Walaloo Jaalalaa™


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Edutainment


Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa
https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24
Buy ads: https://telega.io/c/+Uu-oSo7wtgQ3YWJk
Contact: @Getu_Abera

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Edutainment
Statistics
Posts filter


😱 Amala Jaalala dhugaa - See More

🗣️ Amalootaa fi haasawa dubartiin tokko jaalala ittiin ibsattu keessaa muraasni,,..
      👇
   See More
   See More


🖤 Hariiroo jaalalaa keessatti walitti dhufeenya gaarii fi amansiisaa irra gahuuf tarkaanfilee afur kanneen raawwachuun barbaachisaadha,...➡️ See More

➡️  See More
        See More


❗️ Miira eenyumaayyuu baruuf jalqaba maal hubachuu akka qabdu,... See More


Diinni Xiqqoo Hin Qabduu!
••••
Fageenyarraa siin dhufuum
kan si balleessuu yaadu
inni madaakee keessa
si ciniinuu barbaadu
               ~◆~
kan jiraachuukee jibbee
bulee ka'ee sitti aadu
kan jireenyakee jeequuf
dubbii sitti barbaadu
               ~◆~
kan guddinakee jibbee
si kuffisuu barbaadu
kan gammachuukee jibbee
gaddakee siif gammadu
               ~◇~
bakka biraatii hin dhufuu
sibiraa sitti kaa'aa
utuma wajjin nyaattuu
bineensa sitti taa'aa
               ~◇~
summii hamminaa kuusee
si miidhuudhaaf ol kaa'aa
wajjin nyaattee guddattee
alagaa sitti taa'aa
               ~◇~
imala kaayyoo danquuf
boolla qotee siif kaa'aa
boollicha si buusuudhaaf
wanta sagal yaacaa'aa
akka waan aangoo qabuu
shira qophessaa taa'a
               ~◇~
shirri shiraan tuulamee
daandiinkee si rakkisus
namni hamaan guutamee
namoomakee fannisus
               ~◇~
iyya rakkina keetii
dhaggeeffataa callisus
kan hirkoodhaaf abdatte
sakaalee si kuffisus
              ~◇~
jireenyakee balleessuuf
lolaa sitti jallisus
dukkanaan si miidhuudhaaf
riphee sitti qaxxisus
ijaan argaa si jibbee
dhangaa du'aa qopheessus
              ~◇~
ati rabbiin qabaannaan
diinni kamuu sin miituu
ofiif dhamaati malee
hin guuttus hin hirristuu
              ~◇~
yoo rabbi sin kennine
shirri diinaa sin nyaattuu
utuu kufuukee eegduu
yoo guddinakee argitu
              ~◇~
sammuunshee gadi cabee
akkumasheen leeyyaatuu
kufaatiikee hawwitee
utuu abjuun qaajjaatuu
rabbimmoo siguddise
hamtuun ammaa hadhamaatuu
              ~◇~
nama si miidhe miidhuuf
yerookee hin balleesinii
summii diinummaa laaqxee
seenaakee hin xureessinii
               ~◇~
hammeenya hamtuu ilaaltee
hammina hin dhandhaminii
lafarrattis jibbamaa
aakiraas hin dhabinii
               ~◇~
yaalli nama miidhamee
beeki harka rabbiitiinii
rabbis sirraatti hin dhiisuum
ati kansaa taanaanii!
                ~◇~
kanaafuu=>
diinas diinummaas
rabbi sirraa ha qabu.


👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


😱 Dhiirota Qofaaf - See More

🗣️ Amaloota dubartiin tokko jaalala keen kufuu fi qabamuu ishee ittin adda baafattu fuula irraa dubbisuun haala ittiin hubachuu dandeessu ammuma link kanaan seenuun miira ishii bariif
      👇
   See More
   See More


▶️ Nama guddaa ta'uu yoo barbaadde
Waa lama nama kamiifuu hin liqeessin,...⏩ Itti fufii dubbisi!

⏩  See More
       See More


➡️ Mata dureen guddaan kuni sababa barbaachiseef,... See More


Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


❤️ "Message (ergaa) Jaalalaa jaalallee keetiif erguuf rakkataa jirta taanaan asitti bu'i!",... See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


❤️ Ergaalee jaalalaa 100,... See More


Dubbii Qabdii Dubbisi

Gaaftokko bakka abbaan warraa
Mana hin jirretti
Jaldeessi niitii leencaa
Argate dirreetti

Humnaaf dandeettisaa
Waa'ee gootummaasaa
Waan hu**uusaa diimesse
Dhiirummaa jedhee fakkeese

Booroo manaatti ol ba'ee
Yeroof mootii niitii leencaa ta'e.

Yeroo leenci alaa galu,
Niitiin fuula jijjiiratte.
Nyaara sassaabbattee,
Kan biraa fakkaatte.

'Maal taate har'ammoo'jedheen,
Of too'atee miira.
Ati dhiiraa mitii jetteeen
Ol seenii argi dhiira.

Yemmuu leenci booroo manaatti,
Deemsaaf ol akeeku.
Kunoo jaldeessaadha,
Isa inni duraan beeku.

Mootiin yeroof ture,
Baaxii manaatti ba'e.
Iyyaan lafa baqaqse,
Abjuu mootomuu raajii ta'ee.

Baaqum jechaa albaatii xarrisiisa
Baaqum- fincaan sharrisiisa
Baaqumii yoom danda'ee obsa
Baaqum -ammas dafqa cobsa.

Gootummaan yeroof,
Niitii leencaa ittiin dhiphise.
Albaatii of laaqqachiisee,
Jiraatti of salphise.


☑️ Jaalalaa fi Tasgabbii Kan hin hawwine hin jiru, meeqaa keessantu adeemsa kana adeemuuf riqicha kanneen ta'an qoratee irra gahe laata?...▶️ See More

See More
See More


➡️ Ergaalee Jaalalaa,... See More


Namummaa Jaalladhu!

Beekamtii, qabeenya,
Bifaa fi amala
Kana hunda laaltee
Hin kennin jaalala!

Namummaa jaalladhu
Hin kaa'in ulaagaa
Yoo akkana ta'e
Gaarummaan dagaaga!

Dadhabaa haa ta'u
Yookiinis hiyyeessa
Fira kee yookiinis
Du'a siif kiyyeessaa

Jibba jibbii dhiisii
Qabaadhu gamnummaa
Haaldureewwan malee
Jaalladhu namummaa!


✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join


🎲 Namoonni ogummaalee 5n kanneenitti fayyadaman jireenya isaanii keessatti gartuu hundumaa irratti milkaa'odha... ➡️ See More

↪️ See More
       See More


🌹"Jaalala dhugaa keessatti mata duree yoomiyyuu dagatamuu hin qabne shanan (5) kana,... As tuqii dubbisi!🖱️

➡️➡️ See More
See More


Dhugaan jiru kana➡️ See More ⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️


Sin jaaladha 💔

Siif himeera hunda
Sumaatu natt aanaa
Dhukkubbi keessa koo
Siitu na wallaanaa

Siitu na moo'atee
Na booji'e onnee
Kanaafan jiruu too
Lubbu too siin kenne

Jechoonni kee laafaan
Yeroo naan haasooftu
Ilkaan Kan kee adiin
Yeroo naan kofaltuu

Haalaa amalli kee
Hundinuu naaf ta'e
Kanafan sitti hime
Siin jaaladha ja'e

Niin dhabe jechoota
Naaf ibsu miira koo
Michuu keen siif ta'a
Naaf ta'i michuu koo

Aduu seente baatu
Galgala ganamuu
Hunda si caalchise
Si jaaladha yoomu

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join


Anis nan boqodha! 🤝

Akkam jirta jedhee
Nagaa sigaafachuuf
Anoo akkan qabuu
Hojiin koo siyaaduu
Si arguuf araaduu
qofa akka ta'e
hunduu quba qabu

Ati garuu beektaa
Rakkoo kee isa kalee
Hubatteettaa laata
Sijaallee maraachuuf
Qarqara gahuukoo
Mee maaloo maal jettaa

Guyyuma jalqabaa
Gaafan si arge san
Keessi koo dhibamee
Midhaan bishaan miti
Haasaa namaattiyyuu
Qaatan nagaa dhaame

Yeroon karaa deemu
Namnin ani argu
Hunduu si fakkaata
Yeroon gara manaa galus
Girgiddaa mana koo
Bifuma kee baata

Yoon achi ilaalu
Yoon asis ilaalu
Suuruma keen arkaa
Yoon hirriba rafus
Na dursitee kortee
Hirriba na dhorkaa

Boqonnaa dhoowwitee
Lapheekoo rarraastee
Maal argattaa egaa
Maali yoo garaa laaffatte
Miidhamuun koo kunii
Maal bu'aa sii qabaa
Maalii yoo na dhiifte

Sinjaaladhuu anii
Sin barbaadu jettee
Yoo garaa na kutte

Maaf natti taphatta
Maaf na maraachita
Kun cubbuu guddaadhaa
Dawaa dhukkuba koof
Falasaa barbaadi
Anis nan boqodhaa!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join


Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa miti nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Hunduu ni jijjiirama!🔵

Hiriyaan yeroo hammaa
Yoo ta'es inni qaataa
Yeroodhaaf afaan dammaa
Lafaa fuudhee sibaataa

Utuukkam sijaallatee
Firrat eegdu garaattii
Gaafa rakkoo laallatee
Sidagata  karaattii

Hundinuu yeroo dhumaaf
Akka shiinii sidhiqaa
Siwaliin dibbee tumaa
Haala laalee miliqaa

Qabeenyaan si madaalee
Siguddisa akka arbaa
Dhibnaan garuu takaalee
Kuffisee sirra darbaa

Firri aanteef dhiignikee
Hiriyaan kees sidheessuu
Hin galuufi hiiknikee
Yeroof sitti fakkeessuu

Kanati dhagaa seetu
Hin ga'u hamma baalaa
Hin fedhu nagaa keetuu
Afaaniin damma caalaa

Hundas mitii yakoodee
Of duraa gadda kaasii
Hin dhabuu namni qoode
Gingilchii adda baasii

Hin jedhiniin maaf turaa
Kan sittin yaanne shiraa
Kan akkuma gaaf duraa
Citee  sittafut  jiraa

Namaan cabus dirrikee
Kan waammattu tooftaadhaa
Hiriyaaniif firri kee
Hinni dhugaan gooftaadhaa

Kan godoonsaan diigamne
Hin qabnes summii bofaa
Kan  buleen  jijjiiramne
Tokkicha rabbii qofaa

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Egereekoo jedheen
Maqaakee moggaasa
Hin nuffu hin dadhabu
Amma ammaan si kaasa

Keessakoo dhuunfattee
Walakkaa onneekoo
Abbaa miiraa kooti
Caalaan si'i obsaakoo

Ifakoon siin jedha
Onneen siif na sirbee
Waan hundaa naaf taatee
Fira alagaan jibbee

Waa'eekee yaaduufan
Qofaan mana kootii
Obsaakoo waan ofii
Atoo kennaa kootii

Miiraakoo siif ibsuuf
Walaloon qindeesse
Gaaffii jaalalaakoo
Akkanaan dhiyeessee

Ija kee bareechee
Amallikee damma
Gita keen siif dhabe
At kooti ammaa

Jettee naaf xaafte Laankoo!

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Gaabbii koo! 🥹

Imimmaan gatii itti hin laanne
dhangalaasee
Halkanoota at nagaan rafte
Hirriiba koo siif galaasee

Fayyaa at dhimma irraa hin qabneen
Sitti dhaamee
Ekeraa ati hin dubbifneen
Si'iif waamee

Isan gaabbe sitti himuu?...

Isan onnee tokko fuudhee
Aarsaa godhee si'iif qale
Isan otoo'ti nan waamin
Dhufee bobaa keetti gale

Isan dhufee sitti halladhe
Isan safuu siif dagadhe
Isan kumaatama dheessee
Sit' baqadhe
Isan si argachuuf jedhee
Of hanqadhe

Isan gaabbe! 🥹

Isan karra uumaa siif saaqee
Jabbilee kee itti naqe
Isan lootii sii dire
Isan loomii sii cire
Isan sitti seeggale
Isan fuudhee siif awwaale

Isan gaabbe!

Hiddi biqiltuu keetii
Maasaa namaatti isa marge
Kan dur harki koo siif hiiku
Qabattoo kofoo keetii
Harka ormaarratti arge

Isan gaabbe!

✍️ Taliilee

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


😀Ani... ➡️
Akka lukkuu lafa hin haadhu 
Akka risaattan barrisa
Samii keessas lafa gubbaas 
Hunduu banaadha karrisaa

Filannoo kooti hundumtuu
Lafa haadhuun samii keessi
Maarree ofiikootiifimmoo 
Gurri koo hamaa dhageessii

Gad deebi'ee hin funaanu
Kosii keessaa raammoof raqa
Samii gubbaatti ol ba'een 
Bakka miidhagaa san dhaqa

Kosii keessi naaf hin malu
An hin fedhu raammoo nyaachuu
Ol fagaadheen balali'a
Hin fedhu dacheerra kaachuu

Haalaaf wanta darbu laalee 
Daandii kiyyarraa hin maqu 
Dudduuba koo hin ilaalu 
Bakka naaf hin malle hin dhaqu 

Kaayyoo kiyya hin liqeessu 
Addunyaa fakkeessituudhaaf 
Duuka bu'ee harka hin reebu 
Waan hunda akkeessituudhaaf

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


BORU AKKA HIN GAABBINE 👍

Abdiin jira bor guddatee firii kenna
Har'a garuu hin guddattu ittiin jenna
Inni beeka ka'umsasaa
Tolfateera ga'umsasaa

Nuti garuu biqiltucha gad cabsina
Firii hin laattuu oduu gaddaa itti labsina
Hin guddattu gogdee badda
Bu'aa maaltu sirraa madda

Habaaboo guddachaa jiru
Wal gargaarree daboon ciruu
Hamma hongeen sitti dhufa
Jirmi kees dadhabee kufa

Akkas jennee gogsuuf yaalla
Akka ta'uu qabuun faallaa
Kunuunsuu akka qabnu haalla
Gogsuudhaaf karaa ilaalla

Garuu inni hundee cimaa
Akka qabu hundatti hima
Jecha keenyaaf bakka hin laatu
Kuufatee qaba waan nyaatu

lnni garuu of hin shakku
Akka kennu bu'aa lakkuu
Albuuda gaarii yaabbatee
Hundeensaa cimee dhaabbate

Hongee dhufus damdamachaa
Boru laachuuf firii dachaa
Qophii hundaa xumureera
Dagaaguuf garaa mureera

Kanaaf nuti 
Kan haamilee gad cabsine
Badii irratti labsinee
Gaabbii boru nu eeggatu
Namni hunduu haa beekkatu

Kunuunsinee guddisuudhaaf
Aramaa irraa buqqisuudhaaf
Dirqamni utuu nurra jiruu
Isa jigii yaane ciruu

Bor gaabbiidhaan quba nyaachaa
Firii habaabichaa baachaa
Yeroo jiraannu lafarra
Hammeenya keenya safarra

Kanaaf 
Bor gaabbiin akka nu hin waadne
Kunuunsuudhaaf har'a yaadnee
Haamileedhaan haa guddisnu
Aramaa irraa haa buqqisnu

✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。⏺
          #share
            #join

👍   ❤️      💬     ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

20 last posts shown.