kana keessa mucaan Kun akkamitti police Fi barsiisaa adda baafachuu dadhabe kan jedhus sammuutti na dhufe😁. Maalif immoo "Elaa Milishaa..." Hin jenne jedheen yaade. Erga police Fi barsiisaa addaan baafachuun itti cimee ,Biraanuu Naggaa Fi Biraanuu Juulaa hoo adda baafachuun hangam itti cima laata kan jedhus sammuuko keessa xib' jedhe.😁

Mee innoo haa tahuuti. Isin rimidiyaalonni obboloonni keenya warri Ani jaalladhu sun,tokkoffaa barsiisaa Fi police gibbii adda baafadhaa isin fayyada. Lammaffaa Library' keessatti sagalee keessan gadi qabaati dubbisaa nun jeeqiinaa! Sadaffaa immoo bishaan guurtanii labrary' hin seeninaa baqqaa ! Walgahii Wayii waan deemaa jirtan seetanii moo waa afaan kaawwattanii dubbistu Labrary' keessattis😁 Behinnatachuu muuddii nujalaa hin balleessiinaakaa!

Isinan jaalladha isin qaxaleewwani!


Namni miindaa mana kiraa ji'a tokkoo kaffalachuuf akkamitti waggaa 16 ol walitti aansee barata? Of gaaffattanii beektuu? Innuu dhabamaa Isa jiruuwoo🙄

Wayinee balaachoo😔😔😔


Gorsa siineriin isiin kennus qabadhaaga.

Bro yeroo dubbistu yoo siif galuu dide maal Akka gootun si gorsa na hordofi.

Jalqaba waan ati dubbisaa jirtu sun siif galuu dhabuusaa check gochuu qabda.
2ffaa irratti suuta jettee bakka jirtuu kaatee gara suuqii deemta. Achiis Ancaqqee (mastiikaa) banana jedhamu qarshii 10 kiisii kessaa baastee bitattee gara dubbisa keetti deebita.
3ffaa irratti Ancaqqee sana qola irraa baastee afaan kawwatta.
4ffaa irratti akkuma dubbisa ke eegalteen harka bitaan rifeensa mataa Kee foowuu ykn maruu eegalta.
Step kana hordofuu qabda.Dubbisni siif galuun kanuma! Dubbistee yoo siif galuu dides Akka itti namaaf galu beekuun iyyuu waan tokko!

Nagaan oolaa Mee!

20 last posts shown.