Walaloon Jaalala


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Art


Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Art
Statistics
Posts filter


Yihudaan Baga uumame!
...
Otoo si faana imaluu
Si waliin oolee galuu
Kan siin wal fakkaatu
Si faana dhugee nyaatu
Si waliin guyyuu kaatu
Dabaan haa jiraatu!
-
Kan si ciniinee hin beekne,
dhungoo malee
kan si cinaa hin dhabamne,
durgoo malee
Gaarreffannaakee kan hindhufne
Arrabnisaa kan sin tuqne
Inni yaa'iitti koodee fakkaatu
Inni garaatti qoree baatu,
Dabaan dabu haa jiraatu!
-
Raagamni hafuu baatus kan ganama murame
Hamaan riqicha ta'u, Yihudaan baga uumame!
Hammeenyi Yihudaa, Yesuus gurgursiisee
Du'a Addaam fide amanaarraa xumursiise!
***
Baga geessan
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.


Abboommii waaqaarra
Kan bofaa caalchistee
Firii isa dhorkame
Dhirsashee nyaachistee
Ishee Addaam gowwicha
Yakkamaa taasiste...

Hewaaniin maal caalta
Maafan si amana?
Nama waaqa ganetu
Naaf ilaa namana?

Gamechu Tsegae


Harkakoon;
Jilbakoo ciqilee
Maddiikoo utubee,
Fuulduratti achi-
Huuruukoo udumee
Yeroon ya'a yaadaarra,
Yaadakoon imalu,
Waca diidaa caalee,
Callisa keessa kooti,
Wanti anaaf galu!
.....
Gada


Forward from: Guca Aartii
Namoota Editing fi Cinematography barachuu barbaaddaniif Chaanaala bareedaa kana subscribe gochuun irraa fayyadamaa!

https://youtu.be/HPhJjHyMLF4?si=PaNxwugXtq1Ra-gr


Jechi
Ol nama kaasa
Nama gammachiisa
Muukii dhabamsiisa
Mijuu argamsiisa
Dhiphuu furguuggisa
Abdii horachiisa
Jireenya feesisa
Jannata geessisa
 
Jechi
Laphee buusa
Miira cabsa
Hawwii dabsa
Abdii dhaamsa
Humna nafsa
Jibba rabsa
Kophaa tursa
Abdii dhorsa
Jiruu onsa
 
Eeggadhu
Jecharra ulee wayya
Madaan qaamaa bulee fayya
Jechi chaappadha… ichima tumamte
Af-Baanan dhumaadha… Dhadhaa qilee buute
 

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala


Lafan si kaa’erraa
Ofii keen of buuste
Gola onnee kootti
Ofiin jibba kuuste

Kaleessa
Gaafan siif maraadhu
Kaleessa
Gaafan siif jiraadhu
Kaleessa
Gaafan siif dhaabbadhu
Kaleessa
Gaafan siin abdadhu

Onnee koo cabsitee
Miira koo dabsitee
Hawwii koo caamsitee
Abdii koo dhaamsitee

Onaatti na dhiiftee
Jibba natti biiftee
Garaa kee murattee
Deemteetta jabaattee

Har’a
Maal barbaacha dhufte?
Nagaa koo booressuu
Moo
Badii kee sirreessuu?

Lachuu waan hin taane
Sababni

Siif
Miirri koo du’eera
Lapheen koo bu’eera
Abdiin koo gu’eera
Ifni kee dhi’eera

Nagaatti
Imala haaradhaaf
Kabraa kaadhimeera
Adaraa hin hafin
Cidhaaf si waameera

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.


Hundarraayyuu ba'eera
Akka na gorsan ta'eera
Martuu darbuusaa bareera
Hafaan dhabamuu argeera!
Garuu,
Waanti lama baduu dide na biraa
Amman lubbuun jiru na faana jira.

Yeroo nyaara guduunfitu,
aarii tamsaasaa
Yeroo kolfaa gugugsitu,
imimmaan harcaasaa!

Yaadannoon kafana
Namatti maxxana!
....
Kanaa’ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala


Anaaf Ana caala
Namni yaadu’n jiru
Gaaffii keessoo kootii
Homtuu naaf hin furu

Guutummaa isaa TikTok irraa argattu. Follow, Like, Comment, share and copylink

https://vm.tiktok.com/ZMByus1BW/


Ani....
Ani mana keeti na keessa jiraatta!
An addunyaa keeti na keessa maraatta!
Yoo maqame harkan raasiin
Arraba kees ol hin kaasiin
Gola keessaas gad nan baasiin!

An manakee an nama kee!
Si harkattan huruurfama
Si harkattan kunuunfama!
Situ darba wabii naafii
Na uumuunsaas kanumaafi!

Sa-maqame naan dubbadhu!
Hubannaatiin na bulfadhu!
Yoommoo dide yoo jabaate
Hangafummaan bishaan nyaate
Anis atis hin gubatiin
Yaallen-taane nan filatiin!

✍️

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala


Gariiniif callisa, akka hasaasaa;
Kaaniif iyya, sagalee dhukaasaa!

Gariiniif, miseensa maatiiti;
Manumatu olka'ee simata!
Kaaniif, akka kara deemaati,
Qophee malee, beelasaa himata!

#Innis...
Warra eeggataniif bu'aa;
Warra 'in beekkatiniif du'a.

Hatatunaf 🦋 🖊


OKOLEE JAALALAA!

Onnee jaalalakoo,
Abdiinsaa hamma gaaraa
Akka buufaa tumtuu
Qilleensa siphatee,
Qilleensa hammaaraa,
Diilloo qoraattiirra,
Sagal tarkaanfata
Salganiin marmaara...

Ati___
Akka saawwa harkuu
Ilmoon jalaa duutee,
Muchi onnee keetii
Jaalala hongoofte,
Yeroo malee guute!

Ammas:
Arfaasaan yoo roobe
Coqorsi ni lata;
Labeessi migiraa
Aannan goromsakoo
Kanan itti elmadhu
Okolee jaalalaa
Qoraasuuttin jira...

Gammachuu Tsaggaayee
@Walaloon_Jaalala


WAA'EE MAQAASAA !

Eegee koochoo Iliyaada isaatti rarra'ee
kan inni yaadaan bararu,
Galma masaraa milkii dhaaluu qofaaf miti dhalli namaa jiruun hiraaraa kan jooru;

Wal'aansoo turtii maqaasaa
awwaalchaa olitti,
Yaaddoo yaadannoo dachee irraati.

Jiraachaa...

Jiraachaa...

Jiraachaa...

Maqaa isaatiif jecha,
Qaawwaa jiruusaa duuchaa,
Osoo dhama'uu gidduutti,
Holqa gadi fagoo du'a jedhamutti,
Lubbuunsaa dhidhimti.

A j a a ' i b a !

Dhalli namaa ...
Addunyaa keessa hin jirreef illee
waa'ee maqaasaa cinqama.

M u b a a r a k S u l x a a n !
@Walaloon_Jaalala


Damma-nadhiikoo!
* * *
Yeroo tokko tokko,
sin aarsa; sin guba; sin waxala
Yeroo tokko tokko,
lubbuu keettan satat jedhee gala
Gaaf gaaf,
sin boochisa; fuullikee in orbobbaa'a
Gaaf gaaf,
halaala irraa namni ilkaankee lakkaa'a
ilkaankee yoo akkas ba'ee addaatu
kolfikee waan dhumu hinfakkaatu!
Garuu,
In kolfitas,
In qorritas!
...
Anumatu:-
Si gufachiisa; si mufachiisa
Akkasumas,
Si qanansiisa; si gammachiisa
Anumatu:-
Bor siif hin ta'u akka har'aa
Waan baay'ee argita narraa!
Gaaf gaaf, na nuffe seeta
Gaaf gaaf, nafa ‘uffee’ jetta
Haallikoo waldha'us si harkaa,
garuu,
An si nuffee hinbeeku takkaa
Lafatu na tufa;
Waaqatu na balfa
waa'eekee hin siyaasessu
Si jibbee sin burjaajessu!
Ati bar,
hirriba barii gararraa jirta
dhaqnakoo maraaf suga hirta
miirakoo olii-gad oofta
aangoo caala mi'oofta!
Duula ollaa, lola warraa keessanin si argadha
Galaana diimaa, diina diinaa caalan si abdadha!
Nama gaariikoo
Damma-nadhiikoo!
...
Garuu waantin sii himu,
waankoo an siif dhaamu,
Sirnaan beeki ana
Naa bari waan kana;
Akka nama daakaaf, galaanatti of darbatuu,
Waanin si jaaladhuufi kanin sirratti of gatu
Amalakoo hunda kan barteefii,
Waanin sirratti of gateefi
Mudaakoo,
hundakoo,
ni beekta;
kanaaf aarta
Ciminakoos,
jabinakoos,
argiteetta;
kanaaf seeqxa.
Akkasi malee hinqabu waan-addaa
Kanaafi natti gaddaa gammadda!
...
Ormi alakoo arga
Argee na bira darba
Ati natti aanta
Qullaakoo argita
Na faana jiraatta
Amalakoo barta
Rakkookoo furta
Qaaniikoo erbita
Saalfiikoo hirphita
'Tiyaatira' miti jiruun, taatoon bor jijjiiru
Amalan, waantan si dhokfadhu hinjiru!
Lafoof lafeekoo argita
Kanaaf kolfaa gaddita!
....
Ilkaankoo mul'isee, lapheekoo sin dhoksu
'Maakiveelummaa' jaalalaas sirratti hin ibsu
Ofirraan si seecca'ee miirota hin ko'oomsu
Keessakoo akka Fantaalleetti ilaalta
Ilaalchakoo baatirii malee agarta
Sitti hinta'u mukukkula gaanii keessaa
Kanaafan of ibsee si dirmammeessa
Hir'inakoo sitti agarsiisa
Hanqinakoon si barsiisa
Kun si amanuudha;
sirratti of gatuudha
Siin si aarsuu mala
Naaf garuu jaalala
baay'ee natti tola!
...
(Hin-dhumu)
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala


Yaa gurbaa laga harbuu gamaa
Yoo rigaa naa murte maalii?
Ulumaayii burree gootee
Silaan kaata, silaan baataa
Onneen kiyya sitti gamaa
Yoo guyyaan naaf dhufte maalii
Dallaa keenya duubaan lootee
Halkan bineensi sinyaataa

Laali birbirsa abbaa Boruu
Isa hojjaan samii ga'ee
Laali awwaara miilla koo
Si barbaachan qurcii ta'ee
Ati hin dhuftu na joorsitaa
Si hidhan moo ni obsitaa?
Bakkanniisa muri murii
Isa afannee qabdoo teenyuu
Har'a hafnaan turi turii
Nu lammata wal hin geenyu!

Taliilee
@Walaloon_Jaalala


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa


Qooda doosee lama walakkaa ,
Gamii-gamoo dafqa biifnuu..
Ala-tokkoof, gara tokkoon
Dhaqii deebii walii dhiifnuu?

Wasaasoo dirra lamaan,
Amma dirreetti maraannu,
Yookan wal-jaalannee, hafu wal-jibbinee, maaf Jaalalaan hin jiraannu?

Jechuunkoo....
Silaa duuti hiixuun ooltuu,
Sodaa namaa du'a tollaa,
Uumamaafis oodaa haa ta'uu
Koottu Jaalalaan wal-lollaa!

🫴Silas hin dhuftii hxrw

Oli Wak


Ulaa kee naaf banaa
Seenee ba’uu baree
Karaa geeddareetan
Ollaa kootti gore

Garuu
Gola ormaa keessaa
Wanta haaraan dhabe
Amma mana keetii
Naaf ga’uun dadhabe

Naanna’ee deebi’us
Ilaalee miilladhee
Godoo koo barootaa
Cufaasaan argadhe
Nan gubadhe
Turee
Waan hubadhe

Inni harkaa qaban
Gatiinsaa kan baramu
Gaafa dhabamuu

Kunoo yoosii kaasee
Quufni koo dirreetti na baasee
Mana koo hoo’erraa
Qorratti na buuse

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

20 last posts shown.