Meeshaaleen yaalaa fi qorichi lafee dugdaa kenna tajaajila fayyaati. Onkoloolessa 15 bara 2017
==========================
Biiroon Fayyaa Oromiyaa hojii Sirna dhiyeessii meeshaalee yaalaa fi qorichaa irratti xiyyeeffannaan hojjachaa jira.
Bu'uuruma kanaan sadarkaa hundatti raawwi jiru qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gamaaggama gaggeessee jira.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kabbabaawu saganticha irratti argamuun akka jedhaniitti, iddoo meeshaaleen yaalaa fi dhiyeessiin qorichaa barbaachisaa ta'an hin jirretti kenni tajaajila fayyaa guutuu ta'uu waan hin dandeenyeef sirna dhiyeessii itti fayyadama qorichaa fi meeshaalee yaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Akkasumas meeshaalee yaalaa kunuunsuu, haalaan fayyadamuu, kanneen tajaajilaan ala ta'an suphisiisuu fi dhiyeessii qorichaa fooyyeessun dhaabbileen fayyaa haala qabatamaa irratti hundaa'uun yeroon gaaffi fedhii kenna tajaajila fayyaaf barbaachisu dhiyeessuun murteessaa ta'uu kaasanii jiru.
Raawwii gama dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalatiin rakkoo jiru furuudhaaf bara 2016 manneen qoricha hawaasaa 500 tajaajila kennaa kan jiran yoo ta'u, bara 2017 gara 600tti ol guddisuuf hojjetamaa jira.
Bara 2016 mana qoricha hawaasaa kanatti namoonni 4, 288, 925 fayyadamoo kan ta'an yoo ta'uu, kanneen keessaa 2,591,816 miseensa Inshuraansii fayyaa hawaasaati.
Kurmaana 1ffaa bara 2017 immoo namoonni 1,000,000 itti fayyadamu jedhamee karoorfame 1, 058,413 fayyadamaniiru.
Bara 2016 meeshaalee yaalaa hojiin ala ta'an 58740 suphuudhaan akka tajaajilarraa oolan taasifameera. Kunis yommuu maallaqaan tilmaamamu qarshii 141, 206,482.55 kan ta'uudha.
Sagantaa kana irratti qaamolee milkaa'ina olaanaa galmeessaniif beekamtiin kennameefii jira.
#share
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa t.me/BiirooFayyaaOromiyaa t.me/BiirooFayyaaOromiyaa