✅
Obsa | Patience Obsi kennaa hafuura qulqulluudha. ❤️
📖 “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,”
— Gal. 5:22
Hafuurri qulqulluun wanta si barbaachisu qofa osoo hin taane obsa wanta si barbaachisuus siif in kenna.
Obsi (quality) kee miti. Obsi kennaa waaqaa waaqa ibsuudha.
Al tokko tokko in dadhabna "obsakoo fixaan jira! Obsikoo dhumee jira!" In jenna. Yommuu obsi keenya dhumaa jira jennu kana immoo wanti haaraa akka uumamu eegna malee obsi keenya caalaa akka dabaluu qabu caalaa obsuu akka qabnu hin yaadnu.
Obsi akka nedaajii (ነዳጅ) dha. Wanta bira gahuu qabdu bira hamma geessutti humna ittiin gara galma keetti adeemtudha. Kanaaf obsi koo dhume jettee hin dhaabbattu, obsa kee dabalattee deemsa kee itti fufta.
Obsa ofii guddifachuuf immoo obsi kennaa hafuura qulqulluu waan ta'eef obsa dhabuuf dadhabbii kee sana keessatti kadhachuu, sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf karaawwan garaa garaa sagalee Waaqayyoo akka dhaggeessu godhan raawwachuun karaa hafuuraa guddachuu keessa obsi kees in guddata.
Mallattoon nama hafuuraa tokko, obsa isaati!📖 Yaq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.
⁴ Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!
Yeroo baay'ee qoramuu keenyatu milkaa'ina nuuf fida in seena. Garuu qormaanni namoota baay'eef jabina fide kaan immoo kuffiisees argineerra.
Garaagarummaan qormaata keessatti milkaa'uuf kufuu qormaata sana waan ittiin danda'uuf yaalaniidha. Kaan obsaan yommuu danda'an kaan immoo waan ittiin danda'an obsa waan dhabaniif milkaa'uu danda'uus dadhabaniiru.
✅
Obsaan in danda'ama. kan dadhabdeef obsaan ala waan yaalteefidha.🎵 🤝🤝🤝🤝
@Singer_Megertu_Official👤🎥
https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1