Oromia Times


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Education


Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.
Youtube 👉👉
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Education
Statistics
Posts filter


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Yuunivarsitii Jimmaa mooraa Agriculture fi Veterinary Medicine keessatti barattoonni ajjeechaa saba kana irra ga’aa jiru mormuun lagannaa nyaataa taasisaniiru.

Barattoonni kunniin kana dura abbootii garee Fiinxaaleyyii kanaan harmaafi harka ciramaa turuu yaadachuun gocha yeroo ammaa ta’aa jiru mormaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Yuunivarsitii Wallaggaatti barattoota saba isaaniif sagalee ta’an reebuun akka bittinneessan odeeffanne

Tibba kana ajjeechaa lammiiwwan irra ga’aa jiru sababeeffachuun Yuunivarsitii Wallaggaatti hiriirri balaaleffannaa kan geggeeffame yoo ta’u qaamni mootummaa barattoota kana humna fayyadamuun addaan bittinneessuu odeessa keenya mooraa Yuunivarsitichaa irraa odeeffanneerra.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s








Oduu Ammee

Hiriirri mormii Yuunivarsitii Wallaggaatti dhohe!

Balaaleffannaa rakkoo ummata irra ga’aa jiruu sabaabeeffachuun Yuunivarsitii Wallaggaatti hiriirri mormii dhoheera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s














Hiriira balaaleffannaa

Yuunivarsitii Arsiitti Ajjeechaa tibba kana ummata nagaa salaalee irratti garee Fiinxaaleyyiin raawwatame balaaleffachuun barattoonni lagannaa nyaataa taassisuun hiriira balaaleffannaa geggeessaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s








Hiriira Balaaleffannaa

Yuunivarsitii Jimmaatti barattoonni ajjeechaan saba keenya irratti garee Faannoon taassifamaa jiru nurraa haa dhaabbatu jechuun lagannaa nyaataa taasisuun akkasumas hiriira ba’uun sagalee diddaa dhageessisaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Taateen namoota humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguun dabalaa jira.

Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu jiraattonni himaniiru. 

▶️Jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee sababa nageenyaatif maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, gandoota 19 keessatti yeroo ammaa kana barattoota, qonnaan bultoota fi daldaltoota dabalatee namoonni 250 ol humnaan leenjii waraanaaf fudhatamuu himeera. 
 
Itti dabaluunis, humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguu kun osoo hin jalqabin dura gandoota adda addaa fi magaalaa Fittaal keessatti namoonni fedhii qaban leenjii waraanaaf akka galmaa’an beeksisni bahee akka ture himeera. 

Haa ta’u malee, namni “fedhii isaatiin galmaa’e waan hin jirreef” humnoonni mootummaa fi bulchitoonni gandaa dargaggoota naannoo sanaa humnaan leenjii waraanaatti galchuu akka jalqaban taasisuu hime.

Itti dabaluun, gandoota baadiyyaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti Waraanni Bilisummaa Oromoos dargaggoota leenjii loltummaaf ukkaamsaa jiraachuu hime.

“Jiraattonni aanaa Yaayyaa Gullallee humna mootummaa ykn miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo argan ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti akka hin ergamneef dhokachaa jiru.” 

Taateen walfakkaataa godinaalee Oromiyaa biroottis mudachaa jira. Jiraataan godina Jimmaa aanaa Saxxammaa Addis Standard dubbise, oboleessa isaa dabalatee namoonni 20 ol to’annoo humnoota nageenyaa mootummaa jala ooluun kanneen birrii gaafataman kaffalan gadi lakkifamuu fi kanneen hin dandeenye gara leenjii waraanaatti ergamuu hime. 

Jalqaba namoonni kunneen lafa dheedichaa bal’aa invastarootaaf dabarfamuu mormuu isaanii hordofee to’annoo jala oolan. Ergasii guyyootaaf buufata poolisii aanaa Saxxammaatti tursiifaman.

Jiraataan aanichaa kun obboleessi isaa Onkoloolessa 23, 2024 mana jireenyasaa irraa fudhatamuu eeruun, isa hiiksisuuf poolisiin tokkoon tokkoon hidhamtootaaf birrii 60,000 hanga 70,000 gidduu isaan gaafachuu hime. 

Maatiin qarshii gaafatame poolisii fi qondaaltota aanaaf kaffaluu yoo dadhaban hidhamtoonni gara leenjii waraanaatti ergamuu akka danda’an ibse. Boodarra birrii 60,000 kaffalanii isa gadhiisisuu hime.

”Ganda keenya qofa osoo hin taane gandoota 18 keessatti namoonni yeroo gabaa dhaqan milishaa fi aanga’oota aanichaan qabamanii gara leenjii waraanaatti ergamaa jiru,” jedhe. 

Taateen kun gandoota baadiyyaa irratti qofa kan daangeeffame miti. (AS)

#tikvahethAFAANOROMOO

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Oduu Ammee

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti hiriirri balaaleffannaa dhohe!

Ajjeechaa tibba kana ummata nagaa salaalee irratti garee Fiinxaaleyyiin raawwatame balaaleffachuun barattoonni Yuunivarsitii Dirree Dhawaa hiriira balaaleffanna geggeessaa jiru.

#via: ABDII_SABAA

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

20 last posts shown.