Namoota Gosa Shan Tajaajila Keessatti nu mudatan 1. Namoota Baay’ee Qabeenya hafuuraa ykn ogummaa Qaban ( Very Resourceful
people (VRP):
Isaan fedhii hafuuraa kee ni qabsiisu. Isaan kun gorsitoota, leenjistoota, leelliftoota
amanamoo tajaajila keessatti si kakaasuu fi ogummaan akka guddattu si gargaarani dha.
Namoonni kun yeroo hunda gumaacha guddaa tajaajila keessaniif godhu. Namoota akkasi
waldaa keessa hinqabdan yoo ta’ee karaa midea haawasa (social media) quunamuun akka
gorssa (mentor) keessan ta’an gochuun barbaachiisadha.
2. Namoota Baay’ee Barbaachisoo Ta’an (Very Important People (VIP):
Tajaajila kee ni qooddatu. Isaan kun hiriyyoota tajaajilaa, michoota, duuka buutota si cinaa
tajaajila irratti bobbaniidha. Waliin ta’uun tajaajila bu’aa qabeessa ta’e irratti wal kakaastu.
Waliin geggeessa waldaa ta’uu, Luboota ykn hidhata wangeela isin waliin tajaajilan isiniif
baay’ee barbaachisoo (VIP) dha. Hojii tokko hojjechuuf walitti hidhamnee jirra.
3. Namoota Baay’ee Leenjii fudhtan ykn fudhachuuf ofkennan (Very Trainable
People (VTP):
Fedhii tajaajilaa ati qabddu qabatu. Namoonni kun guddachuu fi tajaajiluu barbaaduu.
Baratani gudachuuf hafuurri isaani kaka’aa dha. Gara fuula duraatti akkakee ta’ani yk
bakka kee bu’ani tajaajiluuf warra abdiin irratti gatamuu dha waan ta’eef isaan kana
lenjsuun baay’ee barbaachisaa dha. Ofitti isaan harkifnee jireenya keenya isaaniif qoodu
qabnna.
4. Namoota Baay’ee gaarii ta’an (Very Nice People (VNP):
Fedhii hafuuraa keetti gammaduu malee gudachuuf fedhi hinqaban. Namoonni kun
tajaajila kee irratti hirmaachuu hin barbaadan garuu irraa fayyadamuu qofa barbaadu.
Isaan waliin ta’uun yeroo ajaa’iba dabarsuun ni danda’ama. Yeroo baay’ee nyaadhu, dhugii
jedhani achumaan sidinqisiifatu waan ta’eef tajaajiltoonni namoota kana baay’ee
barbaaduu. Isaan kanaa wajjin ta’uun kan nama jajjabeessan ta’us jarreen kun tajaajiluu fi
guddachuu warra barbaadan miti. Gudachuu fi tajaajiluuf fedhi waan hinqabneef yeroo ati
isaan waliin dabarsitu kan fooni qofa ta’aa. Yoo rakkoon tokko ka’ee deebi’ani kan situfatan
ta’uu. Yoo rakkon simudatee ykn ati iddoo gad dhiifte hojichatu bada malee isaan kun
ofkenani iddo kee warra bu’an miti. Har’umaaf harka sirukutu jechuu dha. Sababi isaa gara
kooti jette waan yaaduuf tajaajilli kee kan isaan midhu ykn tuqu miti.
5. Namoota Baay’ee humnna nama xuuxan ykn rakkiso (Very Drainable or
dangerous people (VDP’s):
Fedhii hafuuraa kee fi mul’ata kee sirkatti balleessu. Namooti akkasi addunyaa keenya
hunda keessa guutani waan jiraniif of eeggannodhaan adda baafamuu qabu. Eenyu akka
ta’anii fi akkamitti jireenya keenya akka miidhan hin hubannu yoo ta’ee hafuura keenya qofa
utuu hintaane foon keenyayyu ni miidhu.
By Caalaa Tadesa
@Kakuu_Studio@Yerusaalem_Haaraa