Galoo Gumaakoo


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Blogs


Adeemsa qabsoon Oromoo irra jirtu, kan Qeerroof Jajjabee, Kan keessaaf alaa.
Kitaabilee(Seenaalee) Walaloo hiika qabaniif koottaa nooraa.
Yaadaf @AbisheBot
fb: https://www.facebook.com/people/Galoo-Gumaakoo/100075728984245/


Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


#Maalif_MAXINOO_Taatuu?'
Nama siin jedhee; Takkaa siif dhaamuu?
Silaa quuftikee; Takkaa sirraan caamu
Qabsoo hogganuus; Sagaagaluu seetee
Nutti iyyitaa? Miidiyaan as baatee
Qabsoon kaayyoodhaa; Kan waa itti baasan
Malee Kaayoo miti; Kan booruuf kaayatan
Itti Dhiigu, Lubbuu itti gabbaru
Ittiin fiigu, Galmaan gahuuf kurkuru
Hinsharafani; Ofirraa kutanii itti dabalu
Harkan kennani; Daakuuf jajjaboo itti calalu
Hukuraa Oduu seetee?; Makkiyaatoo qabatanii
Shallee Xabbasuu seetee; Doolaraan harka cabbaxanii
Maalif Maxinoo Taatu?; Sin hin bilchaattanii
Kan bara dhufaa darbu; Dubbattanii dhudhuuftani
Qabsoon Oromoo; Toora qabateera
Galma gahaafis; Firri abdateera
Eenyu sin waammannaan; Daboo nuuf baaturee?
Daboonuu jigii dabaa; Shiraan nurratti kaatuuree?
Egaa yoo qabsoo feete; Koottu Oromiyaa
Akka keenya dhukaasaa; Jedhi ana abbaan biyyaa
Malee gad deebituutu_Halaala taa'ee iyya
Ykn Sassaabbadhuu; harkakee gad-taa'i
Hundaan afaan qabadhuu; Doolarakee lakkaa'i
Yoo didee sirra bahe; Mana_fincaanitti alba'i
[DIASPORAf]
[-------ABO_WB0f------]
Faannikee ana; Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hundarra kan na aanfatu; Sinaan qaba qomoo
Kara-deemtuus dhageenyee; Sinitti hinbaanu adamoo
Sin nuuf akeeka; Kudhaammata mormaa
Siniif qalla Korma; malee sittin waamnu Orma
Akkuma kaleessaa san; Sin waliin kufnee kaana
Gaachana sinii taanee; Waliin luba baana
Ani siif faana; Karaan anaan siif himama
Ati naaf waraana; Situ naaf kitimama
Hidhannoonke duruu; Dugda diinarraati
Galaaf Sooranniikee; Gootiraa Oromootaarraati
Maaf ofdhabduu kadhannaree; Nuhoo warra waa hundaati
[-----Jaal_Marroof-----]
Maaltu Nyaata jettee_Hoolaa qaluun dhiisiin
---Leencatu Nyaata Abboo---
Maaltu owwaata jettee_Dhiira waamuun dhiisiin
---Qeerrootu Owwaata Abboo
Leenjisii itti bobbaasi; Qe'eenke hundaan guutuudhaa
Ololtuuf gurran kenniin; Isheen ofiin duutuudha
{Dhugaa hinduune_Silaa of harkaa qabda}
{Dhugaan waartee-bullaan_Silas Maal Dhabda}

Galoo Gumaakoo tin


Uummanni Lixa Oromiyaa Onoota Kiiramuuf Giddaa addattuu Ganda Waastii meeshaa gahaa haga Bireenitti hidhatee Faannoo qaxaqaxee ofirraa dhowwaa jira.
Galmi Qabsoo sana, eenyu illee si dura si dhaqqabuu hindanda'u, si caalaa kan sitti dhihaatu hinjiru.
Sin nuuf fakkeenya! Gootota Oromoo akka Oromoo Durii!


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Jaal Moo'ii. Goota Baraan Jiraatu!!


Urgent_Agamsaa|_Horroo Guduruu
Humni Faannoo kallattii sadiin marsitee jirti. Humni PP makkalaakiyaas amma gadhiisee baheera.
Uummannis waliin buqqa'aa jira. Sagalee ta'aafii.

@Caffeebulluq


H-guduruu
Gidduu kana humni PP konkolaataan 49 jaartee yoo buufattu,humni Faannoo ammoo humna guddaadhaan Amuruu jala buufatee jira. Kanaafuu uummannif qeerroon keenya yeroo kamuu caalaa of qopheessaa!!


Qabsoo Oromoo kufaa ka'aa as geesse sana irraa ati of moggeessuun kee 'Nuun nun miidhu, nus hin fayyadu.'
Ati silaa maal goote? Namuu akkasuma, Tafkiinuu waan Arba caaltu seetee of koobdi. Atis akkasuma murna Qabsoo Haqaa gaggeessu keessaa yoo of baaste, qabsittiin ni bishoofti, karaatti hafte; Kanaafuu koottu akkas ta'i, akkas nuu godhi jennee akka jilbatti si kufnu feeta.
Haamilee walii eegna jenneetu malee, duras ati si taateef nun fayyaddu. Qabsichi garuu gowwaas gamnas gaaddisa ta'eefii adeemaa tureeti siinis fuudhee deeme. Nu wajjin lolteefis bilisa hinbaanu. Oromoon kan bilisoomu ati lolteef, WBOnis loleef osoo hintaane, kaleessa 'Abbaa biyyaa waan tureef, boorus Abbaa biyyummaa isaa ni gonfata.' Kun waan yeroon deebii argatudha.
Ati ciisuus, sirbuus dandeessa. Mee kaleessa kee duuba deebi'ii yaadadhu. Buulcaa ijakeerra, sammuukee irra jirus lachan isaa miiccaa harka qabnee qabsoo si barsiisne. Har'a ammoo gaafa gurra argattu ofumaan cimaa of seete. Qaama barbaachisaa saba kanaa of goote. Erga akkas of koobdee ammoo si malee kan Oromoof fala ta'uu danda'u hinjiru seete.
Wal dhoksuurra wal boksuu wayya. Abboo dhaqi yoo feete mataan deemi. Yoo feete hiikkadhuu gali, Yoo feetes Qabsoo keessa taa'ii shira dalagi. Sun 'Imaltoota Faana Haqaa' dhahan homaa hingodhu. Anuu nama godhee sirraan dubbadhu.
[Uummatichi ammoo gara isa baasutti ni gora, Goruu baates baayyee nan dinqu.]
[Bakakkaan samii gad roobee, Volkaanoon dachee ol dhohus QBO man'ii irraan hankaaksu.]
Gareen ati waliinan dhiibbaan uuma jettee, tultullaa Gandee, seesee, ABO qancaree fi Diaspora ijaaramaniin gorfamtee kaattus sin baasu yoo si nyaate malee.
Amma ati sana, ati kana siin jechuun hinbarbaachisu. Yeroo barbaachisutti jedheera. Galmikee salphina, harka duubatti hidhamtee garafamuu, duutee lafarra harkifamuu hindabartu. Sabichi of bareera. Innuu si jala hinyaa'u. Sitti hafarfame _ hafarsituun garuu si wajjin lubbuu ishee hinlaattu. Dhumarra sumatu nyaatama. Habaqii!!


Waamicha Beekamti ajajaa ABWBOn aladha. Kanaafuu beekaa irraa goraa.


Bravo_WB0


Madoo humna PP hospitaala Guutee jiru.


Horroo_Bulluq😭
Namni asii gaditti (Haftaamuu) argitan fi namoota Kan biroo 4 wajjin Faannoon Boneetti ajjeefaman.
Reeffi isaanii amma Saqalaa buufata fayyaa jira. Waan jechaaf gochaas dhabne, haga RIB godina Sanaa buqqaafamuutti ajjeechaan uummata keenyaa itti fufa😢




Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Kutaa Waraanaa-1ffaa


Quba Qabaadha!
Waraa-nni mootummaa humna guddaadhaan mee-shaalee waraa-naa Zuu-23, Mortera, diish-qaa fi wantoota lo-laaf oolan fe'atee magaalaa Jimmaa irraa ka'uun karaa Beddellee fi garaa Miizaan Teeppii irraan sochiitti jiru jedha uummanni ijaan argan xiyyeeffannoon isaanii qellem wallaggaa irraan weera-ra geggeessuuf karoorfataniiru!
© Booji'aa Caalii


Girmaa Baqqalaa kan WBOti jedhee Qeerroo Haroo Limmuu ficcisiisaa turee amma immoo itti Aanaa bulchaa Aanaa Haroo Limmuu kan ta'e magaalaa Naqamtee keessa Jira. Gidduu kana akka Haroo deemaa jiruufi ergama ijoollee Qeerroo dararuu fudhatee akka deemaa jirru bira ga'ameera.
Egaa amma Girmaan Elekoopteraanimoo konkolaatumaan karaa Haroo Folaarraan darba laata, Haroo Giddaa waan kana quba qabdaa? Abichuun isaa xiyyaara erguufii hin oolu jetti odeessi mandara sobdootaa tokkommoo.
Warri kana baataan Girmaa Baqqalaa osoo arganii....


Fincaa'aati gara guduruu qaqqabsiisaa maaloo goobanirraan konkolaata 70 taatuu deemaa jirti amma


#Amuruu😥
Humni finxaaleyyii amaaraa uummata amuru irraa gara agamsaa konkolaatan deemaa jiru irratti dhukaasa banuun lubbuu nama tokkoo dabarsite jirti. Akka carraa ta'ee qaamni hidhate uummata faana imalarra waan jiruuf inni hanga tokko ofirraa dhukaasun lubbuu uummataa baraare jedhan


Hoolotaa:
Galgala sa'aa 12 booda lixatti imalaa turte. Qeerroon hordofaa!


Itti gaafatamaan dhimma nageenyaa anaa tokkee kuttaayee galgala arraa 09 /09/2015 tti namni maqaan ishaa shabbuu jedhamtu bakka kolba jedhamutti gootichi haleelee Amma hospitaala Ambo galchaniiru


ZU-23 moo Mortarii san laata?🥹
Natti bilbilee 'Akkamidha Guduruun' naan jedhe. Anis inni connection keessa waan hinjirreef waan jirun itti hime.
Innis asumaayyuu aanaa sadiirra darbanii sodaataa jiruu, waraanni raafamaa jira, kaanis gara Shaambuu deemaa jira naan jedhe😁
Anis maalif raafamuree jennaan☺️ Meeshaa guddaatu jalaa booji'ame, jennaan mootummaan akka malee aarera jedhee odeessa uummanni naan jedhe😇
Isayyuu dhukaasni asitti dhaga'ama naan jedhe. Fageenya sana lamaan gidduuttimmoo Bakakkaanuu hin dhaga'amu. Raajii qaba inni har'aa dhugaa.
Dhiigaf Lafee keenyaan irra aanna! Waan arganneen duratti malee duubatti hinjennu.🥰


Magaala Daduu keessaa ganamaan qulqulleessee dallaa itti ijaaree jira

Birgeedota!

20 last posts shown.

2 316

subscribers
Channel statistics