Kakuu Studio


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
» Barnoota Amantii Cimsannaa
» Dhugaa Wangeelaa
» Ergaa Ganamaa
» Leenjiilee Hafuuraa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kadhata Qulqullaa'aa
» Barnoota Gaa'elaa
Contact: @Megertu_Dhugasa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


Barsiisni, “Nuyi al tokkotti 100% cubbamootaa fi 100% qajeelota” jedhu tokko ni jira; waldoonni pirotestaantii baay’een isaanii barsiisa kana cimsanii itti amananii barsiisus; garuu dhugaan beekuu qabnu barsiisi sobaa kana caalaa hamaan jira natti hin fakkaatu. Bakka balaan ibiddaa uumametti kuusaa distinguusherii keessaa kaarbondaayoksaayidiin (CO2) itti dhangalaafama; ibiddichis ni dhaama. CO2 fi ibiddi tasumaa bakka tokkotti walii galanii waliin jiraachuu hin danda’an. Akkuma kana al tokkotti namni tokko cubbamaa fi qajeelaa ta’ee jiraachuu tasumaa hin danda’u; kana keessaa tokko qofa ta’uutu danda’ama; warri Kristosittii dhalatan wanti isaan ta’uu danda’an “Qajeelota” dha. Hafuurri Qulqulluun dhugaa kana nutti agarsiisuuf nu keessa jiraata. Qajeelummaa Yesusiin alatti namoonni qajeelummaa lakkaa’achuu yaalan akkam gowwoota!

Egaa qajeelummaa Yesusiin arganneen ijoollee Waaqayyoo taane. Yesus gara keenya dhufuu Isaatiin summii boficha nu hiddee nu keessaa baase; humna deebisee nu keessatti ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya irra deebiin kuuse (restore godhe); humnoota dukkanaa warra aboo qabu jedhaman harka duwwaa galche; iddoo (position) Waaqayyo biratti qabnu sanatti deebisee nu galche. Yesusitti amanuun, “Ani Pheenxee dha” isa jennu utuu hin taane kallattiidhaan, “Ani mucaa Waaqayyoo ti” isa jedhu mul’isa—kunis itti waamamni keenya dhaabbata amantaaf utuu hin taane, Mootummaa Waaqayyootiifi dha. Hamma gaafa Yesus hojii fannichaatiin dhimma keenya xumurutti iddoon keenya inni Waaqayyo biraa hir’atee ture. Akkuma Yesus, “Fiixaan ba’eera” jedheen iddochatti deebine; ‘Fiixaan ba’eeraan’ Yesus jedhe sun hiika addaa nuuf qaba.

3) Hafuurri Qulqulluun Seexanatti firdii agarsiisa:

Isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu Isaatiin, firdii in agarsiisa. (Yoh 16:11)

Yesus fannoo irratti ol ba’uu Isaatiin Seexanaa fi maccoota hafuura hammeenyaa hundumaatti murteessuun harka duwwaa galche. Sababa kufaatii namaatiin Seexanni bulchiinsa lafa irraa harka isaa jala galchatee ture. Keessattuu yeroo riqaa Baabilon ijaaruu jalqaban sanatti, faallaa akeeka Waaqayyoo hojjechuuf waan yaalaniif Waaqayyo afaan isaanii addaan baasee biyya lafaa irra tamsaase. Afaan namootaa addaan ba’uun bu’aa ijaarsa riqaa Baabiloni ture. Hafuurri Qulqulluun gaafa Phenxeqosteetti yommuu bu’e karaa Inni ittiin Seexanatti farade keessaa Inni tokko, boojuu afaanii sana deebise. Namoonni qomoo garaa garaa keessaa dhufan hundinuu al tokkotti afaan hundi isaanii hubachuu danda’aniin ergaan waaqa irraa isaan qaqqabe.

Afaan Hafuurri Qulqulluun nama dubbachiisuun dubbachuun Seexanatti faradamuu isaa labsuu dha. Har’a namoonni Yesus Kristositti amanannee jirru qomoo, afaanii fi aadaa garaa garaa keessaa kan waamamne hundi, bu’uura tokko irra waan jirruuf, biyya kamii fi haala kam keessa yoo jiraanne illee hafuurri nuyi ittiin geggeeffamnu salphaatti waliif gala jechuu dha. Namoonni Hafuura Qulqulluun geggeeffamanii afaan adda addaa dubbatanis, qomoo garaa garaa ta’anis toora waaqeffannaa keessatti salphaatti waliif galu. Kanaaf Yesus dhufuu Isaatiin waaqota biyya lafaa kanaa hundumaatti faraduudhaan mootummaa dukkaanaa diige. Waaqaa fi lafa irrattis Gooftummaan kan Yesus qofa ta’eera.

@Kakuu_Studio


ISA NUUF DUBBATU
==============
Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe Inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; Ani yoon dhaqe garuu Isa isiniifan erga. Inni yommuu dhufu waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa, waa’ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa. Isaan waan Anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in agarsiisa; Ani gara Abbaa dhaquu kootiin isinis Na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in agarsiisa; isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu Isaatiin, firdii in agarsiisa. (Yoh 16:7-11)

Wangeela Yohannis 16 keessatti hojiin Hafuura Qulqulluu maal akka ta’e sirriitti nu barsiisa. Yesus gara dhiphina fannoo utuu hin deemin dura dubbiiwwan jajjaboo Inni bartoota Isaatti himaa ture baay’ee bita isaan gala ture. Isaan ittuma fufanii akka Yesus qaamaan isaanii wajjin jiraatu barbaadan; garuu Yesus immoo, “Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya” jedheen. Bartootni Isaa, “Qofaatti hafna” jedhanii yaadda’an; gaddanis. Yesus immoo karaa biraa deebi’ee ittiin isaanitti mul’atuu fi isaan wajjin jiraatu ibseef. Yerottii sanatti bartootni waan Yesus jechaanii jiru fudhachuuf qophaa’oo hin turre; sababni isaa sammuun isaanii Macaafota hubachuuf hin banamne waan ta’eef.

Kan Yesus, “Yeroo xinnoo booddee deebitanii na agartu” bartootaan jechaa ture, isa du’aa ka’uu Isaa booda qaamaan isaanitti mul’atu qofa utuu hin taane, isa Phenxeqosteetti bu’uu Hafuura Qulqulluutiin isaanitti mul’achuuf jiru itti dubbachaa jira. Hafuurri Qulqulluun yommuu dhufu hojiiwwan gurguddaa sadii hojjechuuf akka jedhu hubachiise:-

1) Hafuurri Qulqulluun biyya lafaatti Cubbuu (Sin) isaanii agarsiisuun isaan ceepha’a:

Isaan waan Anatti hin amanneef, Cubbuu isaanii in agarsiisa; (Yoh 16:9)

Biyyi lafaa Yesus Kristosiin Fayyisaa fi Gooftaa godhatanii Isa fudhachuu diduun isaanii Cubbuu (Sin) dha. Cubbuu keessaa iyyuu cubbuu dhiifama hin qabnee dha. Beenyaan Cubbuu hundumaa kan nama kamii iyyuu hojii Yesus fannoo irratti kaffaleen xumurameera. Garuu isa kaffalamee xumurame kana dhufanii gammachuudhaan harka itti kennanii, “Ati fayyisaa kooti; Ati Gooftaa kooti” hin jedhaniin taanaan utuu gatiin kaffalameefii jiruu, badiisa bara baraatti adeemu jechuu dha. Kanaaf Cubbuun biyya lafaa Waaqayyoon malee jiraachuu jechuu dha. Waaqayyoon malee jiraachuu jechuun Yesus Kristos malee jiraachuu jechuu dha.

Yesus Kristos malee jiraachuu jechuun immoo isa Hafuurri Qulqulluun waa’ee Isaa dhugaa ba’u Yesusiin fudhachuu diduu dha. Isa Hafuurri Qulqulluun waa’ee Yesus dhugaa ba’u fudhachuu diduu jechuun immoo Hafuura Qulqulluu arrabsuu jechuu dha. Hafuura Qulqulluu arrabsuun immoo Cubbuu dhiifama hin qabnee dha. Namoonni Cubbuu dhiifama hin qabne kana keessaa ba’uudhaaf dirqamatti Yesus Kristositti amanuu qabu jechuu dha. Yeroo Yesus Kristositti amanan Waaqayyo Abbaa wajjin araara buusuun gara Abbaa dhaquuf karaa argatan jechuu dha. Akkasumas Hafuura Qulqulluu wajjinis waliif galan jechuu dha.

2) Hafuurri Qulqulluun warra Yesusitti amanetti qajeelummaa Isaa agarsiisa:

Ani gara Abbaa dhaquu kootiin isinis Na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in agarsiisa; (Yoh 16:10)

Akkuma beekamu qajeelummaan bakka lamatti qoodama. Isaanis qajeelummaa dhamaatee mataa ofiitiin argatanii fi qajeelummaa Yesus dha. Qajeelummaan Yesus kennaa tolaa isa Waaqayyo akkasumatti warra Yesusitti amananiif lakkaa’ee dha. Adeemsa qajeelummaa Yesus lakkaa’achuu keessatti wanti ijoon ilaalamu Yesus du’aa ka’ee gara Abbaa deemuu fi Iddoo Qulqulluu Qulqullootaa Isa waaqa irraa seenuu Isaa amanuu qofatu nama amane irraa eegama. Cubbuun keenya akka nuuf dhiifameefii “Qajeelota’ jedhamuu keenyaafis ragaa guddaan nuyi qabnu gara Abbaa dhaquu Yesusi dha.

Namni Gooftaatti amaneera jechaa garuu yoo, “Ani qajeelaa miti” jedhee kan yaadu ta’e, “Yesus du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyootti ol hin baane” jechuu isaa akka ta’e haa beeku.


Tit. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹² Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara gaariiitti nu deebisa.
¹³ Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.
¹⁴ Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.
¹⁵ Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul'iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu; namni tokko illee si hin tuffatin!


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More


Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.25$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennu kana ammuma eegala.

Guyyaa 2f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif Kenna. Start godhaa!
👇👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=7003592711
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 🪙




Yoh. 13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³³ Yaa ijoollee ko, si'achi yeroo gabaabaa duwwaadhaafan isinii wajjin jira; na barbaaduuf jirtu, 'Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan' jedhee Yihudootatti akkuman hime, isinittis immoo amma nan hima.
³⁴ Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera.
³⁵ Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku" jedhe.


Forward from: Gorsa Ganamaa
15 Rules to Live By

•Be Thankful.
•Be Kind.
•Be Useful.
•Be Strong.
•Be Loving.
•Be Honorable.
•Be Respectful.
•Never Quit.
•Never Fear.
•Refuse To Lose.
•Stay Happy.
•Stay Healthy.
•Stay Faithful.
•Stay Confident.
•Remain Humble.

🔗 @Gorsa_Ganamaa

Seera 15 Ittiin Jiraachuu Qabnu

• Galateeffadhu!
• Gaarummaa hojjedhu!
• Barbaachisaa ta'i!
• Jabaadhu!
• Jaalala qabaadhu!
• Kabajamoo ta'i!
• Kabaja Qabaadhu!
• Gonkumaa Hin Dhiisin!
• Gonkumaa Hin Sodaatin!
• Mo'amuu Didi!
• Gammachuu Qabaadhu!
• Fayyaa qabaadhu!
• Amanamaa Ta'i!
• Ofitti amanamummaa qabaadhu!
• Gad of deebisi!

🔗 @Gorsa_Ganamaa


✉️ Gorsi Dawaa Sammuuti

✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.
✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan si caalaa beeku jira.
✓ Hiyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'a.
✓ Lolaaf hin ariifatin, miidhamuu dandeessa.
✓ Karaa hin beekne irra hin adeemin.
✓ Nama hammeenya kee haasa'u hin jibbin, boru isumatu gaarummaa kee haasa'a.
✓ Kan koo qofti haa caalu hin jedhin, nama si dhaggeefatu dhabda.
✓ Seenaa hin dagatin, dhalootaaf dabarsita
✓ Beeka jettee hin taa'in, waan atii hin beekiin baay'eetu jira.
✓ Balleessuuf hin fiigin, kan si balleessuutti baata.
✓ Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasa'in dogoggora qabaachuu mala.
✓ Abdii hin kutatin turullee siif dabarti!
✓ Jal'ina namatti hin yaadiin, jal'aa taatee hafta.
✓ Hojii hin tuffatin, hiyyoomtee haftaa.
✓ Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumaa.
✓ Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gale daftee hammeenya isaa hin haasa'in, yoo walitti deebitan gaabbita.
✓ Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin, tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'uu mala! Waan dubbiftaniif galanni keessan
* Bakka bu'ee hin banne
* Bakka kufee hin cabne
* Bakka hattuun hin hanne
* Bakka shamee hin tortorre isiniif kaa'ee jira. Isin like fi share react fi comment dhaan na jajjabeessaa...
Galatoomaa 🙏

🔗 @Gorsa_Ganamaa


Forward from: 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐇𝐀𝐅𝐔𝐔𝐑𝐀
Rom. 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa.
¹² Egaa obboloota ko, wanti raawwachuun nuuf ta'u yoo jiraate iyyuu, akka fedha fooniitti jiraachuudhaaf isaaf abboomamuun nuuf hin ta'u.
¹³ Akka fedha fooniitti yoo jiraattan du'uun keessan beekamaa dha, hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii yoo ajjeeftan garuu in jiraattu.
¹⁴ Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.
¹⁵ Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in waammanna.
¹⁶ Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in ba'a.




Forward from: 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐇𝐀𝐅𝐔𝐔𝐑𝐀
𝕛𝕚𝕣𝕖𝕖𝕟𝕪𝕚 𝕙𝕒𝕗𝕦𝕦𝕣𝕒 𝕞𝕒𝕝𝕚𝕚?
𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒊 𝒉𝒂𝒇𝒖𝒖𝒓𝒂 𝒚𝒐𝒐 𝒘𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒅𝒉𝒆 𝒕𝒂'𝒆 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒂 𝒇𝒊 𝒕𝒂𝒋𝒂𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒕𝒂𝒇 𝒌𝒆𝒏𝒂𝒎𝒎𝒖𝒖𝒅𝒉
=>𝑦𝑒𝑠𝑢𝑠 𝑤𝑎𝑛 𝑐𝑎𝑎𝑓𝑎𝑛𝑖 𝑞𝑢𝑙𝑞𝑢𝑙𝑙𝑎𝑎'𝑜𝑛 𝑏𝑎𝑟𝑠𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑑𝑒𝑏𝑖'𝑒𝑒 𝑚𝑖𝑟𝑘𝑎𝑛𝑒𝑠𝑒 𝑛𝑢𝑡𝑖 𝐺𝑜𝑜𝑓𝑡𝑎𝑎 𝑞𝑜𝑓𝑎 𝑠𝑜𝑑𝑑𝑎𝑎𝑐ℎ𝑢 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑒𝑓𝑓𝑎𝑛𝑎𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑓𝑖 𝑚𝑎𝑞𝑎𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑡𝑡𝑖𝑖𝑛 𝑘𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒 𝑚𝑎𝑞𝑎𝑎 𝑏𝑖𝑟𝑎𝑡𝑡𝑖𝑛 𝑤𝑎𝑛 𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑑ℎ𝑎𝑛𝑢 ℎ𝑖𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑢
=>𝐓𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐚 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚
=>𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚗 𝚓𝚊𝚊𝚕𝚕𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊𝚊 𝚠𝚊𝚗𝚝𝚊 𝚗𝚞𝚝𝚒𝚒 𝚐𝚘𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚗𝚢𝚞 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚞𝚖𝚊𝚊 𝚌𝚊𝚊𝚕𝚊 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚌𝚑𝚒𝚜𝚜𝚊𝚊𝚍𝚑𝚊
=>𝐨𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚𝐦𝐧𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐟 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐝𝐝𝐚𝐚𝐥𝐮 𝐪𝐚𝐦𝐧𝐚 𝐬𝐚𝐟𝐚𝐚𝐫𝐭𝐮𝐧 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢 𝐨𝐨𝐥𝐥𝐚𝐚𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮
=>𝑜𝑜𝑙𝑙𝑎𝑎 𝑗𝑎𝑎𝑙𝑙𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑢𝑛 𝑎𝑦𝑦𝑎𝑎𝑛𝑎 𝑎𝑟𝑔𝑖𝑠𝑖𝑠𝑢𝑢 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎
=>𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐢𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐚
=>𝘼𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙖 𝙟𝙚𝙘𝙝𝙪𝙪𝙣 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙖 𝙩𝙤𝙡𝙖𝙖 𝙟𝙚𝙘𝙝𝙪𝙪𝙙𝙝𝙖
=>𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 ℎ𝑎𝑓𝑢𝑢𝑟𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑎𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢𝑓 𝑎𝑦𝑦𝑎𝑎𝑛𝑖 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑎𝑦𝑦𝑜𝑜 𝑏𝑎𝑟𝑏𝑎𝑎𝑐ℎ𝑖𝑠𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎
=>𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐟𝐢𝐢𝐧𝐢 𝐠𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐨'𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞 𝐪𝐨𝐟𝐚 𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢
=>𝗐𝖺𝖺𝗇𝗍 𝗀𝖺𝗋𝖺𝗆𝗎𝗆𝖺𝖺 𝗆𝖺𝗅𝖾𝖾 𝖽𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺𝖺 𝗂𝗋𝗋𝖺𝖺 𝗄𝖺𝗇 𝗄𝖺'𝖾 𝗋𝖺𝗐𝗐𝖺𝖺𝗍𝖺𝗆𝗆𝗎𝗎 𝗃𝖺𝖺𝗅𝖺𝗅𝖺 𝗆𝗂𝗍𝗂
=>𝗠𝗮𝗮𝗰𝗮𝗳𝗻𝗶 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝘂𝘂𝗻 𝘆𝗲𝘀𝘂𝘀 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲𝗱𝗵𝗮 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗮 (𝗬𝗼𝗵𝗮𝗻𝗻𝗶𝘀 1:1) 𝗼𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶 𝗷𝗮𝗮𝗹𝗹𝗮𝗰𝗵𝘂
=>𝑜𝑙𝑙𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑗𝑎𝑎𝑙𝑙𝑎𝑐ℎ𝑢 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑢𝑢𝑛 𝑔𝑎𝑚𝑚𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑓𝑖 𝑔𝑎𝑑𝑑𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎 𝑞𝑜𝑜𝑑𝑎 𝑓𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎
=>𝗰𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗴𝗼𝗰𝗵𝗮𝗮 𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮 𝘄𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗰𝗮𝗯𝘀𝘂𝘂 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮
=>𝒌𝒊𝒓𝒊𝒔𝒕𝒐𝒐𝒔 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒖𝒖 𝒇𝒊 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒕𝒂'𝒆𝒔 𝒉𝒊𝒏 𝒊𝒃𝒔𝒂
=> 𝐊𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐢𝐢𝐛𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐦𝐚𝐬𝐢𝐡𝐢𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐝𝐡𝐚
=> 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝘁𝗮'𝘂𝗻 𝗸𝗶𝗿𝗶𝘀𝘁𝗼𝘀 𝗸𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝘀𝗲𝗳 𝗴𝗮𝘁𝗶𝗶 𝗰𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂 𝗸𝗮𝗳𝗮𝗹𝗹𝘂𝘂𝗳


😀Yaadota Ciminaa fi haalota gaarii ta'aniin guutamuuf haalduree barbaachisoo kanneen beektuu laata?...➡️ See More

🎲 See More
See More


📢 Yaadota si onnachiisan, yaadota soorata Sammuu keetiif si'aatina kennan,...▶️ See More


🚩🚩🚩🚩🚩
🔤🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤🔤
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu

🎵 🤝🤝🤝🤝

👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1




Forward from: Singer Megertu Official
❤️ Coming Soon - Singer Megertu Dhugasa On Sunday 24/02/2017

🎥 🤝🤝🤝🤝

👤💻🎥
https://youtube.com/shorts/QTVZEiH8JQs?feature=share


Forward from: Singer Megertu Official
⭐️⭐️⭐️⭐️
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡
Waldaan Tv Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa Sagantaa Eebba Album Faarfannaa - Faarfattuu Megertu Dhugasa qopheessitee waan jirtuuf saganticha irratti gaafa Guyyaa 23-24 jechuun Qidaamee waaree booda eegaluun Sanbata Guddaa guyyaa guutuu qopheessitee jirti. Sagantaa kana irratti Tajaajiltoonni fi faarfattoonni affeeramanii jiru.

🖥 Isinis Eebba kana Akka nu waliin hirmaattan kabajaan isin affeerree jirra.

📣 Tajaajiltoonni affeeraman:

Faarfataa Abraham Tarree
Faarfataa Amaanuel Gaaddisaa
Faarfataa Yohaannis Tolosaa
Faarfataa Amaanuel Magarsaa fi kanneen biroo affeeramaniiru.

📞 Teessoo: Amboo Addis Katamaa Daandii Gamshuu 100m seentanii Waldaa Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa keessatti.
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu


⚡️ Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti; kuftee ka'uu danda'uu qabda. Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuu dha malee. Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaarii dha jechuu miti; jibba caalaa jaalalli hunda caala jechuu dha malee.

Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee. Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjataa jirtu gaarii dha jechuu miti; Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii har’a hojjataa jirtu jaaladhu jechuu dha malee. Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti; kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuu dha malee. Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti; Haqa nama biraa hin nyaatin jechuu dha malee. Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

gaggeessummaa.com
https://gaggeessummaa.com
https://gaggeessummaa.com/hoggansa/


"Gatii utuu itti hin basin,..."

ROBERT Jechoota kana jedha:-
✅ Jireenyi bara baraa ➛ Tola
✅ Araarrii Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Jaalalli Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Mana Waaqayyoo
(church) seenuun ➛Tola

═════
❌ Sigaraa xuuxuun ➛ Gatii
❌ Ejjuun ➛ Gatii
❌ Alkoolii dhuguun ➛ Gatii
❌ Hoteеla itti galgala dhiichisan yookiin sirban (night club) ➛Gatii dha.

═════
✅ Kanaafuu utuu jireenyi bara baraa (TSIYOON) tola ta'ee jiruu namni maaliif gatii kaffalee iddoo badiisaa (SI'OOLIIN) dhaqa?

✅ Kanaaf irra deebi'ii itti yaadii kiristoosittii amanii jireenya kee olfadhuu jedha; namichi dhugaan galeef kun eebbifamaa dha.


Mat. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.
²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.
³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Getu_Official

👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝
https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1



20 last posts shown.