Musaab Naasir Official


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Telegram


Join Share Naaf godhaa
Lammiin kiyya hundumaa
Waan Na woliin Jirtaniif
Hundumtuu Galatoomaa
DM👉 @MusaabNaasir

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Telegram
Statistics
Posts filter


Qarshiin maal siif godha
Qabaattus kumaatamaa
Osoo Xiyyaaraa qabduu
Deemteetu Awwaalamaa

Mana Baay'ee Qabaattus
Haga Darbii Afurtamaa
Qabeenyi du'an oolchuu
Mee Hubadhaa yaa Namaa

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


💪𝗔𝗿𝗿𝗮𝗯𝗮 𝗞𝗲𝗲 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂
💪𝗙𝗮𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂
💪𝗺𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮𝗴𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗲𝗲𝗴𝗮𝗱𝗵𝘂

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Jiruuf dhiphattee
Jirachuuf Arraa
Rakkataa miitee
Guddaa gargaaraa
Boru yaadadhu
Suma Dararaa
Maaloo mee dhiisi
Kun ni dabbaraa

@Musaab_Naasir🌟


Hiikkaa Mammaaksa
kanaa barbaadaa.

Heeruma Dharraanee
Heerumnee rarraane
Jette Intalli.


Hiikkaan Isaa Maali?


Bu'ee Ba'ee Boo'ee
Jaalalaan Raata'ee
Namni Bara Kanaa
Maalumadha Ta'ee

Silkiisheef Bilbilee
Nagashee Gaafataa
Sin Jaalladha Jechuu
Garuu Ni Sodaataa

Osoo Akkas Boo'uu
Woggaa Kudhan ga'aa
Isheen Heerumuudha
Kanafaa Dhaga'aa

Kanatti Maraatee
Daandii gubbaa Ta'aa
Ni Machoofte Jedhee
Namni Bira Ya'aa

Jechuu Kan Kee booda
Homaa Maaltu Dhufaa
Ergaa Kee Dubbisee
Gaddee maafin Hafaa

Ergaa Kallattiidhaan
Gurbaan Natti Himtee
Jabaadhu Maal goota
Woggaan sitti Dhumtee

@Musaab_Naasir🌟
@Musaab_Naasir🌟


Ilaa Yaa Lammii koo
Kanan taa'e maramee
Dubbataan dachii guute
Hojjataatu dhabamee

Harras Ka'eema Iyyaa
Lubbuun tokko yoo ba'uu
Reenfa Post Gochuudha
Kan Namni Kun Qophaa'uu

Gocha Tokkorraa Baree
Fuulduraaf Ofin Eeguu
Guyyaa Lama boo'eetu
Dhiisa silaa waa Eeguu

Harruma reeffa Kaasee
Suuraa imo godhatee
Guyyaa Lama yoo bulu
Du'uu Keetuu Dagatee

Kana Gochuudhaa mana
Afaan Qabateen Ta'uu
Like Argateedhaa
Kan innimmoo lakkaa'uu

Uffee Yaa Namaa🙆‍♀️
Dadhabne Dubbachuu
Reefuu Lafaa Dhuftuu
Daa'imaniif Kichuu

Harma Hooteen guune
Kuttanikaa Kichuu
Kanatu Na Dhibee
Waa tokko dubbachuu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Kaayyoo qabaadhu

Hin dhaabatin yoomuu
Laaltee oduu namaa
Kayyoo fi hawwii kee
Kan beeku si'umaa

Jireenya gammachuu
Jiraachuu barbaadee
Galma kaate gahuun
Diinni baayyee gaddee

Gaafa kana goote
Maaltu dhufa booddee
Kan xinneenya kee eegdu
Dhaabiit hafti mugdee

Atimmoon dagatin
Eessaa akka kaatee
Eenyu si daangessee
Eesat akka dhaabatte

Hin dhaabatin ati
hunduu ni odeessaa
Si'in Kan daangessu
Si'uma dhageessaa

Sidhaabuu hin qabu
Qoreen dhoqqee keessaa
Hayyootni milka'an
Akkana seenaansaa

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Sin Yaada #maamii koo

Nama Hunda Jiran
Irra Dachii Gubbaa
Si Yaade Harmee koo
Siin Ala Hin Qabuu

Guyyaadhaafi torbeen
Baatiin Lakkaawwamee
Woggaadhaafi woggaan
Jaaarraan Yoo kaayamee

Halkan Abjuu Keessaa
Siinin Arga Harmee
Atillee Na Yaadduu
Kanan Yoomin himee

Xiqqoo Teessuu Gadi
Ammas immoo olkaatee
Nama Kamuu Dhiistee
Waa'ee Koo Dubbattee

Sababa Na Dhabdeef
Nyaatafaa Lagattee
Guyyaan Dukkanaa'ee
Alkan Sitti Fakkaatee

Ta'uu Kee Dhaga'ee
Onneen Na dhaa'attee
Rakkoo Hundaa irraa
Waa'ee Koo dhubbattee

Ilaa Yaa Harmee Koo
Guyyaan Ga'uuf Jiraa
Yoomiyyuun yaadda'in
Harmee koo na duraa

Dhufeen si Maramaa
Akka daa'imaattii
Ammasuu naa obsi
Naa Ta'i Nagaattii

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Dhugaa kamtu qaba?

Harki Nyaata fidee
Garaa Beela baasaa
Garaanis Bulleessee
Gaarii Adda Baasaa

Qaama Hundaa hiree
Waanuma Argatee
Miillis Tolan Taa'uu
Hundaa deema baatee

Miillis Bakkan Beekuu
Yoo Ijjin Agarree
Ijjis Arguun Duraa
Sammuun yoon karoorree

Tokkummaa Yoo Dhabe
Miillii Deemuu Didee
Harkis Hagumasaa
Nyaata Fiduu didee

Silaa Nyaata Baree
Afaan nyaataan dhiisuu
Eessaa Haa Kaa'uree
Yogguummoo bulleessuu

Kanarraa lagatee
Onneen Dhiiga Raabsuu
Qaamni Kee Jeeqamee
Sombis Didde Hargansuu

Furmaata Maal Qabdaa
Dubbii qaamaaf Jiruu
Lubbuun Kana Keessaa
Bahuun wanta jiruu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Maal naa buusaree

Eegan lubbuun darbee
Huccuu gaddaa bittee
Mandara deddeemtee
Maqaa koo Faarsitee

Maal Naaf Gootaaree
Lubbuun deebiin qabduu
Duraanoo Nan beektuu
Osoo Yeroo qabduu

Eegan Lubbuun Darbee
Maal Naaf Baasa Aadduu
Osoon lubbuun Jiruu
Maaliif Nan Barbaadduu

Jedhu Abbaafi Aayyoon
Miidhu Beelaaf dheebuun
Si guddisaa Turanii
Osoo Namni Si Jibbuu

Ammuma Bilbiliif
Yoo jiraatan Lubbuun
Siniif Jira Jedhiin
Nattin Himin jibbuu

@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Dhugaa jirtu®️
®️
Eeyyee dabarree
Seeqaatti Kolfaa
Biyyee Xiqqootu
Seenaa kee Balfaa
®️
Kaleessi Dabree
Harri Dhufeeraa
Umriif Guyyaan
Numa deemaaraa
®️
Eenyu Yaadatee
Umriisaa duraa
Jaarsi duraanii
Deeman dachiirraa
®️
Dhageessuu kanaa
Kan Gamaa Gamanaa
Umriin Ni Deemaa
Ni dhaabbatan se'inaa
®️
Guyyaan hojjiidhaa
Halkan Hirribaa
Boru Ga'eetu
Waan arraa Gaabbaa
®️
Turuun Kee kunii
No Suma Dhibaa
Kuni Dhugaadhaa
Qoricha Qabaa
®️
@Musaab_Naasir
@Musaab_Naasir


Find three hobbies:
●~one to make you money,
●~one to keep you in shape, and
● ~one to keep you creative.

@Musaab_Naasir


Modern English.
Long and Short

@Musaab_Naasir


Sinjaalladhaaf
Si Sosobee
Dhugaa jirtuu
Dharaan qabee

Mana Dhagaa
Sitti himadhee
Konkolaataa
Yoon Qabadhee

Kun Qabeenyaa
Meeshaa Jiruu
Na Jaallatteef
Sin Gabbaruu

Si Geggeesse
Osoon Jiruu
Jechuun beettuu
Maali Garuu?

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Wolaloon Bashannannaa
Ammootii Baradhaa
Yoo share Gootanimmoo
Hedduun Sin Jaalladhaa¡

@Musaab_Naasir


Siin jaaladha

Siif himeera hunda
Sumaatu natt aanaa
Dhukkubbi keessa koo
Siitu na wallaanaa

Siitu na moo'atee
Na booji'e onnee
Kanaafan jiruu too
Lubbu too siin kenne

Jechoonni kee laafaan
Yeroo naan haasooftu
Ilkaan Kan kee adiin
Yeroo naan kofaltuu

Haalaa amalli kee
Hundinuu naaf ta'e
Kanafan sitti hime
Siin jaaladha ja'e

Niin dhabe jechoota
Naaf ibsu miira koo
Michuu keen siif ta'a
Naaf ta'i michuu koo

Aduu seente baatu
Galgala ganamuu
Hunda si caalchise
Si jaaladha yoomu

✍️Nabel Muhammad
@Musaab_Naasir☔️


Lafa Tabbaa
Gaara gubbaa
Kaan Muramee
Dhiiga Cobaa

Tiruun Dhiigee
Foontu Margaa
Dhagaan Ciisee
Bishaan dhorgaa

Malan Beekuu
Maal Jettugaa
Sookoof soorgoo
Baasaa Argaa

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Nyaadhee Bulus
Dammaaf Foonii
Hedduu dhugus
Aannan Loonii

Namni Namaa
Foonni Foonii
Jarraa Tokko
Jiraattanii

Dhiigni Dhiigaa
Mitiim Lafee
Meeqa Rafee
Du'ee Hafee

Mana Ciisnee
Laalla Kaaffee
Kana Caalaa
Maaltu Hafee?

Maaltu Dhufaa
Guyyaa Boruu
Daandii M Moo
N irra Korruu?

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Maaf Na Dhiiste
Hirriyyaa Koo
Sitti Himee
Rakkoo Koo

Rakkoo si mudateef
Siif Barbaadus Falaa
Jireenya Gaddaatu
Si Mudate Faallaa

Kanaaf Hin Karoorre
Galmi Kee Fagoodhaa
Yaa Tiiktookii Tiyya
Maaluman siif Godhaa

Yooti Na Wollaaltes
Maatii Keeti Anii
Bakka Barnootaafi
Bashannanaa fanny

Tokko jedheen
Anootii Eegalee
Namoota Hedduutu
Kuma Dhibba Galee

Kanatu Na Dhibee
Nan Gadda Yoomillee
Waa'ee Tiktok kanatu
Na Aarse Garmalee

✍️Musaab Naasir
@Musaab_Naasir☔️


Kana Beettuu Laata?
Kamiin Beettu mee?

@Musaab_Naasir☔️

20 last posts shown.