Waa'ee #Interneetarraa Galii argachuu.
1, Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa?
Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira.
2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a?
Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu,
Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama.
3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna?
Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha.
Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu:
a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu
b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba.
Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira.
-- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha.
Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo:
-- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan
-- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan(Gareen kun garee akka #FIAS)
-- Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a
Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee #HATTUUDHA, irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa.
@Oro_Tech_Tipz