#Barsiisaa_Gahumsa Qabu Heddumminaan Horachuuf #Kolleejjiota_Barnootaa_Barsiisotaa Cimsuufi deeggaruun Murteessaadha Jedhame.
-------------------
BBO- Guraandhala 10/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa (BBOn) Kolleejjota Barnootaa Barsiisotaa (KBB) 13 waliin gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 Giddu Gala Qornnoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti guyyaa lamaaf gaggeessu har'a eegaleera
Sirna gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 haasawaan kan banan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, haasawa taasisan keessatti barbaachisummaan kolleejjota barnootaa barsiisotaa yeroo kamiyyuu caalaa sadarkaa murteessaa irratti kan argamu ta'uu, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barsiisaa gahumsa qabu leenjisee ummata keenyaa gumaachuun kan irraa eegamu ta'uu kan dubbatan Dr. Tolaan,
Rakkoon qulqullina barnootaa walxaxaa waan ta'eef laayyotti furuun salphaa miti. Rakkoowwan uumaman bu'uura irraa furuuf kaka'umsaafi kutannoo gaafata.
Haaluma kana bu'ureeffachuun BBO bara 2010 irraa eegalee rakkoo bu'uurarraa qorachaa, furmaata kaa'aa deemuu keessatti sababa weerara dhukkuba COVD-19 'n bara 2012 akka barbaadamutti furmaata kaa'uf mijaa'uu baatus bara 2013 irraa eegalee argannoowwan qorannichaa tokko tokkoon hiikaa as geeneerra jedhaniiru,
Dr. Tolaan, Sirna barnootaa haaraa qopheessuufi hojiirra oolchuu, ijaarsa mana barnootaa bu'uura boruu babal'isuun yeroo ammaa daa'imman miliyoona 2 ol akka keessatti baratan taasifameera, manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi manneen barattoota addaa babal'isuun barattoota qaxalee qormaata biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessisan horataa jiraachuu himuun, jijjiiramni bu'uuraa hundeerra kan dhufaa jiru ta'ullee, #gahumsa_barsiisaa_irratti hundaa'ol #xiyyeeffannaa_kennuun_murteessaa ta'ee argameera.
Kanuma bu'uura gochuun KBB 13 BBO jala jiru hundi #kaadhimamtoota_barsiisotaa_6000 ol ta'an, #mooraa_kolleejjootaa_keessa_jiraachaa_tajaajila_nyaataafi_siree_argachaa_yaadaafi_qalbii tokkoon barnoota isaanii qulqullinaa akka hordofan taasifameera.
Kunis, ammaa achi #imaanaafi_itti_gaafatamummaan_gahumsa_barsiisotaa kolleejjotarratti fedhameera.
Kanaafuu, jedhan Dr. Tolaa Bariisoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa #yeroo_kamiiyyuu
_caalaa_xiyyeeffannaa_kennuun_humna_keessan_cimsuufi__eeggaruu_qabna jechuun waadaa galaniiru.
Dhumarratti, biiroon keenyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sanadoota qorannoo adda addaa gaggeessaa kan turan himuun qorannoof ka'umsaaf akka isin gargaaru ilaaluu ni dandeessu jedhaniiru.
Kolleejjootni keenya barsiisaa gahumsaafi naamusa qabu ummataaf gumaachuun rakkoo qulqullina barnootaa biyya keenya qunname keessaa baasuuf gahee olaanaa taphachuu qaban jechuun dhaamsa dabarsuun sirni gamaaggama raawwii hojii banamu ibsaniiru.
Itti aansuun BBOtti, daayirektoreetii Barnoota Olaanoofi Qo'annoofi Qorannoo keessatti dursaa garee Barnoota Olaanoo obbo Rattaa Nagawoo adeemsa gabaasni kolleejjotaa dabaree dabareen dhihaatu irratti qajeelfama kan kennan yoo ta'u gabaasichis haaluma kallattii kaa'ameen kan jalqabe yoo ta'u, hanga guyyaa boruu 11/06/2017tti kan itti fufu ta'uu sagantaan bahe agarsiiseera.
#Oromia_Education_Bureau #Tolaa_Bariisoo_Gadaa