OBSI NAAF HUMNA KOOTI...💪♥️
Ba'aa koo narraa kan furu
Ba'aa koo saggoo na meelchu
Qajeelumni koo narra akka turu
Kan jallina koo na qajeelchu
Fedhii koo cinaa daangessee
Qixa sirriif sirnaan kan ajaju
Yaadota kootti of aangessee
Namummaa koo kan kabaju
Waan yeroon maree sufe
Maraa yeroon eegee kan hiiku
Danqaa abdii kootti hulaa cufe
Waraana cimaan kan diigu
Icciitii keessoo koo keessaa
Aarsaa kanfalee kan eegu
Mul'ata koof xurree saaqee
Daandii milkii kan natti akeeku
Hiriyaan koo yeroo maraa
Kan na faana boqatu
Kan maddii kootii in mul'anne
Kan keessa kootti dhokatu...
Isa qabaaf kan an kooru
Isa qabaannaan kan an jooru
Kan na dhiisne guyyaa wargamaa
Hiriyaan koo #Obsa jedhama!
#Obsi naaf humna kooti
Obsi anaaf waan hunda kooti
Nama in ta'u an ila
Osoo #obsan qabnee silaa!
...
@Sona_Official1