GAGGEESSUMMAA


Channel's geo and language: Ethiopia, Amharic
Category: Psychology


Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://adsly.me/@gaggeessummaa
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Contact: @Getu_Abera

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, Amharic
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


✉️ Wegagan Baankiin Gaaffiilee Badhaasa Qabu hirmaattotaaf qopheessee waan jiruuf isinis carraa kanatti fayyadamaa!

Carraa kanatti fayyadamuu namoonni barbaaddan jalqaba Channelicha join gochuudhaan gaaffiilee isiniif dhiyaatan deebisuudhaan badhaafamuu dandeessu! 👇👇

https://t.me/WegagenBanksc/3151


👍 Guyyaa Gaarii akka Qabaattuuf Ganama kee Galataan Jalqabi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔔 Kana gochuun guyyaa kee miira gaariin akka jalqabdu si gargaara. Yoo hubatte ganama miira gaariin yoo hin jalqabne guyyaa guutuu waan gadhee si mudata. Ganama waldhabdeedhaan manaa yoo baate guyyaa guutuu dhiphataa oolta. Wanti xiqqoon ganama ta'u guyyaa guutuu si faana itti fufa. Kanaafidha ganama kee waan gaariin jalqabuu kan qabduuf. Akkasumas karaan tokkoo fi hundarra gaariin sana gochuuf nagaa ta'uudha... Mee galataan haa jalqabnu🙏
•••

መልካም ቀን እንዲኖራችሁ ቀናችሁን በምስጋና ጀምሩ።

💐 ይህንን ማድረግ በጥሩ mood ቀናችሁን እንድትጀምሩ ይረዳችኋል። አስተውላችሁ ከሆነ ጠዋት በጥሩ ሙድ ካልጀመራችሁ ቀኑን ሙሉ መጥፎ ነገር ሲያጋጥማችሁ ነው ሚውለው። ጠዋት ተጣልታችሁ ከቤት ከወጣችሁ ስትነጫነጩ ትውላላችሁ። የጠዎቷ ትንሽ ነገር ቀኑን ሙሉ አብራችሁ ትዘልቃለች። ለዛም ነው ጠዋታችሁን በመልካም ነገር መጀመር ያለባችሁ። ያንን ለማድረግ ደግሞ አንደኛውና ምርጡ መንገድ በሰላም ስላደራችሁ... በምስጋና መጀመር ነው🙏

@Gaggeessummaa


🟣 Yeroo Tokko Qofa!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Namoota jaalattutti al tokko qofa jaalala kee ibsi! Waan si sodaachisu al tokko qofa hojjedhu! Al tokko qofa xiyyeeffadhu! Al tokko qofa dubbisuu jalqabi! Abdii kutachuuf jirtaa? Miira kana al tokko qofa irra darbi! Laafinni kee si toʼachuuf yaala? Al tokko qofa fuulduratti ba'ii irra darbi! Sodaadhaan liqimfamaa jirtaa? Haala kamiinuu jabaattee tarkaanfii tokko qofa deemta. Hojii keetti dadhabdee? Guyyaa tokko qofaaf dabalataaf cimtee hojjedhu! Hiriyaan kee si mufachiisaa?  Deebii gadhee al tokkoof kennuudhaaf jette qofa yeroo biraatti dabarsuu.  Dhiibbaa namootaa isin nuffisiisee? Al tokko qofa obsi!

Eeyyee! Goota koo! Yeroo tokko qofa!  Miira kee jijjiiruuf, humna kee cimsuuf, gara fuulduraatti tarkaanfachuuf, of humneessuuf, milkaa'ina kee mirkaneessuuf, wantoota yeroof ta'an keessa darbi! Wanti carraaqqii kee tokko irraa dhufu hundi baay'ee kan adda ta'ee fi ajaa'iba ta'edha. Har'a mufachuu dandeessa, kanaaf haala kamiinuu mufachuu kee guyyaa tokkoof yeroo biraatti dabarsi!  Guyyaa itti aanutti mufannaan sun ni bada. Hojii barbaadde jalqabuuf kaka’umsaa fi dammaqiinsa yoo dhabde, daqiiqaa shaniif altokko qofa jalqabi! Nama jaallattu waliin haasa'uu yoo sodaatte, bakka hawwitu bira ga'uuf rakkadhu, namoota dinqisiifattu waliin wal arguuf kolfi, hamilee horadhuu qofa miira sana fuulduratti ba'i! Wanti ati barbaadde dhuguma barbaadamaa turee?  Dhuguma namoonni jaallattu akkas sodaachisoo turanii? Dhuguma namoonni ati dinqisiifattu akkas turanii? Erga yaaltanii booda yaada keessan ni kennitu. Itti fufuu yookiin dhaabuu yeroo sanatti murteessita.

Eeyyee! Yeroon waan tokko argachuuf hanga kornee sanaa deemuun si hin barbaachifne ni jiraata. Barbaachisummaa kitaabichaa fuula isaatiin yoo hin hubannellee qabiyyee isaa fuula jalqabaa irraa beekuu dandeessa; qulqullina nyaata kanaa kan beektu fal'aana tokko dhandhamuudhaan. Fuulonni jalqabaa fi mi’aan nyaata kitaabichaa dubbistee xumurtee nyaata sanatti akka gammaddu si gochuu danda’a. Wanti ati yaaluun jalqabdu eessa akka si geessu gonkumaa hin beektu. Humna waan tokkoo xiqqeessuu hin qabu. Al tokko qofa jiraatta. Carraan jireenya kee keessa yeroo tokko qofa dhufa. Guyyaa dhaloota kee waggaa digdamii shanaffaa al tokko kabajatta.

Eeyyee! Taateewwan murteessoo ta'aniif carraa erga hin kenninee, booda jireenya kee irratti madaa hin haqamne ni ta'ee darba. Yoo harka kennachuu qabda ta'e, daandii haaraa jalqabda. Garuu abdii kutannaa kee akka dhaabdu sittan hima. Akka duubatti deebitu, daandii hin danda'amne akka seentu yoo si taasise hin godhin. Irra deddeebiin yaaliiwwan tokko tokkoon of fuulduratti dhiibi! Hojii bakka barbaaddetti hojjechuu dandeessu yaaluuf baay'ee hin gaafatin! Dadhabdee jirtaa! Marsaa tokko qofa fiiguu fi xumuruu. Nuffitee jirtaa? Fuula tokko qofa dubbisiitii xumuri. Harki kee badeeraa? Hima tokko qofa barreessii dhaabi. Abdii qabda! Guyyaa tokko qabsoo kana xumurta. Jireenya kee guutuu yaalii tokkoon, carraa tokkoon, carraaqqii tokkoon, mul'ata fooyya'aa tokkoon jijjiiri! Eeyyee! Al tokko qofa yaali!

@Gaggeessummaa


💊 Qoricha hadhaawaa dafnee liqimsinee karameellaa mi'aawaa yeroo dheeraaf afaan keenya keessa tursiisna. Jireenya keessatti garuu yeroo gaarii dafnee dagannee yaadannoo hadhaa'aa bara baraan garaa keenya keessa taa'a.

Jireenya keessatti
🔵 Yaadi!
🔵Dhiifama godhi!
🔵 itti fufi.

@Gaggeessummaa


🟣 Akkamitti Dandeettii Keenya Fayyadamnee Hojjechuu Dandeenya?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Beekumsa qabdu garuu maaliif itti hin fayyadamtan? Sababoonni beekumsa keessan akka hin fayyadamne isin taasisaa jiran maal fa'a? Gaaffiilee fi deebiilee armaan gadii of gaafachuun barbaachisaadha:

1. Maal Hojjechuu Dandeessa?
• Waan hojjechuu dandeessu beektaa? Beekumsa qabdu irratti hundaa'uun, waan hojjechuu dandeessu fi hin dandeenye adda baaftee beektaa?
• Namoonni yookiin dhaabbileen hojiif yeroo itti dhihaattan, "Maal hojjechuu dandeessa?" jedhamtee gaafatamtee beektaa? Gaaffiin kun yeroo si mudatu deebiin kee maal ta'a?
2. Akkamitti Hojjechuu Beekta?
• Namoonni tokko tokko akkamitti akka hojjetamu hin beekan, garuu beekumsa qabu. Beekumsi qabdu hojiitti akkamitti akka jijjiirtu beektaa?
3. Maal Hojjechuu Jaallatta?
• Waan hojjechuu jaallattu adda baaftee beektaa? Hojii keessa kee gammachiisu filachuun baay'ee barbaachisaadha.
• Maaliif hojii sana jaallatta? Sababoota hojii sana jaallattu gadi fageenyaan beektaa?
4. Maal Hojjechaa Jirta?
• Hojiin ati hojjechaa jirtu maali? Hojii kee guyyaa guyyaan hojjettu maal akka ta'e sirriitti beekuu qabda.
• Hojiin kee kun eessatti si geessa? Guddina akkamii siif fida? Hojiin kee fagoo eessa akka si geessu tilmaamuu dandeessa?
5. Waan Hojjechuu Jaallattuu fi Waan Hojjechaa Jirtu Wal Siif Madaaleeraa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu fi hojiin ati hojjechaa jirtu wal simuu? Hojiin ati hojjechaa jirtu fedhii fi gammachuu kee guutaa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu yoo wal siif hin simne maaliif? Sababoonni hojiin kee fedhii kee hin guutne maal fa'a?
6. Furmaanni Isaa Maaliree?
• Rakkoo kana furuuf maal gochuu qabda? Akkamitti hojii ati jaallattu argachuu dandeessa? Yookiin, akkamitti hojii ati hojjechaa jirtu jaallachuu dandeessa?

Gorsa Furmaataa:

•  Of Baruuf Yaali: Waan hojjechuu dandeessu, waan jaallattu fi galma kee adda baafadhu.
•  Karoora Baafadhu: Hojii ati jaallattu argachuuf karoora qopheeffadhu. Barnoota dabalataa baradhu, dandeettii kee fooyyessi, yookiin hojii haaraa barbaadi.
•  Jajjabaadhu: Rakkoon yoo si mudate abdii hin kutatin. Jabaattee itti fufuu qabda.

Gaaffiilee kana of gaafachuun fi deebii sirrii kennuun, akkamitti dandeettii kee fayyadamtee hojjechuu akka dandeessu hubachuuf si gargaara.


#Akkam_bultani 🌄
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
⭕ Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isaanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jechuun carraa isaanii komatu! Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa hin jiraanneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jettee yaaddu gahii argami! Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba. Akkaataa filannoo kee, humna kee, sona kee fi amaleefannaa keetii jiraachuu itti fufi! Namni baay'een jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waa’ee jireenya namaa cinqamaa oola! #Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

✔️ Yeroon itti hojjechuu qabdu, yeroon ati guddina kee boriitiif itti yaaddee hojjettu har'a dha. Har'a humna hojjechuu qabda! Har'a carraa argattetti fayyadamtee milkaa'ina kee fuulduraaf cichoominaan tarkaanfachuu sirra jiraata! Yoos ati abbaa milkii taata!

@Gaggeessummaa


🚩 Namni channel yookiin garee telegram bitachuu barbaadu keessaan na dubbisaa!

🔔 Anyone who wants to buy a channel or group please contact me!

🔵Gosa: Telegram Channel
🔵Subscribers: 8K+ hanga 15K+

✍️Contact: @Getu_Abera

✔️ More info: @bittaafigurgurtaachannel 😀


☀️ Ganama Kana Maaliif Hirriibaa Kaate?
▬▬▬▬▬▬▬▬
🌐 “Yeroo hundumaa ganama hirriiba irraa yommuu kaatu, guyyaa gaarii Waaqayyo siif kennetti dhimma bahuuf qophoofta!” Waaqayyo isa nagaan si bulche, guyyaa dabalataa siif kenne immoo galateeffachuuf dursa ni kennitaaree? Akkuma hirriiba irraa kaateen maal hojjetta?

📑“… Ani barii lafaa nan dammaqsa! Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa Waaqayyo saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha!” (Far. 108:1-2)

🥇 Oolmaan keenya gaarii akka nuuf ta’u, milkaa'ina guyyicha keessatti argamu qooddachuuf, Waaqa guyyaa kana nuuf kenne, qajeelchaa keenya godhachuun yeroo hundumaa ganamaan kaanee galateeffachuun nurra jiraata. Ati maaliif hirriiba irraa kaate? Facebook, Telegram yookiin Miidiyaa hawaasaa kan biroo bantee ilaalufii? Maal hojjechuudhaaf dursa kennita?

✍️ Namni beekamaan tokko akkas jedhee barreesse, “Yeroo hundumaa Waaqayyoon keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti. Ganama utuu simbirroon hin wacin; hirriiba irraa ka’ee Waaqayyoon galateeffachuufan afaan saaqadha. Uumaa koo waliin nan haasa’a! Waaqayyo milkaa’ina kooti! Ganama utuun Waaqayyo waliin hin haasa’in hojii tokkollee hin hojjedhu; ‘even’ haadha manaa koo kanan waliin buleyyuu utuun hin dubbisin dura, uumaa koo waliinan dubbadha!” Dhugumayyuu Waaqni keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti!

✅ Ganamni gaariin Milkaa'ina guyyaa guutuuf sababa jalqabaati! Lafa nageenyi guute oolaa!

@Gaggeessummaa


✔️ Hubadhu! 💡
▬▬▬▬▬▬▬▬
• Barachuu qofa miti, shaakali!
• Dubbisuu qofa hin godhin, hubadhu!
• Jijjiiramaa qofa ta'in, jijjiiri!
• Walitti dhufeenya qofa hin godhin, leellisi!
• Waadaa qofa hin seenin, mirkaneessi!
• Qeequu qofa miti, jajjabeessi!
• Yaaduu qofa miti, xiinxali!
• Fudhachuu qofa miti, kenni!
• Arguu qofa miti, yaadatti qabadhu!
• Abjuu qofa hin abjootin, hojjedhu!
• Dhaga'uu qofa miti, dhaggeeffadhu!
• Dubbachuu qofa miti, gochaan argisiisi!
• Himuu qofa miti, argisiisi!
• Argamuu qofa hin miti, jiraadhu!

@Gaggeessummaa


Akkam Bultan 👋
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
⩩ Namoonni hedduun gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. (Thomas Takias)

⩩ Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i! (Jecha warra Ingilizii)

⩩ Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama. (Wiiliyaam Sheekispir)

⩩ Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)

⩩ Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu. (William Shekispir)

@Gaggeessummaa


🗣️ SIIF GALEERAA?

~ Nama gargaaruuf kaayyoo gadi fagoo qabaadhu. Namaaf iddoo qabaadhu. Namoota ofittoo keessaa tokko jedhamtee eessumattiyyuu hin waamamin! Nama baraari! Namoonni baay'een gargaarsa kee akka barbaadan hin dagatiin!💔 Jireenya kee keessaa fedhii waan qabduun nama gargaaruu yoo qabaatte, ati imala fagoo deemuuf akka murteeffatte hin dagatamu. ✅

Jabaadhu❌
Nama gargaaruuf yoo fedhii qabaatte, harki kee hin gabaabatu. ✍️

@Gaggeessummaa


#Hojii_Online 💯

🔴 Namoonni telegram channel keessan subscribers 1K+ ol qabdan, akkasumas channel keessan 'active subscribers' ta'e karaa keessaa nu qunnamuun channel keessan irraa hojii beeksisaatiin kaffaltii argachuu dandeessu! 🔗

🔵 1K+ Subscribers
🔵 Active Subscribers

Namoonni channel telegram kana qabdan keessaan ammuma na dubbisuu dandeessu!

✍️ @Getu_Abera 

✈️ @Gaggeessummaa


🗣️ Amaloota Namoota Bu'aa Ol'aanaa Fidan 7

Hojii fi jireenya keenya keessatti milkaa’ina dhugaa argachuuf ilaalchaa fi amala keenya irratti jijjiirama bu’uuraa gochuu qabna.
Amala bu’a qabeessa olaanaa ta’uuf si barbaachisu keessatti koorsii ciminaa barbaadaa jirtaa? Kunoo ilaalchi waliigalaa amala tokkoon tokkoon isaanii amala milkaa'inaa ijaaruu fi cimsuuf gargaaran kanatti fufee jira.
👇👇
https://gaggeessummaa.com/amaloota-namoota-buaa-olaanaa-fidan-7


🔴 Garee (group) miseensota 5,000+ ol qabu gatii xiqqaadhaan namni bitachuu barbaadu #inbox na dubbisuu danda'a.

✍️ @Getu_Abera

🔵 Odeeffannoo dabalataaf join 👇

✈️ @Bittaafigurgurtaachannel ✅💯


✍️ Dɑndeettiin sɑmmuu nɑmɑɑ dhokɑtɑɑdhɑ. Yommuu ittiin hojjetɑn bɑ'ee mul'ɑtɑ. Ittiin hin hojjenne tɑɑnɑɑn gɑruu dɑdhɑbɑɑ fɑkkɑɑtɑ.

➲ Sɑmmuu ofii hojjechiisuun dɑndeettii horɑchiisuu utuu hin tɑɑne, dɑndeettii sɑmmuu
sɑnɑɑ hojiitti hiiksisuudhɑ.

#Wiiliyɑɑm Jeems akkas jedha giddu gɑleessɑɑn ilmɑɑn nɑmɑɑ parsantii 10-12% qofɑɑ sɑmmuu isɑɑniitti fɑyyɑdɑmɑnii dɑrbɑn jedha! Kɑnɑ jechuun sɑmmuun ilmɑɑn nɑmɑɑ heddumminɑɑn hojii isɑɑ utuu hin hojjetin ɑkkumɑ wɑliin dhɑlɑtetti wɑliin du'ɑ jechuudhɑ. Biyyeen ɑlbuudɑ guddɑɑ hɑmmɑnɑ gɑ'u kuufɑchɑɑ jirti! Addunyɑɑ kɑnɑ cɑɑlɑɑtti dɑndeettii sɑmmuu nɑmɑɑ qɑbeenyɑ isaa kɑn godhɑte biyyeedhɑ jechuudhɑ.

🔵 Nuti eessa jirraa? Ati ofii keetiif yoo of hin kakaafne si kakaasuuf namni uumame tokkollee hin jiru; dandeettii cimaan si jijjiiru harka kee keessa jira malee harka namoota biroo miti. Ofirratti hojjedhu!

@Gaggeessummaa


✉️ 🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩 
               🚩🚩🚩🚩
▬▬▬▬
1. Humna Yaadaa: Montes milkaa’inni yaada sirrii irraa akka jalqabu cimsee ibsa. Garaagarummaa yaada dhaabbataa fi yaada guddinaa gidduu jiru ibsiti, kan lammaffaa dandamachuu, madaqsuu fi kufaatii irraa barachuuf fedhii waan guddisuuf leellisti.

2. Galma Ifa Ta’e Kaa’uu: Barreessaan kun galma addaa, safaramuu danda’u, galma ga’uu danda’u, barbaachisaa fi yeroon murtaa’e (SMART) kaa’uun barbaachisaa ta’uu cimsee ibsa. Kaayyoolee ifa ta’an kanneen gatiiwwanii fi hawwii dhuunfaa wajjin walsimu akkamitti akka ibsan qajeelfama kenniti, kunis tattaaffii xiyyeeffannoo qabuuf karaa saaqa.

3. Tooftaalee Mul’achuu: Montes mul’achuu akka meeshaa cimaa milkaa’inaaf ta’etti ni seensisa. Dubbistoonni kaayyoo isaanii fi bu’aa barbaadan ilaalchisee fakkii sammuu ifa ta’e akka uumuun jajjabeessiti, kunis kaka’umsa, ofitti amanamummaa fi ifa ta’uu hawwii isaanii hordofuu keessatti guddisuu danda’a.

4. Amala Gaarii Ijaaruu: Kitaabni kun amala gaarii milkaa’ina deeggaru horachuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsa. Montes akkaataa amala gadhee adda baasuu fi kan ijaarsa qabuun bakka buusuuf gorsa qabatamaa kenna, walsimannaa fi jijjiiramaaf of kennuu cimsee.

5. Amantii Daangeffame Irra Aanuu: Montes amantiin daangeffame akkamitti guddina gufachiisuu akka danda’u ibsa. Dubbistoonni amantaa kana adda baasuun akka morman jajjabeessiti, mirkaneessa humneessuu kan of ilaalcha gaarii fi dandeettii ofii irratti amantaa guddisan bakka buusti.

6. Kufaatii akka Carraa Barnootaatti Hammachuu: Barreessaan kun daandii milkaa’ina irratti kufaatiin hin oolle ta’uu isaa irratti mari’ata. Kufaatii akka duubatti deebi’iinsaatti osoo hin taane, akka muuxannoo barumsaa gatii guddaa qabuu fi hubannoo fi guddina kennutti ilaaluuf jijjiirama yaada jajjabeessiti.

7. Barbaachisummaa Dandeettii: Montes milkaa’ina yeroo dheeraa argachuuf barbaachisummaa dandeettii cimsee ibsa. Ilaalcha gaarii qabaachuun, namoota biroo irraa deeggarsa barbaaduu fi yeroo rakkisaa keessatti of kunuunsuu shaakaluu dabalatee tooftaalee dandamachuu guddisuuf gargaaran ni kenniti.

8. Gaariidhaan Of Marsuu: Kitaabni kun dhiibbaa naannoo fi hariiroon ofii milkaa’ina irratti qabu ibsa. Montes namoota dhuunfaa gaarii, deggersa qaban kanneen guddina kakaasan fi galma hordofuu jajjabeessaniin of marsuun ni leellisa.

9. Tarkaanfii Fudhachuu: Montes milkaa’inni tarkaanfii akka barbaadu cimsee dubbata. Dubbistoonni galma isaanii tarkaanfiiwwan xixiqqoo, bulfamuu danda’anitti akka caccabsan fi tarkaanfii wal irraa hin cinne gara galmaan ga’uuf akka fudhatan jajjabeessiti, kunis yaada guddinni carraaqqiidhaan argama jedhu cimsiti.

10. Galateeffannaa fi Sammuu horachuu: Dhumarratti barreessaan yaada gaarii qabaachuu keessatti barbaachisummaa galateeffannaa fi sammuu qabaachuu irratti mari’ata. Montes shaakala guyyaa guyyaa dinqisiifannaa guddinaa fi yeroo ammaa guddisan, kunis fayyaa waliigalaa fi kaka’umsa guddisuu danda’u ni leellisa.

"Sammuu Kee Milkaa'uuf Leenjisi" keessatti Sayra Montes tooftaa fi hubannoo qabatamaatiin yaada milkaa'inaarratti xiyyeeffate guddisuuf qajeelfama bal'aa kenniti. Barnoota ijoo kurnan kanaan dubbistoonni dandeettii dandamachuu horachuu, galma hiika qabu kaa’uu fi humna yaada gaarii fayyadamuun hawwii isaanii galmaan ga’uu barachuu danda’u. Kitaabni kun nama yaada isaa jijjiiruu fi dandeettii milkaa’ina isaa banuuf barbaadu kamiifuu akka qabeenya humneessaa ta’ee tajaajila.

✉️ በ"አእምሮዎ ስኬታማ እንዲሆን አሰልጥኑ" ውስጥ ሳይራ ሞንቴስ የግል እና ሙያዊ ስኬትን ለማግኘት አስፈላጊ የሆኑትን የአዕምሮ ልማዶች እና አስተሳሰቦችን ይዳስሳል። በተሞክሮዎቿ እና በምርምርዎቿ በመሳል፣ ሞንቴስ ስኬታማ ተኮር አስተሳሰብን ለማዳበር፣ እንቅፋቶችን ለማሸነፍ እና የአዎንታዊ አስተሳሰብ ሃይልን ለመጠቀም ተግባራዊ ስልቶችን ትሰጣለች።

ከመጽሐፉ የተወሰዱ ትምህርቶች እነሆ፡

1. የአስተሳሰብ ሃይል፡ ሞንቴስ ስኬት የሚጀምረው በትክክለኛው አስተሳሰብ እንደሆነ አበክሮ ይናገራል። እሷ በቋሚ አስተሳሰብ እና በእድገት አስተሳሰብ መካከል ያለውን ልዩነት ታብራራለች ፣ ለኋለኛው ትደግፋለች ፣ ይህም የመቋቋም አቅምን ፣ መላመድን እና ከውድቀት ለመማር ፈቃደኛነትን ያጎለብታል።

2. ግልጽ ግቦችን ማውጣት፡- ደራሲው የተወሰኑ፣ ሊለካ የሚችል፣ ሊደረስ የሚችል፣ ተዛማጅነት ያለው እና በጊዜ የተገደበ (SMART) ግቦችን የማውጣትን አስፈላጊነት አበክሮ ገልጿል። ከግል እሴቶች እና ምኞቶች ጋር የሚጣጣሙ ግልጽ ዓላማዎችን እንዴት መግለፅ እንደሚቻል መመሪያ ትሰጣለች፣ ይህም ትኩረት ለሚደረግ ጥረቶች መንገድ ይጠርጋል።

@Gaggeessummaa


Nam-jabaa taatee guddachuu yoo barbaadde...
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▶️ Soba dhiisi!
▶️ Waan gadhee dhiisi!
▶️ Kana booda hin jedhin!
▶️ Amanamaa ta'i!
▶️ Gaggeessaa ta’i!
▶️ Oduu dhiisi!
▶️ Yeroo kee kophaa dabarsi!
▶️ Ganama sa’aatii 1 dura ka’i!
▶️ Diraamaa kamiyyuu hin hayyamin!
▶️ Dhahannaa jireenya keetii kaa'adhu!
▶️ Ergama keef iddoo kenni!
▶️ Namni biraa dhiibbaa sirratti hin godhin!
▶️ Garaa laafina tokko malee daangaa irratti daangaa kaa'adhu!

If you want to grow and be a strong man.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔘 Stop lying!
🔘 Stop the bad stuff!
🔘 Don't say it anymore!
🔘 Be honest!
🔘 Be a leader!
🔘 Stop the news!
🔘 Spend your time alone!
🔘 Get up before 1 am!
🔘 Don't allow any drama!
🔘 Set the beat of your life!
🔘 Give space to your mission!
🔘 Don't let anyone else pressure you!
🔘 Set limits on limits without any compassion!

@Gaggeessummaa


‼️ Namni channel yookiin garee bitachuu barbaadu keessaan na dubbisaa!

‼️ Anyone who wants to buy a channel or group please contact me!

✍️ @Getu_Abera

@bittaafigurgurtaachannel 😀


🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✉️ Milkaa'inni hojii cimaa, obsa, dadhabbii, carraaqqii, cichoomina, barachuu, qorachuu, qo'achuu fi wareegama mul’anni kee barbaadu kafaluudha. Garuu hunda caalaa jaalala waan hojjettuu yookiin hojjechuuf barbaadaa jirtu qabaachuu dha. Waan jaalatan hojjechuutti cichuun, gowwummaa utuu hin taane, boqonnaa sammuu ofiiti. Imala milkaa’ina ofiitis! Waan sammuu keef boqonnaa kennu, waan miira keef kaka'umsa uumu, waan fedhii keessa keetiin wal siif unatu kamuu hojjedhu. Hojii hojjettutti gammadi! Milkaa’inni hojii ofii hojjettu jaalachuudha. Jalqaba sammuu keetu milkaa’inni imala keef mirkana. Miira keetu qajeelchituudha. Waan deddeebitee raawwattu waan itti gammadduuf raawwatta. Siif galma, warra galma kee hin hubanneef immoo, gowwummaa qofaa miti doofummaadha.

@Gaggeessummaa


Positive Affirmation ✉️
▬▬▬▬▬▬▬▬
▪️I am the best!
▪️I am love!
▪️I am a good person!
▪️I am rational!
▪️I am beautiful!
▪️I am forgiving!
▪️I am a visionary!
▪️I am grateful!
▪️I am a dreamer!
▪️I am a practical person!
▪️I am a reader!
▪️I am humble!
▪️I am obedient!
▪️I am patient!
▪️I am a successful person!
▪️I am strong!
▪️I am healthy!
▪️I am a listener!
▪️I am happy!
▪️I am rich!
▪️I am a respectful person!
▪️I am a person who keeps my word!
▪️I am faithful!
▪️I am an opportunity giver!
▪️I am the leader of action!
▪️I use my money properly!
▪️I am a giver!
▪️I am a good thinking person!
▪️I am fun!
▪️I am a valuable person!
▪️ I am brave!
▪️I am a person who uses my day properly!
▪️I am a calm person!
▪️I am friendly!
▪️I have a good personality!
▪️I am relaxed!

@Gaggeessummaa

20 last posts shown.