Forward from: 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐇𝐀𝐅𝐔𝐔𝐑𝐀
Rom. 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa.
¹² Egaa obboloota ko, wanti raawwachuun nuuf ta'u yoo jiraate iyyuu, akka fedha fooniitti jiraachuudhaaf isaaf abboomamuun nuuf hin ta'u.
¹³ Akka fedha fooniitti yoo jiraattan du'uun keessan beekamaa dha, hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii yoo ajjeeftan garuu in jiraattu.
¹⁴ Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.
¹⁵ Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in waammanna.
¹⁶ Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in ba'a.