Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f qormaata oonlaayiniin kennuuf qophiin taasifamaa jira
*******
Guraandhala 13, 2017 - Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Waltajjii marii damee misooma Barnootaarratti haasawaa taasisaniin, damecharratti milkaa’uuf hojii qindoomina qabu hojjechuun murtessaadha jedhan.
Keessattuu lammiileen hundi barnoota argachuuf carraa walqixa akka qabatuuf ,Hiyyeesaa fi Sooreessa gidduu garaagarummaa jiru dhiphisuuf hojjechuu qabna jedhan.
Biyyaattiin jijjiramu kan dandeessu Sirna Barnootaa jijjiruun ta’uu eeruun, riiformiiwwan hedduun bocamuun hojirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan manneen Barnootaa keessatti adeemsi baruuf barsiisuu foyya’aan akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Qormaata waliin walqabate Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f Oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa