Yuunivarsitii Haramaayaatti maaltu mudate . Halkan harraa sa’a 2:15 mana Dubbisaa Laayibrarii keessatti burjaajjiin uumamuun barattoonni fiigaa wal caccabsaa ba’an!
Sababni isaa maali?
Akkuma taateen kun mudateen miidiyaan &
@Abdii_Sabaa odeessa isaa irraa qulqulleeffachuu eegale! Sa’a taateen kun mudatetti odeessi keenya mooricha irraa odeeffannoon akkanaa akka hin qaaqabne nuuf gabaasee, haa ta’u malee barattoonni mooricha irraa nu qunnaman kirkirri lafaa mudateetu rifaatiin Laayibrarii keessaa wal caccabsaa baane jedhan.
Barattoonni gariin eegala burjaajjii kanaa yeroo nuuf ibsanitti “ Barattuu shamaraa dubbistee yeroo olkaatutti, joonjoftee lafatti kufte” jedhan. “Sanbooda barattoonni bira ta’anii dubbisaa turanis barattuu kana kaasuun baatanii ala baasuuf yeroo jedhanitti barattoonni kikira lafaa se’uun ka’anii fiiguu eegalan “ jechuun taatee mudate nuuf himan.
Sa’atii kanatti barattoonni walcaccabsaa Laayibrarii keessaa alatti fiiguu eegaluun barattoonni miidhaa salphaa walirraan ga’aniiru. Suur sagaleen nu qaqqabe akka mullisutti barattoonni gariin kufanii dhiiganiiru gariin ammoo naasuu guddaa keessa jiru.
Haa ta’u malee taatee mudate jedhame kanas namoonni Laayibrarii ala jiran tokkollee akka hin dhageenye nutti himaniiru. Barataan Doormii akka ture nutti hime tokkos “Ani homaayyuu hin dhageenye, garuu hiriyaan kiyya tokko naatoo guddaan dhufee natti hime” jedheera.
Magaalaa Haramaayaa irraas namoota nuti gaafanne taatee kana akka hin agarre nuuf ibsaniiru.
Barattoonni gariin ammoo gama isaaniitiin Yeroo taateen kun mudate Laayibrarii akka turna nutti himuun, “sagalee guddaatu ture, warri sababa mucayyoon kufteef jedhan, ni sobu” jechuun taaticha nuuf ibsaniiru.
Yuunivarsitichattis yeroo ammaa Laayibrariin cufamee kan jiru yommuu ta’u, ibsa dabalataa mudannoo kana irratti akkuma ballinaan qoranneen qabannee kan isiniif dhihaannu ta’a!
Dhiheenya kana biyyattii keessatti irra deddeebiin mudachaa jiraachuu kirkira lafaan walqabachuun burjaajjiin akkasii miidhaa nam tolchee kanneen akka wal ukkaamsuu, walirra
ajjechuufi walmiidhuu fiduu danda’a sababa ta’eef sa’a burjaajjii akkasiitti tasgabbiin murteessuun barbaachisaadha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡