Posts filter


Forward from: Oromia Education Bureau
Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii bara 2017 ifoome

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (OEB) Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii barattoota bara barnootaa 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii ifoomeera.

Haaluma kanaan:-

1.Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 204,

2.Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

3.Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

4.Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 186,

5.Barattoota dhiiraa qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 160,

6.Barattoota Shamarranii qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 155,

7.Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238,

8.Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo


Forward from: Oromia Education Bureau
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa- MBIBA ( Ifa Boru Special Schools) fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa(Boarding Schools)
Qormaata Biyyoolessaa Bara 2016 Barattoota Isaanii 100% Dabarsan Maqaa Isaanii;
1- MBIBA Yunivarsiitii S.T. Adaamaa,
2- MBIBA Yunivarsiitii Amboo
3- MBIBA Yunivarsiitii Arsii
4- MBIBA Yunivarsiitii Dambi Doolloo.
5- MBIBA Yunivarsiitii Haramayaa,
6- MBIBA Yunivarsiitii Mattuu,
7- MBIBA Yunivarsiitii Odaa Bultum,
8- MBIBA Yunivarsiitii Wallaggaa,
9- MBIBA Danbal (Godina Sh/ Bahaa)
10- MBIBA Shaambuu (Godina H/G Wallaggaa)
11- MBBA W. M .O Adaamaa
12- MBBA W. M. O Bishooftuu
Walumaa galatti, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 10 fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa 2 barattoota isaanii 100% gara Yunivarsiitii dabarsaniiru.
Yunivarsiitiiwwan keenya qulqullina barnootaa mirkaneesduuf gaheen isin gumaachitaniifi gumaachaa jirtan seenan yoomiyyuu kan hin daganne waanta'eef galata guddatu isiniif mala. Galatoomaa!
Waldaan misooma Oromiyaa barnootaan, dinagdeefi hawaasummaan gumaachi ummata keenyaaf taasisaa jiru hundaa ol gammachiisaa ta'uun ni beekama. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenya olaanaa ta'uunsaa fudhatamuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa 7 bara 2014 hundeesse bara 2017tti barattoota 1000tti dhihaatan qormaata biyyoolessaaf ni dhiheessa. Fakkeenyumaan WMO guutuu Oromiyaatti hayyoota gahumsa qaban horachuu keessatti kallattii kan agarsiise waan ta'eef qaamni MBBA hundeesse hundaa ol galata qaba.

Haaluma walfakkaatuun, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bulchiinsa Magaalotaafi Godinaaleetiin hogganaman qabxii gaarii galmeessisuun barattoota isaanii 80% ol dabarsaniiru.
Keessattuu Manni Barnootaa Ifa Boruu Addaa Danbal (godina Sh/Bahaa)fi Shaambuu godina H/G Wallaggaa barattoota qormaata fudhatan 100% dabarsuun seenaa hojjataniiru.
Walumaa galatti. Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bul/ Magaalotaafi Godinootaa hundi galata guddaa qabdu. Galatoomaa!
Dhumarratti, Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf karaan dheeran kan nu hafu waan ta'eef, qaamni dhimmi barnootaa Oromiyaa nalaallata jedhu hundi Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun gahee keenya akka bahannu dhaamsa keenya ta'a.

#Walta'insaafi #Walii_Galiinsaan_Rakkoon_Hin_Hiikamne_Hin_Jiru!

Irra deebi'uun, #Baga_Geessan! isiniin jenna!
Barri Haaraan kan;
Nagaa, Fayyaa, Milkii, Quufaafi Gabbinaa Haata'u!

#AYYAANA_GAARII !
Fulbaana 01/2017

https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo


Forward from: Oromia Education Bureau
Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara 2017 Fulbaana 7 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise
=

Biiroon Barnoota Oromiyaa guyyaa galmee barattootaafi guyyaa barnoonni bara 2017 eegalu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Kaalaandara Barnootaa bara kanaa bu'uura godhachuun bara barnootaa 2017tif galmeen Barattootaa Hagayyaa 27 hanga qaammee 5tti kan gaggeeffamu ta'uu kan ibsan Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaa barnoonni bara kanaa fulbaana 7/2017 kan eegalu ta'uu ibsaniiru.Hojii baruufi barsiisuu bara kanaafis qophiin hundi xumuramuu eeraniiru.

Bara kana akka waliigalaatti Manneen Barnootaa bu'uura boruu 20,225, sadarkaa 1ffaa 16,351, sadarkaa 2ffaa1,365 akkasumas Koolleejjota 13 ol keessatti sirni baruuf barsiisuu kan gaggeefamu ta'uu himanii jiru.

Walumaagalatti bara kana akka Naanmoo Oromiyaatti manneen barnootaa 37,959 keessatti hojiin baruufi barsiisuu kan gaggeeffamu ta'uu Obbo Girmaan dubbataniiru.Bu'uuruma kanaan dhaabbilee kanneen keessatti barattoonni mil. 12 ol simachuun barsiisuuf qophiin taasisamee jira.

Haala baruufi barsiisuu mijataa taasisuuf bara kana daree dabalataa 1,939 ijaaramuufi 6,700 suphamuun tajaajilaaf qophaa'uun ibsameera.
Manneen jireenyaa barsiisotaa 3,897 ijaaramaa jiran keessaa 966 xumuramuus Obbo Girmaan dubbatanii jiru.

Barnoota guyyaa jedhameetti eegalchiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi ammumarraa eegalanii qophii gochuu akka qaban Obbo Girmaan hubachiisaniiru.

Barattoonni boqonnaarra turan
guyyaa eerametti manneen barnootaatti argamuun barnoota isaanii akka hordofanis dhamanii jiru.

Odeeffannoo Dabalataaf
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo


Forward from: Oromia Education Bureau
Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome
-
Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera.

Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii irraa 'Link' asii gaditti kenname keessa galuun fuula 'Home Result' jedhu argattu.
Fuula kanarratti bakka lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun dhumarratti 'check result' kan jedhu tuquun qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
Kutaa 6ffaaf
https://oromia6.ministry.et/#result
Dabalataanis; telegraamii irratti . @emacs_ministry_result_qmt_bot
- 'start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.

Kutaa 8ffaaf
Liinkiin asii gaditti kenname kan qabxii kutaa 8ffaa ittiin ilaalludha.
https://oromia.ministry.et/#result
Dabalataan, Telegraamii irratti @emacs_ministry_result_qmt_bot
- start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.
#Komii_yoo_qabaattan:
Barataan Komii Qabu Yoo Jiraate; Liinkii asii gaditti kenname keessa galuun komiisaa dhiheeffachuu ni danda'a.
Komiinis kan dhihaatu danda'u har'a irraa eegalee #guyyoota_hojii 10 keessatti qofa ta'a.
Kutaa 6ffaaf https://oromia6.ministry.et/#/complaint
yoo ta'u,
Kutaa 8ffaaf immoo https://oromia.ministry.et/#/complaint
fuula 'form' irratti gosa barnootaa komii irratti dhiheeffattan filachuun iyyannoo dhiheeffachuu ni dandeessu.
Hubachiisa: Dursitanii App. VPA cufuu qabdu.

Qabxii darbiinsaa
Kutaa 8ffaa
#Dhiiraafi dubartii 50%fi ol yoo ta'u,
#Naannawa horsiisee bulaatiif
dhiiraaf 48% , dubartiif 45%fi ol
# Qaama miidhamtootaaf immoo,
dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi ol ta'ee murtaa'eera.

Qabxii Manneen Barnootaa Bultii Addaa Galchanis fuulduratti kan ibsamu ta'a.
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo




Barattoota kutaa 12ffaa Bara 2016 toora 'online'tiin qormaata fudhattan hundaaf

1.Waytia gosa barnootaa akka Herregaa , Fiiziksiifi Keemstrii fudhattan waraqaa qulqulluu irratti shallagamu qabattanii seenuu dandeessu.

2.Osoo qoramaa jirtanuu akka tasaa rakkoon teeknikaa humnaa olii yoo qunname Ministeerri barnootaa fala waan qabuuf maaltu nu qunnama jettanii dhiphina keessa galuu hinqabdan . kan isin irraa eegamu shaakala gootanii of-qopheessuu qofa

3.Akkuma Wayita shaakaltan argitan 'online 'n qoramuun siistamni isaa salphaafi dogongora deebii irra utaalamee kan xiqqeessu.

4.Yeroo qoruumsi xumurtan kamuu gara mana keessanii bahuufi galuun isniif qofa heeyamama .Kanaaf geejibaafi nyaata isintu ofdanda'a

Carraa Gaariin isniif hawwa !

በ2016 የ12ኛ ክፍል ፈተና በ'online ' ለምትወስዱ ተማሪዎች በሙሉ፣

1ኛ . የሂሳብ ፣ ፊዝክስና ኬምስትሪ ትምህርቶችን ስትወስዱ ለማሰቢያ የሚረዳችሁን ነጭ (ምንም ያልተፃፈበት) ወረቀት ይዛችሁ መግባት ትችላላችሁ።

2ኛ. አንደ አጋጣሚ በቴክኒክ ምክንያት ፈተና ላይ እያላችሁ ችግር ብያጋጥም ትምህርት ሚንስቴር መፍትሔ ስላለው አትጨነቁ።
ከእናንተ የሚጠበቀው መዘጋጀት ብቻ ነው።
3ኛ. ስትለማመዱ እንዳያችሁት 'ሲስተሙ' ቀላልና በእጅ ከማጥቆር ይልቅ በኦንላይን መፈተኑ ስህተትን ይቀንሳል።

4ኛ. ከቤታችሁ ስለምትመላላሱ ከፈተና ቦኋላ መግባትና መውጣት ይፈቀድላችኋል ።
ስለዚህ የምሳና ትራንስፖርት ወጪ የራሳችሁ ነው ።

መልካም እድል ይሁንላችሁ!

https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo


Grade 6 TB.pdf
8.9Mb
Kitaaba Afaan Oromoo Kutaa 6ffaa


Forward from: Oromia Education Bureau


Forward from: Oromia Education Bureau
Barattoonni fuula marsaariitii hawaasaa Eejansii Madaallii Barnoota fi Qormaata Biyyoolessaa irratti akkasumas ergaa gabaabaa 8181 lakkoofsa adda qormaata isaanii galchuun har'a Bitootessa 21/2013 ALI irraa eegalanii firii isaanii ilaallachuu akka danda’an eejansichi ibseera.

Firii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee Ejansiin Madaallii Barnoota fi Qormaata Biyyoolessaa ibsa kaleessa laateen barattoonni qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa fudhatan 702 qabxii 600 ol galmeessu isaani akkasumas firii olaanaa bara kana galmaa’ees 669 ta’uu beeksiseera.

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏


Forward from: Oromia Education Bureau
Qabxiin seensa yuunivarsiitii olaanaan kan bara kanaa 669 ta'uun galmaa'ee jira.

Barattoonni 702 qabxii 600 olii yommuu galmeesisan. Barattoonni parsantiin 55.7 qabxii 350 olii galmeesisuu ministeerri barnootaa beeksisee jira.

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa guyyaa boru ykn har’aa ni ifooma jedhamee eegama.

Barattoonni har’a yookaan guyyaa boruu irraa eegalanii bu’aa qormaata isaanii karaa ergaa gabaabaa 8181 beekuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.




Forward from: Oromia Education Bureau
Radio Schedule for 2013 (1).xlsx
15.7Kb
Kalaandarii Radio-Radio Schedul 2013


Forward from: Oromia Education Bureau
School Calendar 2013 EC.pdf
2.4Mb
Kalaandarii Barnootaa/School Calendar/ bara 2013


Finfinneen har’a alaabaa Minilik dhaan dhuunfatamtee jirti. Warri bilisoome alaabaa isaa handhuura biyyattii keessatti dhaabbata. Garuu alaabaa Oromoo akkanatti dhabuun hin yaadamu. Yoo soba tahe mee warri nu bilisoomne jedhu alaabaa Oromoo akkanatti Finfinnee keessatti faayee nu haa agarsiisu!













20 last posts shown.

33 429

subscribers
Channel statistics