Guyyaan Galmee Barattoota Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Fudhatanii Beekame.
---------------
BBO- 04/06/2017 Naannoo Oromiyaa keessatti bara 2017 barattootni qormaata sadarkaa naannootti fudhatan (kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyaan galmee kan beekame yoo ta'u, galmeen taasifamus '#online' waan ta'eef Abbootiin Adeemsaa Bulchiinsa qormaataa waajjira barnootaa aanaafi magaalaa hundarraa dhufam namootni 450 ol ta'an 'software' irratti leenjiin kennamu har'a eegaleera.
Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa Waldamikaa'el yoo ta'an, haasaa isaanii keessatti bara teeknoloojiifi dijitaalawaa kana keessa qulqullinaafi gahumsaan itti fayyadamuun barbaachisaa waan ta'eef leenjii kennamu kana yaadaafi qalbiin akka hordofuu qaban ibsuun, ragaan barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa har'a galmeessisan guutuu jireenya isaanii waliin waan turuuf of eeggannoofi qulqullinaan galmeessuu qabdu jechuun dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, leenjitootaaf turtii gaarii hawwuun leenjichi ifaan ifatti banamuusaa himaniiru.
Itti aansuun haasaa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Bulchiinsa Qormaataafi Madaallii obbo Huseen Qaasim yoo ta'an, bara 2017 barattootni qormaata fudhatan;
#1_kutaa_6ffaa karoorri ,
dhi -408 134 du - 361 042 walitti -769 176
#2_kutaan_8ffaan immoo karoorri, dhi -276 302 du -260 110 wal- 536 607 waan ta'eef barattootni kunniin ragaanifi suuraan isaanii wal simee akka galmaa'an hoggantoofaafi abbootii adeemsaa qormaataafi madaallii barnootaatiif leenjiin kun har'a kennamuu jalqabneerra jedhaniiru.
Galmeem barattootaa '#online' waan ta'eef leenjitootni har'a leenji'an hanga mana barnootaatti gadi bu'anii kan leenjisan ta'uus ibsaniiru. Dabalataanis obbo Huseen, leenjii kana booda galmee kan jalqabamu ta'uu beeksisuun; #1_Kutaa_8ffaan
#Guyyaa 15/06/2017 hanga 10/07/2017 yoo ta'u,
#2_Kutaa_6ffaan
#Guyyaa 15/07/2017 hanga 10/08/2017 tti kan turu ta'uu ibsaniiru.
Kanaafuu barsiisotniifi ogeessotni galmee kanarratti hirmaatu hunduu ragaa qulqulluu akka guutan dhaamsa dabarsaniiru.
Walumaa galatti akka naannoo keenyatti #barattootni_kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_2017 qormaata naannoo fudhachuuf #ni_galmaa'u_jedhamanii_eegaman_walitti miliyoona 1.3 ta'uu karoorri biiroo keenyaa agarsiiseera.
#Oromia Education Bureau
#Tolaa Bariisoo Gadaa