Dhugaan Ni Boqachiisa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Education


Chaanaaliin kun gaaffii Musliimonni gaafataniif deebii kennuudhaan wangeela biraan gahuuf kan dhaabateedha. Amantoonni wangeelaa hundi keessan, You tube chaanaalii koo SUBSCRIBE gochuun na waliin ta'aa. https://youtube.com/@dhugaanniboqachiisa
@BibleAndMe

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Education
Statistics
Posts filter




Vidiyoon Jalqabaa gallakifameera. Ilaaltanii irraa barachuun share fi like godhaa. Subescribe gochuunis guddisaa.

isa kana tuqaa

👇👇
https://youtu.be/T83L4Do7tRE


Gaaffii Ahmaddiin Jabal 303f deebii.pdf
1.6Mb
Kitaabni kun, #gaaffii_Ahmaddiin_jabal_303 jechuun gaafateef deebii kennamedha. Kan ammariffaa oromiffatti hiikamee qophaa'e. Share gochuun namoota hunda bira akka geechan kabajaan isin gaafadha.

@dhugaanniboqachiisa


#Gaaffii_Ahmaddiin_jabalii
fi_deebii_kennameef👇

95.  Yohaannis 1:1 "Waaqummaa" Yesus ni ibsa jettanii amantuu? "Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture." jedha. "Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture." (Yohaannis 1:2)

A)   "Jalqaba" yoo jedhu jalqaba maali? Silaa Waaqayyo jalqaba qabaa? Akkamitti "jalqaba" jedhama? Bara baraa mitii?

Gaafataan rakkoo keeyyata sirritti dubbisuu dhabuu akka qaban baay’ee mul’ata. Jalqaba irratti, jechuunis yeroo yeroon jalqabaa uumamu sagaleen jira. Sagaleen jalqaba jiraachuutti kan dhufe osoo hin taane kan jalqaba ture dha. Sagaleen kun yeroo fi iddoo (Time and Space) dabalatee waan hundumaa uumaa waan ta’eef (lakk. 3), jiraachuuf yeroo fi bakka isa hin barbaachisu. Amalli kun immoo kan Waaqayyoo malee kan biraa ta’uu hin danda’u.

B)   "Sagalee Waaqayyoo" kan jedhamu Yesus akkuma kiristaanonni jedhanitti "bara baraa" yoo ta'e, akkamitti "jalqaba" qabaachuu danda'a?

Bakka kanatti Yesus jalqaba akka jira ture malee, jalqaba akka qabu hin barreeffamne. Gaafataan dandeettiin dubbisanii hubachuu isaanii dadhabaadha.

C)  Yohaannis 1:1 keessatti hima sadaffaa keessatti sagaleen fi Waaqayyon tokko ta’uun isaanii nutti himameera; Jecha  "Waaqayyo" jedhu iddoo sagalee jedhutti osoo bakka buusnee, "jalqaba irratti" Waaqayyo ture; Waaqayyo Waaqayyoo wajjin ture. Waaqayyo immoo Waaqayyo ture." Waaqayyo kamtu Waaqayyoo wajjin ture? Sammuu fayyadamuu hin wayyu? Yaa maaloo haa yaadnu!!

Ahmaddiin, ergamoota, abbootii qulqullootaa, hayyoota kiristaanaa bara hundumaa keessa jiraatan fi ummata kiristaanaa guutuu caalaa sammuu fooyya'aa akka qabdan fakkeessuudhaan of hin tuulinaa! Waan isiniif hin galle fi waan sirrii isinitti hin fakkaanne safuudhaan gaafachuu mannaa, akka waan ofii nama yaadu isaan kaan immo akka yaaduu hin dandeenye fakkeessuun maaliif barbaachise? Maddi qoosaa wallaalummaa idilee kanaa illee isin akka hin taane sirriitti beekna.

Ergamaan Sadan Tokkummaa keessaa waa'ee qaama lamaanii dubbachaa jira, isaan lamaan "Waaqayyo" jechuun waamuun isaa Abbaa fi Ilmi Waaqummaadhaan tokko ta'uu isaanii garuu qaamaan adda ta'uu isaanii agarsiisa. Keeyyatni waa'ee Waaqayyo ilmi Waaqayyo abbaa wajjin ta'uu dubbachaa jira. Ahmaddiin irraa kan hafe namni sammuu yaadu qabu kan dhugaa kana bira darbuu danda’u jiraachuu hin danda’u.

Share godhaa🙏
@dhugaanniboqachiisa




Yesus eessatti ani Waaqayyo na waaqeffadha jedhe.pdf
380.7Kb
Pdf kana dubbisaa🙏
Chaanaalii koo Amaariffaa Ewnet Yasarfal irratti kan na beektan jirtu jedheen yaada. Chaanaalii oromiffaas banee tajaajiluuf waanan jiruuf liinkii kana tuquun SUBSCRIBE Gochuun akkasumas like fi share gochuun akka nawaliin taatanin isin gaafadha. dhaggeeffatoota afaan oromoo hunda biraan gahaa. Chaanaalii kana irratti gaaffi musliimotaaf deebiin gahaa ta'e ni kennama.
kana tuqaa
👇
https://youtube.com/@dhugaanniboqachiisa

Torban dhufurraa jalqabee torban torbaniin dhaabataatti vidiyoon adda addaa kan lakkifamu ta'a.

የእውነት ያሳርፋል የዩትዩብ ቻናል ተከታታዮች በሙሉ ይህንን መልእክት ለኦሮምኛ ተናጋሪ ወዳጆቻችሁ በማጋራት አብራችሁኝ እንድታገለግሉ በትህትና እጠይቃለው።

6 last posts shown.