CUBBUU DHIIFAMA HIN QABNE
====================
Cubbuun dhiifama hin qabne maal akka ta'e beekuuf hojii Hafuura Qulqulluu beekuun barbaachisaa dha.
Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa. Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa; ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in agarsiisa; isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin, firdii in agarsiisa. (Yoh 16:8-11)
#Yoh 16:9 irratti #Isaan kan jedhu biyya lafaa warra Yesusitti hin amanne agarsiisa. Yesusitti amanuu diduun cubbuu isa dhiifama hin qabne dha.
#Yoh 16:10 irratti #Isin kan jedhu amantoota—warra Yesusitti amanan qajeelummaa hubachiisa.
#Yoh 16:11 irratti immoo #Isa #biyya #lafaa #abboomu kan jedhu Seexanatti firdii hubachiisa.
Egaa Hafuurri Qulqulluun: waa'ee cubbuu—biyya lafaaf, waa'ee qajeelummaa—amantootaaf, waa'ee firdii immoo—bitaa biyya lafaa kan ta’e Seexana hubachiisuuf dhufe. Qoodamsichi siniif ifee? Mee haa balballoomsinu:
Biyya lafaa jechuun warra Yesus Kristosiin fayyisaa lubbuu isaanii godhatanii hin fudhannee dha. Hafuurri Qulqulluun waa'ee 'cubbuu' biyya lafaa hubachiisa. Warri Yesus Kristositti hin amanne 'biyyi lafaa' cubbuu dhiifama hin qabne keessa akka jiranii fi hojii isa fannichaan hojjetamee xumurametti amanuu dhiisuu kan agarsiisuu dha. Yesus guutummaa biyya lafaaf du'ee dhiifamuu cubbuu argachiisuuf beenyaa hundumaa kaffaleera; garuu kan gatii kaffalame kanatti fayyadamanii jireenyatti jiran muraasa yommuu ta'an, ammallee sabni hedduun fayyina waggaa kuma lama dura raawwatame kana hin fudhatin jiru.
Kan fayyinicha argachuu danda'an warra murtoo namummaa taasisuun gara dhugicha bara baraa dhufan qofa dha. Gatii kaffalame keessa jiraachuu warri didan yeroo bara baraa keessatti gatii kaffalaa dabarsuuf jiru. Kanaaf Hafuurri Qulqulluun warra Yesusitti amanuu didanitti cubbuu isaanii agarsiisa; amantootatti qajeelummaa Yesus agarsiisa; isa biyya lafaa kana abboomu Seexanichatti fannoo Yesusiin itti faradamuu isaatiin murtii agarsiisa.
Amantootni 'Cubbuu dhiifama hin qabne' qabaachuu yookiin hojjechuu danda'uu? Namni Yesus Kristositti amane
'cubbuu dhiifama hin qabne'
hin qabu. Cubbuu guddaan Waaqayyo siif hin dhiifne hin jiru. Himni kun namoota dalga hubatan baay’eedhuma isaan aarsa. Cubbuun Yesus fannoo irratti gatii isaa hin kaffalle hin jiru. Yoos immoo Mat 12:32 fi Mar 3:29 irratti, "Namni Hafuura Qulqulluu arrabse bara baraan dhiifama cubbuu hin argatu kan jedhu maal jechuudha ree?" jettee gaafachaa jirta ta’a.
Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti bara dhufuttis dhiifama hin argatu isaaniin jedhe. (Mat 12:32)
Ani dhuguman isinitti hima cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba’ee ilmaan namootaaf in dhiifama. Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta’a malee, bara baraan dhiifama hin argatu isaaniin jedhe. (Mar 3:28-29)
Mee hubadhu! Yesus Kristos dubbii kana jarreen warra Gooftummaa Isaan morman Faarisootatti dubbate. Faarisotni,
"Bi'el Zebul angafa Seexanootaatu si keessa jira"
jedhaniin Yesusiin. Masihii ta'uu Isaa mannaa, hafuura hamaa qabaachuu Isaa dhugaa ba'aniif.
Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo,
“Bi’el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa” jedhanii Yesus irratti dubbatan. (Mar 3:22)
Hafuurri Qulqulluun kan dhangala'e erga Yesus mirga abbaa taa'ee booda, jiraataa ta'uu Yesus, kabajamuu Isaa fi namootni hundinuu Yesus Kristositti akka amananiif waa'ee Yesus dhugaa ba'uuf guyyaa shantamaffaatti warra abdachiifameef dhangala'e. Kanaaf Hafuurri Qulqulluun kan dhufe waa'ee du'aa ka'uu Yesus Kristos mirkaneessuu fi dhugaa ba'uuf yoo ta'u, namni tokko Hafuura Qulqulluutti qoose jechuun, Isa Inni, "Yesus Kristos Isa jiraataa fi Isa jireenya kennutti amanaa!" jedhu fudhachuu diduu jechuu dha.
t.me//Youth4Christ1