Oromiyaatti barattoonni kuma 212 olqormaata biyyaalessaa fudhatu
*****
Gaazexaa Bariisaa
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa kanatti barattoonni kuma 212 olqormaata biyyaalessaa bahiinsa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta'uu biiroon barnootaa naannichaa ibse.
Hogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo akka ibsanitti, naannichatti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa waraqaafi onlaayiniin nikennama.
Naannichatti barattoonni kumni 212 kan fudhatan yoo ta'u dhibbantaan 59 saayinsii uumamaa, dhibbantaan 41mmoo saayinsii hawaasaa ta'uu dubbataniiru.
Barattoota qoraman keessaa dhibbantaa 47 kan ta'an barattoota dubaraa akka ta'an eeraniiru.
Barattoonni kuma 50 ol ta'an qormaaticha onlaayiniin haalli ittifudhatan mijeeffamaa jiraachuu eeranii, hojiin giddugala barattoonni qormaaticha onlaayiniin ittifudhatan addabaasuun haala mijeessuu hojjatamaa jira jedhaniiru.
Galteewwan qormaatichaaf barbaachisan guutuudhaaf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin qindoominaan hojjetamaa kan jiru ta'uu hogganaan biirichaa ibsaniiru.
#Oromia_Education_Bureau
#Tolaa_Bariisoo_Gadaa